Seenaa Haajii Kadiir Bombaasoo

Seenaa Haajii Kadiir Bombaasoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii Ganda Bombaasoo Reejjiitti kan dhalatan hayyuun gootummaafi woliin jireenya sablammoota dhaloota dhaalchisan Haaji Kadiir Bombaasoo, bara 1917 abbaa isaanii obbo Muhaammad Aadam Duubee fi haadha isaanii aadde Faaxumaa Diingoo Roobaa irraa ganda baadiyaa magaalaa Nageellee Arsii irraa gara bahaatti kiiloometira 12 fagaattee argamtu Bombaasoo Reejjiitti dhalatan.

Maatii isaaniitiif ilma hangafaa kan ta’an goonni ija barbadaa beekumsa qur’aanaafi hayyummaa Arsoomaatiin hundaan jaalatamummaa guddaa kan goonfatan Haaji Kadiir Bombaasoo obboleewwan dhiiraa torbaafi dubartoota lama wojjiin kan dhalatan yommuu ta’an wolumaa galatti obboloowwan sagal kan qabaniifi goota gootummaan isaanii ifee akka addeessa birraatti dhalootaaf bu’uura har’aa kan buuse ta’uun olomaa’aa bara baraan sablammoota biratti yaadatamaniidha Haaji Kadiir Bombaasoo.

Haajii Kadiir maatii isaaniif Ilmaan dhiiraa keessa hangafa yommuu ta’an obboleeyyan dhiiraa 7 fi dubara lama wolumaagalatti obboleewwan 9 kan qabaniidha.

Hayyoota gita bittaa mootii Jaanoyii jechaafi gochaanis ofirraa qolachaa turaniifi dhaloota shira gita bittootaa mootota duraanii irraa baraaruuf hojjachaa turan keessaa adda durummaan kan yaadataman Haaji Kadiir Bombaasoo ykn haaji Kadiir Muhaammad, umurii ijoollummaa isaaniitti akkuma ijoollee baadiyaa kanneen biroo loon tiksaa, taphoota ijoollummaa kanneen akka takkooyyee, wol’aansoo, kubbaa huccuu irraa hodhame taphachaa kan guddataniifi keessumattuu tapha wol’aansoo aadaa akkaan kan jaalataniifi taphachaa kan guddatan ta’uu ragaan manguddoota duraanii seenaa isaanii itti dhiyeenyaan beekan ibsaniiru.

Jecha Isaanii “Biyya ofii dhalannerratti keessummaa hin taanu” dhaadannoo jedhuun onnee dhalootaatiin kan yaadataman Haaji Kadiir Muhaammad Aadam Duubee ykn Haaji Kadiir Bombaasoo moggaasa maqaa Haaji Kadiir Bombaasoo hedhu kan goonfatan,waytii barnoota amantaa ummata barsiisuu fi gootummaan isaanii raajeffatamuu eegalametti olomaa’onni Arsii-baalee jama’aa qabatanii gara lafa dhala dhaloota isaanii Bombaasoo Reejjiitti godaanan haasaa keessa gara qe’ee Haaji Kadiir Bombaasoo deemaa jirra jechuun af-dubbii taasisanirraa eegaluum maqaan masoo isaanii guutumatti gara Haaji Kadiir Bombaasootiin beekamuutti jijjiiramuusaa manguddoota naannichaa irraa odeeffanneerra.

Arsii Lixaa hanga waabee gamaatti, gadabii hanga diida’aatti ambaasaaddara nageenyaafi hayyuu amantaa ta’uun jaalatamummaa guddaa kan goonfatan goonni ija barbadaa Haaji Kadiir Bombaasoo, ijoollummaa isaaniitti jama’aa baaleefi diida’aa irraa dhufanitti makamuun bara 1929 umrii isaanii 12tti sheeka qur’aanaa jalqabaa isaanii roobe irraa dhufan Sheekkota Gootuu jedhaman irraa qara’uun qur’aan juuza jalqabaa 30 qar’uun kan buusan ta’uu manguddoota seenaa isaanii sirritti beekan ragaa bahaniiru.

Hayyuun guddaan gootummaafi beekumsa diinii uumamaan rabbiin kenneef Haaji Kadiir Bombaasoo qur’aana juuza soddomaa erga buusanii booda barnoota amantaa dabalataatiif gar diida’aa aanaa Shirkaa naannawa isheetti juuza soddoma hanga ilmii ol’aanaatti woggoottan 19 oliif barachuun jam’aa hedduu qaraasisuun jaalatamummaa guddaa horachuu isaanii ragaan arganne kan mirkaneessuudha.

Olomaa’aan guddaan Haaji Kadiir Bombaasoo erga barnoota ilmii dagaagfachuun diida’atti barsiisaa turanii booda gara lafa dhaloota isaanii Nageellee Arsiitti deebi’uudhaan Olomaa’ota aanichaa kanneen akka Haaji Baatenoo Dhaamfii fa’a wojjiin ta’uun Bombaasoo Reejjii, Adaabaa Xiixaa fi Daanshee dabalatee gandoota aanichaa hunda keessa jama’aa isaanii hanga 6000tti dhiyaatu qabatanii socho’uun gandoota aanichaa hunda keessatti barnoota amantaa isilaamaa barsiisuun qarooma dhaloota har’aaf bu’aa bu’uura qabu kan buusan ta’uu seenaan isaanii ni mirkaneessa.

Haaji Kadiir Bombaasoo Arsii hanga waabee gamaatti imaluun masjiidota 200 ol kan ijaarsisaniifi lafa masjiidni hin jirrettis muka Odaafi gaaddisa mukkeenii jalatti barnoota amantaa barsiisuun madirasaa har’aaf bu’uura kan buusan turan.

Sirna diddaa gita bittaa abbootii irree irratti qabsoo qonnaan bultoonni Oromoo baalee taasisan wojjiin hidhata guddaa kan qabaniifi hariiroo dhiyoo jeneraal Waaqoo Guutuufi Haaji Aadam Saaddoo fa’a wojjiin hidhata cimaa kan qaban Haaji Kadiir Bombaasoo,mirgi Oromoofi Oromiyaa akka kabajamuuf goota adda durummaadhaan yaadatamaniidha.

Diinii rabbii barsiisuu cinatti bu’uuraalee misoomaa ummata Oromoofi sab-lammootaaf babal’isuu irratti xiyyeeffachuun dhageettii guddaa kan goonfataman Haaji Kadiir Bombaasoo hojii misoomaa ummata hirmaachisuun hojjachiisan keessaa manni barnootaa sadarkaa 2ffaa Aanaa Nageellee Arsii, masjiidni Bilaalii magaalaa Nageellee Arsiifi masjiida Nuur magaalaa Nageellee Arsii, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa magaalicha keessaa harka isaan hawaasa naannoo hirmaachisaniin kan hundeeffame ta’uu sab-lammoonniifi jiraattonni naannichaa ni himu.

Addattimmoo Haaji Kadiir Bombaasoo abbaa sabaafi sab-lammootaa jedhamuudhaan kan waamamaniidha. Sababni maqaa kana argataniifis, naannawa Nageellee Arsiitti, aadaan woliin jireenya sabaafi sab-lammootaa akka dagaaguuf hayyuu bu’uura buuseefi hariiroon ummaya Oromoofi sablammootaa dachaan akka cimuuf goota bu’uura buuse ta’uudhaan sablammoota naannichaa biratti goota akka “mallattoo tokkummaatti” ilaalamaniidha Haaji Kadiir Bombaasoo.

Haaji Kadiir,obbolummaa sab-lammootaa har’a jedhamu kan cimsuu keessatti qooda olaanaa bahaa kan turan yommuu ta’u,kan wol-dhabe araarsuu,kan dhibame wal’aansisuu,kan daareefi beela’e nyaachisuufi uffisuu keessatti nama namaa olitti abdatamaniifi onnee ummata Oromoofi sab-lammootaa keessatti goota ashaaraa kaa’anii darbaniifi bara baraan yaadatamaniidha.

Gootni jabinnaafi cimina rabbiin uumamaan kenneef Haaji Kadiir Bombaasoo haadha worraa lamaan aadde Moominaa Haaji Dotii Osolii fi aadde Zaaraa Haaji Muhaammad Sh/Huseen jedhaman kan horatan yommuu ta’an ilmaan dhiiraa 10 fi dubara 10 wolumaa galatti ijoollee 20 kan argataniifi gabaabumatti sanyii akaakilee fi abaabilee isaanii 132 kan horan ta’uu ibsameera.

Goonni umrii hin qabu akkuma jedhamu biyyeen nama hin didduu,olomaayichi guddichi baraan yaadataman Haaji Kadiir Bombaasoo bara 1994 dhalatanii umrii 77’tti rabbiin raahmata haa godhuufi addunyaa kanarraa gara fuula Aakiraa godaanan.

Wolumaa galatti hayyuun hambaa gootota kaleessaa ta’an Haaji Kadiir Bombaasoo abbaa nageenyaa, abbaa misoomaa,abbaa sab-lammootaa, calaqqee haftee saahbota duriifi siidaa tokkummaa turan.

Nutis, gootummaa, gaarummaa, biyyaaf yaaduufi aadaan woliin jireenyaa dagaagsuu gootota kaleessaa irraa dhaalle hojitti hiikuufi giddu-galaawwan seenaa gara garaa maqaa namoota beekamoo kanneeniin moggaasuun fayyadamummaa biyyaf haa Oolchinuun dhaamsa barruu keenya har’aati ! Kominikeeshinii aanaa Nageellee Arsii

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top