Faayidaa Qaaraa, Irdii, Jinjibilaafi Aanan Walitti Makanii Dhuguun Qabu!

Qaaraa ykn Qaccee

Qaaraan mi’eessitoota keessaa tokko ta’ee guutuu addunyatti kan beekkamuudhaa. Qaaraa osoo ishiin hin bilchaatiin corqaa isheetti ykn erga bilchaattee diimaattee goggoddee booda bifa barbarree tiin fayyadamuu dandeenyaa. Qaaraan qabiyyee fayyaa qaama keenyaaf barbaachisan hedduu of keessaa qabdii, sababa kanaaf mootii/ gooftaa mi’eessitootaas jedhamtee jirtii. Qabiyyeen kunneenis vaayitaminoota, albuudota, kompaawundoota garagaraa of keessaa qabdii. Faayidaalee qaaraa keessaa:-

  1. Dandettii dhibee dandamachuu/madinuummaa qaama keenyaa ni dabalaa, kanaaf dhukkuboota sirna haargansuu huban tokko tokko nurraa ittisaa 
  2. Sirna bullaa’insaa nyaataa akka si’aa’uu fi dabalu godhaa 
  3. Miira dhukkubbii tokko tokko ni hir’isaa 
  4. Fayyummaa ija keenyaaf hedduu gargaaraa 
  5. Ciminna/jabina lafee keenyaaf ni tolaa
  6. Fayyummaa gogaa keenyaaf ni tolaa, keessattuu akka gogaan qaama keenyaa dafee akka walitti hin butamne ni godhaa
  7. Ulfaatina qaamaa hir’isuuf ni gargaaraa 
  8. Carraa Kaanserii tokko tokkoon qabamuu ni ittisaa 
  9. Hamma sukkaara qaama keenya keessaa to’achuuf nu gargaaraa 
  10. Akka farra-keemikaalota qaama keenyaaf hin barbaachifneetti ni gargaaraa (anti-oxidant effect)
  11. Sammuun keenya akka si’aa’inna qabaatuu fi dhiphina hir’isuuf ni gargaaraa 
  12. Akka mi’eessituutti ni tajaajjilaa.

Qaaraafi irdii dabalatee mi’eessituun faayidaa fayyaa qabuu?

Qaaraa, irdii fi gosooti mi’eessituu kaan “humna dhukkuba ittisuu,” qaama keenyaa dabalatee bu’aa fayyaa baayyee akka qaban himama.

Mi’eessituun waggoota kuma tokkoo oliif qaama dhangaa keenyaa tahanii jiru- shayii keenyarratti jinjibila dabaluu irraa hanga nyaata keenya qaaraadhaan tolchuutti.

Yeroo dhihoo as garuu gosooti mi’eessituu gariin bu’aa fayyaa guddaa akka qaban himamaa jira.

Hilaarii Kiliintan yeroo duula na filadhaa bara 2016 geggeessa turte fayyaa ishee eeguuf jecha guyyaatti qaaraa tokko nyaatti jedhama.

Irdiin Eeshiyaa keessatti barootaaf nyaataaf fayyadaa ture amma kaaffee galeera. “Laattee warqee faakkaatu” qopheessuufis hojiirra oolaa jira. Yeroo koronaavaayirasii ammoo akka “sirna madiinummaa qaama keenyaa fooyyeessuun,” dhukkuba irraa nu eegaa jedhamaa ture. Dhuguma mi’eessituuwwan kunneen qaama keenyaaf faayidaa qabu? Miidhaan isaanii hoo maali?

Faayidaa Fayyaa Qaaraa

Gosti mi’esssituu bal’inaan faayidaarra oolu qaaraa dha. Qorannoowwan baayyeen akka agarsiisanitti bu’aafi miidhaa fayyaa ni qaba.

Qaaraa keessa waan kaapsaayisiin jedhamutu jira, innis moolakiwuliiwwan qaama keenya keessa jiran wajjin yeroo walitti dhufu gara sammuu keenyaatti ergaa dabarsuun miirri gubuu akka nutti dhagahamu godha.

Qorannooowwan gariin inumaa waan qaaraa keessatti argamu kuni umrii dheeraa akka jirannu gargaara jedhu.

Qorannoon bara 2019 Xaaliyaanitti geggeefame namootni torbeetti nyaata qaaraa qabu nyaatan warra tasuma hin nyaanne irraa du’aaf saaxilamuun isaanii xiqqaa dha jedha.

Bara 2015ttis akkasuma qorattoonni Chaayinaa ga’eessota biyyattii 500,000 qaaraa nyaata isaanii irratti dabalan irratti qorannoo geggeessaniin namootni kunneen du’aaf saaxilamuun isaanii xiqqaatee argameera.

Kanneen nyaata mi’eessituun guyyaa guyyaatti sooratan kanneen torbeetti al tokko qofa nyaatanirraa saaxilama du’aa %14 gad aanu qabu.

“Bu’aawwan qorannoo baayyee nyaata mi’eessituu qabu soorachuun saaxilama du’aa gad aanaa akka qabu agarsiisu. Keesumaa kaansarii, dhukkuba onnee fi qaamolee hargansuu,” jedhan piroofeesariin sirna nayaataa Haarvaard damee barnootaa fayyaa hawaasaa, Luu Kii

Kana jechuun garuu yoo qaaraa baayyee yoo nyaachuu jalqabde yeroo gabaabaa keessattii dhukkuboota kunneen irraa si eega ykn ittisa jechuu miti. Bu’aan qorannoo kan agarsiisuu kan namoota jireenyasaaniittii yeroo dheeraaf namoota qaaraa sooratanii dha.

Kiin nama qaaraa nyaata isaa wajjin baay’inaan sooratuuf saaxilamni dhukkubaa xiqqaachuun waan qaaraa keessatti argamu kaapsaasiin irraa kan ka’e dha jedhan. Qorannoo isaanii keessatti dhimmoota kanneen akka umrii, saala fi kaan adda baasuuni bu’aa qaaraa kanaa kan ilaaluu yaalan.

“Wantootni mi’eessituuwwan keessatti argaman kanneen akka kaapsaasiin metaaboolizimii qaamaa fooyyeessuu hubanneerraa,” jedhan.

Qorannoowwan kaan akkasuma kaapsaasiin aannisaa qaama keenya keessaa gubnu akka hir’isuufi fedhii nayaata keenya akka hir’isuu agarsiisu.

Zuumiin shii Yunivarsiitii Kataaritti ogeessa sirna nyaataa namaa yoo taatu qaaraan furdina gara maleef saaxilamuu hir’isuufi dhiibbaa dhiigaa olaanaafis gaarii dha jetti.

Kana malees namoonni guyyaatti qaaraa g50 caalaa nyaatan rakkoo waan irraannfachuu qabu garuu kunneen warra ofiin muuxannoo isaanii qoodan waan tahe odeeffannichi guutummaatti amanuu dhiisuu dandeenya.

Miirri gubaa qaaraa nyaachuun booda dhufu waggooti dheeraaf saayintistoota raajefachiisaa ture. Qaaraan kan nu gubu biqiltuun kun dhukkubarraa of eeguuf jecha amala horateerraani.

“Biqilooti kunneen yeroo jijjiirama tirataa keessa darban dhukkubarraa of eeguuf hadhaa ykn gubaa tahani, of eeguudhaaf yeroo summaa’aa tahanidhayyuu kan wayyuuf,” jedhu Kiriiteen Biraandiit barsiisaan sirna nyaataa namaa Yunivarsiitii Niiwkaasil UK irraa.

Biqilooti kunneen walumaagalatti nurra ilbisootarratti miidha qabu jedhu. “summiin hanga xiqqoo kana kaaffeenii faa metaaboolizimii qaama keenyaa fooyyessuu akka dammaqnu nu godha,” garuu baayyee fayyadamna taanaan qaama keenyaaf gaarii miti.

Bu’aa Fayyaa Irdii

Mi’eessituun biraan fayyaa dhala namaaf faayidaa akka qabu himamu irdii dha. Kunis moolakiwulii xixiqqoo kaarkamiin kan irdii keessatti argamuurraan kan ka’e dha. Dhiphina sammmuu dabalatee dhukkuba garagaraa yaaluuf oola.

Haa tahu malee irdiin kuni bu’aa fayyaa addaa qabaachuusaaf ragaan gahaan hin jiru. Qorannoowwan baayyeen kaarikamiin irdii keessatti argamu laaboraatoorii jalatti yoo ilaalamu farra kaansarii tahee mul’ateera haatahu malee laaboraatoriin qaama namaarraa adda.

Qorattoonni kaan irdiin bu’aan fayyaaf qabu gad aanaa tahu himaniiru, bu’aan qorannoo abdii qabu kan argame jinjibila irraa yoo tahu qaamni keenya loluuf yeroo rakkatu ni gargaara.

Biyyoota lixaa keessatti mi’eessituuwwan kunneen qorichummaaf fayyadamuuf fedhii guddaatu jira. Dur mi’eessitoonni humna fayyisuu qabu jedhamee yaadama ture jedhu barsiisaan seenaa Yunivarsiitii Yeel Pool Firiimaan.

“Mi’eessituun nyaata gogaa, qorraa fi gubuu wal madaalchisuuf faaydaarra oolu ture,” jedhu Pool fakkeenyaaf qurxummiin qorraafi jiidhaa dha jedhamee yoo yaadamu mi’eessituun ammoo googaafi gubaa dha.

Nyaata haala kanaan wal madaalchisuun nyaatanii akka qorichaatti fayyadamuun Hindii keessatti yeroo dheeraaf faayidaarra oolaa tureera.

Piroofeesariin gargaartuu Yunivarsiitii Mineesootaa Kiriistiin Neelsan irdiin faayidaa fayyaa guddaa qaba jedhamuun biyyoota lixaa keessatti akka haaraatti himamuun booda qoratte.

“Qorattoonni irdii kana seelii irratti dabaluun maaltu akka uumamu ilaaluuf yaalaniiru,”

Haa tahu bu’aan qorannoo Kiriistiinillee waan irdii keessatti argamu kaarkimuniin takkaa mar’immaan keessatti daakamnaan qaamni keenya itti hin fayyadamu sababaiinsaas mar’immaan qal’aa keessatti akka salphaatti waan hin hafneefi of geeddaruun pirootiniitti waan makamuuf qaamaaf badaa waan fayyadu miti jetti.

Mi’eessituu foon fa’i irratti dabaluun bu’aansaa foonichi akka hin alaane gochuuyoo tahu faayidaa fayyaas kan argannuu waan nuti wajjin nyaannurraati jedhe qorattoonni baay’een.

Faayidaa Jinjibila Irdii Waliin Dhuguun Fayyaa Keenyaf Qabu

Jinjibilaa fi irdii walitti makame dhuguun amaloota farra inflammatory fi antioxidant humna guddaa qaban irraa kan ka’e faayidaa fayyaa hedduu qaba. Faayidaawwan argachuu dandaʼan tokko tokko kunooti:

  1. Kulkula ni hir’isa

Jinjibilaa fi irdiin lamaan isaaniiyyuu farra inflammatory ta’uun beekamu. Mallattoolee haalawwan inflammatory yeroo dheeraa kan akka arthritis fi dhukkubbii lafee salphisuuf gargaaruu danda’u.

  1. Sirna ittisa qaamaa ni guddisa

Irdiin curcumin kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis amaloota ittisa qaamaa kan guddisu yoo ta’u, jinjibilli ammoo infekshinii ofirraa ittisuu fi deebii ittisa qaamaa cimsuuf gargaaruu danda’a.

  1. Bullaa’insa nyaataa ni fooyyessa

Jinjibilli dhiita’uu, garaa kaasaa fi nyaanni bullaa’uu dhabuu hir’isuuf kan gargaaru yoo ta’u, irdiin ammoo hojii tiruu kan deeggaru yoo ta’u sirna bullaa’insa nyaataa fayya qabeessa ta’e akka qabaatu gargaara.

  1. Fayyaa Onnee ni deeggara

Wantoonni kunniin hamma kolestroolii badaa gadi buusuuf gargaaruu fi marsaa dhiigaa fooyyessuudhaan carraa dhukkuba onnee hir’isuu danda’u.

  1. Fayyaa Gogaa ni guddisa

Antioksidaantoonni jinjibilaa fi irdii keessa jiran dhiphina oksijiinii hir’isuuf gargaaruu danda’u, kunis gogaa fayyaa fi ifa ta’e argamsiisa.

  1. Dhukkubbii ni hir’isa

Jinjibila dhukkubbii maashaalee hir’isuuf bu’a qabeessa yoo ta’u, irdiin haala dhukkubbii yeroo dheeraaf gargaaruu danda’a.

  1. Gargaarsa Ulfaatina qaamaa to’achuu

Lamaanuu jireenya fayya qabeessa ta’een yoo walitti makaman meetaaboliizimii akka guddisu fi ulfaatina qaamaa hir’isuuf akka gargaaran amanama.

  1. Hojii Sammuu ni guddisa

Kurkumiin turmeric keessatti argamu yaadannoo fooyyessuu fi carraa dhukkuboota niwuroodegenereeshinii hir’isuu kan danda’u yoo ta’u, jinjibila ammoo hojii hubannoo ni deeggara.

  1. Sadarkaa Sukkaara Dhiigaa Madaala

Walnyaatinsi kun sukkaara dhiigaa to’achuu fi miira insuliinii fooyyessuuf gargaaruu danda’a.

Akkaataa itti Qophaa’u

  • Bishaan ho’aa bircuqoo 2
  • Irdii fal’aana shaayii 1/2
  • Jinjibila dakame fal’aana 1/2

Filannoo: damma, loomii, ykn burtukaana itti dabaluun

Qajeelfamoota:

  1. Bishaan eega danfee irdii fi jinjibila itti dabaluu.
  2. Daqiiqaa 5-10f haa danfuu.
    Wantoota akka damma itti dabaala

Shaayii kana guyyaatti si’a 1-2 dhuguun faayidaa guddaa argatta. Haa ta’u malee, yoo haala fayyaa bu’uuraa qabaattan ykn qoricha fudhattan, irdii fi jinjibila wal-nyaachuu waan danda’aniif, ogeessa fayyaa mariisisaa

Faayidaa Irdii Aannan Waliin Dhuguu

Faayidaa Irdii Aannan Waliin

  1. Fayyumma Sammuu Keenya Dabaluuf
  2. Tiruu keenya Qulqullessuf
  3. Dhukkubbii Lafeetif
  4. Kaanserii Nurra Ittisuuf
  5. Dhukkubii Marsaa Laguutif
  6. Ulfaatina Qaama keenya Sirressuf
  7. Bareeduma Gogaa Keenyatif
  8. Feedhii Nyaata Dabaluuf
  9. Dhukkubii Mataa/Bowwoof
  10. Hirribaa Gahaa rafuuf
  11. Qufaaf/Utalloof
  12. Dhiiga Qulqullesuf
  13. Dhukkuboota Somba Nurra Ittisuuf
  14. Nyaanni Akka nuu Daakamuuf

Akkamitti fayyadamna?

  1. ✍Irdii fal’aana 1 qophessa
  2. ✍Aannan kubbayya 1 ykn 120ml qophessa
  3. ✍Biishan siini tokko itti dabaluun wal irratti danfisaati dhugaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top