Mallattoolee Dhukkubni Rajiijjii Ittiin Beekamu

Mallattoolee dhukkubni Rajiijjii ittiin Beekamu fi waan namni dhibee kana qabu raawwachuu qabu.

Rajiijjii kutaa qaama kan gara bitaa naannoo tiruu fi lafee cinaachaa bitaa duubatti argamudha. Dhiiga calaluun, seelii dhiigaa dulloome ykn miidhame balleessuu, sirna ittisa qaamaa guddisuu keessatti gahee murteessaa qaba. Rajiijjiin Barbaachisaa ta’us, qaamoleen biroo kan akka Tiruu hojiiwwan isaa tokko tokko fudhachuun raawwachuu waan danda’aniif, Rajiijjii malee jiraachuun ni danda’ama.

Hangi Rajiijjii idilee nama guddaa tokko irratti tilmaamaan giraama 150 kan ulfaatu yoo ta’u, garuu yoo namni sun rakko bokokuu Rajiijjii yokan ispileenomegaly qaban ta’e gara giraama 500tti ol guddachuu danda’a.

Bokokuu yokan dhiitau Rajiijjii
(Splenomegaly ) Jedhama, Hangi Guddina, Rajiijjii dabaluu Bokoku/Dhiita’u, jechuudha.

Dhukkubni Rajiijji, yeroo Baay’ee Dhukkuboota biroo wajjin namatti dhufa waan ta’eef, dafee hin beekkamu, yeroo Xiqqoo Namarra ture beekkamu, danda’a gara alaatti iita’ee,dhitaee Mul’atuu danda’a.

Mallattoolee dhukkubni Rajiijjii ittiin Beekamu:

  1. Dhukkubbiin garaa bitaa gubbaa gara bitaatti diriiru namatti dhaga’amu:

Kunis kan uumamu rajiijjiin guddachuun narvii fi diyaafaraamii naannoo isaa jiru waan dhiibuuf dhukkubbiin Laphee/Qoma, Gara bitaa keessaa Dhukkubbiin namatti dhaga’ama, keessaa nama waraana, yeroo hedduu dhukkubbbiin kun yeroo Nyaataa Namatti Cima.

  1. Nyaata xiqqoo erga nyaatanii booda quufuu,Fedhii nyaataa dhabuu/ hirrichuu:

Ni beela’aa Garaan isaa nyaata fedhe yeroo nyaata Nyaachuuf jedhu, ziqqoo akkuma fudhateen, garaan isaa ni Guuta, ni quufaa, Akka nama waan baayye nyaate, garaan isaa guuta.

  1. Dadhabina Qaamaa:
    Humni qaamaa gadi bu’uu Yeroo hunda dadhabbii namatti dhagahama
  2. Dhibeewwan Infeekshinii irra deddeebiin namatti dhufu:
    Dandeettiin ittisa qaamaa jarmii fi vaayiresii adda addaa ofirraa ittisuu dadhabsiisa waan ta’eef namni sun irra deddeebiin, waan akka qufaa fi utaalloo, taayifoodii, dhukkuba wobaa/busaa yokan buseen qabama, infekshinii baakteeriyaa ykn paraasitii sababa kanaan namatti deddeebi’uu danda’a.
  3. Rakkoo dhiiga laguu:
    Dubartoota irratti dhiigni laguu baay’ee ta’uu ykn dhiigni laguu sirna dhabuu, dhiita’uun rajiijjiin
    dhiigni laguu akka ulfaatu ykn yeroo isaa dheeratu taasisa.
    Kunis sababa lakkoofsi pilaateleetii gadi aanaa ta’een dhiiguu dabaluu wajjin walqabatee dhufuu danda’a.
  4. Jaundice-Jijjiiramuu gogaa Fuullaa fi gogaan namaa diimaa ta’u:
    Haalluun gogaa fi ijaa keelloo ta’uu) yeroo Rajiijjii dhiita’u sababa caccabni seelota dhiiga diimaa dabaluuf sadarkaan bilirubin dhiiga keessa jiru akka dabalu taasisa, sababa kanaaf haalluun gogaa fi ija namaa jijjiirama.
  5. Salphaatti dhiiguu fi madaa’uu:
    Yeroo Rajiijjii miidhamu carraan ilkaanii fi kkf ofumaan dhiiguu fi miidaan salphaan uumamuu irra ga’uu akka dabalu taasisa akkasumas Sagaraa wajjin dhiigni ba’aa.
  6. Dhiita’uu ykn bokokuu Garaa, gara olii Mul’achuu!
    Naannoo rajiijjiin jiru ni iita’a, yeroo Harkaan itti buute ni jajjabaata, Garaatu Bokoka.
  7. Hir’ina dhiigaa:
    Irra deddeebiin Hanqina dhiigaan Qabama, yeroo bakka tokko Gadi taa’ee ol ka’u, mataan isaa ni joonja’a, yokan ija isaa dura mara.
  8. Hir’achuu Ulfaatina qaamaa sababa Hin Qabne:
    Ulfinni qaamaa sababa hin beekkamneen yeroo gabaabaa keessatti dafee gadi bu’a.

🟨 Namni Tokko yeroo Mallattoolee dhukkuba Rajiijjii armaan olitti ibsamanii fi dhukkuba tiruu qabu:

  1. Aannan itittuu yokan Urgoo fi Aannan Warshaan oomishame waan qabbanaawaa hundumaa dhuguu hin Qabu!
  2. Nyaata Sukkaara Qabu
    Nyaata sukkaara baay’ee qabu yoo nyaattan, sirna ittisa qaamaa waliigalaa irratti dhiibbaa hamaa kan fiduu yoo ta’u, kunimmoo nama rakkoo Rajiijjii qabu irratti miidhaa dabalaa.
  3. Alkoolii/dhugaatii nama madeessu fayyadamu.
    Alkoolii dhuguun nama Rajiijjii guddatee tti rakkoo fayyaa hammeessa!
  4. Dhugaatii lallaaafaa
    Dhugaatiiwwan lallaafaan wantoota akka kookaa koollaa fanta fi ispiraayitii fi kkf fayyadamuu irraa Of qusadhu!
  5. Nyaata qabbanaa’aa Qorraa
    Yeroo Rajiijjii guddaa ta’e rakkatte, nyaata qorraa fi qabbanaa’aa irraa fagaachuu fi nyaata firijii keessatti kuufamee dhiisuun dirqama!
    Akkasumas Foon diimaa fi dheedhii fi xibsii waaddii foonii Nyaachuu irraa Of qusachuu qaba.
  6. Shaayii fi bunni antioxidants inflammation hir’isan of keessaa qaba. Haa ta’u malee, Warri dhibee tiruu fi Rajiijjii qabu, buna garmalee yoo dhugdan, akkaataa hirriba keessan irratti dhiibbaa uumuu danda’a, kunis dabaree isaatiin inflammation dabala.
    Qorannoon hedduun akka agarsiisanitti, namni rakkoo Rajiijjii qabu buna garaacha dhuguun sirna hirribaa isaa aarsuu danda’a.
  7. Zayitii nyaataa Qulqullaa’e yokan (Refined Oils) dhaan Nyaata keessan yoo qopheessitan, qaama keessatti free radicals akka uumamu taasisa. Raadikaalonni bilisaa kun tishuuwwan qaamaa keessan kan miidhan yoo ta’u, inflammation fiduu fi miidhaa dabalataa hammeessa.
  8. Sokidda baayyee fi Nyaata Saffisaa hunda irraa fagaachuu qabdu. Nyaata saffisaa jechuun kan akka Xibsii yokan waaddii foonii fi faxiiraa fi kkf nyaata daqiiqaa muraasa keessatti bilchaatan jechuudha. Nyaanni saffisaa soogidda baay’ee waan of keessaa qabuuf sirna ittisa qaamaa keessaniif fayyaa Rajiijjiif gaarii miti.
  9. Yeroo dhukkubbiin cimee jirutti
    Sochii qaamaa humnaa olii gochuu yokan Ispoortii cimaa hojjechuu Dhiisuu qaba!.
    Konkolaataa nama urgufu yokan baayyee nama sochoosu Yaabbachuu dhiisuu,
    Waan ulfaatu yokan ba’aa ulfaataa baachuu dhiisuu qaba,

Mallattoowwan armaan olitti ibsaman kun dhibee Rajiijjii agarsiisuuf murteessoo ta’anis, isa qofaaf miti. Dhukkuboota biroo kan akka dhukkuba tiruu, kaansarii, ykn infekshinii vaayirasii keessattis mul’achuu danda’u. Kanaafuu, yeroo hunda mallattoolee kana keessaa guyyaa 3 ol yoo isin irratti mul’ate ogeessa fayyaa mariisisuun, qorannoo fayyaa sirrii kan akka altiraasaawundii fi Qorannaa lakkoofsa dhiiga guutuu (CBC) gochuu akkasumas Qorannoo Hojii tiruu (LFT):
Inzaayimii tiruu (ALT, AST, ALP)

Qorannoo Ultrasound ykn CT Scan:
Guddina Rajiijjii fi tiruu sirritti murteessuu fi guddina, ulfaatina ykn miidhaa isaa adda baasuuf tarkaanfii jalqabaati. Altiraasaawundiin qorannoo nageenya qabuu fi gatii xiqqaa kan qabu yoo ta’u, Qorannoon (CT Scan) garuu cimaadha! Yoo Haalli fayyaa walxaxaa ta’ee fi adda baasuuf ulfaataa ta’e keessatti barbaachisaadha.

Nyaataa fi dhugaatii dhukkuba kanaaf Gaarii ta’u, akkasumas akkaataa Mana keessatti Of yaaluun Danda’amu, guyyaa itti Aanu keessatti Post goona.

Download 👇

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.kadiir.tech

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top