Injifataan Obsaadhuma!

Kitaaba “Risaa Bokkaa Mooye”

Injifataan Obsaadhumaa!

Icciitii kee, jaboo dhooysitee;
Rakkoo kee, danuu obsitee;
Dandeettee, ofqabaa turta;
Tooftaan, jirma jabaa urta.

Diina bobbaa kee, tiiysu;
Iyyaala, gabaa sitti fiiysu;
Qormaata darbii, alagaa;
Barbaachisummaa ulaagaa.

Malattee, luuccisoo daakkaa;
Ofitti fudhattee, murtii yakkaa;
Ba’aa hin dandeenne, baatta;
Isa fedha hin qabne, nyaatta.

Gaafa onnattee, moo’uuf kaatuu;
Gabrummaa sammuutii baatuu;
Erga, sammuun bilisoomee;
Abjuun, keellee dhugoomee.

Malaan, bishaan waddaa;
Ciniinnattee, kophaa gaddaa.
Moota, rakkoo baraafi baraa;
Dooya ripha, nyaapha dharaa.

Hanga gaaraa geetta;
Mataa gubbaarra teetta;
Eegaa, injifataan obsaadhumaa;
Waa, danda'uun abshaalummaa.

Risaa Bokkaa Mooye
Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Fuula 92
Maxxansa Duraa, 2018
Riyaad, Sa’uudii Arabiyaa

Visit these Links too

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top