Sa’uudiin Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota 14 irratti uggura viizaa keette.
KAH: Caamsaa 31/2025
Sa’uudii Arabiyaan Lammiilee biyyoota 14 viizaa kennuu yeroof dhoorguu beeysistee, Biyyoonni kunneen Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa torba of keessatti qabatu.
Uggurri viizaa kun iyyannoowwan viizaa hojii yeroo haaraa fi kanneen hin xummuramne irratti kan ilaallatu ta’uu kan himamu yoo ta’u, dameewwan Sa’uudii Arabiyaa hojjettoota biyya alaa irratti hirkatan irratti dhiibbaa akka qabu himama.
Biyyoonni Afrikaa uggura kanaan miidhaman jedhaman Itiyoophiyaa, Masrii, Naayijeeriyaa, Aljeeriyaa, Suudaan, Tuuniziyaa fi Morookoo kan dabalatuudha.
Kana malees Biyyoota kanneen akka Indooneezhiyaa, Iraaq, Joordaan, Yaman, Hindii, Paakistaan fi Baanglaadeesh illee hammatamaniiru.
Uggurri kun biyyoota kanneen irratti dhiibbaa diinagdee guddaa akka qabu gabaafameera, sababiin isaas Sa’udii irraa humna namaa fi maallaqa guddaa argatu.
Viizaan bilookii kun hojjechiistonni Sa’uudii kootaa kanaan dura mirkanaa’e keessatti hojjettoota biyya alaa akka qacaran kan taasisuudha.
Mootummaan Sa’uudii uggura viizaa kanaaf sababa addaa kan hin ibsine yoo ta’u, tarkaanfiin kun hiree hojjettoota miliyoonaan lakkaa’aman balaadhaaf akka saaxilu danda’u xiinxaltoonni ni kaasu.




