Imaltuun lammii Biriteen teessoo 11A irra jiru balaa xiyyaara Hindii irraa hafe
👉 Hoggantoonni biyyoota adda addaa gadda itti dhagahame ibsaa jiru
Imaltuun lammii Biriteen teessoo 11A irra taa’e tokko naannoo magaalaa Hindii Ahmedabad jedhamutti xiyyaarri imaltoota 242 fe’ee ture kufee lubbuun hafeera.
Komishinarri Poolisii Ahmedabad G.S.Malik miidiyaaleef akka himanitti imaltuun Biriteen xiyyaara imaltootaa Air India Boeing 787-8 kan gara Landanitti osoo deemuu kufe irratti teessoo 11A irra taa’ee ture lubbuun argameera.
Akka ibsa balalii aanga’oonni qooddatanitti imaltuun teessoo sanarra jiru lammii Biriteen Vishwas Kumar Ramesh jedhamudha.
Kana hordofuun miidiyaaleen Hindii paaspoortii isaa maqaa fi lakkoofsa teessoo isaa agarsiisu qoodaniiru.
Miidiyaaleen akka gabaasanitti namni kun hospitaala keessatti dubbachaa akka ture; “Erga ka’ee sekondii soddoma booda sagalee guddaan dhaga’amee xiyyaarichi kufe. Wanti hundi baay’ee dafee ta’e.”
Namoota 242 xiyyaara sana keessa turan keessaa 217 ga’eessotaa fi 11 daa’imman; 230 imaltoota yoo ta’an, 12 ammoo hojjettoota xiyyaarichaa akka ta’an gabaasni ni mul’isa.
Kanneen keessaa 169 lammiilee Hindii, 53 lammii Biriteen, 7 lammii Poorchugaal, 1 ammoo lammii Kaanaadaa ta’uu daandiin xiyyaaraa kun beeksiseera.
Hanga ammaatti reeffi namoota 204 ba’uu poolisiin biyyattii beeksiseera; Balaan kun hammaataa waan ta’eef imaltoonni kunneen haala yaaddessaa keessa akka jiran himama.
Balaa mudate hordofuun hoggantoonni biyyoota adda addaa gadda itti dhagahame ibsaniiru; Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin ergaa fuula tiwiitara isaanii irratti dabarseen; “Balaa Ahmedabad keessatti mudate jecha malee nu rifachiisee fi gaddisiiseera.”
“Yeroo gaddisiisaa kanatti namoota miidhaman hunda waliin yaadni koo jira. Ministeerotaa fi qondaaltota namoota miidhaman gargaaruuf hojjetan dubbiseera.”
Ministirri Muummee Biriteen Keeyir Istaarmar ergaa fuula tiwiitara isaanii irratti dabarsaniin; “Iddoo xiyyaarri lammiilee Biriteen hedduu fe’ee gara Landanitti geessu, Ahmedabad, Hindii keessatti mudate garmalee nama gaddisiisa.”
Mootiin Biriteen Chaarlis akka jedhanitti: “Aniifi haati warraakoo haleellaa suukaneessaa ganama har’aa Ahmedabad keessatti raawwatameen baayyee rifanneerra. Maatii fi hiriyyoota namoota taatee suukaneessaa kanaan miidhamaniif kadhannaa fi jajjabina guddaa qabna.”
Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon, Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaaneesii, Ministirri Muummee Ayerlaand Maayikeel Maartiin, Pireezidaantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa Voon der Leyen, akkasumas hoggantoonni Vaatikaanii fi Baanglaadeesh gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.




