Kooriyaa Kaabaa qofatti seerota dinqisiisoo jaha argamaniifi amanuuf ulfaatan

Kooriyaa Kaabaa qofatti seerota dinqisiisoo jaha argamanii fi amanuuf ulfaatan


Pirezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Un dhimma gabbisa Niwukilaraa fi seerota ajaa’ibsisoo baasuun beekamu.

Seeroota dinqisiisoo jaha Kooriyaa Kaabaa qofa keessatti hojiirra oolaa jiran keessaa,

  1. Of ajjeesuu yookaan yaaluun hanga dhaloota 3tti adabsiisa.

Miseensa maatii keessa namni tokko yoo of ajjeese ykn yaalii of ajjeesuu raawwate adabbiin isaa miseensota maatii guutuu eeggata. Yakka of ajjeesuu qofaa utuu hin taane yakkuma kamuu raawwachuun maatii hanga dhaloota 3ffaatti (Akaakayyuu, Abbaa, Ilma) adabsiisuu danda’a.

  1. Muguu fi kolfuun nama adabsiisa

Waltajjii Pirezidaantii biyyattii Kiim Jong Un haasawa taasisuu irratti muguun adabbii du’aa fiduu danda’a. Namootni hedduun haala kanaan ajjeefamaniiru.

  1. Fiilmii fi muuziqaan biyya alaa dhorkaadha

Muuziqaa biyya alaa dhaggeeffachuunis ta’ee fiilmii biyya biraa ilaaluun akka yakkaa guddaatti ilaalama.

Biyya sanatti lammileen wa’ee fiilmiiwwan Hooliiwuud fi Booliiwuud waanti beekan hin jiru.

Namni fiilmii US Ameerikaa utuu ilaaluu qabame, ajjeefamuu danda’a, fiilmii Indiyaa ilaaluun ammoo mana hidhaa nama buusa.
Akeekni seera kanaa dhiibbaa biyyoota alaa hambisuu akka ta’e himti biyyattiin.

  1. Bashannanaaf biyya biraa deemuun dhorkaadha

Bashannanni haa hafuuti bilbila biyya biratti yookaan biyya alaatti bilbiluun yakka. Bara 2007tti namni bilbila idil-addunyaa (International call) hedduu bilbile tokko ajjeefamera.
Dhimmi addaa alatti nama bilbilchiisu yoo jiraate dhimmichi ilaalamee hayyama mootummatiin ta’uu ni danda’a

  1. Seerota biroo adda addaa

Kooriyaa Kaabaa keessatti waanti hedduun kan daangeffamee fi dirqaman raawwachisu waan ta’eef gaaffiin mirgaa fi demokiraasii biyyattii rakkoo guddaa keessa akka jiru kanneen mirgaaf falman kan ibsan.

Fakkeenyaaf, namni tokko hangamuu yoo duroome konkolaataa heddu bituu fi meeshalee faayaa hedduu bitee godhachuu hin danda’u.

Qabeenyi irraa hafaan yoo jiraate deeggarsa waraanaaf akka oolfamu taasifama. Konkolaataa bituun kan eeyyamamu namoota muraasaaf qofa. Qondaaltoonni mootummaas kanneen dhiira ta’an qofatu konkolaachisuu danda’a.

Filannoon hojii fi ogummaa nama dhuunfaan kan murtaahu utuu hin taane fedhii biyyattii irratti hundaahuun mootummaatu murteessa. Kanneen ajaja kana hin fudhanne ammoo gara leenjii waraanaatti ergamu.
Tajaajilli waraanaa dirqma nama kamiifuu (dhiirootaaf waggaa 10 fi dubartootaaf waggaa torba.)

Dilbanni guyyaa hojii waloo duulli qulqullinaa itti raawwatamu yoo ta’u, guyyaa kana qulqullinni hundi harkaan kan raawwatamuudha. Meeshaalee fayyadamuun hin hayyamamu.

Haala biyyoota kaan irra adda ta’een ammoo, daldallii fi fayyadamni qoricha sammuu adoochuu akka seeraatti adabbii tokkollee hin qabu.

Maddi Odeeffannoo kanaa BBCdha

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top