Atoochitee
Gubaa hoo’aa, Gammoojjii sahaaraa;
Dhidhima doonii, galaana bahaaraa;
Mil’uu dhabaa, nadha hawwii finnaa;
Adabitti jaarree, dhaala dhaluu cinna;
Hidhaa lakkoofsa saddeetii, raramaa;
Eelee sibilaarratti, gasoon waadamaa;
Halagaatu hiree teenna, da’ootti qacamsa;
Diinatu siree keenna koree, qe’ee adamsa.
Beela hongee, bara dhufaa darbaa;
Daldala rogsadee, gurgurtaa garbaa;
Dhalee dhala dhalee, dhaala caalu fidu;
Fuudhaaf heeruma kutan, cidhasaa didu.
Kolaa hormaataa, dhala nama kutu;
Dhagabuusa diinaa, hiree firaa butu;
Tumaaf hiraarsaa, gadadoof gidiraa;
Dhadhaaf dayma, tumaaleyyii gibiraa.
Nugadoomsee, tasuma nun jiilchine;
Nubooji’ee, kiyyoo kee nun galchine.
Oromiyaa ulfaadhu, kan nuyi biqilchite;
Abada nuuf jiraadhu, ofirratti nu itichite.
Dagaagee hiddi keenna, akka jirma goraa;
Oromoon lammiinkoo, har’a jiraatee kooraa;
Facaanee margine, nuyi nafa kee gubbatti;
Baddaaf Gammoojjii, badda-dareef dakeetti.
Madaa qoorfataa, nuyi afoola afaanii uumne;
Aadaa dhooyfataa, sirna seeraf heeraa tumne;
Gurgaa waraansa ormaa, ciniinnannee obsaa;
Rakkoo bitaaf mirgaa, gurdummannee cabsaa.
Eelaa bara dhibbaa, kottoonfannee keessaa baane;
Beela ofirraa jibbaa, warra deeyniyyuu kafalu taane;
Galatoomi biyya tiyya, kan nu laatte Afrikaaf;
Atoomi Oromiyaa, nu’elementiidha Addunyaaf.
Akka Afrikaaf taanu, sirri nuyi atoochitee;
Akka Addunyaaf geennu, sona nu tolchite;
Nama taanee, namaan du’uun maaliifii?
Dhalachuun keenna, jiruu jiraachudhaafii.
Yeroo murna bicuun, lammiin kankoo duutu;
Saba kiyya guddaa, hiddiin keessa hin buutu;
Gaafa malee, gurri orma ofirraa hin waraanuu.!
Meeshaa dhabaaf, har’a kan diinni fira dhaanuu;
Yoo Onnee dhaban, somba of-lolee nama duta;
Onnee qabna, garaalaafina alagaan saba buta.
**********
Kadiir Abdullaxiif
Risaa Bokkaa Mooye (2018)





