KATKAA’ BOOJI’AME
Namootni lama walqunnamtii saalaa godhanii erga raawwatan booda qaamni saalaa isaanii wal gadhiisuu (walittii ba’uu dide) oduu jedhu dhageessanii beektuu? “Anas na quunnamaa laata?” jettanii yaaddanii beektuu? Kan isin quunnames jiraachuu dandeessu.
Yeroo saalqunnamtii godhanitti qaamni saalaa dhiiraa (katkaan) bokokee (ka’e) qaama ishee keessa seenuun asii fi achi jedhuun ofis ishiis gammachiisuuf yaala. Qaamni saalaa ishee gaafa fiixee gammachuu irra ga’u maashaalee gamaa gamana jiran hirqinfachiisuun (kottoon fachuufi diriirafachuun) gammachuu isaa ibsatan. Gaafa nagaa hirqinfuun maashaalee qaama dhalaa kanaa akkuma qaama saalaa dhiiraa hammaachuu (dhungachuutti) ilaaluun ni danda’ama.
Egaa yoo maashaaleen qaama saalaa dhalaa bitaa fi mirga irra jiran gammachuun hirqinfatanii [kottoonfatanii] walitti maxxananii wal-gadhiisuu didan katkaan bokokee keessa socho’aa ture sochiin isaan ni huggurama [ muddamee qabama, bookkisni isaas ni dhaabbata] jechuudha.Taatee kanaan’ katkaa ‘ booji’ame [penis captivus] jennaan.
Taateen kun taateewwan walquunnamtii saalaa keessatti nama kamiinuu mudachuu danda’an keessa isa tokko dha.Gaarummaan isaa carraan nama mudachuu isaatii baayyee xiqqoo dha;addunyaa kana keessatti namoota muraasa qofa mudate.
Kanaaf qorannoo hedduun kanaan walqabatu hin geggeeffamne. Ta’us obsaan yoo eegan yeroo muraasa (daqiiqa 10 gaditti) keessatti kan sirratu ta’uu isaatii fi miidhaa hamaa kan hin geessisnee ta’uun beekama. Darbees saalqunnamtii gara fuulduraatiif kan nama hin yaaddesine ta’uun beekameera.
Furmaata
Akka tasaa ta’ee’ katkaan’ keessan qaama saalaa jaallee ykn haadha warraa keessaniin yoo isin jalaa booji’ame [saal-quunnamtii booda yoo walittii ba’uu dadhabdan] kanneen armaan godhaa:
∆Hunda dura haalli keessa jirtan waanta hamaaf isin kennu ykn yeroo dheeraa fudhatu akka hin taane of yaadachiisuun gaariidha. Kun tarkaanfii duuba itti gaabban fudhachuu irraa nama oolcha.
∆Tasgabbiin haga maashaan qaama saala dhalaa diriirfatutti (relax) eeguun baayyee barbaachisa dha. Dhiphachuu / nahuun akka maashaan ishee hin diriirfanne gochuun taatee kana ni hammeessa .Sosocho’uu fi humnaan keessaa ba’uuf yaaluun dhukkubbii (dhahannaa) qaama saala lamaan irraan gahuu irra darbee rakkoo qaamni ofii tarsa’uu ykn cituu keessa nama gatuu danda’a.
∆Yeroo baayyee maashaan ishee daqiiqaa kudhanii gaditti waan diriifatuuf obsaan yoo eegan utuu gargaarsaaf nama hin waammatin rakkoo kana irraa furamuun nidanda’ama.
∆Yoo yeroo dheeraa fudhatee fi rakkoo biraan kanaan wal qabatee umame [dhiiguun jiraate,dhukkubbii hamaan jiraate] gargaarsa ogeessa fayyaa argachuun ni danda’ama.
FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU!
Melba psycheD





