Walaloowwan sirba Galaana Gaaromsaa guutuusaa ta’uu baatus, irra caalaa isaa mee xiqqoo irraa qaaccessa. Kun ilaalchakoo, hiikkoo mataakooti malee, kan weellisaa kanaas ta’u nama biraa dhiisuu mala. Kanaaf, yoo ani dogoggore gara biraatti quba hinqabiinaa!
Filannoo iddoo weelluu kanaa kaleessa galgala waan gabaabduu irraa dubbadheera. Fakkii, yeeyyii, qeerransa, naacha, gugee(handarii) faatu ture bakka sirbi kun itti waraabame. Kanaaf, akkan hubadhetti waan akeekeen turee, isinimmoo narra bal’isaa ilaalaan jedha! Lencho Fikru Kenea qajeelchaa sirba kanaati; innis beekumsaafi saayinsii jabaan akka qajeelchen hubadhe! gara walaloo sirbaatti;
“Karra shaniinan itti ol seenaa
Galma qabsoo qe’ee warra seenaa”
Finfinnee karri shan, galmi qabsoo bakka kana akka taateefi lafattiin lafa seenaa akka taatee eewu jalaallee dhokataa miti.
“Natti sirbuudhaaf haaddatti nyaara
Nan sirba seetemoo sirnan ijaaraa” jedhe, Galaanaan.
Yeroo ati hojiitti jirtu, namoonni immoo waan taphattu yokaan qoostu isaanitti kan fakkaatu argitanii beektuu? nibeektu. Namni yeroo Galaanaan hojiitti jiru, kana itti sirbuuf jedhu kun nyaara haaddattee, kan safuu hinbeekne wayiiti. Galaanaan “Natti” jedhee, bakka of haabuusuyyuu malee, yeroo oromoon sirna isaa ijaarratu warri safuu hinbeekne, tapha itti fakkaatu akka jiran akeeka natti fakkaata.
“Daangaan Lafaa bar gamaaree?
Haati dhiiraa way lamaaree?” Jedhe.
Kan dhiira deessu tokkuma. Garuu, “garaan haadhaa burreedha” waan buburree /addaa addaa/ gootni, lugni,….arginu kana haati tokkuma. “Dhaloota hinbanne dhalatee bada..” jedhu.
“Walirratti uume; waliif nu uume
Mormi mataa dadhabaaree?”
Erga waliin, waliif uumamnee wal hindadhabnu jechuusaati. Mormiifi mataan maal akka waliif ta’an takkaa mataamakeef mormakee ilaali. Waliin, waliif uumamne wal dandeenya jechuusaati natti fakkaata.
“Yoo waloomtan fala baatani
Harka dhiigaan galaa hin nyaatani…”
Gumaan osoo araaramee, gumaa hinfixatiin waliin hinyaatu.
“Yoom dadhabne karaan dheeratee
Yoo dabellee lafeen meelatee
Xannachi yoom tiruu dhuunfate?”
Daandii dheeraan deemamus, hindadhabne osoo hinjedhii kan asiin ga’an jiru. Garuu, namni (lafeen) daandiirraa ka’e jira, kan miidhame (meelates) jira. Kaan dabus, kaannmiidhamus, daandiirraa kan hin goriin as ga’e jira. Xannachi(farri,diinni) tiruu hindhuunfanne. Tiruun aanteedha; rakkoon meeqa mudatuyyuu xannachi xiqqoon waan qulqulluu hindhuunfanne jechuudha fakkaata.
“Hololaniif takkaa hinsarminee
Itti adeemaa jirra cichinee”
Hololli mana oromoo (qabsoo oromoo) irratti akkam taasifamullee, duubatti hindeebine. Warri ciche itti deemaatuma jira jedha fakkaata.
“Duraanuu, edaanuu sababni miidhamakootii
Miidhagakeeti…
Sababni miidhama keenyaa
Miidhaga keenyaa…”
Wal qoqqoodinsi jiraachuu qeeqa. Yeroo ani miidhamu ati miidhagdee deemta, kun immoo diinaaf nusaaxileera waan jedhu fakkaata. Waliin miidhaguu-waliin miidhamuutu gaariidha jechuusaati natti fakkaata.
Miidhama oromoof sababni immoo miidhaguma isaatii jechuuf fakkaata. Waan diinni oromoorratti wal ga’eef, waan marasaa kana ilaaleeti. Ijatti tole; itti miidhage; irraa nyaatee, dhugee arge. Kana mi’eeffatee waan ciniine lakkisuurra irratti du’uu filataa jirti.
“Dafqakoo xuruurseen fide
Waan ormaa hinfeenu dide”
Kan koo waanannhojjedhe malee, waan namaa(ormaa) hinfedhu jechuudha. Namuu waan itti dafqe haanyaatu malee, waan hin hojjetiin nyaachuun sirrii miti jechuu fakkaata.
“Duraanuu wayyaa harcaasanii funaanu
Yoo gamtooman diinarra aanu..”
“Kan taa’ee dadhabe dhangalaasee funaanaa” jedhu. Gadi naqanii deebanii funaanuuf rakkachuun aarsaa akka qabu akeekaa jira. Waan akkasii immoo gamtaan irra aanu jedha.
“Ijaarra jennaan riqicha diiga
Sirni jarreenii duubatti fiiga…”
Ijaaruuf yaallus, waan irra ce’amu riqicha(Oromiyaa) diiguu filate, sirni jaraa isa riqicha biyyattii diigu malee ijaaru mitii jechuudha. Sirna durii deebisuuf fiigu jarri. “Seenaa abboota keenyaa deebifna” jetti.
“Xannachi hinbeektu waan hidda dhiigaa
Nutoo ol yaanaa jarri gadi fiiga”
Jarri biyya kanaaf xannacha. Waa’ee hidda dhiigaa waan beektu hinqabdu. Hiddi dhiigaa cituun, lubbuun baate jechuudha. Hiddi dhiiga biyya sanaas Oromiyaa natti fakkeesse. Jarri xannachi waan oromiyaa kana hinbeekne jedhe fakkaata Galaanaan. Akkasuma ta’ees, miidhamaa taanus ol deemaa jirra, jarri badisatti deemaa jirtii jechuuf fakkata. Akka dubbii harree boollatti kuftee, akkaataa itti boolla sanaa baateen wal natti fakkaate.
“Riqicha diigaa galaana hinceetu
Godaannisakoos madaadha hinseetuu”
Oromiyaa diigaa bakki geessu hinjiruudha. Waan kaleessa nu miites, miidhamadha hinseetudha. Waan nudhukkubu, waan argamu itti hinfakkaatu.
“Inni isin nyaate nuufoo gugguufaa
Bor nu ciniinuuf har’a nusuufa…”
Kan dhaloota nyaate, nuunis nyaachuuf deemaa; kun immoo nu ciniinuuf nu suufaa jiraa jedha.
“Mormaan sirbuunkoo kaayyoonya
Laayyoodha seetee?”
sirba mormaa, mormi asiif achi naanna’ee, waan hunda kan hojjetu isa. Amma yeroo mormaan hojiitti jirru kanatti waan salphaa sitti hinfakkaatiin, kaayyoomaaf jechaa jedha. Tarii mormaan sirbaa kan jiru kana qaama ta’e waan akeeke natti fakkaata.
“Diigeem jiruukoo
Dhabeem tiruukoo
Waanan fayyaa qabu seetee
Natti haasofta akka feete..”
Tiruu (namasaa) dhabuun jiruunsaa hangam akka jeeqame hima weellisaan kun. (Haacaaluu) Erga jiruunkoo jeeqamee, namakoo ergan dhabee, waanan fayyaa qabu seetee naan dubbattaa? jedha.
“Natti haasofta akka feete”
Jeeqamuufi dhabamuu tiruukoo akka carraatti fayyadamtee akka barbaadde nagootaa, waan feete haasaa daangaa hinqabne natti haasoftaa!
Walumaagalatti ergaa xixiqqaa fayyadamuun ergaa guddaa gamtoomuun akka barbaachisu dhaameera jedheen hubadhe. Gamtoomuun araara ta’uu mala, mufannaafi walta’uu qaamota galma tokkoof qabsaa’anii ykn hojjetanii ta’uu mala jedheen fudhe!
Gabaabsee kana natti fakkaata!
Qopheessaan: Wabii Xilaahuun
Waan dubbistaniif galatoomaa!


