HIR’INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir’ina dhiigaa jechuun yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu’u jechuudha.
MALLATTOO
- Dadhabbii, afuurri cituu, harkii fi miilli dilallaa’uu
- Mataa dhukkubbii lafti namaan maruu, waa yaadachuu dadhabuu.
- Dha’annaan onnee oduma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaga’amuu
- Gurra keessaa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.
KA’UMSA
- Dhiiguu kanneen akka dahumsaa, marsaa laguu, kintaarootii fi kkf.
- Hir’ina viitamin B.
- Hir’ina elementii ayirenii (Iron)
- Dhukkuba garaachaa
- Raammoo garaa (hook worm)
- Dhukkuba busaa (malaria)
- Dhukkuba kalee yoo baayyee namarra ture
- Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni oomishamu) miidhan.
- Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf namarra turan illee hir’ina dhiigaa ni fidu.
NYAATA KAM NYAANNEE OF WAL’AANNAA?
- Hundee diimaa.
- Timaatimaa fi loomii.
- Tiruu beeyladootaa
- Kuduraalee fi muduraalee.
- Damma fi Aannan
- Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu bunaa fi shayii waliin dhuguu hin l qabnu. Kunis xuuxamuu iron waan hir’isuuf.
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa





