Hundee Diimaa/ቀይ ሥር (Beetroot)
Namoonni baay’een usuu hin beekin hundee diimaaf ilaalcha dogongoraa qabu. Yeeroo heddu soorata isaanii keessaa hundee diimaa cinatti maqsu. Anis waan namoonni godhan ilaalee akkas gochaa ture. Kuni dogongora ta’uu isaa waa’ee biqila kanaa erguma baradhee, qoradheen hubadhe.
Hundee diimaan soorata tuffatamaa usuu hin taane soorata kabajamaa fi qoricha ajaa’ibaati. Hundee diimaan faayidaa lakkaayamee hin dhumne qaba. Keessumattuu Tiruu fi Kalee keenya summii adda addaa irraa qulqulleessuuf biqila dorgomaa hin qabnee dha.
Qabiyyee Hundee Diimaa
Vitaminoota vitamin C, vitamin B-6, riboflavin, and thiamine, pirootinii fi albuudota kanneen akka kaalsiyeemii, Ayiranii, soodiyamii, fi pootaasiyamii fa'an kan badhaadheedha
Faayidaa Hundee Diimaa
- Bareedina gogaa qaama keenyaaf.
- Kaansarii mar’ummaan furdaaf
- Dhibee kalee nurraa ittisa.
- Gartuu sochii dhiigaaf sirreessa
- Hanga cholesterol qaama keessaa ni xiqqeessa.
- Goginsa garaa nurraa ittisa.
- Fayyummaa ija keenyaaf.
- Rakkoo waa irraanfachuu bara dulluma keessaa nurraa ittisa.
- Sirna ittisa dhibee qaama keenyaa ni dabala.
- Carraa dhukkuba onneen qabamuu ni hir’isa.
Faayidaan hundee diimaa nyaachuu dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu fi ga’umsa sochii qaamaa fooyya’aa akka qabaatan taasisuu fi kanneen biroo ta’uu danda’a.
Hubannoo:
◦ Hundee diimaa bilcheessanii nyaachuu caalaa dheedhii isaa ykn juusii isaa nyaachuun faayidaa irra qaba.
◦ Hundee diimaan keemikaala ‘oxalate’ jedhamu baay’inaan of keessaa waan qabuuf Namootni dhukkuba jilbaa fi qubarratti isaanitti deddebi’e mul’atu (Rihii) qaban, Hundee diimaa baay’isanii soorachuun gaarii miti.
Maddi: Wiirtuu Yaala Aadaa Kuush





