Iraan biyya umrii dheertuu qabduudha. Dur Pershiyaa, Faars, Faris jedhaa waamamti ture. Ummanni garuu Iraanuma ofiin jedha.
Bara 1935 Iraan jedhamuun waamamuu akka barbaadan ifatti waan dhiheessaniif—Iraan—jedhamanii waamamu jalqaban. San dura Peershiyaa jedhamu ture. Pershiyaanonni ammoo Arabas miti.
Humni ijoo addunyaa jaarraa 19ffaa fi jalqaba jaarraa 20ffaa kan turte Biriten—fedha boba’aa ol’aanaa qabdi waan tureef— Pershiyaa (Iraan) keessa otoo barbaadnee boba’aa hin dhabnu kan jedhuun qorataa isaanii tokko kan boba’aa barbaaduu irratti beekumsaa fi ga’umsa qabu bara 1901 gara Iraan ergan. Mootonni Iraan yeroo san turan, Qajar Dynasty, haa ta’uu jedhanii simatan.
Qorannoo woggaa saddeet fudhate booda bara 1908-titti qorataan Ingiliiz sun Iraan keessatti boba’aan iddoo itti argamu adda baasuu danda’e. San booda Kampaniin Biriten (Ingiliiz) kan boba’aa baasu Anglo-Persian Oil Company jedhee of moggaasee bara 1908 boba’aa baafachuu jalqabe. Bu’aa argatu irraas %10-15 qofa Iraaniif kan kennu yoo ta’u, %85-90 kan ta’u ofiif fudhataa ture. Worri Iraan yeroo san bulchaa turan gama hedduun dadhabaa waan dhufaniif, loltuun isaanii tokko Reza Khan kan jedhamu bara 1921 fonqolcha irratti godhee Qajar Dynasty kuffise.
Innis woggaa afur booda mootii ta’uuf Reza Shah Pahlavi jedhe of moggaase. Shah jechuun afaan isaaniitiin mootii jechuudha. Pahlavi ammoo maqaa dynasty (sirna abba gara ilma darbu) ta’ee moggahee.
Reza Shah Pahlavi kun bara 1925 hanga bara 1941 Pershiyaan (Iraan) biyya jabduu akka taatu hojjataa ture. Maqaa Iraan jedhuttis bara 1935 kan deebise isa. Anglo-Pershia Oil Company sunis gara Anglo-Iran Oil Company jijjiirame. Reza Shah kun akkuma boba’aa Ingiliiz haa baafattuu itti dhiise san, hariiroo gaarii German (Jarman) wajji qabaataa ture.
Kun ammoo yeroo Woraanni Addunyaa Lammaffaan itti jalqabamu waan tureef lamaan keessaa gara tokko goruun dirqama isaa ture. Inni kana gochuu hin dide. Ingiliizii fi Raashiyaan otoo German dursitee Iraan nurraa hin fudhatin fudhanna jedhanii Iraan weeraranii qabatan. Booda Reza Shah’s angoo fedhumaan akka dhiisu godhanii, mucaan isaa Mohammed Reza Shah akka angoo qabatu godhan.
Iraan bara 1911 irraa kaasee sirna mootii heeran bulu (constitutional monarchy) waan ijaarteef mootii jalatti paarlamaa (majliisaa) fi mummicha ministeraatu ture. Mohammed Reza Shan otoo bulcha jiruu, sabboonummaan Iraan finiinee, boba’aa dachii keennaa ba’u akkamitti Biriten (Ingiliz) ofitti itti fayyadamti kan jedhutti dhufe. Sochii kanaanis, filannoo bara 1951 tureen qabsaayaan sabboonummaa kana leellisu Mohammed Mosadeg jedhamu mummicha ministeraa ta’ee filame.
Filamee guyyaa sadaffaa irratti boba’aa Iraan keessaa Ingiliiz baafataa turte hunda gara Iraanitti deebise (nationalize godhe). Kun ammoo Biriten aariifi morka hamaa keessa seensise.
Yeroon sun ammoo yeroo Gamtaan Sooviyeetii fi Ameerikaan wolgarreffannaa (Cold War) keessa turan waan ta’eef, Ameerikaanis Mohammed Mosadeg Iraan fudhee gara garee Soviyeetii lixuu danda’a sodaa jedhuun, humni tikaa Ameerikaa fi Biriten (CIA fi MI6) fonqolcha mootummaa Mohammed Mosadeg irratti qindeessuun angoo qabatee ture woggaa lama booda( bara 1953) irraa kaasan (fonqolchan).
Jidduu bara 1953 hanga 1979, Shah Mohammed Reza angoo ol’aanaa itti kennuun—Ameerikaa fi Biriten—Iraan harkatti galfatanii akka fedha isaanitti oofaa turan. Boba’aa Biriten dhabdee turtes fonqolcha booda deebifachuun, cinaa Iraaniif cinaa hafe ammoo kampanii ofitiif (kampanii boba’aa Ameerikaa fi Ingiliziif) qoodatan. Yeroo kana mootummaan Iraan bulchaa ture, kan Ameerikan deeggaramuu fi naanneffamu ture. Kanaaf, Israa’el wojjis hariiroo akkaan gaarii fi cimaa ta’e qaba ture.
Booda bara 1979 ummanni ni fincile. Fincila bara 1979 turee kanaan sirni mootii Mohammed Reza Shah kan Ameerikaan naanneffamu kufee Iraan gara Ripubilika Islamaa Ayatollah’n hogganamutti ceete. Bara 1979 ummanni ni fincile. Fincila kanaan sirni mootii (Shah) Mohammed Reza kan Ameerikaan naanneffamu ni kufee. Shah Mohammed Reza’nis angoo dhiisee biyyaa baqate.
Gaafas ummanni Iraan waan hedduuf fincile. San keessaa: sirni ture ergamtuu biyyoota lixaati malee kan faayidaa fi birmadummaa Iraan kabachiisuu miti, safuu keenna kan seera amantaa Islamaa irratti hundaa’e cabsee aadaa ormaa (worra lixaa) babaldhise, cunqursaa hamaa fi dhiittaa mirgaa barootaaf nurratti raawwate kan jedhan isaan ijoodha.
Mormii gara fincilaatti ce’e kana ammoo barootaaf namoota kakaasaa turan keessaa tokko Ruhollah Musavi Khomeini (Ruhollah Hoomeenii) jedhama. Inni hayyuu amantii (Faqih Shia) ture. Bara 1960-moota keessa adeemsa bulchiinsaa fi siyaasa Shah Mohammed Reza ifatti mormaa ture. Booda dhiibbaan itti jabaannaan gara Iraaq baqate, San booda gara France baqate. Yeroo Iraaq tures, yeroo France tures, sagalee mormii woraabaa gara Iraan dabarsa ture. Ummanni Iraanis ergaa isaa dhoksaan caqasa ture. Haala kanaan Ruhollah Khomeini jaalalaa fi kabaja guddaa ummata biraa argate.
Shah Mohammed Reza biyyaa baqatee, sirni isaa kufee torbee lama booda Ruhollah Khomeini, France irraa gara Iraan deebi’an. Ummannis yaa’ee simate. Akka hogganaa isaaniitti ilaale. Baruma san Iraan keessatti sirna shari’aa (Islamic Republic) ijaaruu fi dhiisuu irratti ummataaf referendum-iin dhihaate. Ummanni %98 ta’u Iraan republika Islamaa akka taatu sagalee kenne. San booda heerri ture biinxame, heerri haaraan barraayee raggaasifame. Heera kanaanis Ruhollah Khomeini—angoo murteesummaa dhumaa (supreme leader) akka ta’u caasaan bulchiinsaa hojjatame.
Iraan gara Ripubilika Islamaa—Ayatollah’n hogganamtutti ceete. Ayatollah jechuun maqaa gulantaa ol’aanaa dhumaa ibsu yoo ta’u, hiikkaa mallatoo rabbii (Sign of Allah) jedhu qaba. Bara 1979 Ayatollah Ruhollah Khomeini nama angoo murteessummaa dhumaa biyya Iraanii of harkaa qabu ta’e. Murtee kennuu fi tarkaanfii fudhachiisutti ka’e.
Dubartoonni akka hijaaba uffatan. Agarsiifni filmii worra lixaas akka dhaabbatu. Aadaan lixaa kan shari’aa amantaa Islaamaatiin wolitti bu’u akka dhabamu. Sirna barnoota keessatti waanti aadaa lixaa leellisu akka dhaabbatu. Boba’aa biyyoonni lixaa qoodaan fayyadamaa turan dhiisanii akka bahan. Fi murtee kana fakkaatu heddu murteessan.
Hariiroo dipiloomasii Israa’el wojji qaban adda kutan. Beekamtii mootiin duraa Israa’eliif akka biyyaatti kennee ture irraa mulqan. Israa’el weerartuudha malee biyyaa miti jedhan. Sirna-bittaa Tsi’onotaa (Zionist Regime) jedhaa waamu malee mootummaa ykn biyya Israa’el hin jedhaniin. Imbaasii Israa’el kan Tehran jiru ni cufan. Qabsaa’ota Paalistiinii (Palestine Libration Front-PLO)-iif gamoo Imbaasii Israa’el ture dabarsanii kennaniif. Hogganaa Adda Bilisummaa Paalistiin (PLO) kan ture Yassir Arafat waamanii kaloo Imbaasii Israa’el ture alaabaa Paalistiinii dhaabanii waliin suuraa keessatti ka’an.
Hariiroo dipilomaasii Ameerikaa wajji qabaataa turan ni hadheessan. Imbaasii Iraan kana Washington jiru ni cufan. Ayatollan Ameerikaan “Seexana Guddoo” jedhaniin. Baratoonni fincilaa turan ji’oota muraasa booda shakkii Ameerikaan (CIA’n) ammas akka duraa san fonqolcha gochuuf socho’a jira jedhuun Imbaasii Ameerikaa kan Tehran jiru weeraranii dipilomaatota Ameerikaa 52 ta’an guyyoota 444fi to’annaa isaanii jala oolchan. Ayatollah Ruhollah Khomeini waan barattoonni godhan kana hin mormine. Kun fincila (injifannoo) isa lammataati jedhanii jajan. Ameerikaan, biyyoonni lixaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) qoqobbi adda adda irra kaye. Saniinis jilbeefachuu didan.
Ummanni biyyoota naannoo Baha Jiddugalaa (Iraaq, Lebanon, Syria, Bahrain, kkf) jiru akka fincila Iraan irratti godhamee Rupublika Islamaa ijaare kana biyya biyya isaanitti jalqaban, Ayatollah’n, waamicha godhan. Kun mootummoota naannoo sanii naasuu keessa seensise. Saddam Hussein-in Iraaqi woggaa tokko booda bara 1980 Iraan irratti woraana jalqabe. Amerikaanis hin mormine. Biyyonni lixaa heddu—duubaa Sadam Hussein-iin deggaran. Saddam Hussein lola irratti keemikalaa summa’aa fayyadamuun dhoorkame fayyadamus injifachuu hin dandeeye. Woggaa sagala booda (1989) Iraanis otoo hin weeraramin, Saadamis otoo hin mooyin woraanichi dhaabbate.
Gaafas Ayatollan amma jiru Pirezedaantii ture. Ayatollah Ruhollah Khomeini bara 1979-1989 bulchanii boqatan. Ayatollan ammaa— Ayatollah Ali Khamenei— isaan bakka bu’uun bara 1989 filataman.
Iraan sagantaa Niwukulaaraa gabbisuu deeggarsa Ameerikaatiin bara mootii (Shah) Mohammed Reza -1957 jalqabde. Fincila 1979 booda woraanni Iraaqis waan dhufeef, xiyyeeffannoon hojiwwaan biraa irra waan turee fi beektota niwukulaaraa yeroo sanitti waan hin qabneef, Ayatollan guddichi duraa sagantaa niwukulaaraa gabbisuu irratti hin xiyyeeffanne.
Ayatollan amma jiran immoo Iraan meeshaa woraana niwukulaaraa hidhachuu qabdi jedhee amana. Kanaaf, sagantaa niwukulaaraa gabbisuu dura dhaabbatee ture deebisee jalqabsiise. Dhoksaanis iddoowwan niwukulaaraa itti gabbisan kan biroo ijaare. Booda worri lixaa irra gahe. Keessattuu Ameerikaa fi Israa’eel duunee argamna malee Iraan niwukulaaraa hidhachuu hin qabdu jedhanii woggootaaf falmaa jiru. Ka’umsi lola torbee kanaas kanuma. Dubbisuu keessan comment jalatti mirkaneessaa. Waan gaafii isinitti ta’e dhiheessaa. Deebii isaatiin wolitti deebina!
Qopheessaan: Dr. Nuredin Luke



