Faayidaalee Irdii

Faayidaalee Irdii
    
Hirdiin Maqaan isaa Ingiliffaan (Turmeric) jedhama
Afaan Saayinsiin (Curcuma longa) jedhama Hirdiin Waggaa 4000 dura irraa jalqabee hanga ammaatti Addunyaa Guutuu keessatti Ummanni itti Fayyadamaa

Biyyoota guddatan kan Akka Awurooppaa Chaayinaa Paakistaan Indoneeshiyaa Ameerikaa kibbaa fi taayilaandii fi biyyoota Arabaa keessaatti Hirdiin Dawaa Cimaadha jarri Akka Qorichaatti Fayyadamuu Erga Jalqabanii Waggaa 2000 ol lakkoofsisaniiru

Biqiltoota Ciccimoo 10 Dhukkubaaf dawaa Ta’anu keessaa Hirdiin Sadarkaa Tokkoffaa irratti Argama.

Yeroo kana Hirdiin Saayinsiin Qoratamee Qorichoota Ammayyaa Hedduutu irraa Oomishamaa jiraa. Fakkeenyaaf
Qoricha Kaansarii
Qoricha Sukkaaraa
Qorichoota dhukkuba Tiruu
Qoricha Busaa. Wobaa.
Qoricha Hanqina Dhiigaa.fi kkf keessa Seenee Oomishamee Dawaa Ta’ee Addunyaa keessatti Gurguramaa jira.

Faayidaa Hirdiin qabu.

1. Dawaa Kaansariiti
Dhukkuba Kaansarii Gosa hunda Namarraa ittisa Namoota Kaansarii sadarkaa Jalqabaa Qabanu hundee Kaansarii Qaama keessatti Ajjeese Akka Kaansariin sun Qaama keessa hin Baballanne Bakka jirutti dhhabatu Taasisaa Namni Kaansarii qabu kamuu yoo Sirnaan itti Fayyadame Carraa dhukkuba sanarraa Fayyuu isaa Baayyee Dabalaa.Kaansarii Marrimaan furdaa ittisuu fi yaaluu keessatti humna cimaa qaba

2. Dawaa dhukkuba Tiruu isa cimaadha.Fayyaa Tiruu Cimsa Vaayiresii Garaa garaa Tiruu keessaa Qulqulleessa Dhukkuba Tiruutiif Bu’aa Ajaa’ibaa Qaba.  Nyaata Bareeda Namoota dhukkuba tiruu Qabanuuti.

3. Asmii yaaluu keessatti humna Cimaa Qaba.
Fayyaa Sombaa Cimsa dhukkuboota Akka Asmii fi Daranyoo sombaa yookaan Saambaa michii Namarraa ittisa Nama dhukkuba kanaan Qabameefis baayyee gaariidha
Bara 2021 Qorannoo Saayinsii
Namoota 240 Asmii funyaanii fi Saayinasii Qabanu irratti godhameen Hirdii ji’a Lama Fayyadamani dhibee kanarraa Fooyya’insaa Ajaa’ibaa Argataniiru
dhukkuba Asmiitiif Dawaa Gaariidha

4. Carraa dhukkuba Dhiibbaa Dhiigaa fi dhibee Sukkaaraan Qabamuu Gadi buusa Akkasumas Dhiibbaa dhiigaa Humnaa Ol Ta’e Dafee Gadi deebisaa. Sukkaarri Akka Qaama keessatti Humnaa Ol hin taane Taasisa.

5. Fayyaa Onnee Cimsa dhukkuboota onnee namarraa ittisa Rukuttaa Onnee Akka daangaa hin Dabarre Taasisa.

6. Vaayiresii fi baakteeriyaa fayyaa Namaa miidhanu Qaama keessaa Qulqulleessa Baakteeriyaa Dhukkuba dhiiraa yookaan Cobxoo Qaama keessaa Qulqulleessa fincaan Akka Nama hin Gubne Taasisa.

7. Dawaa dhukkuba Lafee ti
Fayyaa lafee jabeessa Dhukkuboota Lafee Miillaa fi Harkaa Namarraa ittisa Dhukkubbii dogdaa fi kkf Namarraa dhaaba
Maanguddootaa fi Namoota rakkoo kana qabanuuf Dawaa Gaariidha Zayitii Saliixaa wajjin walitti makame Bakka dhukkubbiin jirutti Dibatama

8. Dhukkuba Wabaa Yokaan Busaa Namarraa ittisa Akkasumas Qaama keessaa Ni Qulqulleessa.
Qorichi Dhukkuba busaatiif mana yaalaati kennamu Tiruu keessan baayyee miidha kanaaf Hirdii fi kkf fayyadamuun Baayyee filatamaadha.

9. Dhukkuboota gogaa Gosa Hundaaf Dawaadha gogaa ibiddi gubee jijjiire Bakkatti deebisu fi Fayyisuu keessatti humna Cimaa Qaba.
Miidhagina Fuullaa fi Gogaa Qaamaa ni dabalaa
Dhukkuboota gogaa kan Akka Lamxii barasa.Finniisa. Baarillee. Soonnoo. fi kkf Ni balleessa Akka Gaariitti Qoratameeraa Dammaafi Loomii wajjin walitti makame Dibatamee Daqiiqaa 30 Booda Bishaan Qulqulluun dhiqatama

10. Madaa Fayyuu dide Dafee Fayyisaa Baakteeriyaa Madaa keessaa Qulqulleessee Madaan Akka goguu fi Saffisaan Fayyu Taasisa

11. Madaa Garaachaa yokan
(Stomach Ulcers) Yaaluuf baayyee Gaariidha Akkasumas Raammoo fi Baakteeriyaa  Marrimaan Miidhanu
Ajjeese ni hirrisa.

12. Dhukkuboota Qorraa kan akka Utaalloo Taayifoodii fi Asmiif Dawaadha Qullubbii Wajjin walitti Tumamee Akka Shaayiitti Danfee guyyaa tti yeroo Lama dhugumaa.

13. Nama Summii Bofaafii jawwee kkf hiddameef Dawaadha Tumamee Shiinii Shaayii 1 Obaafama bakka Summiin Hiddametti Dibama.

14. Mataa dhukkubbii Sababa Asmii Funyaanitiin Namatti Ka’uu yokan Foolii Ajaa’urraa Namatti Ka’uuf Dawaadha Akka Shaayiitti Danfee dhuguma waliigala Dhukkubbii mataa yeroo Kamiifu gaariidha.

15. Namoota Rakkoo mukaa’uu yokan dabbaramu Hojii jibbuu taatiyaa’uu Qabanuuf dawaadha Dammaqina Sammuu fi Qaama jaraatiif Kenna.

16. Dhukkuboota sammuu Namarraa ittisa Fayyaa Mataa Namaa Cimsa

17. Iiyitaa fi Madaa Afaanii fi Laagaa Yokan liqimsitu qoonqoo keessaa Fayyisa baakteeriyaa fi Wantoota fayyaa ilkaanii miidhanu Balleessa

Hirdiin biyya keenyaa Maaliif Dawaa Ta’uu Dide?? Hirdiin biyya keenya keessatti Daakamee Gurguramaa jiru Hirdii Qulqulluu miti
Boqqolloo fi Qimamii nyaataa fi wantoota biraa Hedduu Wajjin walitti makame Daakama waan ta’eef Bifatu hirdii Fakkaata malee Hirdii Qulqulluu isa Dawaa ta’u miti .
yoo Qorichimmaaf itti Fayyadamuu feetan Ofii Keessaniif Hirdii Qulqulluu daakkadha itti Fayyadamaa.
______
Barnoonni Waa’ee Hirdii hin dhumne itti Fufa Amma ni dheerata waan ta’eef kutaa kutaan Post godha
Kutaa itti Aanu keessatti mataduree

• Faayidaa Hirdii Damma Wajjin nyaachuun Qabu.
• Faayidaa Hirdii Aannan Wajjin Dhuguun Qabu.
• Faayidaa Hirdii Qarafaa Wajjin Dhuguun Qabu
• Faayidaa Hirdii Bishaan Qulqulluu Wajjin Dhuguun Qabu.
• Walii gala Hirdii yoo Maalii Wajjin Fayyadamne Dawaa ta’u danda’a
Akkamitti fayyadamna waan jedhu kutaa itti aanu keessatti Odeeffannoo Saayinsii Waa’ee Hirdii Wajjin Post godha Share Waliif godha

Fayyaan Faaya❤

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top