Saawud Arabiyaan gaalaaf paaspoortii kennuufi
Saawud Arabiyaan gaala miliyoonaan lakkaa’amaniif paaspoortii kennuuf karoorfattee jirti.
Pirojektii gaalaaf paaspoortii baasuu kanas kaleessa ifa gooterti.
Tarkaanfiin kun horii qaalii biyyattii kana bulchuuf kan yaadamedha.
Akkasumas damee kana hordofuu fi amanamummaa bulchiinsi mootii Saa’ud Arabiyaa gabaa biyya keeessaa fi addunyaarratti qabu cimsuuf akka ta’e Anaadoluun gabaase.
Ministeerri Naannoo, Bishaanii fi Qonnaa pirojektiin kun Kibxata galgala deetaa ministeeraa Mansuur Biin Hilaal AL-Mushaayitiin ifoomuu ibse.
Aanga’oonni akka jedhanitti, jalqabbii kanaan kuusaawwan odeeffannoo amanamaa gaalaa fi abbootii qabeenyaa isaanii adda baasuufi
Damee gaalaa, sanadoota eenyummeessaa gaalaan wal qabatan qindeessuufis jedhu.
Amanamummaa gabaa gaalaa biyya keessaa fi alatti ol kaasuufis yaadamee ta’uu gabaafameera.
Pirojektii kanaan ragaan gaalaa, abbummaan, sanyii fi dhimmootni fayyaa gaalaa waliin wal qabatan ni galmaawu. Paaspoortiin gaalaas ifatti kan beekamu ta’a.
Ragaa hanga Waxabajjii 2025tti jiruun baay’inni gaalawwan biyya Saa’udii Arabiyaa Mil. 2,2 ta’a.





