Jechoota Prof. Mararaa Guddinaa

🦁 Jechoota Prof. Mararaa Guddinaa

🗣️ Yaada Siyaasaa, Eenyummaa Oromoo, Bilisummaa, Qabsoo fi Hoggansa

Prof. Mararaa Guddinaa hayyuu siyaasaa yaada isaa, falmii siyaasaa fi ilaalcha isaa irratti beekamu keessaa tokko. Barruun kun jechoota fi yaadota isaaf ramadaman, akkasumas ilaalcha barreessaan waa’ee isaa qabu, walitti qabee dhiyeessa.

🗣️ I. Jechoota fi yaadota siyaasaa

1. 🛡️ Mootummaan: “Prof. Mararaa Guddinaa, nageenya keetiif sodaanne; eegduu siif qacarra!”

Prof. Mararaa: “Isin na tuquu yoo dhiiftan, namni biraa kan na tuqu hin jiru. Kanaaf, naaf hin qacarinaa!”

2. 🕊️ “Oromoo sodaa jalaa bilisoomsinee, garaa irraa bilisoomsuu dadhabne.”

3. 🍽️ “Uummanni waan nyaatu dhabe, aangawoota mootummaa isaa nyaata!”

4. 📏 “Dimokiraasiin biyya kanaa, akkuma hojjaa Mallas, gabaabduudha!”

5. ⚖️ “Dimokiraasiin Itiyoophiyaa fuulduratti tarkaanfii tokko yoo deeme, duubatti tarkaanfii lama deebi’a!”

6. 💬 “Dimokiraasiin Itiyoophiyaa ulfa Seexanaati!”

7. 🎓 Mallas Zeenaawwiin: “Ani barataa kee ture. Barataa qaxalee akka ta’e hin beektuu?”

Prof. Mararaa: “Lakki, barataa dadhabaa hin yaadadhu; barataa qaxalee malee.”

8. 🏛️ “Muudamni ADWUI nama dinqa. Nama afaan hin qabne Af-yaa’ii, nama dandeettii hin qabne Ministeera Ijaarsaa fi Dandeettii, nama fayyaa hin qabne Ministeera Fayyaa, nama barnoota hin qabne Ministeera Barnootaa godhanii muudu.”

9. 💡 “Uummanni Itiyoophiyaa yeroo ibsaan badu callisee; yeroo ibsaan dhufu iyya.”

10. 🌳 “Namni doorsisa sirnaa dadhabe, bosonatti galee falma.”

11. 🌿 “Namni bosona kan seenu bosona taa’uuf miti; roorroon isa ga’eef malee.”

12. 🎓 “Digiriin biyya bulchuun ni danda’ama; garuu digiriin bosona hin jiru.”

13. 🍲 “Biyyi waan nyaattu dhabde, mootummaa ofii nyaatti.”

14. 🥘 “Sunsuma jijjiiraniif ittoon hin mi’aawu.”

15. 🩺 “Warra Obboo waliin waan ooltuuf sitti hin murteeffamu. Ani garuu dokteraadha.”

16. 🌍 “Warri adii (Awurooppaanonni) kun filannoo taajjabuuf osoo hin taane, bashannanuuf dhufu. ‘Dugda naaf hooqi, dugdan siif hooqaa’ jedhanii adeemu.”

17. 🤲 “Waaqniifi warri adiin namuma jajjabaate gargaaru.”

18. ⚖️ “Manni murtii biyya kanaa dabballoota Wayyaaneeti. Seerri dabee bira dhaqnee jennaan, siyaasa dabe nu gaafatu.”

19. 🗣️ “Sodaa hin barbaachifne hin sodaatiinaa; sirba hin barbaachifne hin sirbiinaa!”

20. 📚 “Warra amma mootummaa ta’anii nu cunqursan kana keessaa baay’ee isaanii, Kiiloo 6 keessatti nutu siyaasaa barsiise.”

21. 📢 “Uummata iyyu (wacu) irra, uummanni callisu balaa baata.”

22. 🔥 “Qabsoo Maaster Pilaanii kana irraa uummata dhaabuu jechuun, abidda boba’u bensiilaan dhaamsuudha.”

23. 🦁 “Hanga Oromoon Harargee jirtu, Oromoon hin cabdu yookiin hin gabroomtu.”

24. 🚗 “Siyaasni Itiyoophiyaa akka konkolaataa makiinaa gara gadiitti deemuuti; dhiibuun ni danda’ama. Lafa ol-ka’uutti garuu dhiibuun baay’ee ulfaata.”

25. 💧 “Mootummaan uummata irraa addaan bahe, akka geergoon bishaan keessaa baateeti; yeroo gabaabaa keessatti goga.”

26. 🗳️ “Dimokraasii jechuun sagalee uummataa kabajuudha malee, humnaan uummata moo’achuu miti.”

27. ⚖️ “Haqni yoo dhiitame, nagaan waaraan dhufuu hin danda’u. Dhagaan bu’uura nagaa haqaadha.”

28. 🤝 “Nuti akka uummataatti walitti hidhamneerra; garuu akkaataa itti wal-kabajnuu fi wal-danda’nu irratti hojjechuutu nurra jira.”

29. 🏛️ “Ijoolleen keenya galma Minilik seenan yookiin nu balleessiti, yookiin of balleessiti!”

✍️ II. Yaada barreessaa: Kabaja Prof. Mararaa Guddinaaf

Hayyuu argaa-dhageettii uummata Oromoo keessaa tokko kan ta’e Prof. Mararaa Guddinaa, nama Oromoon akka qaroo isaatti ilaaluudha. Hayyuu dantaa Oromoo fi Oromiyaa irratti ejjennoo dhaabbataa qabuudha. Nama haqaaf falmu, dantaa saba isaa salphaatti hin sharre jedhamuun beekamuudha.

Namni namummaa, safuu fi safeeffannaa qabu, hayyuu kana xiqqeessuuf yaaduun sirrii akka hin taane hubachuu qaba. Guddinni baduun, safuu fi safeeffannaa dhabuu irraa kan ka’e, jechoota nama miidhan dubbachuun ejjennoo, ga’umsa Prof. Mararaa Guddinaa yookiin jaalalaafi kabaja uummanni isaa isaaf qabu hir’isuu hin danda’u.

Prof. Mararaa Guddinaa nama kabajamaadha. Hayyuu kunuunfamuu, yaadni isaa dhaggeeffatamuu, akkasumas hojii fi ejjennoon isaa madaallii haqaa irratti hundaa’een ilaalamuu qabuudha. 🦁📚

✍️ Kadiir

💬 Gaaffii dubbistootaaf: Jechoota Prof. Mararaa Guddinaa keessaa kan isin yaadattan biraa yoo qabaattan, yaada keessan keessatti nuuf barreessaa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top