Waa Sagal Ni Tikfatan
1. DACHII:- Dachiin haadhaa; haati tee baatii sagal garaatti si baadhattee akkasumaas qaama isii raashina godhattee, dugda isii gaangee godhattee kanaafuu waan akkaan ofirraa eegani.
2. SAMII:- Samiin abbaadhaa; eega rabbiin isarraa laaffisee haadha teetirraa argamtee, ilmi abbaa wajji heera hin qabu. Lafa dhaabbatanii samii hin baraasanii abbaan ilmarraa hanga samiin lafarraa ol fagootti ol fagoodha.
3. KAFANA:- Kafanni haadha manaati. Haati manaa waa hundarra sitti aanti; akkasumaas sanyii magarsiti. Yoo isiin gowwittii taate gorfadhu, yoo boosettii taatees barsiifadhu malee ofirraa hin darbin. Yoo haadha manaa tikfachuu dhabde kafana dhabdaa tikfadhu.
4. JEEDALLOO:- Jeedalloon maraataadha. Maraataa rabbiitu qalbii irraa fuudhee si dhahullee hin tuqin.
5. WARAABEESSA:- Waraabeessi gosa. Bakka gosti walitti qabamte du’aa’ii irraa fudhadhu malee itti hin abaaramin.
6. HAADDUU:- Haadduun ilmaan abbeerran keetiitii rabbiitu ganamaan walitti fira isin godhee ofirraa eegi.
7. HAADA:- Haadni rahiima/fira. Rahiima kee yoo murte rabbiin si muraa ofirraa eegi.
8. LEENCA:- Leenci mootii biyya bulchuu, mootii biyyaa ofirraa eegi.
9. HIDDII:- Hiddiin qe’ee keetii rabbiin ollaan nama kaasaa qe’ee akkaan haqa isaanii ofirraa eegi.
Waanuma dubbisnerraa isinii qoonne, yoo sii taate dubbisii namaa qoodi.





