Ameerikaan torbee dhufu keessa meeshaa waraanaa ammayyaa gara Yuukireen akka ergitu beeksifte

Ameerikaan torbee dhufu keessa meeshaa waraanaa ammayyaa gara Yuukireen akka ergitu beeksifte


Ameerikaan torbee dhufu keessa meeshaa waraanaa ammayyaa sadarkaa ol’aanaa qaban Yuukireeniif akka ergitu beeksifteetti.

Tiraamp Waayit Haawus erga seenanii sa’aatii 24 keessatti waraan Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti waggoota sadiif ture ni xumurra jedhanii turuun isaanii ni yaadatama.

Haata’u garuu dubbichi akka isaan yaadan sun waan ta’e hinfakkaatu.

Pirezidaant Doonaald Tiraamp kanaan dura gargaarsi meeshaa waraanaa gara Yuukireenitti akka hin ergamne dhorkuun isaaniis ni yaadatamaa.

Amma garuu, Yuukireen waraana Raashiyaa wajjin itti jirtu kanaaf deeggarsa Ameerikaa baayyee waan barbaaddeef, Ameerikaan deeggarsa kana itti fufuuf murteessuu isheeti Tiraamp kan beeksisan.

Deeggarsi meeshaa waraanaa torbee dhufu Yuukireen ergamu teeknooloojiiwwan ittisa qilleensaa ammayyaafaa kan of keessaa qabu ta’uunis gabaafameera.

Deeggarsi Ameerikaan gootuu kun yeroo Raashiyaan haleellaa misaa’elaa fi diroonii Yuukireen irratti raawwattu cimsitee itti fufte ta’uudha kan eerame.

Raashiyaan ammoo waa’ee deeggarsa Ameerikaan Yuukireeniif kennitu kana ilaalchisee yaada hatattamaa kan hinkennine ta’uu, gabaasni BBC ni mul’isa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top