Giiftii Gabaa Somboo

Giiftii Wallaggaa   

Giiftii Gabaa Somboo


Bifti kee akka hoodaa kan arganii hin quufne
Amalli kee raajii kan tasa nama hin quuqne
Guddoo lammii gaarii qomoo sanyii hortuu
Sooree marxoo jaawwii qabbanee ulfaattuu
Giiftii lookoo durbaa kan miidhaga caaltu
Raftee maa dagattee maaf irribaa hin kaatuu?
* * *
Lookoo qaama naatoo
Guntuti daamatoo
Kan gunfurri Koomtoo
Mormi kee hiixatee garaa Waaqaa tuqaa
Sarbaan kee diriiree goodaa calalaqaa
Giiftii Gabaa Somboo, giiftii warra Leeqaa
Ati maaf hin kaatu, kaan rafeewoo indammaqaa?
Giiftii raftee hin kaane, durba irribi dage
Maaliif raftee hin kaatu maaf qalbiin si muge?
Raftee hin dammaqxu waggaa dhibba raftaa
Damqxes hin mugdaa, yoom ija banattaa?
Dunquqquu seenaa kee ciistee amuummattaa
Egeree hormaata kee maaf bacancarsiistaa?
Xaa’oo gadameessa maaf jiraa gogsita?
Bara baraan raafuun hooda hin ta’u laata?
Maaltu siyaa dammaqsu…?
Bunnii haa danfuu laataa…?
Kan goodaa Saasiggaa?
Si dammaqsaa laataa?
Kotteen farda Diggaa?
* * *
Goomattuutu milkii kee si gaadi’ee tarii?
Tosha tarkaanfattee dur obboroo barii?
Qaalluu kam sii dhaqnu…? Giiftii booka futuruu
Du’a maalii rafta bara dhufee taru?
Ofii hin damaqxuu kan si kaasu hin jiruu
Ilmaan hamajaajii cilaattii si dibuu, daara si sararuu
Qullaa keettii kolfuu maqaa si gurguruu
Kolfa ukkaamama bobaa si qirqiruu.
Gunfura kee haaduu
Hamilee si gudeeduu
Tarii…, obboleessa hin qabduu…?
Dhiira qoma dabbasaa, dhiira qoma bidiruu
Kan gaachana ta’u, kan roorroo kee aaru
Kan shaanfoon diina diru, kan diree geeraru
Obboleessa hin qabduu, lammii fira dhiigaa?
Moo….? Yoo si gudeedanu luka qabuuf fiigaa?
* * *
Giiftii sin gaafadhaa…, giiftii booka futuruu!
Dhiirri maaliif dhibe kan roorroo kee aaru?
Attam dhiirri dhiba…? Dhiirri attam hin jiru?
Sibuu… dhiirri hin jiruu?
Moo…? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyu…
“Muka garbuu bobeessuu… dubbii darbu odeessuu?”
Amuumaa dhiirri hin jiruu?
Moo….? Ammayyuu…, akkuma durii duruu?
Ammaayyuu …,
“Wadaroon muka yaabuu…? Yoo citte luka dhaabuu?”
Waamaa dhiirri hin jiruu?
Moo….? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyuu…,
“Lafti ’saa akka bowwaa tii…? Namni,saa akka gowwaa tii?”
Ammayyuu…?
Waayee…, “Abbaan qoyyaas haadha Qoyyaas dhungatee?
Waayee…, biyya Moxee ti baaltiin guddatee!
Marraaguma odeessaa, waayee baaltii qoruu?
Gobbuu Sayyoo dhiirri hin jiruu?
Moo…? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyuu….,
“Muka nuugii bobeessuu…? Dubbii xuurii odeessuu?”
Dhiiro…., Abaaloo dhiirri hin jiruu?
Abaaloo gamanaa, Abaaloo gamasii…,
Warra deessee mooti
Wal uffannee koorra akka belee kootii”
Jechuu itti dhiisani…!
“Abaaloo Saasiggaa warra Kasee Ittaanee
Duroo nama turree hardha gadhee taanee?
Jedhanii mammaakaa…,
Booka xuxxuxachaa yaadaan gaabbii qoruu?
Maal akkam dhirri hin jiru?
Kan gidiraa kee furu
Kan rakoo qalee muru.
* * *
Tarii waan dhokattutu jiraa, irriba dawattee?
Qaanii Warra Leeqa ka’een hin argu jettee
Awwaala abbooti, dargageessi yoo diigu
Iddo Odaaf ulmaayii, alaleen yoo margu
Dheebu abbaa warra keessummaa diddigu
Luxu fi biqiltuun, yommuuttii coolligu
Tadhumaan egere yommu didee gogu
Galma qaallu keessa qeesiin yoo dalagu
Asoosama fi seenaan yommuttii wal rigu
Ka’e arguu mannaa, naafoo wayyaa muguu
Jettee lafa dhooftee akka muka jigu?
Anoo hin argu jettee dubbii akka falfalaa
Silaa…, “Harkumaan qaranii harka nama qalaa”
Sissiqee, sissiqee jibbo nama dhaalaa!
Qeyeen Dibaaba dhaa, durillee dibaaba hardha inMikaela
Waraabi laga saa durille bishaanii, bishaanuma taliila
Amala sinsinnaayee…, hardhammoo inxabalaa
Abbaateefaatu ittiin seexana aboota, jinni ittiin kabalaa!
Kana arguu saalfattee
Raftee achumaan haftee?
* * *
Lookoo giiftii durbaa
Giiftii abdii gurbaa
Ato inumaraftaa yeroo bonni boonu, yeroo gannis gannu
Tarii biyyoo awaala reeffaa sirra firfirsinnuu?
Maaltu si dammaqsu beeka kam gaafannu?
Bunaa qalaa qalluu? Waa sii dhibaafannuu?
Kan ilka siif cabsuu Dhaabaa Wase kaasnuu?
Moo…Galma Abba Gachiitti moora sii ilaalchisnu?
Maalumaa sii mallu? Beeka kam sii dhaqnu
Mana aadde Maammitee…moo mana Haadha Hasanuu?
Beeka kam gaafannu?
Maali hoodi akkanaa?… Ka’uun maa si dida
Abaarsaa tainnaa? Dubbii akka hoodaa
Abaarsaa fi sookkoo kan Kumsaa Morodaa
Dur yeroo bara ’saa, galgala guyyaa hundaa
Nyaataa lafee seene mokotaan of waadaa
Bulee…yeroo barihu
Seeraa biyaa ilaaluuf dhaqee yommuu taa’u
Silaa tokko tokkoo nan sugaayee hin beeku
“Seerrii natti badee…
Dubbiin gototame,” yommu Kumsaa yakku
“Nyaataan dhukubsadha…., galgalaa fi ganama
Mokota laaftootiin of waada buleenii dhageessuu yaa jamaa
Kaniin ka’e dhufe;
Malee… seera dabsuuf miti, matumaa, matumaa
Koon eega hin sugoofnee…
Egaa… isini habuusuree mootii biyya ormaa!”
Jedhee abaare jedhu Kumsaa ilmi Moroda
Si qaqqabe laata sookkoon akka hoodaa?
* * *
Tarii…, hin qabduu laataa, muuziqaa dammaqsu
Kan bifa kee saadee, miidhaga kee faarsu
Kan miira kee qaree irribaa si kaasu
Garuu jira miti…?
Orkeestraan Waachaa Baandiin karaa Koomboo?
Maestro Tamsgeen; kompoosar Ashanaa,
Obbo Ashanaa Booboo
Gaafa Mikaeli, yookaan gafaa Aabboo;
Masqala Mucucoo, masqala Qoraattii
Ajjeesaa gafarsaa fi ateetee dubartii
Dhandha-qabaa gurbaa yookaan intalattii
Yookaan mana deessuu yookaan cidha irratti
Gaafa Huumbaa Waaqaa, gaafa Bismillaahii, …
Yookaan Beqidme zaattii,
Barcuma gooftaafa fi yookaan doombii jaartii
Birraa fi arfaasaa yookaan bonaa fi ganna
Kan naa-gamtee hin beeknee xurumbaa obbo Ashanaa
Bara-baraan kana, qooqi hin geeddaramu tokkuma caraanaa
Tarii…rafee si raffisee yaadalloon fajaje
Raatuu si taasisee akka saawwa baajee
Sinsinni ajjeese, of si dagachiisee…?
Akka waan barri ejjee?!
* * *
Dhiiro…!
Intalli haa dammaqxuu mee harka-harkaan dafaa
Biyya Dhaaba Wasee…,
Biyya Mardaasaa ti dhirrii hin jiruun fafa!
Biyya Abiishee Garbaa, biyya Oliiqaa ti,
biyyaa Abdiisaa ti dhiirri hin jruun kolfa!
* * *
Lakkii mee qaanayi
Dammaqii ol ka’i
Mee fuula dhiqadhu
Qullaa kee dhokfadhu
Diinatu si gudeedaa
Maqaa abbakeetu badaa!


Dr. Zalaalam Abarraa
Caamsaa 30, 2003

Nu Qunnamaa

Download apps: Kadiir Tech
Visit Website: Kadiir
Join Telegram: Kedir Abdulatif Haji
Join TikTok: Kedir Abdulatif
Follow Page: Kedir Abdulatif Haji
Watch YouTube:Kedir Abdulatif
See Twitter (X):Kedir Abdulatif Haji

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top