Doobbii, Biqiltuu Dhukkuba Baayyee Fayyisuuf Dandeettii Ajaa’ibaa Qabu!
Biqiltuu dinqii kana Nuti Faayidaa Ishii Wollaaluu Irraa Akka Aramaatti Buqqissnee Darbaataa Jirra. Bu’aa Ishii wollaaluu irraa tuffannee bira dabarra. Biyya Faranjii keessatti kiiloon tokko(1kg) doolaara 800 hanga 100tti gurgurama. Qorannoo saayinsiinis mirkanaa’ee jira.
Nuti Adha Faayidaa biqiltuu kanaa Fi Akkaataa Fayyadamaa Wajjiin Isiniif Barreessinee Jirra.
Maqaan Biqila Kanaa Doobbii/nettle/القراص/ሳማ Jedhama. Hidda, Jirmaa Fi Baalli Isaa Qoricha. Dhukkuboota Gurguddaa kanneen akka Dhibee Narvii, Dhibee Garaachaa, Dhibee Kalee, Dadhabina Qunnamtii saalaa, Dadhabbii Onnee fi kkf dandeettii yaaluu ajaa’ibsiisaa of keessaa qaba.
Biqiloota naannoo keennatti argaman kanneen faayidaa qorichoomaafi nyaataafillee oolan, garuu nuti gatii womaatuu hin kennineef hedduti jira. Biqilli doobbii bara duriitii kaasee yaala aadaa keessatti ummata tajaajilaa kan ture yoo ta’u, yeeroo ammaa kanattis qabiyyeen isaa qorichummaa guddaa akka qabu qorannoo saayinsaawaatiin mirkanayee jira. Bifa adda addaatiin qophaayes tarree qorichoota gurguddoo keesssattis argama.
Akka namoonni qorannoo saayinsaawaa biqila kana irratti geggeessan ibsanitti qabiyyee Vitamin A, C, K fi vitamiin B complex, Albuuda calcium, iron, magnesium, phosphorus, potassium fi sodium, Amino acid barbaachisoo hunduma, fatty acid waan ofkeessaa qabduuf akka farra oksedentiitti(antioxidant) ni tajaajilti.
✓ Gama biraatiin Doobbii dhukkuba sukkaaraa foyyessuu fi dhiibbaan dhiigaa akka ol hin kaane ittisuuf ni fayyada. ▪Akkaataa Fayyadamaa:
Baala Doobbii hanga kiiloo kudhanii( 10kg) funaanuun bakka gaaddisa qabutti goggogsuu, sana booda mooyyee mukaa qulqulluu keessatti tumanii meeshaa qulqulluu keessatti kaayuu. Doobbii goggoge kana irraa maankaa tokko ganama, maankaa tokko galgala akka shaayiitti danfisuun, turtii ji’a lamaaf yoo dhugdan, dhukkuba sukkaaraa irraa bilisa ta’uu fi dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf gargaara.
✓ Kana malees, Doobbii ganamaa fi galgala guyyaa shan walitti aansuun shaayii waliin yoo dhugame nama dadhabbiin itti dhagahamu humna ni kenna.
✓ Namoonni yeroo hunda ulfaatina qaamaa dabalaa jiran ganama yeroo hunda sama akka shaayiitti yoo fayyadaman ulfaatina qaamaa ni hir’isa.
✓ Daakuun baala Doobbii damma waliin ganama garaa duwwatti yoo fudhattan raammoo garaachaa ofirraa dhaabuu dandeessu. Namoonni fedhii nyaataa hin qabnes haaluma kanaan fayyadamuu qabu.
✓ Sababoota adda addaatiin kaleen keessan hojii ishee seeraan raawwachuu yoo dadhabe, ganama ganama garaa duwwaa irratti daakuu baala doobbii, damma, loomii walitti makuun guyyaa 7 yoo fudhattan kaleen keessan ni fayya.
✓ Namoota dhukkuba onnee fi sukkaara dhiigaa olka’een rakkataniif, daakuu doobbii akka shaayiitti danfisuun, qurunfudii fi damma adii itti makuun dhuguun onnee fayyisa.
✓ Fayyaa tiruu keenyaaf keessumattuu summaayuu tiruu too’achuuf, daakuu baala Doobbii akka shaayitti danfisanii dhuguun summii tiruu qulqulleessuun ni danda’am.
✓ Narvii namni qabu hidda doobbii, daakuu baala doobbii fi Jirma goggogsuun, hanga wal-qixa ta’een wolitti maktanii daakuudhaan qopheeffattanii, dammatti makuun ganamaaf galga maankaa tokko tokko nyaachuu fi daakuu sana zayita zeeytuunaa wajjiin wolitti laaffisatnii dibachuun narvii, qorraa fi riihii ni fayyisa.
✓ Dhiibbaa dhiigaa too’achuuf, hamma sukkaara qaama keenna keessaa gadi buusuuf,
✓ Cidhaan(qaama saalaa dhiiraa gara gadii) iitayu sirreessuufi Xannachoota qaama keennaa too’atu sirreessuuf
✓ Kana malees, qorannoon qoricha aadaa doobbii dhukkuboota (100) oliif qoricha akka ta’ee fi yeroo hunda itti fayyadaman akka nu fayyadu argisiisa.
✓ Farra oksedentiitti(antioxidant) ni tajaajilti. Miira dhukkubbii ykn Xooxoo qaamaa ni dandamachiisti.
Hub: Doobbii dheedhii nyaachuunis ta’ee qaqqabuun rakkoo waan fiduuf ofeeggannoo barbaachisa. Dursee goggogfamuu ykn sukkuumamuu fadha.
Akkamitti fayyadama kan Walii Galaa
1. Baala irraa dhugaatii bifa shaayiitiin qopherfachuu. Kunis jalqaba baalli erga goggogfamee boodadha.
2. Baala, jirmaafi hidda irraa hamma wa-qixa fuudhani goggogsuu. Erga gogee booda daakuu/tumanii bulleessuu. Bullaayaa isaa maankaa shoorbaa tokko tokko hunduma irra fuudhanii damma 1kg tti makuu. Maankaa tokko tokko nyaachuu. Keessumattuu dhukkuba narvii worrooni qabdan bifa kanaan fayyadamaa.
3. Baala isaa bifa ittoo(shiroo)tti qopheessanii nyaata wajjiin fayyadamuu.
4. Hidda isaa irraa zayita dibata qopheeffachu. Keessumattuu namoonni dhukkubbii lafeefi caphsata lafee irratti qabdan fi dhukkuba Riihii qabdan. Zayita isii fayyadamaa.
Hubachiisa: Doobbiin gosa lama qabdi. 1. Doobbii gurguddoo dhedheeroo baallii isaa babadhaati. Dhiirinni ishee dhaabbii namaatii oli. Haada ykn funyoo hojjachuuf nama gargaara. Inni kun Arbooyyee jedhama. Isa hin fayyadaminaa. Doobbiin amma dubbanne ishii kanaa miti.
2. Doobbii gaggabaaboo baalli isheetis babaldhaa miti. Dheerinni ishii mudhii namaati gadi. Bakka tokko tokkotti akka ittootti nyaataaf oolti. Tan amma qorichummaa ishii irraa dubbannes ishii kana.
Yaala Aadaa Kuush





