- Qatar xiyyaara qaalii doolara miliyoona 400 baasu Tiraampiif kennite
Amma qondaalonni olaanoo Ameerikaa kennaa hanga doolaara 480 baasu fudhachuu danda’u.
Pirezidaantonni duraanii erga soorama bahanii mana kitaabaa fi muuziyeemii dookimentoota adda addaa qabate banuun uummataaf banaa taasisu.
Tiraampi xiyyaara gatii qaalii hanga doolaara miliyoona 400 baasu Kaataar irraa fudhatan muuziyeemii isaaniif godhu jedhame.
Dhimmi kun garuu falmii guddaa kaasuun akka qoratamu jedhamee ture. Tiraampi garuu kennaa hagas gahu naaf dhiyaatee “lakki lakki! hin barbaadu akka jedhu feetuu?” jedhe.
“Namoonni baay’een maaliif kennaa kana fudhatta naan jedhu. Nuyi nama hundaaf kennaa oolla. Yoo akkas tahe sababa maaliifan ani kennaa kana hin fudhadhu? Rakkoon isaa maali?” jedhe.
Pirezidaantonni erga muuziyeemii bananii kennaa adda addaa dhaabbilee fi namoota dhuunfaa irraa argataniin sochoosu.
Tiraampis xiyyaara kana muuziyeemii isaaf oolcha jedhamus, ogeessonni BBC dubbise garuu xiyyaarichi kallattiidhaan pirezidaantiif osoo hin taane, bulchiinsa Ameerikaafiyyuu kennamuu danda’a jedhan.
Hera biyyattii cabsu hin qabu jedhan. Ministirri Haqaa US, maaliif xiyyaara fudhachuun akka eeyyamamu qabxiilee ibsan baaseera. Garuu uummataaf ifa hin goone.
Pires Sekireteriin Waayit Haawus, Kaarooliin Leeviit, kennaan kun seera qabeessa tahuuf dhiisuu irratti gaafatamtee, “seera qabeessummaa isaa ilaalchisee irratti hojjetamaa jira, garuu kennaan mootummaa kanaaf godhamu hunduu akkaataa seeraa fi heera kabajeen tahuu qaba” jette.
Tiraamp qoqqobbii Sooriyaarra kaasan, hoogganaa biyyattii waliin wal arguuf

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp walgahii hogganaa Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa waliin akka taasisan eegamaa jiruun dura, Sooriyaa irraa qoqobbii akka kaasan himan.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp daawwannaasaanii Baha Giddu-galeessaatti taasisaa jiraniin hogganaa yeroo Sooriyaa ”nagaa gaafachuuf” waliigaluusaanii Waayit Haawus beeksiseera.
Qoqqobbii kaaasuu beeksiisuun kun magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqootti gammachuudhaan kan simatame yoo ta’u, dhukaasni gammachuu, shubbisaa fi ayyaaneefannaan dhaga’ameera.
Qoqqobbiin kun gargaarsa dabalatee faayinaansii biyya alaa kamiyyuu Sooriyaa akka hin geenye kan uggure yoo ta’u, jalqaba irratti mootummaa abbaa irree Baashaar al-Asaad pirezidantii amma aangoorraa kaafame irratti dhiibbaa uumuuf kan yaadame ture.
Pirezidantii Sooriyaatiif walgahiin har’aa Tiraamp waliinii jijjiirama ajaa’ibaa kan agarsiisuudha

Pirezidantii Sooriyaatiif walgahiin har’aa Tiraamp waliinii jijjiirama ajaa’ibaa kan agarsiisuudha.
Pirezidantiin haaraan Sooriyaa jihaadistii, Ameerikaan isa hidhuuf badhaasa doolaara miiliyoona 10 akka kennitu itti ibsite ta’urraa, Pirezidantii Tiraampiin harka wal fuudhuutti ce’eera.
Qoqqobbiin kun kan kaafame gareen al-Sharaa yeroo sana HTS jedhamun beekamu, erga Asaad Dirqiidhaan Sooriyaa keessaa baaseen booda, waadaa inni garee Islaamummaa jedhamuun loluudhaan mootummaa hunda hammate akka ijaaru galan irratti hundaa’uudhaan.
Ergasii as al-Shaaraa, keessumaa erga daawwannaa Faransaayitiin Pirezidantii Emaanu’eel Maakroon waliin wal arguuf taasisaniin booda, sadarkaa naannicha fi idil-addunyaatti milkaa’ina guddaa akka galmeessetti ilaalama.
Amma ammoo labsiin Ameerikaan qoqqobbii kaasuunshee diinagdeen biyyattii diigame Sooriyaa daran hammachuu irraa baraaruudhaan akka haaraatti jalqabuu ni gargaara jedhamee amanama.
Hedduunis, kaka’umsa al-Shaaraa fi deeggarsa naannoo abdachaa jiru. Kunis biyyattii deebisanii ijaaruuf maallaqni gara biyyaa akka galuu, akkasumas baqattootaa fi namoonni biyya keessaa buqqa’an miliyoonaan lakkaa’aman kanneen mannisaanii boombii Asaadiin barbadaa’e akka deebi’anii ijaaran ni hayyama jedhanii abdachaa jiru.
Haata’u malee, namoonni tokko tokko mootummaan al-Shaaraa amma haala mataasaatiin biyyattii bulchuu irratti hirkachuun, mootummaa hunda hammatuu fi bilisummaa hawaasummaa eeguu irratti waadaa gale dagachuu danda’a jechuun yaaddoo keessa jiru.
Humnootii mootummaa keessatti finxaalessitoonni tokko tokkoos bilisummaa hawaasaa yaaddoo keessa galchuudhaan, jireenya ummattoota nagaa irratti daangaa akka tasaa kaa’aa jiru.
Tiraamp Riyaadiitti Al-Shaaraa waliin wal argan

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Sa’ud Arabiyaatti pireezdantii ce’umsaa Sooriyaa Ahmaad Al-Shaaraa waliin wal argan jedha gabaasni magaalaa guddoo biyyattii Riyaad irraa argame.
Hoggantoonni Ameerikaafi Sooriyaa bara 2000 as yeroo jalqabaatiif wal arganiiru.
Haata’u malee, wal arguun dureewwan biyyoota lamaanii kanaa, waajjirri Tiraamp kaleessa ”harka fudhanii nagaa dhaamudhaaf qofaaf” akka ta’u ibse jira.
Gabaasa biraatiin ammoo hogganaan Tarkiis walgahii Tiraamp fi Al-Shaaraa keessatti argamuu ibsan.
Pirezdantiin Tarkii, Resiip Taayip Erdogaan walgahii Doonaald Tiraamp, mootii Sa’ud Arabiyaa Mohaammaad Bin Salmaanii fi Ahmad al-Shaaraa gidduutti taasifame irratti kan hirmaatan karaa viidiyoo toora interneetiitiin ta’uu, dhaabbanni oduu Tarkii Anaadolu gabaaseera.
Tiraamp dursaan Sooriyaa Israa’el waliin hariiroo akka foyyeeffatan gaafatan

Amma waa’ee walga’ii Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, pirezidaantii yeroof Sooriyaa Ahmad Al-Sharaa, mootii Sa’udii Mohaammad Bin Salmaan fi Pirezidantii Tarkii Reesep Taayip Erdogaan gidduutti taasifamaa jiru irratti bal’inaan argachaa jirra.
Pirees Sekireetaarii Waayit Haawus Kaarooliin Leeviit akka jedhanitti, Erdogaanii fi Salmaan Tiraamp qoqqobbii Sooriyaarra kaa’ame kaasuunsaaniitti galateeffataniiru. Kan lammaffaas “jajjabeessadha” jedheera.
Bareeffama X irratti barreessiteen, Tiraamp Al-Sharaan ”biyya isaanii keessatti waan seena-qabeessa ta’e hojjechuudhaaf carraa guddaa qaba” jechuun itti himuu barreessiteetti.
Akkasumas, Sooriyaan waliigaltee Abrahaam, waliigaltee jalqabbii Ameerikaan durfamu fi biyyoonni Bahaa Giddu-galeessaa hariiroo Israa’el waliin qaban idileessuun akka mallatteessitu jajjabeessaniiru.
Waa’ee waraana Raashiyaa fi Yukireen, akkasumas waa’ee waraana Gaazaa irrattis mari’atameera jedhan Leeviit dabalataan.
Al-Sharaan hoggantootaan, Sooriyaan akka walitti dhufeenya daldalaa murteessaa bahaa fi dhihaatti tajaajiluu akka dandeessu abdii akka qaban himusaanii dabaluun barreesiteetti.

Gaaffiiwwan 5 Tiraamp Sooriyaaf Dhiyeessan
Tiraamp pirezidantii ce’umsaa Sooriyaa Ahmed al-Sharaa waliin wayita wal arganiitti, Tiraamp qajeelfama shan hogganaa kanaaf kennaniiru jedha barreessituu pireesii Waayit Haawus Kaaroolin Liiviit. Isaanis:
- Hariiroo Israa’el waliin qaban idileessuuf jecha waliigalteewwan Abrahaam akka mallatteessan,
- “Shororkeessitoota biyya alaa” hundi Sooriyaa keessaa akka gadhiisanii bahan itti himuu,
- Addatti ammoo, Tiraamp “Shororkeessitoonni Filisxeem” akka biyyaa ari’aman adda baasuun gaafatan.
- Garee Islaamummaa jedhaman deebi’ee akka hin kaane dhaabuuf Ameerikaan akka gargaatu,
- Akkasumas, toora walfakkaatuun, itti gaafatamummaa wiirtuuwwan tursiisaa garee kaaba baha Sooriyaatti argaman waliin walqabatan akka fudhatan gaafataniiru.
Waliigalteen Abrhaam dursaan Sooriyaa akka mallatteessan gaafataman maaliidha?

- Ministira dhimma alaa Baahireen bara 2020tti waliigaltee Abrihaam mallatteessuuf Waayiti Hawuusitti wayita argamaniitti
Hagayya 2020 keessa, bara aangoo Tiraamp jalqabaaf pirezidaantii turanitti ture kan Waajjira Ovaal Waayit Haawusitti argamu irraa waliigaltee Abrahaam kana beeksisan.
Waliigalteewwan, kan Tiraamp akka jaarsuummaatti gargaaran jiran kun, hariiroo biyyoota biroo fi Israa’el gidduu jiru idileessuu fi Baha Giddu Galeessaa keessatti nagaa argamsiisuuf kan qophaa’edha.
Labsichis “rakkoolee furuudhaaf karaa hunda caalaa gaariin tumsaa fi marii ta’uu akkasumas hariiroo michoomaa biyyoota gidduutti uumuudhaan dantaa nagaa waaraa Baha Giddugaleessaa fi addunyaa guutuu tarkaanfachiisadha” jedha.
Jalqaba irratti Baahireenii fi Yunaayitid Araab Emireetiin kan mallattaa’e yoo ta’u, Sudaanii fi Morookoon booda itti makamuuf waliigalaniiru.
Hariiroo Israa’elii fi biyyoota Arabaa gidduu jiruuf tarkaanfii guddaa ta’us, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 hordofuun, waraanni Israa’el Gaazaa keessatti geggeessite, biyyoonni biroo akka mallatteessan danqaa guddaa uumeera.
Tiraamp marii nagaa Yukireen fi Raashiyaaf gara Turkiitti imaluuf

Doonaald Tiraamp Riyaad irraa gara Dohaatti wayita imalaniitti, ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin gitni isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinis gara sana yoo imalan, dhimma waraana Raashiyaa fi Yuukireen irratti mari’achuuf gara Tarkii deemuuf fedhii akka qaban himan.
Pirezidaantiin Ameerikaa kun ‘yoon ani achii hin jirre’ Puutiin hirmaachuu fi dhiisuu isaa hin beeku jedhan.
Tiraamp “Achitti akkan argamu akka barbaadu nan beeka, kunis ta’uu danda’a. Osoo waraana kana xumuruu dandeenyee jedheen waa’ee isaa yaadaa ture,” jechuun dabalaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon marii nagaa Raashiyaafi Yukireen Tarkiitti guyyaa boruu gaggeeffamu irratti ni hirmaatu jedhamee akka eegamu, kanaan dura qondaalli Ameerikaa tokko ibsaniiru.
Tiraamp fi Mootummaa Kaataar Waliin Waliigaltee Hedduu Mallatteessan

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi Amiira Kuwaater Sheek Tamin Bin Hamad al-Thani waliin marii Doohaatti taasisaniin waliigalteewwan hedduu mallatteessaniiru.
Kanneen keessa dhimma daldalaa biyyoot lamaanii irraatti Daandiin Qilleensaa beekamaan Kuwatar xiyyaarota Booyingi 160 gara doolaara biiliyoona 200 oliin Ameerikaa irra akka bituuf walii galteen taasisan isa tokko.
Kana malees dhiyeessii fi bittaan diroonii MQ-9B jedhamu irrattis waliigalteewwan har’a raawwatameera.
Kana malees, tumsa ittisaa Ameerikaa fi Kuwatar gidduu jiru icimsuu fi dhimmoota tumsa biyyoota lamaanii barbaadan jedhan irratti walii galtee mallateessaniiru.
Lamaan isaanii haala addunyaa, waraana Yukireen, fi dhimmaa Iraan irratti mari’achuun isaanii ibsameera.
Marii isaanii kanas “hawwataa fi milkaa’u danda’u” jechuun ibsaniiru. Kanaanis “Hariiroo Kuwater fi US gidduu jiru sadarkaa guddatti ce’uu” hooggantootni kunneen kan ibsan.




