Gartuu dhiigaafi amala namaa!
1. Gartuu dhiiga A
Namoonni kun cimoo, hojii kan jaalatanii fi nagaa barbaadu. Kana malee hojii tartiiban hojjachuu, qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojii tokko duwwaa hojjachuu filatu. Namoonni kun amanamoo fi waan sirrii qofa hojjachuuf dhama’u. Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta’u barbaadu!
- Gartuu dhiiga B
Namoonni kun hojii kalaqaan beekamu, waan karoorsan hamma galmaan gahanitti hin dhiisan. Akkasumas yeroo tokkotti waan hunda dhiisanii, wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu! Namoonni kun amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu! Rakkoon isaanimmoo of jaallachuu, jijjiiramuu, maal dhibdee fi balleessaa namaaf hin dhiisan!
3. Gartuu dhiigaa AB
Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis nama yaaduu, amanamummaa fi nama kunuunsuudha! Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu. Nagaa buusuu, namaan walii galuu fi kaayyoo ofiif namoota cichaniidha.
- Gartuu dhiiga O
Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabanii fi waan xiqqoon warra hin qabamneedha! Namoonni kun arjummaa fi namaaf gaarii yaaduu jaalatu! Namoonni kun waan xiqqoon hin qabaman, amanamoodhaa fi wanta haaraatti dafanii baru, ejjennoo cimaas qabu! Jarri kun hinaaffaa, of jaalachuu fi kiyya malee jechus qabu!
Isin hoo garuu dhiigaa kam keessa jirtu?”





