Magaalaa Roobee Eentu Hundeesse?
Adda durummaan magaalaa Roobee kan bu’uressee fi hundeesse Abbaa Bokku Danboobaa fi Haaji Kormee Kimooti, isaan lamaanu wal duraa duubaan dhaloota garagaraa turan.
~~~~~~BU’UUREFFAMA(1880-1890)~~~~~~~~
Roobe kan bu’urefamte akka lakkoofsa faranjiitti naannawa bara 1880-1890 ti, Haala Roobe itti bu’urefamte mangudoonni yoo himan akkana jedhu. Roobeen dura gabaan guddoon naannawa sanii, gabaa ganda Abbakara Hambaqaa ta “Misra” jedhamtutu ture. Misra kiiloo meetira kudha lama Rooberraa gara kiibbaattti argamtti. Guyyaa tokko, namni maqaa isaanii Sayyid Haaji Alii Walee jedhaman, gabaa Misraa ta waare oo’ite dhufanii Ummataa gabaa jiruun: “Hambaqa waaree baanee, Roobetti eeyidi qixxeen Haaji Alii Walee” jedhanii ammaan booda gabaan misraa gara roobeetti akka jijjiramtu jedhanii murtii dabarsanii guyyama kana namoota gabaa dhufan hunda gara roobee kaasan jedhama. Abbaan bokkuu Walashee, Danboobaan Hawaasa Walashee heddu wajjiin, Ummata gabaa Misraa irraa gara Roobee yaa’u, laga Togona jedhamutti simatanii haga Robee wajjiin dhufan jedhama. Kanaan booda Roobeen “Roobee Roobaa torbaanii” jechuun waamamuu eegalte jedhama. Manguddoonni yaada “Roobee Roobaa torbaanii” kana bifa lamaan himu. yaada tokkoon, magaalaan Robee ganda torba Jiddutti waan dhaabatteef yoo jedhan yaanni lammataa, namoonni maqaan isaanii Roobaa jedhaman torba torbaaniin . roobetti walgahanii murtii kan dabarsan waan ta’eef, jechuun himama.
~~~~~HUNDEEFFAMA(1950-1960)~~~~~~~
Jalqaba jaarraa 19ffaa keessa daldaaltonni Arabaa biyya Yamanii lakkoofsaan heddu ta’an Ethiopia seenu jalqaban, hojii daldalaa gargaraa irrattis hiramaatanii hojjachuu jalqaban, baroota 1940 keessa akka Baaleetti Magaala ginnir Maati Araboota 10, fi Magaala Goobbaa maatii Araboota 20 tu jiraata ture, Araboonni Yamanii Duukaana(Suuqi) adda addaa banuun alatti hojiilee akka hodhaa uffataa,daldala foonii,wantoota midhaan nyaata,buna,gogaa beelladaa baalee irraa gara eddo biraatti erguu(exporting) irratti hirmaatanii hojjataa turan. Baroota san keessa Namoota alaa dhufan gitta bittoota nafxanyaa,koloneefattoota xaaliyaani fi daldaaltota yamenii keessaa kan sirriti ummataan walii galee jiraata ture Araboota Yamanii ture. Sababni isaas Araboonni Yamanii Afaan Oromoo baratan,ummata Oromoo Baalee mindeessanii wajjiin daldala irratti hirmaatan, ummataan walitti makamuuf dubartoota Baale fuudhan. Haala kanaan Araboonni Yamanii Ummata Oromoo Baale hojii daldalaa barsiisuu eegalan, dargagootaaf fakkii tahuu eegalan. Daldalttoonni Oromoos muraasni isaani magaala Roobe burqan hedduun isaani ammoo gandoota baadiyaa irraa burqan.
Oromoota Baaleef hojiin suuqii bananii daldaalu kun haarawa ture,daldaalttonni hedduun yeroo gabaaba keessatti abbaa qabeenyaa tahuudhaan humna isaani jabeefachuun Naannawa isaani haga Harargee,Arsii fi Finfinnee daldaalu jalqaban. Baale karaa waan hin qabneef meeshaa Finfinnee irraa bitan konkolaataadhan haga magaala Asallaa eega geessan booda magaala Asallaa irraa ka’anii agaarfaa keessa qaxxaamuranii haga magaala Roobee Gaangee irratti fe’udhaan fidu.Yeroon booda dirreewwan xayyaara Dalloo mannaa,Dirree Sheek Huseen fi El kerree irratti hojii jalqabnaan daldaaltonni qabeenya guddaa qaban xayyaaran gara finfinnee daldaluu eegalan. Bara 1962 keessa ijaaramuun karaa Goobbaa-Roobee-Shaashemannee fi bara 1963 tajaajilli geejjibaa atoobisi gara Finfinnee jalqabuun Daldaaltootaaf faayida oole. Daldaaltonni tokko tokko Magaala finfinnee Naannoo Markaattoo Bakka muslimoonni heddu jiratanitti mana ijaaratanii Finfinneetti galan. Akka fakkeenyaati Haajii Kormee Kimoo kaasuun ni danda’ama. Haaji Kormeen Abbaa Qabeenya Guddaa qabuu fi Daldalaa Cimaa turan,naannawa markaatto sanittis mana daldala mataa isaani qabu, bara dargii keessa mootummaan dargii mana daldala isaani irraa fudhate yeroo ammaa kana naannawni mana daldala isaani markaatto keessatti “Barandaa Haaji Kormee” jedhamuun beekkama. Xummura baroota 1940 keessa suuqiiwwan daldalaa magalaa roobetti yeroo jalqabaaf banaman keessa muraasni. Ahmad Kabir Faqii(1947), Haaji Kormee Kimoo(1947), Haaji Aman Hasan, Hasan Kabir Abdaa(1948) fi Haaji Abadir Huseen ,haajii Mohammed Sadoo(1952) galmee seenaa isaan yaadata, dabalataan baroota 1950-1960 keessa suuqiiwwan daldalaa biroos dabalamaniiru.
Magaalaan Roobee beekkamti argattee mana qopheessaan buluu ka jalqabde bara 1950-1960 jidduti, magaalattiin beekkamtii argattee mana qopheessaan akka bultuuf abboota gahee guddaa taphatan keessaa Haaji Kormee Kimoo adda durummaan seenaan isaan yaadata, Haajiin magaaluma Roobeetti dhalatanii guddatan, yeroo jalqabaatiifis daldala sooqiddaa irratti bobba’an, achiis sochii daldala isaani haga Jimma.Goobba.Roobe fi Finfinnee babal’isan, dabalataaniis Haajiin daldaaltota yeroo jalqabaatiif akka ithophiyaatti daldala ammayyaa meeshaa biyya alaa irraa gara Ithophiyaa galchan muraasa keessaa tokko turan, haga Yamanii fi Sawud Arabiyaa deemanii meeshaale daldalaa gara biyyaa galchaa turan. Magaalota Jimma,Goobba,Roobe fi Finfinnee keessatti qabeenya heddu horatan, Roobe keessaa konkolatota fe’iinsa fi geejjibaa heddu, lafa xixiqqaa bakka garagaraa jiru osoo hin dabalatin lafa guddaa gaashaa 40 qabu turan akkasumas aksiyoona tajaajila geejjiba dhaaban keessa harka 50 ol qabaata turan, Goobba keessaa suuqiwwan daldalaa, mana kuusaa(magaazina) fi mana jireenyaa qabu, Jimma keessaa suuqii daldala 12 fi mana dhiqannaa ammayyaa(shower) qabu , Fininnee naannawa markattoo bakka ‘dooroo taraa’ fi ‘sabaatenyaa’ jedhamuu mana jireenyaa fi manneen kireefaman qaban, bakka ‘taklahaymanot’ jedhamuus mana kuusaa(magaazina) haga ammaa maqaa isaanitiin waamamu qabu, maddii isaatti ammoo gamoo darbii sadihii qabu.
Haaji kormeen sadarkaa biyyaatti gabaa daldalaa to’achuun shoora ol’aana taphataa waan turaniif qabeenyi dinagdee isaani gara biyya dhaloota isaani Roobee Walasheeti bubbise, daldaltooni heddu mallaqa irraa liqeefachuun Roobee fi Finfinnee daldalu jalqaban, akkasumas dargagoonni yeroo san isaan gargaaraa turan uf danda’anii gara hojii daldalaa akka seenan godhan. Roobe keessatti daldaltooni ni bayyatan, hojiin daldalaa meeshaa dheedhii guutuu Baalee irraa gara Roobe geeffame gurgurama, Roobe irraa gara giddu gala biyyatti Finfinnetti geffamee gurgurama, debiidhaan ammoo meeshaaleen ijaarsaaf oolan,shittoon,uffanni ammayyaa,shaqaxoota biyyoota alaa irraa dhufanii fi kanneen biroo gara magaalaa Roobee geeffama, magaalattiin guutuu Baaletiif jiddu gala daldalaa taate. Daldaaltonni bara sanii akka bara saniitti manneen jireenya ammayyaa fi suuqii daldalaa ijarratanii jireenya isaani Roobee fi Finfinnee jiddu godhatan, manneen jireenyaa fi suuqiwwan daldalaa bara sanii hardhas haftee hanbaa magaalatti ta’anii ni muldhatu.
Haaji Kormeen magaala Roobee bu’uressanii magalattiin mootummaa haylasillaase irraa beekkamtii akka argattuuf daldaaltota biroo fi ummata waliin ta’uun bu’uraalee hawaasummaa heddu qabeenya fi mallaqa isaanitiin ijaaraa turan, akka fakenyaatti manni barumsa sadarkaa lammaffaa Roobee( Robe high school) akka ijaaramuuf lafaa fi mallaqa kennan lafti manni barumsaa sun yeroo ammaa irra jiru guutuun kan isaani ture, Ijaarsa madrasaa Salafiyyaa fi Masjiida Nuur, akkasumas mootummaa irraa akka magaalaatti bekkamtii argachuuf mana amantaa Kiristaanaa magaalattin qabaachu qabdi waan jedheef mootummaan, mana amantaa Kiristaanaa jalqabaa magaalaa Roobe keessatti mallaqa isaanitiin ijaarsisan.
Mootummaan dargii gaafa ango qabate qabeenya Haaji Korme guutummatti irraa saame, mootummaan dargii dhiibbaa guddaa isaani irraa gahe, Haajiin haadha manaa isaani 3 irraa ijoolle 24 horatan, bara 1983 boqatan, awwaalchi isaanii biyya handhuura isaani magaalaa Roobee ta’e.
baroota 20 darbanii as guddinni magaalatti saffisaan dabalee jira, galmee seenaa Roobee irraa kan hin dagatamne Mootummaa naannoo Oromiyaatti piresdaantiin jalqabaa Obboo Hasan Alii,bulchaa godinaa Baalee ka turan Obboo Yaasin i abbaa qabenyaa Obboo Amaan Barkii kan yeroo ammaa fakeenya Haaji Kormee tahuun bu’uraale misooma heddu ijaarsisaa jiran. akkasumas dhaabota keessaa Baankii Awaash adda durummaan, itti aansuun Baankii hojii gamtaa Oromiyaa fi Baankii internaashinaala Oromiyaa diinagdee magaalatti cimsuu irratti gaheen isaanii guddaadha. akkasumas sababa qabsoo ummata Baalee kan Jeneraal Waaqoo Guutuu hogganamaa ture irraa firii argameen magaalattii keessatti Afaan daldalaa Afaan Oromooti, sababa kanaa magaalan Roobee magaalota Oromiyaa keessa jiran keessaa adda durummaan ummanni Oromoo sochii daldalaa fi diindagee 90% ol ka ta’u to’achuun bekkamti, kuni FIRII BILISUMMAA BARA QABSA’OTA BAALEETI.
Haala amma jiruun jiruun maddi diinagdee magaalatti ommisha qamadii fi mallaqa doolara miliyonaan lakkahamu kan diasporan ergu dha, ha ta’u mallaqani madda kanniin lamaan irraa argamu karaa garagaraatin debi’e Baale keessaa baha.
- malaanmaltummaan akka malee waan guddateef qondaaltonni mootummaa mallaqa bifa matta’an fudhatanii mana jireenyaa Finfinnee fi magaalota garagaraatti ijaaratan, ka hafe baanki ol kaawwatu
- sochiin kontirobaandi akka malee waan bayyateef caasaan kontirobaandistootaa daldaaltota, qondaltota motummaa Aanaa,bulchiinsa kantiiba magaalaa Roobee,Godinaa fi Oromiyaa akkasumas abbooti qabeenya gurguddaa Finfinnee jiraatanii fi qondaaltota wayyane uf keessaa qabu mallaqa daldala kontirobaandi irraa argamu jiddu isaaniiti qoddattu, mallaqni irra guddaan godina Baalee dhiisee diinagdee gara biraatti dabdalama.
- ommisha qamadii gara Finfinnee fe’amu, fabrikaalee garagaraa Baale keessatti ijaramanii ommishni dhumataa akka paastaa.makarooni fi kkf akka gabaa biyyattif dhihaatu waan hin godhaminiif waggaa waggaan mallaqani biliyoonaan lakkahamu godina Baalee gadi dhisa.
- Jimaan mootummaa naannoo kibaa irraa gara Baalee galu harka hedduun dabalee jira, manneen jimaa kana raabsanis magaalaa Roobee fi guutuu Baaleeti baayyatanii jiru, mallaqni jimaa kana bituuf gara mootummaa naannoo kibbaati ergama Wandoo fi Sidaamaatti, yoo danda;ame fayyadama jimaa hirdhisuu yookiin jimaan Baale keessatti akka ommishamu irratti hojjachuun baasii mallaqa bu’aa malee qisaasamu hanbisuun ni danda’ama.
~~~~






Kitaaba dubbisuu qabnuudha.