AMEERIKAA fi ADUNYAA ISLAAMAA: SHOORORKEESSAAN EENYU?

AMEERIKAA fi ADUNYAA ISLAAMAA: SHOORORKEESSAAN EENYU?


SEENSA

AMEERIKAA:
Ispeen iraa ka’uun ji’oota lamaaf erga dooniin garba Atalaantiki irra deemaa ture booda namni lammii Xaaliyaan Christopher Coulombs bara 1492 dachii humnoonni Awuroopaa kana dura hin qubanne (Ardii Amerika ammaa) dhaqe (abure). Christopher Coulombs jalqaba irra daandii daldala fooyya’aa ta’e galaana irraan biyyoota baha fagoo Eeshiyaa geessu otoo abuuruuf deemu, Amerikaa ammaatti of-arge.


Abuuramuu kana hordofee booda irra biyyoonni Awuroopaa yeroo san humna cimaa qaban kan akka Spain, Britain, France, fi Portugal ardii haarawa isaaniif taate tanatti imaluun ummata achi jiraataa ture (Native Americans) irratti woraana godhanii hedduu isaanii fixuun lafa san to’atanii albuudaa baafachuu fi qonna babaldhisuu itti fuufan. Hojii qonnaa fi albuudaa kanas baldhinnaan itti fuufuuf garboota gurraayyii (slaves) biyyoota kana dura qabatan irraa gara Amerikatti fe’uu jalqaban.

Erga jaarraa lamaafi sanaa oliif Awuroopaa ka’anii Amerikaa ammaatti qubatanii wolhoranii (dhaloota saddeetiif) biyyoota Awuropaa kana jalatti bulaa turan booda isaan kolonii Biritish turan bara 1775 finciluu eegalan. Fincilli kunis Warraaqsa Ameerikaa (US) – American Revolution jedhamee waamama. Woraanni bara kana 1775 fi 1783 gidduutti lolame kun ammoo Worana Wolabummaa Amerikaa (American War of Independence) jedhamee kan beekamu yoo ta’u koloniiwwan Biritish kan Ameerikaa Kaabaatti argaman 13 wojji kan godhame yoo ta’u, isaan kudha sadiin kun injifachuun biyya wolaba taate kan ‘United States of America’ jedhamtu hundeesssan. Alaabaa Ameerikaa irratti sararri adiini fi diimaan jiru wolitti kudha sadi yoo ta’u Isteetota dursanii kolonii jalaa bahan kudha sadan san kan bakka bu’udha.


Warraaqsa kana kan hogganaa turan George Washington, pirezedaantii biyya wolabaa istetota 13 (the first 13 independent states) kanniin hammattee hundoofte (United States of America) ta’an. Magalaan guddoon biyyattis naannoo jireenya pirezedaantichaatti hundeessuun maqaa Washington jedhamu argatte. Washington DC, DC sun ammoo (District of Columbus) kan bakka buutu yoo ta’u nama jalqaba abure Christopher Columbus yaadachuufi.


Woggaa 27 booda bara 1803 Toomaas Jeefarsan Pirezedantiin Ameerikaa yeroo sanii waliigaltee Faransaay (France) waliin gochuun Doolaara miiliyoona 15 kanfalte kolonii France jala kan turan bituun United States dachaan akka baldhattu taate. Booda irraas isaan Mexico (Meeksiskoo) jala turan kan kolonii Ispeenota turan ammoo injifannoo woranaan mo’achuun Isteetota 48titti guddisan, bara 1948 ammoo Isteetota lama (Alaskaa Kanadaa gama jirtu fi Hawaï garba Paasifiki jidduu jirtu) ofitti dabaluun Isteetota 50 amma jiran kanatti guddachuun Amerikaan biyya jabduu taate.
—-

Amerikaan biyya hoggantoota dimokiraasii biyya isaanitti amanan, heeraa fi seera biyyatti kabajan, kan muldhata fagoo qaban, kan waan hundaa ol biyya isaanii dursaniin hogganamaa akka dhufte namni seenaa fi hojii pirezedaantotaa fi hoggantoota Amerikaa dubbise hubachuu ni danda’a. Kun ammoo diinagdeen akka badhaatu, bu’uraaleen misoomaa akka babaldhatan, siyaasni isii akka madaala eeggatu, qaroomni hammayyaa akka hundee godhatu, saayinsii fi teeknooloojiin akka gabbattu, ilaalchi hawaasummaa, hojiin hariiroo alaa fi humni woraanaa achitti akka dagaagu shoora guddaa taphate.
—-
—-
Amerikaan biyya beekumsaaf iddoo ol’anaa kennitu. Kan dandeettii addaa jajjabeesitu taate. Kun ammoo beektonni, namonni dandeetti addaa qaban kan adunyaa garagaraa irra jiran achi akka filatan godhe. Amerikaan beektotaaf kabajaaf bu’aa isaan argachuu qaban yoo kennituuf, beektonni ammoo guddinna diinagdee, saayinsii, teknolojii, Astronomii, qonnaa fi kkf fakkatan irratti biyya cimtuu fi badhaatuu akka taatu waan isaan irraa eegamu godhan. Lafa Aartiin, argannoonii fi kalaqni ilma namaa itti ulfinna argatu taate. Kanaaf ammoo badhaasa isiin Professor Gabbisa Ejjataaf ji’a darbe kennetee fi beektota Oromoo Amerikatti galanii hojjatan akka fakkeennatti fudhaachuun ni danda’ama.
—-
—-
Of irra tartee, Amerikaan adunyaa to’achuutti kaate. Amerikaan Adunyaa karaa hedduun kan to’attu ta’uyyuu isaan sadiin afran tokko asii gaditti isiniif ibsa . Inni tokko Doolara isiiti, inni lammataa humna woraanaa (kaampii woraanaa) biyya ambaatti sababa garagaraatiin yeroo adda addaa hundeessite, inni sadaffaa biyyoota hiyyeeyyi akka Itoophiya jiran ammoo deeggarsa gootufin to’atti. Fedhaa fi dandeettii isiin adunyaa to’achuuf gootu kana irratti isaan ishee fuuldura dhaabatan karaa garagaraattin balleessuuf sochii gooti. Woldhaabdeen isiin Adunyaa Islamaa wojji qabdus kanuma irraa ka’a.
—-
—-
Doolaran akkamitti adunyaa to’atti? Amma Doolarri qarshii adunyaan ittin gabaa geeggeffatu. Kun ammoo waanuma tasa ta’ee miti, kun akka ta’uuf yeroo dheeraaf cichanii hojjatanii jiru. Waraana Addunyaa Lammaffaa booda gaaga’ama diinagdee adunyaa mudate ture irratti, biyyoonni afurtami afur ta’an diinagdeen Ameerikaa tasgabaayaa waan tureef sharafa maallaqa isaanii fi bittaa wol giddutti godhan irratti Dollar akka bikkituutti ykn safartuutti (Standard Currency) fayyadamuuf bara 1944 wolii galan. Wolii galteen kunis ‘Bretton Woods Agreement’ jedhame waamama. Woliigalle kana hordofe Bankii Adunyaa fi IMF hundeessan.

Amerikaanis dollar kan maxxansitu hamma Worqee qabduun (Gold Standard) ture; booda irra bara 1971 Ameerikaan dinaagdeen keenya tasgabaya fi cimaa waan ta’eef hariiroo maxxansa Dollar fi worqee jidduu jiru addan kutne jirra jettee adunyaaf ibsite. Haalli itti mootummaan Amerika bajataaf jedhee ‘Federal Reserve’ – Kuusaa Dollar isaanii irraa wogga woggaan liqeeffatu jiraatullee; gabaabumatti Amerikaaf Dollar maxxansuun akka woraqaa maxxansuu yoo ta’u biyyoota adunyaa biraatiif ammoo dollar argachuun mi’a, albuda, tajaajila fi qabeenya qaban gurgurachuun kan argamu ta’e. Fkn Itoophiyaan dollar argatte gabaa alaa irraa meeshaalee isi barbaachisu biyyatti galfachuuf, buna, caatii fi kkf gabaa alatti dhiheessite dollar argachuu kan qabdu yoo ta’u, sirna diinagdee isaanii wojji madaalchisaa haalli itti deeman akkuma jirutti ta’ee dollar argachuun Amerikaaf ammoo dhimma maxxansuuti jechuudha. Kun ammoo adunyaa humna dollar qabaniin akka to’atan isaan godhee jira.
—-
—-
Karaan inni lammataa Ameerikaan adunyaa ittiin to’attu, maandhee ykn kaambii woraanaa (Military Base) biyyoota gara garaa keessaatti ijaarattee qabdudha. Amerikaan Maandheelee ykn Kaambilee Woranaa (military base) 750 ol biyyoota 80 ardii garagaraa jiran keessaa qabdi. Akkasumas laaakkofsi isaa akka barbaachisummaa isatti kan dabaluuf hirdhatu ta’ullee yoo xiqqate namoota humna woraanaa kuma dhibba lamaa ol ta’an biyyoota garagaraa kana keessaatti qubachiistee jirti. Biyyoonni kun akkamitti ‘Military Base’- Maandhee Woraanaa biyya biraa isaan keessa akka jiraatu eeyyaman gaafiin jedhu isinitti uumamuu danda’a. Hedduu isaanii Ameerikaan woraanaa Adunyaa 2ffaa booda fi yeroo biyyoonni sun rakkinna (woraana) keessa seenan cina tokko deeggaruun ykn haala tasgabbeessuf seentee san booda woliigaltee mootummaa biyya sanii ykn kan itti aanee dhufe wojji gooteen kan achitti hafteedha.
—-
Maandheen Woraanaa (Military Base)n Ameerikaa biyya keessa jiru saniifis faayida qabaaf. Tokko humni guddaan adunyaa Ameerikaan waan achi jirtuuf biyyi ollaa ykn kan biroo akka uggitee hin werarre godha. Lammata ammoo leenjii, shaakala wolinii fi teknolojii woraanaa Amerikaan irra geete irratti worra biyya keessatti Kaampilee ijaran kanaaf haga tokko waan dabarsaniifi akkasumas, dabalatan kara garagaran maallaqa waan argataniif kana akka faayidatti ilaaluun Maandheelee Amerikaa kana akka isaan keessa turu fedhan. Mata dure keenna wojji kan deemu, Military Base isiin biyyoota Baha Jiddugalaa (Middle East) keessaa qabdu waan ta’eef isa gabaabse isiniif hima. Ameerikaan Saudi Arabia keessaa Military Base (kaambii woraanaa) 10, Kuwait-10, UAE-3, Bahrain-13, Egypt keessaa tokko, Jordan keessaa 3, Sooriyaa keessaa 4, kan qabdu yoo ta’u naannoo sanii Iran keessaa qofa Military Base- Kampii Woranaa hin qabne.
—-
—-
Karaan inni biraa biyyoota hiyyeeyyii adunyaa ta’an ittin to’attu ammoo deeggarsa garaa dhaabbilee isii kan akka (USAID -United States Agency for International Development)tuin. Dhaabbilee Amerikaa heddutu jira kan deeggarsa kana irratti hojjatan. Gariin (CDC, PEPFAR, fi kkf) qorichoota akka TB, HIV, busaa fi kan biroo irratti deeggaru, isaan kun ammoo biyyoota akka Itophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu dadhabde keessatti deggarsa midhaan nyaataa godhu (ummata Itoophiyaa Miliyona 10 ta’u karaa seeftineetitin kan horatu (nyaachisu) Ameerikaadha, isaan kun ammoo sirna siyaasa dimokiraasii fi dinagdee deeggarra jedhanii project adda addaa adeemsisu. Deeggarsi godhan akkuma jirutti ta’ee garuu waan biyya san keessatti godhamu, sochii woraanaa fi siyaasaa akkasumas qabeenya biyya san keessa jiru maqa deeggarsa goona jedhuun keessa deemaa hordofu. Kanaaf biyyoota hiyyeeyyi akka Itophiyaa kanatti Military Base mallaqa guddaan sochoosan otoo isaan hin barbaachifne deeggarsa midhaanii, qorichaafi kan birotiin keessaa deemaa basaasun hordofu.
—-
Karaan to’annoo ishii kan bira ammoo dhaabbilee Idla-Adunyaa akka Motummoota Gamtooman fi Isaan jala jiran, akkasuma IMF, Baankii Adunyaa, ICC, fi kkf keessatti gahee maallaqaan deeggaruu bahuun, keessa ammoo fedha ofii itti feetee deemtiin.
—-
—-
Haala kanneen fakkataniin Ameerikaan adunyaa al-kallattiin of jalatti galchitee oofti ykn to’atti jechuu dandeenna. Waan kana kan isinii ibseef Shoorarkeessummaa wonti jedhu eessaa akka dhufe ibsa booda isiniif godhu irratti hubatuuf waan isin garagaaruuf gaggabaabsee isiniif dhiheesse.
—-

—-
ADUNYAA ISLAMAA

Adunyaa Islamaa yoo jennu maal jechuudha?

Nabi Mohammed (SAW) naannoo bara 570 magaalaa Makkatti dhalatan. Umrii woggaa 40 yoo ta’an (610) irratti Maleeykaan Jibril ergamaa rabbii ta’uu isaanii akka ibseefi fi san booda bara 613 irraa kaasee ifatti amanta Islaamaatti ummata waamaa turan. Gosa keessaa dhalatan Araboota Qureeyish irraa mormiin isaan mudatu cimaa dhufnaan bara 622 gara magaalaa Yesrib (booda irra Madinaa jedhamtee) imalan. Imalli Makkaa irraa gara Madiinaa godhan kan jalqabbii Kaalandara Islamaa ta’e kun ‘Hijra’ jedhamee beekama. Madinatti hordoftoota heddu erga horatan booda Araboota Qureeyshii kan isaan mormaa turan wojji woraana Badr (624tti), Uhud (625tti), baruma san warana Hamra al-Assad, godhanii booda irra bara 629 magaalaa Makkatti muslimota wojji nagaan (woraana malee) deebi’an. Yeroo kanatti amantaan Islaamaa biyya amma Sawudi Arabiyaa jedhamtee beekamtu keessatti babaldhataa ture. Woggaa Sadi booda bara 632 Nabi Mohammed (SAW) hajjiin bara sana godhan kan dhumaa ta’uu isaa bifa ibsuun ergaawwaan amantaa islamaa dabarsan. Hajjii dhumaa kana booda xiqqoo turanii gara fuula rabbii deeman.
—
—
Gaafa Hajjii dhumaa san isaan booda eennu akka hogganaa (Amiira) muslimoota ta’u ifatti hin dubbannee ture. Marii godhameen Abubakr (al-siddiq) kaalifaa muslimoota akka ta’u murta’e. Gareen muslimoota tokko garuu namni kaalifaa muslimoota ta’uu qabu maatii Nabi Mohammed (SAW) keessaa ta’u qaba kan jedhuun (Ali ibn Abi Talib tu) itti aanu qaba kan jedhuun morman. Inni kunis Muslimoota Sunnii (Kaalifummaa Abubakar fi Kalifoota isa booda dhufan fudhatanii) fi Shia (worraa kaaliphaan maatii Nabi Mohammed (SAW) irraa ta’uu qaba) jedhaniin, qoqqoddan hanga hardhaa Sunnii fi Shia jedhamu sun uumame.
—-
—-
Abu Bakr bara 632- 634 kaalifaa muslimoota turan. Erga isaan darbanii Umar Ibn al Khaxab (bara 634-644) kaalifaa muslima lammaffa ta’uun hanga guyyaa ajjefamanii hogganan. Osmaan Ibn Affan kaalifaa sadaffaa ta’uun bara 644- hanga 656tti ajjefamanii Kaliphaa muslimoota ta’uun hogganan. San booda Ali ibn Abi Talib (hanga bara 661) khalifa Muslimota ta’uun hanga gaafa ajjefamanii hogganan. Kaalifoonni arfan kun Rashidun Kaalif jedhamuun wamamu. Yeroo hoggansa isaanii muslimonni hanga Kaaba Afrikaa kaasee Parshiyaa (Iranii amma) gahutti lafa baldhaa to’achuun amantaa Islamaa babaldhisan.
—-
—-
Nabi Mohammed (SAW) booda Kaalifoonni arfan jiran (Abu Bakr al Siddiqi, Umar Ibna al Khaxab, Osman ibn Affaan, Ali ibn Ab Talib) maqaa Kulafa’u Rashidun (Raashiduun Kaaliif- Rightly Guided Successor) jedhuun kan waamaman yoo ta’u yeroo isaanii amantaan Islamaa naannoo amma Saudi Arabia jedhamu irra taree lafa adunyaa baldhaa hanga Kaaba Afrikaa gahuu fi gama kaaniin ammoo impaayeroota gurguddoo yeroo san turan lamaan (Impaayera Beeyzantiinii- lafa yeroo ammaa Turk, Lebanon , Paalistiin jedhaman dabalatu fi Impayera Sassinid (worra Peershiya)- kan lafa yeroo ammaa Iraq, Iran, Paakistan, Afghanistan, fi Sooriya dabalatu) injifachuun lafa baldhaa to’atanii amantaa Islamaa babaldhisan.

Woraana Muslimootni kaalifoota kanaan hogganamanii fi Impaayera Saassinid (worra pershiyaa) wojji godhameen musliimonni guututti waan injifataniif Impayeerri Saassinid (Sassanian Empire) diiggamee naannoowwan Impaayera san jala turan keessatti amantaan Islaamaa babaldhate.

Woraana Impaayera Beeyzantiin wojji godhaniin muslimonni injifachuun cinaa Turkii (yeroo san Anatoliya jedhamtu) fi naannoo Libaanos (Lebanon), Paalistiinii (fi Israa’eeli ammaa) kan yeroo san Impaayera Beeyzantin jala ture injifannoo woraanaan fudhachuun Impaayera Islamaa baldhaa ta’e kan Iraanii ka’ee Kaaba Afrikaatti dhaabbatu ijaaran. Impayerri Beeyzantiin haa injifatamu malee guututti waan hin diiggamneef cinaan Turkii (Anatoliyaa), Girikii fi Xaaliyan akkasuma magaalaan guddoon impayericha (Constantinople -ykn Istanbuliin ammaa) harkuma isaanitti hafte. Taatewwan kun bara 632- 661 yeroo Rashidun Kaalifonni arfan wolitti aananiin dhufan kan ta’e jechuudha.

Itti aanee bara 661tti Mu’awiyaan Umayyad Dynasty hundeessun teessoo Kaliifaa Muslimaa magaalaa Madiinaa irraa gara magaalaa Damaasqoo Sooriyaatti jijjiruun woggoota 89 liif hanga bara 750 angoo abbaa gara ilmaatti darbuun lafa Kaalifoonni afran babaldhisan irra taree hanga qaccee Kaaba Afrikaa (Morocco) fi akkasuma Morokoo gama ce’ee cinaa biyya Ispeenii ammaa (Andulasia) hanga ga’utti diriirsee bulchaa ture.

Ummayyad Dynasty (Umayyootatti) aanee kan angoo fudhate Abbasid Dynasty – Abbasota kan sanyii abbeeraa Nabi Mohammed (SAW), Abbas ibn Abd al-Muttalib, irra dhufan yoo ta’u Abbasid Dynasty’n bara 750tti Umayyad Dynasty kuffisuun magaalaa haarawa Baghdad (lafa amma Iraq jedhamtu) keessatti ijaaruun woggoota 500 oliif hanga bara 1258 turan. Seenaan bara Abbasid Dynasty (Caliphate) ta’e baldhaadha, gabaabsee ibsee bira tara.

Teessoon Impaayera Islamaa bara Ummayyad Dynasty (Caliphate) Madinaa irraa gara Damasqoo Soriyatti, achi booda ammoo bara Abbasiid Dynasty (Caliphate) Damasqoo irraa gara magaalaa harawa Baghdad jedhamtu (tan amma magaalaa guddoo Iraq taatetti) ijaaruun achitti jijjirame. Bara Abbasid kana Baghdad magaalaa yeroo san jiran keessaa dorgomaa hin qabdu ture. Muslimonni yeroo Abbasotaa turan beekumsa amantaatiin dabalata, beekumsii fi saayinsiin fayyaa, filosofii, astronomii, herreegni fi kkf akka dagaagan godhan. Kitaabota afaan garagaratiin barrayan afaan Arabitti hiikuniifii qorannoolee saayinsii kan biroo galmessuu fi barreessuun, Laayibrariin (manni kitaabaa) guddaan adunyaa ‘Beytal Hikma’ jedhamu achi Baghdad keessatti akka ijaaramu godhan.

Abbasid Caliphate’n keessattu yeroo Harun Al- Rashidun (786–809) kaalifaa ture san aartii fi saayinsiin, diinagdee fi misoomni haalaan dagaagee ture. Fakkeenyaaf barnoota heerreega irratti kan barataa turre Algebra, Algorithm, fi laakkofsi yeroo ammaa itti fayyadamnu (Arabic Numerals 1,2,3..jedhu) kunniin beekumsa beektonni muslimaa yeroo san turan (Muhammed Ibn Musa al- Khwarizmi faati) adunyaaf gumaachan dha. Algorithm kan jedhu maqaa isaa Al-Khwarizim jedhamu irraa kan fudhatame yoo ta’u Algebran ammoo maqaa kitaaba inni barreesse Al-Jabr ka jedhu irraa fudhatame. Kana fakkeenyaaf kaafne malee qaroomni Islamaa yeroo san ture saayinsii fi teeknolojii yeroo ammaatiif bu’uura kan ta’an heddutu jira. Yeroon sun ‘Islamic Golden Age’ jedhamee yaadatama.


Yeroo Abbasid Dynasty’n lafa baldhaa Iraanii ka’ee Kaaba Afrikaa Morokoo gahu bulchaa turan san, booda irra (woggaa dhibba tokko booda) mootummonni xixiqqoonii fi balbaldhoo ta’anis lafuma baldhaa kana keessatti iddoo fi yeroo garagaraatti uumamanii turan. Buyid, Seljuk, Khwarezmia, Fatimid, Ayubbid, Mamluk, Safanid, Safavid kan jedhaman fa’atu lafa baldhaa muslimonni qabatanii jiran keessaa iddo garagaratti ka’anii turan. Abbasonni (Abbasid) to’annoo bulchinsa siyaasaa fi woranaa isaan harkaa bahus, akka hoggantoota amantaa fi kabajaa fi ulfinnaan woggaa dhibba shan erga turan booda bara 1258 yeroo Imapayerri Mongol (saba biyya Mongolia keessaa Genghis Khan ka’e) babaldhatu san Baghdad weeraruun worra Abbasid Kaaliphate fixuun Mana Kitaabaa (Beytal Hikma) jenne san keessaas kitaabota guuranii laga Tigrisi kan qaraqara Baghdaditti argamutti naqan. Werarri Mongol kun (1258) dhuma Abbasid Caliphate ta’e.


Jidduu Jaarraa kudha sadaffaatti (naannoo bara 1258- yeroo Abbasid faati diigame san) namni tokko biyya Türkiitti dhalata. Osman I (Osman Gazi) jedhama. Inni bulchiinsa muslima xiqqoo naanno Turkii keessa jirtu irraa ka’uun babaldhisuu jalqaba. Hoggantonni isatti aananiin dhufanis babaldhisaa deemuun Impayerri Osman Turkii (Ottoman Turkish Empire) akka guddatu godhan. Impaayera Otomaan (Osman) kun bara 1453 magaalaa guddoo Impayera Beeyzantiin- (Constantinople -ykn Istanbul ammaa) woraanan injifatee qabate. Kana hordofee Impaayerri Beeyzantiin kan woggaa kuma tokkoof dhibba tokkoo (1100) oliif ture ni diiggame.


Impayerri Otomaan Turkii jaarraa 14ffaa irraa kaasee hanga jalqaba jaarraa 20ffa kan ture yoo ta’u, yeroo humna guddaa irra turetti biyyoota Awuroopaa ammaa Greece, Bulgaria, Hungary, Macedonia, Romania jedhamanii fi biyyoota amma Turkii, Iraq, Iran, Soriyaa, Lebanon, Paalistiinii (Israa’elii ammaa), Saudi Arabia, Bahrain, Kuwait, Qatar, UAE, biyyoota Kaaba Afrikaa (Masri, Libya, Aljeriya, Tunisia, Morocco (yeroo muraasaaf) fi Baha Africa hanga Matsiwa Eritira fi Sulxanota Adal fi Harari kan baldhatu ture Impayerri Ottoman (Osman Turkii). Impayerri Otomaan kun woggoota 600 ol turee kan diiggame Woraana Adunyaa Tokkoffaa irratti bara 1922 dha.
—

—
Impaayera Otomaan (Osmaan), Austria-Hungary fi German cinaa tokkoon; France, Ingilizi, Amerikaa, Japani fi Rashiyaan cinaa kaaniin Woraana Adunyaa 1ffaa bara 1914-1922 lolan. Gareen jalqabaa (kan Ottoman Turkii fa’a) Woraana Adunyaa Tokkoffaa irratti waan moyameef Impaayeri Otomaan kan Turkii ni diiggame. Lafa baldhaa Impaayera Otomaan jala turan san booda worri injifate qoqqoodate. France fi Britain (Ingiliizonni) lafa amma biyyoota Arabaa garagaraa ta’an qoqqodatan.
—-

—-
Woraana Adunyaa Tokkoffaa booda Ingiliizonni lafa qoodatan keessaa Paalistiiniiin irratti Yahudota Awuropaa keessa jiran akka dhufanii biyya Israa’eel jedhamtu hundeeffatan gargaaran. Biyyoonni Arabaa amma jiran hedduun Woraana Adunyaa Lammaafaa (1945) booda yeroo garagaraa bulchiinsa British fi France jalaa bahuun wolabummaa goonfataa biyya hudeessaniif seenaa nannoo isaanii irraa ka’uun maqaa kennaniif haala kaartaa irra amma jiruun hundeeffaman. Saudi Arabia bara 1932, Lebanon bara 1943, Syrian bara 1946, Jordan bara 1946, Libya bara 1951, Morocco fi Tunisian bara 1956, Iraq bara 1958, Bahrain bara 1971, Qatar bara 1971, wolabummaa argatanii bifa amma jiraniin biyya ta’ani dhaabbatan .
—-

—-
Haala kanaan haa hundaayan malee sabbonummaan Arabaa yeroo Impaayera Otomaan jala turanii kaasee dagaagaa ture. Kana irraa biyyoonni Arabaa wolitti dhufanii biyya jabduu takka akka ta’an fedhiin hawaasaa kan jiru ta’ullee, qixuma saniin ammoo hoggantonni tokko tokko anatu Araba wolitti qabee bulcha kan jedhuun biyya ollaa isanii to’atanii fudhatuuf woldorgommii godhu. Fkn Iraq bara Sadam Hussein dura Iraniin itti aanee ammoo Kuwait qaama Iraaqiti malee biyyi Kuwait jedhamtu jiraachuu hin qabdu jedhee weraree ture. Booda Amerikaaf Ingilizotatu lolee keessaa baase. Iranis biyya Bahrain jedhamtu tiyya jetti.
—-

—-
Halli akkanaa kan jiru ta’uyyuu hoggantonni Araba ( fkn Masrii) kan akka Gamal Abdul Nasir, Pirezendaantii Masrii bara 1954-1970 faati ammoo biyyota Araba kana tokkoomsuuf gama gara-garaatiin hojjataa turan. Gamal AbdulNasir sochii Araba tokkomsuu (Pan-Arab Nationalism) jabeessee godhaa tureen Masrii fi Soriyaa tokkomsuun biyya tokko gochuun United Arab Republic (UAR) jedhanii bara 1958-1961 woliin biyya tokko ta’anii turan. Gamal AbdulNasir keessattuu yeroo gara angootti dhufee woggoota jiran muraasaaf adunyaa Arabaa keessatti nama baay’ee jalatamu ture.
—-

—-
Adunyaa Islamaa yoo jennu biyyoota Afrikaa Kaabaa kanniin fi Baha Jiddugalaa (Middle East) kan dabalatu fi akkasumas biyyoota muslimonni itti heddumaatan Afghanistan, Indonesia, Paakistan, Sudan fi Somalia dabalata.
—-
—-
Woraana Adunyaa Tokkoffaa booda gareen isii waan moyameef Impaayerri Otomaan Turkii ni diiggame. Lafa impayerichaas humnoonni woraana kana moyatan British fi France, akkasuma Raashiyaan ammoo haga tokko lafa amma Iraan taate irraa adda qoodatan (1922). Qoqqooddaan isaaniis kan aadaa, afaan, ykn xinsammuu ummataa irratti hundaa’e osoo hin ta’in Ingiliizi (British) ati asii achi bulchi, asi achi ammoo France ati bulchi jedhanii kan kaartaa Baha Giddugalaa (Middle East) irraa sararanii adda qoodatan. Ameerikaan yeroo san cinaa worra moyatee kan jirtu ta’ullee lafa woraanni itti adeemsifame irraa fageenyaan ardii biraa keessa waan jirtuuf miidhaa fi hirmaannaan isiin qabaatte dilas miti.
—-

—-
Sababoonni hedduun Germany fi gareen isii itti moyaman kan jiru ta’ullee, boba’aa meshaalee woraanaa (taankii, xiyyaara, doonii fi maashinoota woraanaa biroo) ittin sochooftu booda irra harkaa dhumaa deemuun sababa tokko ture. Ameerikaan humna adunyaa guddaa ta’uuf hojjattu ammoo, waan kana hubachuun, gara fuulduraa humna jabaa adunyaa kan ta’u isa boba’aa gaha of harkatti hambifatu ta’uu hubatte. Kanaaf hamma boba’aa (oil) lafa ofii irraa qabdu akkuma jirutti ta’ee, gara biyyoota adunyaa biraa deemtee boba’aa biraa fayyadamuun barbaachisa ta’uu hubatte.
—-

—-
Saudi Arabia kaarta amma jiruun bara 1932 Ingiliizota jalaa wolabummaa argatanii biyya ta’uu yeroo labsanitti; biyya of dandeette ta’uu isii Ameerikaan dursitee beekamtii kenniteef; kun jalqabbii hariiroo gaarii Saudi fi Ameerikaa ta’e. Xiqqoo turanii worri Ameerikaa worra mootii Saudi boba’aa maaf gammoojjii keessanii hin soqnu, yoo argineef bu’aa isaa cina cinaa qoodanna, yoo dhabne ammoo nu hin kisaarra jedhaniin. Isanis woligalanii lafa gammojji gara qaraqara jirtu takka kan ‘Dhahran’ jedhamtu kennaniif. Qotiinsa barbaachaa yeroo fudhate booda Ameerikaanonni Saudi keessatti isa jalqaba kan ta’e boba’aa arganii baasuu jalqaban.
—-

—-
Galii isa irraa argamuun worri mootii Saudi fi Saudi Arbiya sooramuu jalqaban. Ameerikaanis xiqqoo turtee wonti boba’aa haala gaariin deemaa jira, garuu ammoo diinni akka iddoo boba’aa baafnu san hin miineef ykn hin rukunneef naannoo sanitti otoo kampii worana (military base) wohii ijaarree hoo jedhani gaafatan. Worana keessan fiddanii asitti ijartuu? jechuun worri Saudi gaafate. Ee, garuu eegumsa iddoo boba’aa kanaafi akkasuma isin irraallee diina ittifna jedhaniin. Hayyee haa ta’u garuu kambii keessan irrattillee alaabaa keessan irratti hin dhabina malee, erga boba’aaf nullee ka tiksitanii gaarima jedhanii eyyamaniif. Amerikaanis Kaampi Woraanaa (Military Base) kan Baha Jiddugalatti kan jalqabaa ta’eef Saudi keessatti haala kanaan ijaaratte.
—-

—-
Haa ta’u malee Ameerikan isaan keessa achi jiraachuu isi ummanni Saudi hin fedhu ture. Worri mootii garuu jireenya qananii san Amerikaa irraan waan arganiif, isaaniif baay’e rakkoo hin qabu malee. Tokkoffaa haala Ingilizi (British) lafa Paalistiinii irratti biyya Israa’eel jedhamtu akka ijaaramtu goote san waan beekaniif humnonni lixaa isaan keessa sadarkaa Amerikaa saniin haa jiraatanii hin fedhan worri Arabaa hedduun.
—-

—-
Tarii boba’ama yeroo rakkoo (woraanaa) geejjibaaf fayyadamuuf Ameerikan achitti qubatte moo ka jedhu gaafii isinitti ta’uu mala. Garuu boba’aan (Crude Oil fi Natural Gas) ga’ee inni geejjiba keessatti qabuun dabalata, jireenya keeenya guyyaa guyyaa keessatti kan gahee guddaa qabudha. Mobayilii amma qabattanii ittin dubbisaa jirtan irraa kaasee, hanga meeshaan guyya guyyaan irraa nyaannuuf dhugnu, fi kan biroo bu’aa boba’aati.
—-
—-
Pilastikiin bifa garagaraatiin mana keenyatti fayyadamnu ho’aa sadarkaa gargaraa keessatti boba’aa (Crude Oil fi Natural Gas) ukkaamsuun uumama. Sadarkaa hoo’aa fi dhiibbaa (temperature and pressure) gara garaa irratti kuun naafxaa, kuun beenzinaa, kuun kerosine, kuun reenjii asphaaltii fi ijarsa garagara irratti fayyadamnu, kuun ammoo pilastiikii bifa gara garaatiin guyya guyyaan fayyadmnu akka ta’utti tolfama. Saayinsiin waan kana qoratuu fi irratti hojjatu ‘Petrochemistry’ jedhama. Namoonni fedha waan kana dubbisuu qabdan kitaaba “Petrochemicals in Nontechnical Language” jedhu dubbisuu dandeessu. Boba’aan pilaastikii bifa garagaraan jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti gahee qabu ta’uuniifi geejjiba (xiyyaara, doonii, konkolaataa) fi maashinarii garagaraa ittiin sochosuuf waan ooluuf, dhimmi boba’aa jireenyaa fi siyaasa adunyaa keessatti iddoo murteessaa qaba.
—-

—-
Erga lafa gammoojji Saudi ‘Dhahran’ keessatti boba’aa argan booda, hojii san cimsuu fi boba’aa argan san geejjibsiisuuf bu’uraaleen misoomaa fi magaalaan xiqqoon kan barbaachistu ta’uu worra mootii Sauditti ibsuun, booda kaampanin ijaarsaa (construction company) nama Mohammed Awad bin Laden jedhamu ijaarsaa barbaachisuu san akka hojjatu filatamee, ijaarsa sanis itti fuufe. Namni kun, Mohammed Bin Laden, nama hojii humnaa irraa ka’uun abbaa qabeenyaa kaampaanii ijaarsaa Saudi fi naannoo sanitti dorgomaa hin qabne hundeeffateedha.

Mohammed Bin Laden worra mootii Saudi wojji hariiroo cimaa kan qabu yoo ta’uu, hojii kanaafi kan biroo (Saudi Bin Laden Group) irraa galii argatuun dureessa itti citaa kan ta’e. Haadha worraa heddu fuudhee ijoollee heddus horata. Gara booda irra, bara 1957 namni kun ilma tokko uumata, maqaa isaas Osama jedhan, Osama Bin Laden.


Erga Ingilzonni dhiisanii bahan booda bara 1979 Sadam Hussein pirezedaantii Iraaqii shanaffa ta’uun angoo qabata. Woggaa tokko booda biyya ollaa isaa Iraan weeraree qabachuuf woraana bana. Worana kanaan otoo hin milkayin hafa. Ingiliizonni dhiisanii haa bayan malee dhaabbileen Ingilizi kan boba’aa baasan ammas Iraaq keessa turan. Saddam Hussein dhaabbilee bobo’a baasan kana akka Iraq dhiisaanii bahan gochuun boba’aa Iraaq guututti Iraaqiif hanbisa. Kun ammoo Ingilozonni akka ilkaan itti cininnatan godhe. Galii guddaa boba’aa irraa argamu kanaanis barnoota, dhaabbilee fayyaa, bu’uraalee misoomaa balbaldhisuun Iraaq yeroo sanitti biyya sadarkaa jireenyattin biyyota Baha Jiddugalaa jiran mara keessaa fooyyoftu akka taatu godha.
—-

—-
Omisha boba’aatin yeroo san adunyaa irraa sadarkaa duraa irra waan turteef, haala jireenya ummata fooyyeessuu bira darbee qarshiin boba’aa irraa argamu humna woraanaa guddaa ta’e akka ijaaran isaan gargaare. Kanaanis Sadam Hussein humna woraanaa guddaa sadarkaa adunyaatti, Ameerikaa, Gamtaa Soviyeetii fi Britishitti aanee yeroo san sadarkaa arfaffaa qabatu hundeesse. Humna ijaare kanaanis bara 1990 biyya xiqqoo ollaa isaa jirtu Kuweetin (Kuwait)n guyyaa lamatti weeraree qabata. Fedha Araba hunda wolitti qabee bulchuu qabu irraa, biyyonni Arabaa naannoo san jiran nu weerara jedhanii sodaa keessa seenan.


Osama Bin Laden qananii keessatti guddate. Barnoota sadarka dura mana barnoota addaa magaalaa Jidda (Suadi Arabia) kan barate yoo ta’u; bara 1967 abbaan isaa (yeroo Osaman umrii woggaa kudhanii ta’u) xiyyaara dhuunfaa isaatiin otoo deemaa jiru xiyyarattiin waan kufteef lubbuun isaa ni darba. Osaman xiqqaa waan tureef obboleyyanummaan isaa ‘business’ abbaa itti fuufsisan. Booda naannoo umrii woggaa 15tti Osama Bin Laden biyya Ingilizitti Yunvarisitti beekkamaa (Oxford University)tti yeroo muraasaaf erga barate booda gara Saudi deebi’uun naanno bara 1978 Jiddatti (King Abdulaziz University)tti barnoota akka Economics, Business, fi Management barate.
—-

—-
Dhuma bara inni University turee san (1979) Gamtaan Soviyeetii Afganistaan weerarti. Soviyeetiin ilaalcha Markisisti hordoftu biyya Islamaa Afghanistan weeraruun isii adunyaa Islamaa keessati mufii uuma. Osama Bin Ladenis humna jabaa tokko worra Afgaanii fi Paakistan jiran wojji wolii galuun Soviet buqqisuuf jecha ollaa Afghanistan kan taate Pakistanitti deddebi’aa ture. Booda garee ‘Mujahidin’ jedhamu hundeessanii woraana Gamtaa Soviet loluu itti fuufan. Biyyoota Arabaa gara garaa irraa Mujaahidinitti namonni makaman dabalaa deeme.
—-

—-
Ameerikaan wol-gaarreffannaa (Cold War) Gamtaa Sooviyeet (Raashiyaa) wojji yeroo san qabduuf jecha garee Mujahidiin kana meshaa woranatiin deeggaraa turte. Meeshaa woranaa Amerikaan kennitufiin Mujahidin xiyyara woranaa Soviyeet Raashiyaa 270 ol rukutee kuffisa. Yeroo san Osamanis worra Ameerikaa meeshaan Mujahidiin deeggaran wojji hariiroo qabaachaa ture. Wol-woraansa woggaa sagal booda woraana kana mohata akka hin jirre arguun Gamtaan Soviyeeti (Raashiyaa) Afghanistan dhiisee bahe. Worri Mujahidiniis cinaan biyya dhufanatti deebi’an, kun ammoo garee milishaa ‘Taliban’ kan dura barattoota weerara Soviyeetii mormaniin hundeeffametti makaman. Taliban angoo qabatee, biyya Afgahanistan bulchuu jalqabe. Osama Bin Laden nis garren Afghanistan dhiisu in gara Saudi Arabia (bara 1989) yoo deebi’u simannaan gootaa godhameef. Adunyaa Arabaa keessatti akka goota muslimotaaf dhaabatetti leellifame.
—-

—-
Osama Bin Laden kanaan hin dhaabbanne qabeenya abbaa irraa dhaaltummaan argateen gareelee muslimaa biyyoota Islamaa gara garaa keessatti mootummaa Islamaa hundeessuu fedhan gargaaruu itti fuufe. Biyyoota Islamaa 16 keessatti gareelee akkasii gargaaraa ture.

Osaman Afghanistanii deebi’ee woggaa otoo hin turin akkuma asi olitti kaaye sanitti Sadam Hussein Kuweetin bara 1990 weerara. Worri mootii Saudis ollaa waan turaniif Sadam Hussein kan Kuweetin weerare itti aanee nu weeraruu danda’a jedhanii sodaatan. Ameerikaa fi British, Saddam Hussein Kuweetin gad lakkisee akka bahu itti himan. Saddam Hussein ammoo akka haal-duretti biyya Israa’eel jettanii lafa Arabaa irratti ijaartan yoo ballessitan, Kuweetin dhisee nan baha jedheen. Kanas kan jedhuuf adunyaa Arabaa irraa deggarsa argachuu barbaadeti.
—-

—-
Booda irra Ameerikanii fi Ingilizi “Operation Desert Storm” jedhanii humna Iraaqii (Sadam Hussein) tumanii Kuweeti baasan. Yeroo kana Ameerikan Iraaqiin Kuwwetii baasuuf jecha biyyoota naannoo sanii (keessattu Saudi irratti) kaampiilee woranaa ijaaratte, xiyyaraa woraana isiiis Ameerikaan achitti qubachiisuun, humna Iraaqii Kuweet weerare woraanaa turte. Worri mooti Saudis humna woraanaa guddaa qabuun itti aanee Sadam Hussein nu weeraruu danda’a sodaa jedhuun Ameerikaan akka dachii isaanii irraa loltu eeyyaman.
—-

—-
Osama Bin Laden ammoo Ameerikaan lafa keenna irraa maal gooti, bahuu qabdi, as jiraachuu hin qabdu jedhee worra mootii Saudi wojji mormitti seena. Worri mootii Saudi ammoo Saddam yoo nu weerare hoo maal goona. Worri mootii Saudi haariiroo gaarii Ameerikaa wojji ijaaratan eeguu barbaadan.
—-

—-
Booda bara 1996 Osama Bin Ladin ifatti Ameerikaa irratti woraana labsuu isaa fatwa kennuun ibse. Worri mootii Saudis lammummaa isaa irraa mulquun akka biyya gad lakkisu godhan. San booda Osaman eessa deema? Worana Ameerikaa irratti labse kana bifa kamiin godha ka jedhu, kutaa itti aanu irratti isiniif barreessa. Yoo dubbistanii xumurtan dubbisuu keessan comment jalatti naaf ibsa.

Qopheessaan: Dr. Nuredin Luke

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top