Daa’imman harma dhaabsisuu (harma guusuu) irratti gorsa gabaabaa
Mala ittiin daa’imman harma guusan sirriitti kana, sana jedhamee yooma hin qoratamne ta’eyyuu, haalawwan akka umrii daa’imaa, haala haati sun keessa jirtuu fi fedhii lameenii irratti hundaa’a. Egaa akkuma beekamu daa’imni tokko harma gu’uu /dhiisuu ga’eera kan jedhamu; umriin isaa waggaa 2 fi isaa ol yoo ta’eedha. Yeroo baay’ee daa’imman tokko tokko haadholiin harma guusuu yommuu barbaadan baay’ee rakkatu. Kanaafuu maloota armaan gadii itti tarreeffaman akka fayyadaman gorsa kennina.
1. Qophaa’ummaa Daa’ima Keenyaa Hubachuu:
Daa’imni tokko harma gu’uuf qophaa’aa ta’uu isaa mallattooleen irratti arginu:
- Fedhiin inni harma hodhuuf qabu gadi bu’aa adeemuu,
- Harma hodhuu caalaa nyaata jajjaboo (solid food) nyaachuu filachuu fi nyaata ga’aa nyaachuu danda’uu,
- Yommuu ofitti qabdan harma hodhuu hin filatan,
- Umriin ga’aa ta’uu (akka dhaabbata fayyaa addunyaatti umriin waggaa 2 ol gu’uu danda’u,
2. Suuta Dhiisisuu (Gradual Weaning):
Walumaa galatti suuta dhiisisaa deemuutuu gorfama, sababiin isaa daa’ima ta’e haatis suuta haalichatti of barsiisaa dhufu waan ta’eef. Lamaanuu isaaniif dhiphuu haalicha irra dhufu hir’isa.
- Guyyaa keessatti yeroo harma hoosisuu tokko hir’isuudhaan jalqabna. Bakka sana immoo soorata biraa kenninaaf,
- Isa tokko hir’rsne kana guyyootaaf ykn torbanootaaf tursiifna, osoo isa lammaffaa itti hin darbin. Kun qaamni daa’imaa hanga aannan harmaa hir’ate kanatti akka of sirreessu godha. Akkasumas harmi haadhaa guutee/dhiita’ee akka hin rakkisne gargaara.
- Harma hoosisuu suuta guyyaatti tokko tokko hir’isuu keenya itti fufna hanga isa dhumaa guutummatti dhiisisuu dandeenyutti.
- Haala isaa irratti hundoofnee baay’ee suuta jechuu ykn ariifachiisuus ni dandeenya. Daa’imni baay’ee dhiphata yoo ta’e, dhibee qaba yoo ta’ee fi k.k.f baay’eee suuta jechuu wayya.
3. Maloota Addaa
- Hanga isaan gaafatan itti hin kenninaafi yoo gaafatan immoo dhorkachuu dhiisuu,
- Yommuu isaan harma hodhuuf gaafatan waan biraan dagachiisanii tursiisuun yeroo itti harma hoosifnu achi bituu,
- Dheerina yeroo itti harma hoosifnu gabaabsaa deemuu,
- Haalota harma hodhuu daa’ima yaadachiisan irraa fageessuu,
- Haadhan ala miseensi maatii biraa daa’ima kunuunsuu fi nyaatallee kennuufii qabu,
4. Waan Miirri Isaanii Barbaadu Beekuufi Eeguufii (addressing emotional need)
Harma hoosisuun soorata qofaaf miti, daa’imaaf madda gammachuufi boqonnaati. Kanaafuu daa’ima yommuu harma dhiisifnu sammuun isaanii akka hin tuqamne gochuu qabna. Kana gochuuf:
- Dandamachiisa isaan barbaachisa, isa duraan caala xiyyeeffannoo kennuufii barbaachisa; waan isaan ittiin taphatan haaraa, uffata haaraa, nyaata gaariifi k.k.f gochuufiin bayeessadha. Akkasumas gochaawwan tokko tokko isaan waliin raawwachuu; kan akka kitaaba waliin ilaaluu, waliin weeddisuu, tapha (game) adda addaa waliin taphachuudha.
- Garaa bal’achuu fi obsa qabaachuu, yeroo harma guusuu ulfaata ta’uu mala waan ta’eef.
5. Haala Itti Haati Harmashee Kunuunsitu:
- Yommuu harma dhiisifnu harmii haadha dhiita’ee dhukkubbiin itti dhaga’amuu danda’a. Wanti akkasii yoo haadha qunname:
- Xiqoo irraa elmuu/luuguu, baay’achuu hin qabu. Yoo baay’ee elmame kan caalu aannan harma haadhaa akka maddu/akka mirgisu godha,
- Qabduu harmaa godhachuu,
- Qorichoota dhukkubbii obsisiiisan kan akka paracetamol, Ibuprofen, Diclofenac faa fudhachuu,
- Waan Dubbiftaniif Galatoomaa
Qopheessaan: Dr Jiregna Gemechuu





