Wal irraa fagoodha!
Tusiidha fi hurruma
Dhalachuuf dulluma
Silgaa fi baakkudha
Teepha fi taakkudha
Daabboo fi bulluqa
Utaalcha fi hulluuqa
Fardaa fi lafoodha
Bogee fi kofoodha
Boo’ichaa fi sirba
Mixiidha fi arba
Ifaa fi dukkana
Gubaa fi qabbana
Dachii fi samiidha
Arguu fi hamiidha
Lagaa fi Sulula
Tabbaa fi dhundhula
Waluma cinaallee margu
Fagoodha waluu hin argu!
tilmaama haa keenyu
Jarri kuni lamaan eenyu?





