Dhaabbatni dhimma niikuleeraa hordofu waggaa 20 keessatti yeroo jalqabaaf Iraan gabbisa niikuleeraa irratti qajeelfama kaahame cabsuushee ifa godheera.
Boordii Ejensii Anniisaa Atoomawaa Idila Addunyaa (IAEA) 35 keessaa biyyootni 20 wixinee tarkaanfiin akka fudhatamu UK, US, Faransaayiifi Jarmaniin dhiyeessaniif sagalee kennaniiru.
Wixinee qophaaye keessatti Iraan sadarkaa gabbisni Yuraaniyeemiishee irra gahe ilaalchisee deebii gahaa kennuurratti irra deddeebiin ”kufteetti” jedha. Kunis dhimmicha irratti walta’iinsa jiraachuu malu cabsa jedha.
Kuufama yuraaniyemii gabbifamanii kaa’amanirraa yaaddo guddaan jiraachuus hima. Kuufamni kun akkuma anniisaaf oolu, meeshaa waraanaa niikuleeraafis ooluu danda’a.
Iraan gabbisa yuraaniyeemiishee ilaalchisee murtee ejensichi irratti dabarse balaaleffattee murtichi dantaa siyaasaa akka qabuufi wiirtuulee gabbisa yuraaniyeemii haaraa akka bantu ibsiteetti.
Israa’el fi Iraan humna waraanaan wal-gituu? Wal-waraansa amma deemaa jiruun, kamtu irra aana jettu? Tokko filadhaa!




