Halkan hirriiba gahaa akka hin rafneef wantoonni nu dhoowwan maali?

Halkan keessa hirriibarraa damaqxanii deebiitanii rafuuf rakkattanii beektuu? Namoonni tokko tokko halkan walakkaa hirriiba irraa dammaqii urjii lakkaa’aa bulu.

Hirriba dhabuun Insomniyaan jedhamuun beekama. Innis, dhimma jireenya keenya keessatti yeroo ta’eetti baay’ee keenya mudachuu danda’uudha.

Garuu namoota tokko tokkoo irratti ammoo yeroo gabaabaaf hirriba dhabuu qofa osoo hin taane waan hamaa ta’u danda’a.

Hirriba dhabuudhaaf sababiiwwan garaa garaa jiraachu danda’u. Fakkeenyaaf, dulluma, halkan fincaaniif ka’uu barbaaduu, umurii dahumsaa irra darbuu, ykn hojii shiftii ykn dabareen hojjachuu fa’aan gahee qabu. Gareen BBC ‘Inside Health’ garee ogeeyyii walitti fideen gorsa ajaa’ibaa muraasa dhagaheera.

Gorsa oggeessootaa muraasa:

  • Dr Feez Orchaard Yunivarsiitii Saaseksiitti barsiisaa saayinsii xiin-sammuuti:

“Yeroon hirribni na diduu jechuun, akka idileetti sammuu koo xiqqoo kan barameetiin waan addaa mudateef garmalee waa yaada jechuudha. Kanaafuu kitaaba fudheen hamma sammuun koo hirriibaaf qophii ta’uun natti dhaga’amutti xinnoon dubbisuuf nan yaala.”

  • Dr Alee Haaree, Pirezidaantiin Waldaa Hirriba Biriteen fi gorsaa hakiima qoricha hirribaa Hospitaala Rooyaal Biroomptan Landanitti argamutti:

“Yeroon hirriba rafuu hin dandeenye tarii yeroo abbaan warraa koo baayyee kurruufu ykn garagaluudha. Yeroo kanatti kutaa biraa deemeen achi rafa.”

  • Kooliin Ispii Yunivarsiitii Oksifoorditti piroofeesara qoricha hirribaa:

“Yeroon hirriba gaarii rafuu dadhabuutti, bakkan ciisuu ka’een deebi’ee rafuudhaaf yaalaa. Kunis yeroo baayyee fedhiin hirribaa akka haaraatti akka dhufuuf ni gargaara. Akkasumas tooftaan akkasii kun namoota baay’eedhaaf ni hojjata jedheen tilmaama.”

Ofii rakkoon hirriiba dhabuu (insomnia)n maaliidha?

Torbaniitti guyyaa sadiif hirriba rafuu rakkaachuun fi yoo xinnaate yoo baatii sadiif haala kanaan itti fufe ‘insomnia’ jedhama. Yeroo kanattis gorsa hakiimaatu isin barbaachisa.

Darbee darbee hirriibni isin dide jechuun ammoo rakkoo kana qabna jechuu miti. Yeroo tokko tokkoo dhimmoonni nu yaaddeessan wayita jiraataniitti hirribaarraa nu kaasu danda’u.

Kunis rakkoo sanaaf furmaata akka barbaannuuf sammuun keenya nu dammaqsa jechuudha.

Kan biraa ammoo sababii umuriitiin hirriibni nu diduu danda’a.

Wayita umuuriin keenya bulaa adeemuu hangi sa’aatii rafnuu hirribaa gabaabbataa adeema. Maanguddoo wayita taanuutti hirriiba irraa dadamaqna.

Dargaggoonni garuu dafanii rafanii turanii ka’uu ni danda’u. Erga dulloomanii booda garuu dafanii ciisanii turanii ka’uun hin jiraatu, dadafanii sababii damaqaniif.

Yeroo tokko tokko ammoo maatiin sababii ta’een dhiphina keessa gale rakkoo hirriibaa isaan mudachuu danda’a.

Hirriibni yoo isin dide waantoota gochuu qabdan

Akka tasaa hirriiba irraa dammaqxanii deebiitanii rafuudhaaf rakkattanii beektuu?

Oggeessoonni akka jedhaniitti taateen kun rakkoo namoota hedduutti. Furmaanni isaatiis salphaa miti.

”Yoo hirriibarraa damaquutti deebi’ee rafuu hin danda’u jettanii yaaduu eegaltu. Rafuudhaaf baayyee yoo yaadnuu fi yaalluutti ammoo carraan hirriiba dhabuu keenya ni dabala” jedhu.

Furmaanni isaa rafuudhaaf yaaluu osoo hin taane damaquudhaaf murteessuudha. Rafuudhaaf yaaltanii hirriiba dhabuurra akka hirriibni karaamataa isaatiin dhufuuf dhiisuun filmaata gaariidha jedhu.

”Fakkeenyaaf, akka hin cabaqne yoo yaalluu caalaa cabaqna. Amala tokkoo cimsachuudhaaf ammoo karaa uumamaatiin akka dhufuuf hayyamuuf qabna,” jedhu oggeessi kun.

Hirriiba gaarii argachuudhaaf yeroo hunda sa’aatii walfakkaatuutti rafuu fi ka’uun ni gorfama.

Yeroo hunda bakka tokko rafuun ammoo sammuun hirriibaafi bakkiicha akka walitti hidhuuf ni taasisan.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top