Miciree Dubbii Sadan

Miciree Dubbii Sadan

Guyyaa tokko obboroodhaan namichi tokko Addababayii Soqraaxis barattoota isaa wajjin itti wal’argu fiigaa dhufe. Fiigichi somba isaa keessaa baasuu geessee jirti.

Arganaa, afuurri isaa ciccitaa, sagalee isaa oli fuudhee, “Barsiisaa, waayee namticha beektan tokkoo oduu ajaa’ibsiisaan amma dhagahe. Waanan dhagahe kana utuun isinitti himee, dhugaa Waaqaa waanticha hin’amantan,” jedheen.

Soqraaxis ogeessichi quba isaa ishee elmituu oli dhaabee, “Ilaa obboleesso, dubbii dhaga’een jira jette kana natti himuukeetiin dura mee qormaata (test) tokko haadalagnu. Ani qormaatiilee kanniin Gingilchaalee Dubbii Sadaanin” jedhaan.

“Gingilchaalee Dubbii Sadi’ii? ” jedhee deebisee gaafate namtichi haasan Soqaaxis bitaa itti ta’ee.
“Eyyee…” jedhe Soqraaxis.
“Waan dhageenye tokko dabarsinee nama kan biraatti himuu keenyaan dura, qabxiilee sadan kanniinin dubbicha madaaluu qabna. Dhugaa, Gaarummaafi Faayidaa dubbichaatiin..”

Soqraaxis bal’inaan qabxiilee tuqe ibsuu eegale.

“Gingilichaa Tokkoffaa: Dubbichi dhugaadhaa? Waanti ati natti himuf fiigaa dhufte kun guutuummaatti dhugaa tahuu isaa itti amantee jirtaa?” jedheen Soqraaxis namicha obboroodhaan oduu itti afuufuu dhufe sanaan.
Namtichi mataa hooqqachaa, “… Dhugaa tahuf tahuu dhabuu isaallee. ..jechuun aniyyuu nama biraa irraan dhaga’en…jechuun…” Arrabni namtichaa walxaxe. ..Waa dubbachuu hindandeenye.

“Hayyee…” jedhe Soqraaxis.
“Gingilchaa Lammeessoo: Gaarumaa ofi keessaa qabaa? Jechuun waanti ati natti odeessuf dhufte kun jireenya namticha isa ati waayee isaa natti himuu dhufte sanaa nitolchaa? Jireenya isaa oli ni’ijaaraafii? jedheen Soqraaxis.
“”… Jireenya namtichaa kan ijaaru illee natti hinfakkaatu,” jedhe namtichi.
“… Tole. Dubbiin ati natti himuu dhufte egaa; Dhugaa miti, Gaarummaas kan qabu miti.

Mee Gingilchaa Sadaffaadhaan immoo dubbicha haadhimbiibnu:
Oduun ati natti himuu dhufte waan fayyadu qabaa? Yoo anattis himte tahe ofiikeetii bulfatte dubbicha irraa bu’aa qabatamaan irraa argannu jiraa?” jedhee namticha mudde Soqraaxis.
Soqraaxis barsiisaa kabajamaa tahuu isaa waan beekuf namtichi Soqraaxisitti soba dubbachuu hindandeenye.
“…Bu’aan ni’arganna jedhee ani yaadu hinjiru. ..Garuu dubbiidhuma oofamaa jirutu nahawwatee jennaan isinitti himuu dhufe,” jedhe namtichi Soqraaxisin.

Soqraaxis seeqaa namtichaan akkas jedhe:

“Dubbiin ati natti himuu dhufte erga dhugaa hintahin, gaarummaa kan qabu erga hintaanee, itti dabalees faayidaa qabatamaan irraa argannu hinjiru erga tahee maaliif jettejettee dhuka hinqabne namoota birootti odeessuuf ganda keessa fiigidaree?” jedheen Soqraaxis namichaan.
Namtichi waan tokko illee Soqraaxisif deebisuu hindandeenye ture. Utuu oli jedhee ija Soqraaxis hinmil’atiin namtichi morma isaa gombisee lafa ilaalaa ka’ee deeme. Guyyaa sana irraas eegalee namticha jette jettee afarsuu nibalfe.

☆☆☆☆☆ ♡♡♡♡♡
Ogummaa Kanniin Sadan kudhaammadhu:
Waan dhageesse tokko nama biraatti afuufuu kee dura;

  1. Dubbichi dhugaadhaa,
  2. Dubbichi gasrummaa qabaa,
  3. Dubbichi faayidaa qabaa, gingilchaalee jedhaniin dhimbiibi.

☆☆☆☆
Waanti ati namatti himtu ulaagaalee kanniin sadan hinguutu taanaan callisuutu irra filtamaadha.
Sababni isaa; jechi hamtuun tokko limmoo dhibba caalaa nama madeessuu dandeessi.

IMMOO:

Ogummaa dhugaan waan nuti dubbannu irraa utuu hintahin waan nuti dubbachuu of qusanne keessaa madda !
(Dhaamsi kun dhugaa jiraataadha. Hiriyyoottan kee jaallattu haaqaqaabuf qoodi/share)
☆☆☆☆☆ ♡♡♡♡

Maddi: Art of Life

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top