Qur’aanni Waa’ee Aduu maal jedha? Saayinsiin Ammayyaa hoo?

Qur’aanni Waa’ee Aduu maal jedha? Saayinsiin Ammayyaa hoo?

Aduun qaama samii kan jireenya lafaatiif barbaachisummaa olaanaa qabuudha. Saayinsiin ammayyaa waa’ee ishee qorannoo gadi fagoo godheera. Kan nama ajaa’ibu, Qur’aanni waggaa 1400 dura bu’e, waa’ee amala Aduu ibsa raajiin isaa saayinsii ammayyaatiin walsimu qaba.

  1. Saayinsii Ammayyaa Waa’ee Aduu maal jedha:
    Saayinsiin ammayyaa waa’ee Aduu dhugaawwan bu’uuraa armaan gadii nu barsiisa:

✅️Aduun Urjii dha: Aduun pilaaneetii osoo hin taane, urjii (star) ofii isaatiin ho’aafi ifa maddisiisudha. Ifni kun anniisaa atoomota haayidiroojinii walitti baqsuun (nuclear fusion) argamudha.

✅️Aduun ni Socho’a: Yeroo dheeraaf Aduun handhuura uumamaa (center of the universe) taatee kan hin sochoone namootatti fakkaata ture. Haa ta’u malee, saayinsiin ammayyaa Aduun akka hin dhaabbanne mirkaneesseera. Isheen:
✅️Siiqqee (axis) ofii ishee irra ni naannofti.
Sirna Biiftuu (Solar System) keenya hunda qabattee, handhuura gaalaaksii keenya kan “Milky Way” jedhamu naannofti. Sochii kana xumuruuf tilmaamaan waggoota miiliyoona 230 fudhata. Sochii ishee kana “Solar Apex” jedhuun beeku.
✅️Ifni Aduu fi Ifni Ji’aa Garaagarummaa Qaba: Aduun madda ifaa fi hoo’aati. Jiini garuu qaama dukkanaa’aa kan ifa Aduu irraa argamu calaqqisiisuudha. Kanaaf, ifni Aduu kan madda ofii isaarraa ba’u yoo ta’u, ifni Ji’aa ammoo kan ergisame ykn calaqqee dha.

✅️Aduun Umrii Murtaa’e Qabdi: Aduun boba’aa ishee (haayidiroojinii) yeroo tokko fixxee, gara urjii diimaa guddaatti (Red Giant) jijjiiramtee, dhuma irratti ni duuti (White Dwarf taati). Kanaaf, jireenyi ishee bara baraan miti.

  1. Qur’aanni waa’ee Aduu maal jedhaa?Qur’aanni waa’ee Aduu haala adda ta’een ibsa. Jechoonni Qur’aanaa sirnaan yoo hubataman, dhugaa saayinsawaa wajjin guutummaatti walsimu. Garuu Qur’aana wajjiin wanti dorgomu hin jiruu beekaa.

▶️Aduun akka Ibsaa Ifa Ofii Maddisiisuu (Siraaj/Diyaa’)


Qur’aanni yeroo Aduufi Ji’a ibsu jechoota adda addaa fayyadama. Kun garaagarummaa uumama isaanii agarsiisa.
“Akkamitti akka Rabbiin samii torba wal irraan ijaaree uume hin argitanii? Isa keessattis Ji’a akka ifaatti (Nuuran), Aduu ammoo akka Ibssaatti (Siraajan) taasise.” (Suuraa Nuuh 71:15-16)

⏺️Aduuf Jecha “Siraaj” (سراج) jedhu fayyadama, hiikni isaas “ibsaa,” yookaan “wanticha ifaafi hoo’a ofii isaatii maddisiisu” jechuudha. Kun sirriitti saayinsii wajjin wal sima, sababni isaas Aduun madda anniisaa ofii isheeti.

⏺️Ji’a: Jecha “Nuur” (نور) jedhu fayyadama, hiikni isaas “ifa” jechuu yoo ta’u, ifa calaqqee ykn kan madda biraarraa argame agarsiisa.
Aayata biraa keessattis:
“Inni (Rabbiin) Isa Aduu akka ifa baasituu (Diyaa’an) fi Ji’a ammoo akka ifa (Nuuran) taasiseedha…” (Suuraa Yuunus 10:5)

Jechi “Diyaa'” (ضياء) ifa cimaa kan madda ofii isaarraa burqu agarsiisa, kunis hoo’a of keessaa qaba. “Nuur” garuu ifa qabbanaa’aa, kan calaqqee ta’e ibsa. Garaagarummaan filannoo jechootaa kun beekumsa saayinsii ammayyaa wajjin wal sima.

⏺️Sochii Aduu (Tajrii)


Qur’aanni ifatti Aduun akka dhaabbataa (stationary) hin taane, bifa sochiin itti fufaa ta’een akka deemtu ibsa.
“Aduunis hanga iddoo isheetiif murtaa’eetti ni fiigdi. Kun murtee Rabbii injifataa, beekaati.” (Suuraa Yaa Siin 36:38)

“Tajrii” (تجري): Jechi kun Afaan Arabiffaatiin “ni fiigdi,” “ni yaati,” ykn “ni socho’a” jechuudha. Sochii dhaabbataa osoo hin taane, sochii itti fufiinsa qabu agarsiisa. Kun ilaalcha durii kan Aduun bakka tokko dhaabbatti jedhuun faallaa dha.

“li-mustaqarrin lahaa” (لمستقر لها): Hiika lama qabaachuu danda’a, lachanuu saayinsiin wal simu:
“Gara iddoo dhaabbii ishee”: Kun kallattii Aduun itti deemaa jirtu (Solar Apex) agarsiisa, akkasumas dhuma irratti iddoo itti “dhaabbattu” ykn umrii ishee fixxu agarsiisa.
“Hanga yeroo murtaa’eef”: Kunis Aduun hanga yeroo Rabbiin murteesseef qofa akka hojjettu, jechuunis umriin ishee daangaa akka qabu ibsa.

Aayata biraa keessattis:
“…Hundi isaaniituu Oorbiitii (falak) keessa daaku (yasbahuun).” (Suuraa Al-Anbiyaa 21:33).
Jechi “yasbahuun” (يسبحون) akka waan bishaan keessa daakanii ofumaan socho’anii ibsa.

Wal-bira Qabiinsa


Madda Ifaa: Qur’aanni ifa Aduu (Siraaj/Diyaa’) fi ifa Ji’aa (Nuur) addaan baasuun, saayinsii ammayyaa kan Aduun ofiin iftu, Ji’i ammoo calaqqee qofa ta’uu isaa agarsiisuun wal sima.
Sochii Aduu: Qur’aanni Aduun akka dhaabbataa hin taaneefi sochii itti fufaa (“tajrii”) keessa jirti jechuun isaa, qorannoo saayinsii kan Aduun gaalaaksii keessa socho’aa jirti jedhuun walsima.

Qur’aanni Aduun hanga “yeroo murtaa’eef” ykn “iddoo dhaabbii isheetti” akka deemtu ibsuun, yaad-rimee saayinsii kan Aduun umrii murtaa’e qabduu fi dhuma irratti ni duuti jedhuun walitti dhihaata.
Wal simuun kun hundi, kitaaba waggaa 1400 dura nama hin baranne (Nabi Muhammad SAW) irratti bu’e keessatti argamuun isaa, Musliimotaaf ragaa quubsaa Qur’aanni jecha uumaa addunyaa kanaa, kan seera uumamaa kana hunda uume ta’uu isaati.

Qopheessaan: Xaahir Galatoo

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top