Dhukkuba Simbiraa

Dhukkuba Simbiraa/Tiruu Fi Nyaata Tiruu Keenyaaf Barbaachisan
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
Qaamni keenya jiraachuu fi hojii isaa sirritti hojjechuuf tiruun fayyaa qabaachuun akkaan barbaachisaadha. DalagaanTiruu madaala sirnoota qaama keenyaa hunda eeguudhaa.Tiruun keenya miidhamnaan qaamni biroo hojii isaa hojjachuu fi madaalli qaamaa eeggamuu hin danda’u.

Faayidaan tiruu heddu ta’us isaan keessaa faayidaa gurguddoo 3 yoo ilalle, keemikaala magariisa ‘bile’ jedhamu kan nyaata daakuuf gargaaru uumuu, qaama keenya keemikaalotaa fi summii adda addaa irraa qulqulleessuu fi fedhii anniisaa qaama keenyaa guutuuf, gilukoosii uumuu dha.

Tiruun hojiiwwan murteessoo ta’an hedduu kan hojjetu yoo ta’u, isaanis dhiiga calaluu, dhangala’aa hadhooftuu uumuun bullaa’insa nyaataa gargaaruu, gubata soorataa (metabolism) gochuu, anniisaa kuusuu fi wantoota miidhaa geessisan kan akka summii balleessuu dabalata. Akkasumas dhiigni akka qixa barbaadamuun dhangala’u, baay’ina dhiigaa to’achuu, akkasumas wantoota adda addaa kan akka vitaaminii fi ayirenii qopheessuu fi kuusuu keessatti gahee qaba.

Tiruun keenya sababoota adda addaatiin miidhamuu dandeetti. Isaan keessaa dhugaatii alkoolii, vaayirasii tiruu, kaansarii tiruu ykn miidhaa qorichoota adda addaa irraa dhufuun miidhamuu dandeetti.

Tiruun keenya yoo miidhamte dalagaa ishee idilee dalaguu hin dandeettu. Dalagaa tiruu keessaa inni ijoon keemikaalota hin barbaachifne dhiiga keessaa qulqulleessuudha. Yoo tiruun miidhamte keemikaala kana dhabamsiisuu waan hin dandeenyeef keemikaalonni tiruu keessa seenuun gara dhiigaatti faffaca’u. Haalli faffaca’uu keemikaalotaa kun dhukkuba simbiraa(jaundice) fi tortoruu tiruu(liver cirrhosis) fiduu danda’a.

Dhukkubni simbiraa(gaundice) kan uumamu, keemikaalli ‘bilirubin’ jedhamu kan dhiiga keenya keessatti argamu hammi isaa dabaluun tiruu keessa seenee gara dhiigaatti faffaca’uun kan uumamuudha. Bilirubin wanta keelloo ta’ee fi adeemsa idilee tiruun keenya seelii dhiiga diimaa dulloome burkuteessuun dhabamsiisuutiin kan baduudha.

Yoo tiruun keenya fayyaa ta’e keemikaala bilirubin kana ni balleessa. Yoo tiruun miidhamte keemikaala kana dhabamsiisuu waan hin dandeenyeef tiruu keessa seenuun gara dhiigaatti faffaca’a. Haalli faffaca’uu keemikaala kanaa kun dhukkuba simbiraa(jaundice) fiduu danda’a.

Dhukkubni simbiraa kun gogaan keenya akka daalachatuufi ijji keenya keelloo akka ta’u taasisa.
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯

Mallattoolee Dhukkuba Tiruu (Simbiraa)
~~~~~

  1. Nyaata jibbisiisuu/fedha nyaataa dhabuu
  2. Qaama nama dadhabsiisuu
  3. Hafuura kutuu/harganuu dadhabuu
  4. Lafti namaan maruu/magartoo
  5. Ija/nyaara irratti nama ulfaachuu
  6. Ija keelloo/boora gochuu
  7. Qaama hoo’isuu/qaama fuursuu
  8. Nyaanni laphee irratti ulfaachuu
  9. Nyaanni dafee daakkamuu diduu
  10. Lolloojjessuu/hooqqifachiisuu
  11. Fincaan bifa jijjiiruu/daalchatuu
  12. Qomaafi qoorrara gubuu ykn hoo’isuu
  13. Gogaaan namaa daaraa dhaluu
  14. Laphee irratti waan akka bishaanii kuufamuu.
  15. Qaama keenya gara mirgaatiin woraansa qabaachuu.

Faayidaa barbaachisaa tiruun qabu yoo ilaalle, fayyaa isaa hordofuun guutummaa fayyaa qaama keenyaaf barbaachisaa dha. Nyaanni gaariin, sochii qaamaa fi hirriba gahaan fayyaa tiruutiif baayyee barbaachisoodha. Alkoolii fi buna garmalee dhuguun fayyaa tiruu keenyaa balaadhaaf saaxila. Yeroo tiruun keenya dhukkubsatu dhukkubbiin kun kutaalee qaama keenyaa hedduu keessatti calaqqisa. Dhukkuboonni tiruu kanneen baay’inaan mul’atan cirrhosis, dhukkubs cystic , cooma qabaachuu tiruu, cirracha hadhooftuufi hepatitisidha. Hepatitis gosa 5tu jira. Isaanis Hepatitis A, B, C, D, fi E dha. Isaan keessaa infection cimaa uumuu kan danda’u Hepatitis B dha.

Hepatitis B, dhukkuba hamaa yeroo dheeraa dhiiga keessa turuu fi dhukkuba tiruu namaa haalaan miidhuu dha. Dhukkubni kun gosa dhukkuba vaayiresiin dhufuudha. Dhukkubni kun addunyaa guutuu irratti bal’inaan mul’ata, keessattuu biyyoota guddachaa jiran keessatti.

Sababa mallattooleen isaa dhokatuuf ykn osoo hin mul’atin nama keessa turuuf, dhukkubni kun salphatti namatti hin beekamu, usuu hin baramin namootatti haala salphaan tatamsa’a. Kanaaf, of-eeggannoo gochuu fi yeeroo yeeroon qoratamuun dhukkuba kana ittisuu keessatti gahee guddaa qaba.

Dhukkubni kun yeroo baay’ee mallattoo hin mul’isu, garuu yeroo tokko tokko mallattoolee asii gadii kanneen agarsiisu danda’a:

  1. Dadhabina qaamaa fi fedhii nyaataa dhabuu
  2. Garaachaa irratti nyaanni nama ulfaachuu fi cinaa mirgaan tiruu irratti dhukkubbii namatti dhagayamuu.
  3. Ijji fi gogaan keelloo ta’uu
  4. Fincaan daalacha ykn gurraacha ta’uu
  5. Humni dadhabuu
  6. Fedhii nyaataa dhabuu
  7. Cinaacha mirgaa jalaan woraanuu
  8. Garaa iitessuu
  9. Mataa irratti ulfaachuu fi kkf.

Tiruu kee yeroo hunda yoo kunuunsite jijjiirama fayyaa kee irratti mul’atu ni argita. Yoo tiruun kee miidhamuu ishii agarte daftee yaalamuun carraa lubbuun jiraachuu kee ni dabala.

Namoota Dhuibee Dursanii Ittisuu Barbaadaniif, Karaaleen fayyaa tiruu kee ittiin eegachuu qabdu:

➫ alkoolii dhuguu dhiisuu,
➫tamboo xuuxuu dhiisuu,
➫nyaata tiruu dagaagsu kan akka qullubbii, firii wayinii, bishaan abaaboo, avokaadoo, loomii moriingaa fi guyyaa guyyaan shaayii magariisaa kubbaayyaa lama ykn sadii dhuguu.
➫nyaata vitaamin C of keessaa qabu nyaachuu,
➫ soogidda fi foon dhiisuu
➫guyyaa hunda sochii qaamaa gochuu. ➫miillaan deemuu, bishaan daakuu, fiigicha salphaa gochuu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top