“Faayidaa ajaa’ibaa sanyiin paapaayaa qabu beektaa? Iji gurraachi xixiqqoo paapaayaa keessaatti argamu fayyaa qaama namaatiif bu’aa guddaa qaba. Namoonni baay’een baqaqsanii keessaa gatuun foon isaa qofa fayyadamuu jaallatu. Sanyiin paappaayaa humna soorataa antioxidants, inzaayimootaafi soorata barbaachisoo ta’aniin kan guutamedha. Innis bullaa’insa nyaataa keenya jijjiiruuf, dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu keenyaa guddisuufi ifa gogaa keenyaa guddisuuf ni gargaara.
Faayidaa ija/firii gurraattiii xixiqqoo paappaayaa 15n,
- Bullaa’insa nyaataa supercharges 🍽️ . Papainifi inzaayimii bullaa’insa nyaataatiin kan badhaadhe yeroo ta’u, sanyiin paapaayaa pirootiinota caccabsuuf, garaa kaasaaf, gaaziif, fi bullaa’uu dhabuu soorataaf, nama fayyada
- Summii kaleefi tiruu miidhuu malaniif gargaara. Hojii qaamaa sirriifi fayya qabeessa ta’e kan deeggarudha.
- Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu namaa guddisa . Vitamin C fi antioxidants baay’ee kan qaban yoo ta’u, sanyii paapaayaa sirna ittisa qaamaa cimsa. Kunis infekshinii ofirraa ittisuuf isin gargaara.
- Inflammation loluuf gargaara. Kompaawundootni farra inflammatory kan akka flavonoids dhiita’u hir’isuufi dhukkubbii arthritisiitiin walqabate ykn dhukkubbii maashaa salphisuu danda’a.
- Ulfaatina qaamaa hir’isuuf gargaara . Sanyiiwwan paapaayaa meetaabolii guddisuufi qabiyyee faayibara isaaniitiin fedhii nyaataa xiqqeessa. Ulfaatina to’achuuf, kaaloorii xiqqaa taasisa.
- Glow gogaa namaa guddisa . Antioxidants free radicals kan dullooman kan lolu yoo ta’u, gogaa dargaggummaaf ta’u kan qabudha.
- Fayyaa onnee deeggara ❤️ . Flavonoids fi cooma fayyaa qabu. Kolestroolii hamaa gadi buusuun, marsaa dhiigaa fooyyessuun, carraa dhukkuba onnee hir’isuuf nama gargaara.
- Paarasitoota loluuf gargaara. Carpaine sanyii paapaayaa keessatti farra paraasitii isa uumamaa yoo ta’u, raammoo garaachaa fi paraasitii karaa bullaa’insa nyaataa dhabamsiisuuf gargaara.
- Fayyaa tiruu eega. Inflammation hir’isuun fi summii flushing gochuun, sanyiin paappayyaa tiruu deeggaruun miidhaan akka irra hingeenye ittisuuf gargaara.
- Fayyaa kaleef gargaara. Antioxidants fi kompaawundootni farra inflammatory kalee irraa eeguun, fayyaa akka ta’uufi dandamachuutti jajjabeessa.
- Carraa dhalaa guddisa. Sanyiin paappayaa, dhiirota irratti lakkoofsa isparmii isaanii dabaluu danda’a. Dubartoota irratti, hormoonota isaanii to’achuuf gargaara. Fayyaa walhormaataa uumamaa deeggara.
- Carraa kaansariin qabamuu hir’isa. Qorannoon jalqabaa akka agarsiisutti, kompaawundootni sanyii paapaayaa, akkuma beenziil isothiocyanate, guddina seelii kaansarii, keessumaa kaansarii harmaafi garaachaa dhorkuu danda’a jedha.
- Sukkaara dhiigaa namaaf madaala. Sanyiiwwan paappayyaa hamma gilukoosii qaama namaa to’achuuf gargaara. warra dhukkuba sukkaaraa qabaniif, anniisaan akka hin guddanneef deeggarsa uumamaa kenna.
- Rakkoo bullaa’insa nyaataatiin dhufu ni tasgabbeessa. IBSf, asiidiif, fayyaa garaachaaf, miira namaaf salphisuufi maaykiroobaayoomii madaalawaa namaa deeggaruuf gargaara.
- Dhukkubbii laguu salphisa . Amaloonni isaanii farra inflammatory fi antispasmodic yeroo laguun jiru dhiita’u hir’isuufi yeroo yeroonis gargaarsa uumamaa dhiyeessaaf”
Haalli itti fayyadama isaa, ija/firee paappayyaa gogsanii tumuun bishaan burcuqqoo tokkoon ganama ganama dhuguu akkasumas foonuma paappayyaa sanaa wajjin nyaachuunillee nifayyada jedha.
Odeeffannoo waayitaawaafi kanneen not fayyadu, jireenyaaf nigargaaru, barumsa ta’u jettan yoo feetan, Obbo Wajiijaa follow gochuu hindagatiinaa!
Contact Us
Address: [Sheger City, Furi Sub-city]
Email: [Kedir Abdulatif]
Phone: [+251 92 875 3295]
Website: www.kadiir.com
Social Media: Facebook | TikTok | X | LinkedIn | YouTube |





