“WALQUNNAAMTII SAALAA YEROO ULFAA”
Wal quunnamtiin saalaa hanga ji’a afuritti haadha ulfaaf mijachuu dhiisuu danda’a. Sababni isaas wayita kana ol guurraan ,tuttufsiisaan fi dadhabbiin waan itti baayyatuuf fedhiin ishee hir’achuu ni danda’a. Garuu ji’a 4-7tti dhibeewwan armaan duratti caqafaman hir’achaa waan deemuuf fedhiin isaani ni dabala. Ji’a 8 hanga dhumaatti gadameessi daa’ima baatu guddaa waan ta’eef haalli qunnamti saalaaf mijachuu waan diduuf feedhii isaanii akka duraa hin ta’u. Walumaagalatti walquunnamtiin saalaa ji’aan hin dangeffamu,jechuun hamma dhibeen hin jirretti walquunnamtii saalaa hanga ji’a dhumaatti hin dhorkamu. Garuu wayita dhibeewwan armaan gadii mul’atan wal qunnamtii saalaa gochuun dhorkaadha.
- Seenaa ba’uu ulfaa al lamaaf isaa ol yoo qabaatan.
- Ulfa duraa irratti ciniinsuun osoo hin ga’iin itti dhufeera yoo ta’e.
- Yoo karaa qaama isaanii dhigni dhangala’e.
- Yoo bishaan gubbee dhangala’e.
- Ultrasoundiin ilaalamtee yoo of-kaltiin balbala gadameessaa irra ykn mucaa dursee jiraa yoo ta’e dha.
Garuu qunnamtii saalaa booda yoo dhigni mul’atee fi bishaan gubbee dhangala’e atattamaan mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
Galatoomaa ! Dr. Lammii G

Dhiirota Qofaaf! Turtii walqunnaamtii saalaa dheeressuu:
Walqunnaamtiin saalaa gaa’ela keessatti ga’ee ol’aanaa qaba. Dhiironni turtii walqunnaamtii saalaa akkamiin dheeressuu danda’uu?
- Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa.
- Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha.
- Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhan yoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an.
- Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara.
- Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna.
- Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema.
- Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf.
Fayyaan Faaya

Warra gaa’ela qabdaniif…
Walqunnaamtiin saalaa waantoota gaa’ela keessatti ijoo ta’an keessaa isa tokko. Faayidaan fayyaa walqunnaamtii saalaa irraa argamuhoo maal fa’i?
- Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa hedduu cimsa.
- Dandeettii fincaan qabaachuu afuuffee fincaanii dubartootaa ni dabala.
- Dhiibbaa dhiigaa qaama gadi buusuuf gargaara.
- Sochii qaamaa waan ta’eef fayidaalee sochiin qaamaa agamsiisu nuuf kenna.
- Carraa dhukkuba onnee tasaa gadi buusa.
- Dhukkuubbii qaamaa (pain) kamiyyuu kan qabnu yoo ta’e akka nutti hin dhaga’amne taasisa.
- Dhiirotaaf ammoo carraa kaanserii xannacha prosteetii dhiiraa hir’isa.
- Hirriba qulqullina qabu akka rafnu taasisa.
- Dhiphina sammuu (stress) nurraa ittisa.
Fayyaan Faaya

Dhibee Qaama Saalaa Dhiiraa (Impotence)
Qaamni saalaa dhiiraa kan dhaabbatu
(erection) yoo hormooniin sammuu keessaa gadi lakkifamee ujummoolee dhiigaa qaama saalaa dhiiraa keessatti argaman dhiigaan guutuudhaan dhiibbaa (pressure) uumudha.
Haalli kamillee kan kana dangeessu, qaamni saalaa dhiiraa dhaabbatee walqunnaamtii akka hin raawwanne dhorka, osoo fedhii qabuu jechuudha. Yoo fedhii hin qabaanne (decreased libido) garuu inni kan biraati malee dhukkuba kanaan walqabachuu dhiisuu mala.
Dhibeen kun akkuma umuriin dabaleen
dabalaa deema. Giddu galeessaan dhiirota waggaa 40 keessaa 5% yoo hubu, warreen waggaa 70 ga’an keessaa ammoo haga 15% hubuu danda’a.
Dhibee kana kanneen namatti fidan keessaa.
- Rakkoo xiinsammuu (psychological
problems). Kun yeroo hedduu namoota
saalqunnaamtii waliin walqabatee miidhama, sodaaa fi kkf qaban. - Dhukkuba sukkaaraa
- Tamboo xuuxuu
- Dhukkuba narvii tokko tokko
- Qorichoota adoochan kan akka hashiishii fi kkf.
- Qorichoota dhukkuba biraa yaaluuf
ajajaman kan akka, antihypertensive,
antihistamine, antidepressants, etc. - Depression ykn dhukkuba gadduu garmalee (psychiatric problem) fi kanneen biroon illee in jiran.
…………………………………………………………….
Furmaanni rakkoo kanaa yeroo ammaa
qorichoonni garaagaraa jiraatanis yeroo
baay’ee sildenafil (viagra) akka ballinaan
fayidaarra oolaa jiru beekamaadha. Qoricha kana ajaja ogeessaa fayyaatiin qofa fayyadamna. Midhaawwan cinaa (side effects) qorichi kun qabu keessaa; mataa dhukkubbii, gadteessisuu (diarrhea), garaacha dhukkubsuu (dyspepsia), oldeebisuu (nausea) fi kkf.
GALATOOMAA.

Dubartootaaf 👱♀️🧕
Walqunnaamtii Saalaatti Gammaduu Dadhabuu Dubartootaa (Female Orgasm Dysfunction) maal irraa dhufuu malaa? Akkamiin of gargaaruun danda’amaa?
Dubartiin tokko rakkoo armaan olii kana qabdi jechuudhaaf: Walqunnaamtii saalaa abbaa manaa ishee waliin raawwattutti gammachuu kan hin qabnee fi fedhii saala abbaa manaa ishee guutuuf qofa kan raawwattu yoo ta’edha. Rakkoowwan kana kan fidan keessaa muraasni:
- Rakkoo xiin-sammuu (psychiatric or psycosocial) dudartiin sun qabdu kan akka raakkoo dhiphachuu (stress) humnaa’olii, ofitti amanamummaa dhabuu fi kkf kan yaala addaa barbaadu.
- Rakkoo waliin haasaa ykn walii galtee dhabuu abbaa manaa fi haadha manaa waliinii (Heeruma fedhii malee, fi kkf)
- Dhiibbaa ykn rakkoo walqunnaamtii saalaan walqabatee yeroo ijoollummaa irratti raawwatame, kan akka dirqisiisanii gudeeduu fi kkf.
- Dhukkuboota adda addaa kan waan kana fiduu danda’an qabaachuu fakkeenyaaf dhukkuba sukkaaraa….
- Yaalii baqaqsanii yaaluu dhukkuba adda addaa yaaluuf godhamu, qaamota sirna hormaataa keessa tokko ykn isaa ol kan akka gadameessa muranii baasuu (hysterectomy).
- Kan rakkoo biraa tokko hin qabne garuu rakkoo walqunnaamtii saalaatti gammaduu dadhabuu qofa qaban illee ni jiru.
FURMAATA
Rakkoon kun qorannoon biyya USA keessatti hojjetame tokko akka jedhutti dubartoota 21% kan hubu yoo ta’u rakkoo salphaa osoo hin taane kan yaala barbaadudha. Kanneen armaa gadii akka furmaataatti kan taa’anidha.
- Waldhabiinsa, miidhama duraanii, muddama jireenyaa fi kkf namootni waan kana furuudhaaf leenji’an (psychotherapist) waan jiraniif deemanii yaala ga’aa argachuu.
- Mana yaalaa deemanii dhukkuboota rakkoo kana fidan irraa yaalamuu.
- Yeroo walqunnaamtii saalaa raawwatan guutummaa guutuutti yaada ofii walqunnaamtii saalaa irra gochuu fi sosochii garaa garaa gochuu.
- Kana hundaan illee yoo furmaanni jiraachuu baate qorichoota ogeessa fayyaa sammuu (Psychiatrist) irraan ajajaman fudhachuun illee ni dandaa’ama.
Fayyaan Faaya

Dhibeewwan Walqunnaamtii Saalaa Of eeggannoo Hin qabneen daddarban.
- Cophxoo (Gonorrhea) – kun baakteeriyaa Neisseria Gonorrhoeae jedhamtuun kan dhuftu yoo ta’u yoo yaalamuu baate turtii yeroo dheeraa keessa dhibee cimaa kan namatti fiduufi yoo yeroodhaan argamee jaalalleewwan lamaan walaiin yaalaman garuu guutummaa guutuutti kan fayyudha.
- Fanxoo (Syphilis) – jarmii Treponema pallidum kan jedhamtuun kan dhufu yoo ta’u akkuma cophxoo inni kunis yoo yeroon yaalame kan guutummatti fayyu, yoo yaala hin arganne rakkoowwan hedduu kan dhala namarraan ga’udha.
- Vaayiresoota tiruu (Viral Hepatitis)– vaayiresoonni tiruu keessumaa kan gosa B fi C karaa walqunnaamtii saalaa daangaa hin qabneen daddarbuudhaan lubbuu namoota hedduu lubbuu kan galaafatanidha.
- HIV/AIDS – dhukkubni HIV karaa walqunnaamtii saalaa akka daddarbu beekamaa ta’ee, namoonni dhukkuboota qunnaamtii saalaan daddarban kan biroo akka cophxoo fi fanxoo qaban carraan vaayiresii HIV kanaan qabamuu isaanii namoota biroo irra olka’aadha.
- Trichomoniasis – kun Trichomonas vaginalis jarmii jedhamtuun kan nama qabu yoo ta’u yeroo hedduu keessumaa dhiirota irratti mallattoo kan hin argisiifnedha.
- Herpes Simplex – kunis vaayiresoota gosa lama: Herpes simplex virus type 1 (HSV-1) kan naannoo afaanii hidhii hubuu fi Herpes simplex virus type 2 (HSV-2) kan qaaama saalaa hubuudhaan dhukkuboota saalqunnaamtiin daddarban keessaa sadarkaa 1ffaa irratti argamuun kan dhufudha.
- Dhukkuboonni haala kanaan daddarban kanneen biroo akka: Chlamydia, Human Papilloma Virus (HPV), Chancroid fi bacterial vaginosis ille ni jiru.
Fayyaan Faaya!

Durbummaa Uumamaan Dubartoota hundatu qabaa? Erga badeehoo deebi’uu ni danda’aa? Nama malee bineensonni ni qabuu? #Dubbisaa
Durbummaan waan baay’ee haphii taatee fi ulaa qaama saalaa durbaa haguugdee jirtu, kan afaan ingiliffaan hymen (thin film of membrane) jedhamtuudha. Faayidaa beekamee kana jedhamu hin qabdu. ‘Hymen’ ykn durbummaan kun haphii waan taateef yeroo baay’ee qunnamtii saalaa jalqabaa irratti tarsaati.
Hymen ykn durbummaan kun kan durba hundaa walfakkaataa miti, gosaan addaa adda dha. Akka salphaatti garee kana jalatti addaa addummaa isaanii laaluu dandeenya, isaanis:
- Haphii fi qaawwa kan qabu (septate, cribiform, microperforate): kun gosa durbummaa ykn hymen qaawwa xixiqqoo tokko (microperforate) ykn isaa ol (cribiform and septate) qabuudha. Gosti kun dubartootni hedduun kan qaban ta’ee qunnamtii saalaa jalabaa irratti ni tarsa’a, dhiigni xiqqoonis qaama saalaa keessaa dhangala’a.
- Cufataa ykn qaawwa kan hin qabne (imperforate hymen): kun tarsa’uudhaaf rakkisaa fi yoo tarsa’e ammoo akka malee dhiiguu danda’a. Yeroo tokko tokko gosti kun, tajaajila baqaqsanii hodhuutiin malee haala biraan hin tarsa’u. Kun dubartoota dhibbeentaa 0.1 (0.1%) irratti kan argamudha.
- Yeroo tokko tokko ammoo uumamaan dubartootni durbummaa hin qabnes jiru. Kun garuu lakkofsaan hedduu, hedduu xiqqoodha. Qorattoonni hundi yoo dhalatan durbummaa ni qabu jedhanis ni jiru.
Dabalataan durbummaan miidhaa adda addaatiin tarsa’uu ykn baduu ni danda’a
Fakkeenyaaf:-
-Ispoortii ciccimoo akka atileetiksii, isplintii, utaalchoo, fardaan gulufuu.
-Gobaa ykn muka irratti kufuu
-Qorannoo fayyaa eyyama isaaniitiin qaama saalaa dubartootaa irratti taasifamuun fi.k.k.f
Durbummaan takkaa badnaan ykn tarsaanaan deebi’ee hin fayyu ykn hin margu!!! Garuu tajaajila baqaqsanii hodhuu (hymenorrhaphy) jedhamuun suphuun ni danda’ama.
Durbummaa kan qabu dhala namaa qofa osoo hin taane, beeyladoonni fi bineensonni akka: Fardaa, Arba, Saree, Adurree, harre diidoo, chimpaanzii fi kanneen biroo hedduun ni qabu.
Koroonaa irraa rabbi isin haa eegu, Rabbi nu haa eegu.
© Dr. Gurmeessaa

Nyaataa hin bilchaannee fi foon dheedhii nyaachuu.
Dhugaatii alkoolii dhuguu fi tamboo xuuxuu.
Hojjii humnaa olii hojjechuu.
Nyaata altakkaattti baay’isanii nyaachuu.
Nyaaataa booda gadi jedhanii hojii hojjachhuu.
Yeroo ulfaa torban 24 (ji’a 6) booda dugdaan ciisuu.
Kophee koomeen isaa ol-ka’aa godhachuu.
Wayita ulfaa erga bishaan gubbee fi dhigni dhangala’ee quunnamtii saalaa raawwachuu.
Hordoffii wayita ulfaa addaan kutuu,
gorsaa fi yaala ogeessi fayyaa wayita ulfaa, da’umsaa fi da’umsa booda isaani kenu fudhachuu dhiisuu.
Da’umsaa booda yeroo dheeraaf sireerra ciisanii turuu.
Fayyaan Faaya

Waa’ee ULFAA Kana Beektuu Laata?
- Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa’amee ji’a 4-5 eegala.
- Mucaan garaa keessa jiru guyyaatti yoo xiqqaate si’a 12 socho’a.
- Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatinni ishii Kg 8-12tin dabala.
- Ulfaatinni Obbaatii (placenta) 1/6 ffaa ulfaatina mucaati.
- Dubartiin tokko erga deessee, madaan qaama hormaata isheerra hin jiru tanaan yeroo kamittuu walqunnamtii saalaa rawwachuu dandeessi.
- Dubartiin tokko erga desseen ykn erga irraa baheen booda yoo harma hoosisuu baatte, torban 2 keessatti ulfa’uu dandeessi.
- Harma hossisuun ulfa ittisuuf ni gargaara (Garuu ulfa ittisuuf ga’aa ta’uuf sirriitti hoosisuu qabdi).
Fayyaan Faaya





