Siitolii

Siitolii, Asoosama Seenaa Dhugaarratti Hundaa’e

I. Yaadannoo

   Biyyi teenya hiyyummaa fi hanqina tajaajila fayyaa irraa kan ka’e, namoonni dhukkuboota adda addaatiin lubbuu isaanii dhaban hedduudha. Haa ta’u malee, ilmi namaa barnoota ammayyaa fi guddina saayinsii fayyadamuun dhukkuboota hedduu irraa fayyuu fi du’a irraa baraaramuu danda’eera. Gama biraatiin, balaan tiraafikaa dabalaa dhufuun lubbuu namootaa galaafachaa jira; rakkoon kunis hubannoo, of-eeggannoo fi tarkaanfii sirrii fudhachuun hir’achuu qaba. Dhukkubsattoonni yaala argachuun, dubartoonni yommuu da’an kunuunsa fayyaa gahaa argachuun, akkasumas tajaajilli fayyaa babal’achuun hamma du’aatii hir’isuuf gumaacha guddaa taasiseera.

   Kitaabni kun jaalalleewwan, maatiiwwanii fi hawaasa bal’aaf yaadannoo haa ta’u. Keessumaa namoota sababa dhukkubaa fi balaa tasaa irraa kan ka’e namoota jaallatan dhaban, akkasumas warra lubbuu isaanii dhabaniif yaadannoo kabajaa haa ta’u. Akkasumas, maatii harka qalleeyyii, namoota qaama miidhamtoota ta’anii fi ijoollee abbaa fi haadha malee yatiimota ta’anii guddatan yaadachuuf haa tajaajilu.

   Kana malees, hayyoota Oromoo aarsaa lubbuu isaanii kaffaluun aadaa, seenaa, duudhaa, safuu, sirna Gadaa fi Afaan Oromoo dagaagsanii dhaloota itti aanuuf akka amaanaatti dabarsan yaadachuuf kitaabni kun haa tajaajilu.

Oromummaan haa lalisu! Oromoon haa misoomu! Oromiyaan haa misoomtu!

II. Galata

   Jireenya, humna, qabeenya, beekumsa fi fayyaa naaf kennuun hanga har’aatti kan na gahe Rabbii koo tokkicha garaa guutuudhaan galateeffadha. Ammas irra deebi’ee galata koo isa guddaa isaaf dhiyeessa, Alhamdulilah.

   Itti aansuudhaan, maatii koo galata guddaa qabuuf galata koo ibsuu barbaada. Abbaa koo, Sh/Abdullaxiif H/Hajjii Badhaasoo fi haadha koo, Safiyyaa Habuu Saanii, galata jecha qofaan ibsuun hin danda’amne narraa qabdu. Haqa keessan Rabbii ol ta’e isiniif haa kaffalu; jireenya keessan keessatti isin haa eebbisu. Obboleeyyan koo fi hiriyoonni koos deeggarsa, jaalalaa fi gorsa naaf gootaniif hedduu galatoomaa; ulfaadhaa.

   Keessumaa, maatii koo ulfaataa fi kabajamaa bakka bu’uun jaalalaan na simattee, kunuunsa addaa naaf gochuun imala koo milkaa’inaatti na geessu keessatti tumsa guddaa kan naaf goote, Ustaaz Hawwii Ijaaraa Gaarii, galanni ani siif qabu jechootaan ibsuun ulfaataadha. Rabbiin koo umrii dheeraa, fayyaa gaarii fi jireenya gammachuu qabu siif haa kennu. Galatoomi!

   Akkasumas, yeroo isaanii qaalii aarsaa gochuun gulaallii kitaaba kanaa keessatti gumaacha isaanii kanneen naaf arjooman, Dr. Zabiibaa Roobaa Gafarsoo, Hamiid Gammadii Feegisoo, Dr. Muussaa Sulxii Muhaammad fi Yaasiin Aadam Goobanaa, garaa koo keessaa isin galateeffadha. Gorsa, jajjabinaa fi deeggarsa keessaniin na utubuu keessaniif ulfina guddaa isiniif qaba. Isin hundi hojii kana keessatti gumaacha guddaa qabdu.

   Dhumarratti, namoota karaa adda addaatiin na cinaa dhaabbattan hundaaf galata koo guddaa nan dhiyeessa. Bakka guddaa isinif qaba. Wayyoomaa! Gumaachi keessan hundi bu’aa gaarii haa argamsiisu.

III. Seensa

   Siitolii ’n asoosama ammayyaawaa ta’ee, taateewwan seenaa dhugaa irratti hundaa’an bu’uura godhachuudhaan kan kalaqameedha. Taateewwan namoota asoosama kana keessatti argaman mudatan, rakkoolee jireenya dhala namaa keessatti mul’atan, jijjiirama jireenyaa fi haaromsa hawaasaa barbaachisu calaqqisiisu. Keessumaa, dhimmoonni fayyaa, xiinsammuu fi da’umsa dubartootaa keessatti mudatan muuxannoo fi hubannoo namni irraa argatuun akka ta’utti dhiyaataniiru. Jireenyi dhala namaa nama irraa garaagarummaa qaba. Namni hundi haala jireenyaa, dandeettii, qabeenya, jaalala, beekumsaa fi carraa adda addaa qaba.

   Namni tokko fayyaa guutuu qabaachuu danda’a; garuu qabeenya dhabuu mala. Kan biraan qabeenya qaba; garuu jaalala dhabuun isa mudachuu danda’a. Namni tokko jaalala qaba; garuu dhala dhabuu danda’a. Kan biraan beekumsa qaba; garuu obsa dhabuu mala. Kanaaf, ilmi namaa guutuu waan hin taaneef, namni tokko hir’ina isaatiin, kan biraa immoo dandeettii isaatiin wal deeggaruun jireenya isaa guutuu taasisa. Namoonni wal ta’anii, wal deeggaranii fi hir’ina walii guutanii jiraachuun jireenya keessatti murteessaadha. Akkuma mammaaksi Oromoo, “Cabaan lamaa walitti hirkata,” jedhu, namni tokko kophaa isaa waan hundumaan guutuu ta’uu hin danda’u.

   Jireenyi addunyaa dhala namaa barsiifti; qormaata keessa galchiti; rakkina keessa dabarsiti; ni bocci, ni qarti, ni qorti; dhumarratti muuxannoo irraa barachuun akka guddataniif carraa uumti. Kanaafuu, mul’ata, abjuu fi kaayyoo ofii irratti obsa qabaachuun cimina guddaadha. Ciminni kun immoo tooftaa, tarsiimoo, karoora, adeemsa sirrii fi tattaaffii cimaa barbaada. Yeroo hundumaa jireenya keessatti milkaa’ina argachuuf sochiin, murannoo fi hojii itti fufiinsaan hojjechuun murteessaadha. Umriin dhala namaa gabaabaa ta’us, yeroo jiru sirnaan fayyadamuun, kaayyoo ofii irratti xiyyeeffachuu fi murannoo qabaachuun milkaa’inaaf karaa bana. Kanaaf, mammaaksota afur yeroo fi murannoo irratti nu barsiisan haa ilaallu:

  1. Gogaa jiidhaa diriirsanii dhaabu; erga goggogee booda diriirsuun ni ulfaata.
  2. Ulee jiidhaa qajeelchu; erga goggogee booda qajeelchuun ni rakkisa.
  3. Sibiila hoo’aa tumatu; erga qabbanaa’ee booda tumanii bocuun ni ulfaata.
  4. Midhaan asheeta irraa qopheeffatan; erga qooree booda asheeta ta’uun hin danda’amu.

   Mammaaksotni kun hundi yeroo isaa eeganii hojjechuun hammam barbaachisaa akka ta’e nu hubachiisu. Barnoonni, hojii, daldalli, fuudhaa fi heerumni hundi; yeroo, qophii fi murannoo mataa isaanii qabu. Milkaa’inni immoo wanta nama tokkoof bu’aa gaarii ta’e qofa osoo hin taane, kaayyoo gaarii galmaan ga’uun, jireenya ofii fi kan namoota biroo fooyyessuun wal qabata. Milkaa’inni akka toluuf, Siitolii fi Nuutolii jechuun hundumaaf hawwii gaarii hawwina; eebbaas kadhanna.

   Aarsaan namni tokko nama biraatiif kaffalu, gumaachi namni tokko nama biraatiif arjoomu, akkasumas jaalalli namoota gidduu jiru jireenya keessatti hiika guddaa qabu. Yeroo tokko tokko namni nama jaallatuuf jecha fedhii ofii aarsaa gochuu, rakkina dandamachuu fi jireenya isaa keessatti murtoo ulfaataa fudhachuu qabaata.

Waliif jiraachuun, wal deeggaruun, jaalalaan waliif dhaabbachuu fi yeroo barbaachisutti aarsaa kaffaluun bu’uura jireenya namaati.

IV. Cuunfaa Kitaabaa

   Ujummoolee funyaanii fi qoma ishee irratti maxxanfamanii jiran ofirratti ilaalaa, “Kun maali?” jette. Sagaleen ishee laafaa ture; hafuurri ishee baay’ee dhiphateera.

“Kun akka ati daftee fayyitu si gargaaruufi. Amma ni fayyita. Anaa fi Tokkeen si eegaa jirra,” jedhee harka ishee dhungate.

Imimmaan ija ishee keessaa burqee fuula ishee irra lola’e; boqoo ishee jiisee morma jalatti walitti qabame.

“Meeshaalee kanaan hidhamee siree kana irratti du’uu hin barbaadu. Na baasi; wanti fedhe yoo dhufe haa dhufu. Waadaa keenya hin dagatin. Ilma keenya immoo atumti guddisi!” jettee itti dubbachaa turte.

Innis osoo dubbii ishee hin xumursiisin afaan ishee qabee; “Hanga hafuurri si keessa jiru, ati jiraachuuf abdii qabda. Kanaaf, hanga dhumaatti jiraachuuf qabsaayi. Jabina qormaata jireenya biyya lafaa kanaa situ na barsiisee mitii?” jedheen.

[Kitaaba keessaa fudhatame]

V. Odeeffannoo Kitaabaa

  • Mata-duree: Siitolii
  • Barreessaa: Kadiir Abdullaxiif Hajjii
  • Akaakuu: Asoosama seenawaa
  • Maxxansa: Maxxansa 1ffaa
  • Gulaala: Gulaala 1ffaa
  • Bara maxxansaa: 2023
  • Gatii: Birrii Itoophiyaa 600
  • Raabsaa kitaaba elektirooniksii (E-book): Bokkuu Media

Odeeffannoo dabalataa

Kitaaba Siitolii ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf marsariitii armaan gadii daawwadhaa:

Kadiir Tech

Kitaaba Siitolii bittanii dubbisuuf 👉👇👈

Bokkuu Media

Siitolii — asoosama jaalalaa, qormaataa, abdii fi aarsaa jireenyaa calaqqisiisu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top