Hireen Eertiryaa, hiree Yuukireen ta’uuf carraan jiru baldhaa ta’uu akka malu beektuu?

Hireen Eertiryaa, hiree Yuukireen ta’uuf carraan jiru baldhaa ta’uu akka malu beektuu?

Laali Yuukireen biyya Dargaggeetti ganna 34ti. Eertiryaan immoo biyya ganna 32 ti.

Yuukireen bara 1991 diiggamuu Seeviyeeti Yuuniyeen booda murtee sagalee uummataan Raashiyaa irraa cittee biyya taate. Ergasii amma ganna 34 ta’eera.

Raaashiyaan qaama isii durii kana fayidaa biyyaalessa isii keessatti tiksiti. Naannolee qabeenya uummamaafi bakkeewwan tarsiimoo diinagdeefi siyaasaaf barbaaddu guyyaa barbaadde kaatee Yuukireen irraa fudhatti.

Akka fakkeenyaatti bulchiinsa Kirimiyaa bakka tarsiimawaa daldalaaf akkaan barbaachisu osoo addunyaan argituu bara faranjootaa 2014 Yuukireen irraa humnaan fudhatte.

Raashiyaan birmadummaa Yuukireen fayidaa biyyaalessa isii keessatti xiyyeeffannaa waan hordoftuufi murteewwan Yuukireen hunda of-eeggannoon ilaalti. Fknf bara faranjootaa 2022 Yuukireen miseensa Biyyoota NATO (North Atlantic Treaty Organization) ta’uuf yaaddee turte.

Raashiyaan murtee kana akka balaa biayyaalessa isiitti waan hubatteef Yuukireen irratti weerara raawwachuun ija addunyaa duratti birmadummaa Yuukireen sarbite.

Ergasiis guyyoota lolaa 1310 laakkosiisuun bulchiinsota Yuukireen gurguddoo 4 too’annaa Raashiyaa jala galchitee jirti.

Amma naannoleen bulchiinsa Yuukireem qabeenya uummamaa jajjabaa qabdu kanneen akka Dooneetsqii, Luhaaniskii, Zaapoorizhizhiyaafi Kiheerisaan faati bulchiinsa Raashiyaan too’atamaniiru.

Biyyoonni waraana NATO, Ameerikaa, Gamtaan Awuroppaa, Dhaabbanni Moorummoota Gamtoomanii, Michuuwaan Yuukireen, biyyoonni lixaafi seerri addunyaa Paakeejjii qoqqobbii dadatbachuu male Yuukireen balaa kana jalaa hin baraarre.

Raashiyaan kana ija jabaattee kan gooteef Yuukireen akka qaama isii duriitti waan ilaaltuuf.

Eertiryaan immoo bara faranjootaa 1993 Sagalee uummata Eertiryaan Itoophiyaa irraa adda baate. Ergasii waggaa 32. Isaayyuu sagalee uummataa Mootummaa “Legitimacy” qabuun hin eeyyamamne.

“Referendum”n Eertiryaa hogganoota garee Ficiltoota gammoojjii keessatti lolaa turan isaayyuu hiriyyoota qabsoo fayidaa irratti wal lolan giddutti raawwatame.

Filannoon sagalee uummataa sunis haala amansiisaa hin taaneen Yaada “Garbummaafi Bilisummaa” jedhamee dhiyaate lamaan keessa tokko “filadhaa” jedhamee raawwatame. Kun waan haqa qabaatii miti. Uummanni garbummaa filatu uumammaan hin jiru. Silaa akka seera “Referendum”tti filannoo 4 dhiyaatuu qaba ture. Innis “Unity, Federation, Confederationfi Freedom” ta’uu qaba ture.

Kunis ta’ee Eertiryaan fedhii hiriyoota lamaanii Mallas Zeenaawii fi Isayaas Af-worqiin Itoophiyaa irraa cittee “an biyya” ofiin jette.

Kana hordofuun fayidaan biyyaalessa Itoophiyaa haala hin taaneen balaaf saaxilame. Itoophiyaan murtee shiftoofa lamaaniin biyya handaara galaanaa hin qabne (Landlocked) taate.

Darbitee daangaa Itoophiyaa ifatti weeraruun lola labsite. Ergasii amma ganna 32. Itoophiyaan qaama isii durii kana waan Raashiyaan Yuukireen goote godhuu dandeessi turte. Garuu hin goone. Ofiif miidhamtee ganna 32 guutuu handaara galaanaa irraa fagaatte. Amma hoggansa Muummicha Ministeeraa FDRE Dr. Abiy jalatti galaanatti na baasaa jettee dubbatte.

Argiteeree? Biyyi nama isii bulchu fakkaatti! Yuukireen iyyuu biyyi karaa seeraa. Raashiyaan adda baate akkasi taatee Eertiryaa biyyi duuriyyee fayidaa irratti wal lolteen Itoophiyaa irraa adda baate birmadummaan isii hagam turuu mala?

Boruu Meshiitin

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top