“Kutaa tokkoffaa Gosoota summii bofaa fi tarkaanfii jalqabaa fudhachuu qabnu!
Barreeffama kana keessatti Gosoota bofaa summii qabanuu fi summii isaanii ibsame jiraa, bofa hundaaf maqaa isaa saayinsii wajjin waan Barreessineefa maqaa Saayinsaawaa sanaan Google seentani suuraa isaa argachuu Dandeessu!
Jalqaba irratti wanti hubachuu qabdanu ciniinnaa bofaa hundi Summii qabaachuu dhiisuu danda’a! Akkasumas Bofa summii qabuu fi hin qabne jira! Yeroo baay’ee bofti summii kan gadhiisu yeroo “aarii” qofa, ta’uu danda’a!
Innis gosa bofaa, haala isaa fi kaayyoo inni ciniinnaa geessisu irratti hundaa’a.
Bofti summii qabu yeroo si arge ofumaan nama hin ciniinu
Yeroo baayyee ciniinu salphaa ta’e kan summii hin qabneen namoota Of irraa ittiuuf taasisa.
Bofti hanga danda’ametti nama jalaa baqachuu filata malee namaan hin lolu,
Irra caalaan isaanii yoo akka tasaa tuqaman qofa rifatanii kan nama ciniinan yoo ta’u yeroo sana summii sitti gadhiisu dhabuu danda’a.
Akka qorannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi dhaabbileen reptile jedhanitti summii bofaa 70% ciniinnaa kan uumamu yeroo bofti kallattiin doorsifamuu fi rifatu kan akka irra tarkaanfachuu, ari’amuu fi sodaan itti dhaga’amu bifa summii qabuun nama ciniinaa
Summiin Bofaa yeroo jalqabaatif hamaa ta’uu dhiisuu danda’a
Garuu namni bofaan ciniiname kamiyyuu yeroo hunda hatattamaa hamaatti ilaalamuu fi buufata deemuu qaba.
Gosoota Bofaa fi Summii isaanii:
- Bofa “Marrataa” Ingiliffaam Black Mamba jedhama maqaa isaa saayinsii (Dendroaspis polylepis) jedhama, bofa summii guddaa qabuu fi dhalataa Afrikaa Sahaaraa gadii yoo ta’u! Ethiopia keessatti baayyinaan argama!
Bofti marrataa jedhamu gurraachaa fi saffisa figicha olaanaa isaaniitiin kan beekaman yoo ta’u, lafa irratti saffisaan socho’uu danda’a yeroo rifatee fi nama ari’achuu fedhe sa’aatii tokkotti hanga kiilomeetira 20 ga’u fiiguu danda’a!
Afrikaa keessatti bofa dheeraa ta’e keessaa tokko yoo ta’an, ga’eessonni isaanii giddu galeessaan meetira 2-2.5 kan dheeratan yoo ta’u, guddaan isaa hanga meetira 4.3 gahuu danda’u.
Bofti kun Yeroo baayʼee kan sodaatamu taʼus, akka waliigalaatti gosa bofaa nama qaanaʼuu fi kan nama baqatuu fi namoota wajjin wal dura dhaabbachuu irraa fagaachuu filatu dha!
summii niwurootoksiikii humna guddaa qabu kan sirna hargansuu dadhabuu fi mallattoolee ciccimoo biroo fiduu danda’u kan qabu yoo ta’u, yoo hatattamaan hin yaalamne du’aaf nama saaxila!
Summii Niwurootoksiinii baayyee nama ajjeesu qaba!
Yoo hin yaalamne daqiiqaa 20 keessatti hafuura baafachuu dadhabsiisaa!
Maashaaleen qaamaa hojii akka hojii dhaabanii fi du’anii fi dhiibbaan dhiigaa akka gadi bu’uu fi niwurooloojikaalaa akka dadhaban taasisa.
Nama bofichaan hiddame irratti Yeroo mallattoon dhukkubaa summii isaa itti mul’atu Daqiiqaa muraasa keessatti Farra summii malee hin fayyuu namni sun %100tti ni du’a!!
Nama ajjeesuu keessatti maqaa sodaachisaa qabaatanis, waliigalaatti qaana’oo waan ta’aniif yeroo nama ykn bineensota gurguddoo biroo qunnaman of duuba deebi’uu filatu jedha Dhaabbanni Bofa Afrikaa irratti qorannoo godhu (African snakebite institute).
Qaamni isaanii kan halluu gurraachaa fi ejersaa fi mataa boca saanduqa du’aa adda ta’e kan qaban yoo ta’u, afaan keessatti gurraacha ulkee yeroo doorsisaa yokan akeekkachiisaa agarsiisan afaan keessatti qabu.
- Summii bofa kobraa, yokan maqaan saayinsii kenneef (Naja spp) jedhama! Bofa hamaa ta’ee fi yeroo baayyee ol ka’uun mataa isaa ol kaasee nama ilaala, gurraacha akkasumas hedduu dheerina qaba! Gosti summii isaa (Neurotoxic Venom) yoo ta’u Kallattiin sirna narvii giddugaleessaa irratti dhiibbaa qaba! Mallattoo fi ajaja sirna narvii sammuu irraa gara maashaaleetti geessu ni jeeqa!
Sa’aatii muraasa keessatti maashaaleen sirna hargansuu akka laamsha’an taasisa.
Mallattoo isaa daqiiqaa muraasa keessatti namarratti mul’atu danda’a! Summiin Bofa kanaa Saati 1 hanga Sadii keessatti balaa namarraa gahuu jalqaba!
Maashaalee fuullaa kan akka Arrabaa irraa eegalee, achiis mormaa fi garaa irraa eegalee suuta suutaan qaamni laamsha’uu fi hojiii Dadhabuu fidaa!!
Dhukkubsataan kun qoricha farra summiitiin yoo hin yaalamne sa’aatii muraasa keessatti sirna hargansuu dadhabuu fi kkf du’uu danda’a.
- Summii bofa buuutii kan bifa buburree ta’ee fi dheerina gabaabaa ta’e qabu, maqaan isaa Ingiliffaan (Puff Adder) jedhama,
Maqaa saayinsiin bofa kanaaf kenne (Bitis arietans) yoo ta’u
Irra caalaan ardii Afrikaa keessatti argama.
Amala isaa keessaa Yeroo doorsifamu sagalee “hafuuraa” guddaa ta’e dhageessa.
Summiin Bofa kanaa
Summii Saayitootoksiinii yokan (Cytotoxin) jedhamu yoo ta’u.
Tishuu fi seelii naannoo ciniiname sanaa ni balleessa.
Dhiita’uu cimaa, qaamni bakki Bofa kanaan miidhame irraa cituu akka danda’a! Dhukkubbiin isaa cimaa waan ta’eef gara kutaalee qaamaa birootti babal’achuu danda’a.
Mallattoon dhukkuba bofa kanaa daqiiqaa jalqabaa hanga sa’aatii tokkoo keessatti mul’ata.
Miidhaa tiruu, kalee fi summii dhiigaa fiduu danda’a garuu dafee lubbuu hin baasu carraa bal’aa qaba.
Nama bofaan ciniinameef maal gochuu qabnaa??
Tarkaanfiin inni guddaa fi jalqabaa Nama sana tasgabbeessuudha, tasgabbii qabaachuun dirqama !
Yeroo bofti summii qabu si ciniine Rifachuun dha’annaa onnee kan dabalu yoo ta’u, kunis summichi qaama guutuu keessatti akka babal’atu saffisiisuu danda’a.
Hamma mana yaalaa ga’utti sochii daangeessuun namni sun akka taa’u ykn ciisu ni gorfama.
Bunaa fi Alkoolii wantoota sammuu dammaqsanu kamuu akka hin fudhanne taasisuun dirqama!
Qaamni tokko erga bofti ciniinee booda Dhiita’uun waan jiruuf, rakkoo kamiyyuu akka hin uumamneef, sabbataa fi sa’aatii fi uffata dhiphaa qaama naannoo bakka ciniiname sanaa balleessuun barbaachisaadha.
Madaa sana hamma dandeessanitti qulqulleessi, garuu Kallattiin bishaaniin hin dhiqatin!
Huccuu qulqulluu bishaan keessatti jiidhee fudhachuun madaa sana suutaan hamma danda’ametti sirriitti qulqulleessuu.
Yeroo madaan qulqullaa’u huccuu qulqulluudhaan bakka miidhame haguuggii.
Bakka bofaan huddame hin murinaa! Akkasumas summii xuuxuuf hin yaalinaa! Malli kun bu’a qabeessa akka hin taane kan qorannoo saayinsiin mirkanaa’ee jira! Inumaayyu nama fayyaa qabu irratti yeroo baay’ee summii fi baakteeriyaa galchuudhaan haala hammeessa.
Summii sana muruun ykn xuuxuu
Oduu durii balaa guddaa geessisan keessaa tokko dha !.
Of Eeggannoof
Bofa summii qabu yoo argite suuta irraa fagaadhu malee itti duuluuf hin yaalin.
Bakka margaa fi bosonaa akkasumas dhagaa baayyee qabu keessa yeroo deemtan kophee cufamaa ta’e uffachuu qabdu!
bakka bofni itti baay’atu Halkan dukkanaan yeroo deemtan ibsaa harkaa fayyadamuu qabdu!.
Barreeffamni kun waan dheeraa ta’eef kutaa itti Aanu keessatti wantoota namni bofaan hiddame ittiin yaalamuu danda’u isiniif maxxansina guyyaa muraasa booda.
Madda Wabii Odeeffannoo:
- World Health Organization (WHO)
- Centers for Disease Control and Prevention (CDC)
- African Snakebite Institute (ASI)
- National Geographic
- PubMed / NCBI – National Center for Biotechnology Information”





