🦁Jechoota Jawar Mohammed 📚
🫡 Yaadannoo, yaada siyaasaa, eenyummaa Oromoo fi ergaa qabsoo
✊ Jechoota 26 — Bifa qindaa’aadhaan
1. Qabsoo fi gufuu: “Qabsoo teenyaaf Woyyaaneen gufuudha malee gaaraa miti.”
2. Hoggansa fi tokkummaa: “Hoggansi amantiidhaan lagaan Oromoo qoode taanaan, hoggansa kasaaraa ti.”
3. Tokkummaa dhaabbilee Oromoo: “Dhaabbilee Oromoo mataa walitti qabuu yoo dadhabne, miila walitti qabna.”
4. Of eeggannoo siyaasaa: “Woyyaaneen yeroo jigdu, gara nuti feenutti malee nurratti akka hin jigne haalaan of irraa eeggachuu feesisa.”
5. Waljibbaachuu fi walqeequu: “Soba walqeeqa malee, Oromoo waljibbu tokkollee hin jiru; beekaa.”
6. Eenyummaa fi aadaa Oromoo: “Bakka diinni irraa buqqa’e san irratti, Odaa Oromoo malee hadaan diinaa akka hin dhaabbanne eeguu qabna.”
7. Olaantummaa fi bilisummaa: “Olaantummaan ilmaan alagaa qilleensa Oromiyaa irratti qabdu cabxe.”
8. Murannoo: “Hin rafnu jennee hin rafne; qilleensa Oromiyaa bilisoomsine.”
9. Walitti mufachuu fi tokkummaa: “OPDO’n walitti mufanne malee, garaan addaan akka nu hin citin haa beekan.”
10. Bilisummaa fi dhaloota Qeerroo: “Diinni lammata Qeerroo Oromoo gabroomsuuf yaade, abjuu hiika homaa hin qabne abjoote jechuu beekaa.”
11. Eenyummaa Oromoo: “I am Oromo first 🇬🇧” (Dursa koo Oromummaa) kooti.
12. Qabsoo fi dhiiga Qeerroo: “Qabsoof dhiigni Qeerroo fi ummanni Oromoo murannoon godhan, gootaaf hayyuu diina waliin ture hundaa bobaa diinaa keessaa baasee qabsootti makeera.”
13. Deeggarsa hojii gaarii: “Akkuma Lammaa dura morme, Abiyyiinis morma. Gaafa hojii gaarii sabaaf dalagu arge, hunda caalaa anatu Abiyyiinis gama hundaan deeggara.”
14. Dhagaa fi ijaarsa: “Dhakaa diinni nutti darbuun dallaaf mana ijaarre; dhakaa firri darbuun ammoo gidaara manaaf biyya ijaarraa, beekaa.”
15. Murannoo qabsoo: “Quba natti qabuu mitii, qabsoo Oromoof jecha qawwee illee yoo natti qaban, daqiiqaa tokkoofuu hin limsadhu.”
16. Bilisummaa dhalootaaf dhaalchisuu: “Nuti gabrummaa hiddaan buqqisna; bilisummaa ilmaan dhaalchisna.”
17. Beekumsa, dandeettii fi hojii: “Beekumsaaf dandeettii qabnuun sabaaf halkaniif guyyaa hojjennee, diinni nu tuffachuu ture hundi fakkii nu godhatee waan hundaan ‘Like Indee Oromowochu’ akka jedhan ni goona.”
18. Yaadannoo Mallas: “Mallas Oromoo biyyeetti makeera jedheetiin shakkiidhaan malee du’e; toltee ka’ee bakka nuti geenye kana osoo argeetii, lammata rifaatuudhaan du’a.”
19. Dhiiga fi murannoo: “Woyyaaneen tun Oromoo jiilchuuf yaaddee akkanatti dhiiga jiksiti; akka dhiigni jiguun garuu dhiigni daran danfa.”
20. Aangoo fi itti gaafatamummaa: “Mootummaan tokko gaafa qawwee gara ummataatti dhukaase, harkuma ofiitiin kufaatii ofii daran saffisiifata.”
21. ABO fi WBO: “ABO fi WBO tu na guddise; garaa ABO yookiin WBO jibbuun eessaa qabaadha?”
22. Kabaja qabsaawota durii: “Qabsaawonni gameeyyiin kaleessaa kabaja har’aatiif bara hamaa durii san keessa dukkana keessatti ija dhiiban. Kabajni guddaan isaan hundaafuu mala.”
23. Yaadannoo Qeerroo: “Reeffa Qeerroo Oromoo Oromiyaa keessatti boolla guutetu Minisootaatti dabree galma kana akkanatti guute.”
24. Alaabaa fi wareegama: “Alaabaa akkanatti ittiin miidhagdanii qabattan tana Qeerrootu ittiin awwaalame.”
25. Lafa Oromoo: “Lafti teenya jiituudha; diinatu irraa nyaata, ilmaan keenya ammoo qurxummiitu nyaata.”
Ergaa waliigalaa
Jechoonni kun qabsoo, eenyummaa, bilisummaa, tokkummaa fi yaadannoo seenaa irratti xiyyeeffatu. Hiika isaanii sirriitti hubachuuf yeroo itti dubbataman, haala siyaasaa fi madda isaanii qorachuun barbaachisaa dha.





