Dacheen keessa jiraannu, irri lafaa;
Halluu baatti, cubbifamaa fi safaa;
Gama ce’uu yaanna, ofjala hin agarru;
Hagicha wal fixna, diinqa hin dabarru.
–
Yaba dachee kanaa, dhuga’uu dharra’ee;
Takkaa naman dhageeffanne, rarra’ee;
Bar-darbee afoola caqaseera waahuu;
Isa ammaa jiraachaa jira, hundaahuu.
–
Isa boru jiraadhu, rabbi qofa beekaa;
Maarree maaliif, abjuu ormaa hiikaa?
Hirriba rafee bulutti, ofumaa abjadhaa;
Maaltu narraa hafa? of-ta’ee jiraadhaa.
–
Korbeessi hobobee, kan hundaatti lashisu;
Raaddi gaanaa sababee, maratti mashisu;
Kipha tumaalessaa, falasamaan dahadha;
Ripha goromsaa, obsee laphee dhahadha.
–
Gufuun nan danda’u,
Kufuun natti hin ba’u,
Amaanaa dachii, qomaa qaba odeeffannoo;
Hanga ilma namaa, ni godha of eeggannoo;
Rabbii kiyya ni kadhaa, bahuuf dogongora;
Nama osoo hin taane, rabbiin na gargaara.
–
Kedir Abdulatif Haji
Muddee 23, 2020
Cubbifamaafi Safaa





