Mammaaksa Afaan Oromoo

Mammaaksa Afaan Oromoo


Mammaaksi afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta’u jechoota beekkumsaa fi ogummaa qaban of keessaa qaba. Mammaaksi dubbii fiduufi gabaabsanii fixuuf ykn salphaatti namatti himuuf tajaajila. Uummanni Oromoo mammaaksa isaatiin ragaa baha. Oromoon dubbii cimsanii fi gabaabsanii mi’eessuuniifi miidhagsuun fixuuf mammaaksatti fayyadama, keessaahuu warri maanguddoo. Yeroo baay’ee manguddoonni araarsufis ta’e marii hawaas-dinagdee adda addaaf yoo walga’an yaada isaanii gadi fagessanii garuu osoo dubbii hindheeressin ibsachuuf mammaaksatti fayyadamu.
 
Mammaaksi hawaasa Oromoo biratti waan hedduuf mammaakama. Fakkeenyaaf, qarutuma, tuffii, jaalala, hawwii, haqa, gootummaa, doqnummaa, jibbaafi kkf, agarsiisuuf nimammaakama. Ergaa mammaaksa tokkoo hubachuuf wantoonni adda addaa nama gargaaruu malu. Fakkeenyaaf, aadaa, seenaa, durdurii faa beekuu barbaachisaadha.
 
Hariiroo Manguddoo fi Mammaaksaa
 
Mammaaksi beekumsaa fi muuxannoo maanguddootaati. Haasaan maanguddootaa yeroo baayyee mammaaksaan kan guutameedha, kunis dubbii gabaabsanii himuuf, dubbii mi’eessuuf ykn bareechuuf godhama. Kanaafis, sagantaa aadaa ykn hawaasummaa bakka maanguddoonni itti baayyatan keessatti mammaaksi baayyinaan dubbatama.
 
Amaloota Mammaaksaa
 
Mammaaksi Oromoo:
– Gabaabaa dha.
– Hiika bal’aa qaba.
– Muuxannoo irratti hundaa’a.
– Barnoota jireenyaa dabarsa.
– Safuu barsiisa.
– Yaada gadi fagoo qaba.
– Hawaasa keessatti wal hubannoo uuma.
– Araaraa fi murtii keessatti ifatti tajaajila.
 
Fakkeenya Mammaaksaa
 
Oromoon iddoo mammaaksi qabu akka armaan gadii kanatti ibsa.
 
Dubbiin dubbii fida mammaaksi dubbii fixa.
Aaki jedhan waa tufan, mammaakan waa himan.
Dubbiin mammaaksa malee, ittoon soogidda malee.
Mammaaksi koobaa dubbiti,
Mammaaksi gooba jechaati,
Ittiin tolcha, ittiin dubbadha,
Ittiin halcha, ittiin hubadha,
Dubbiin dida,
Dubbii fida,
Dubbii xuuxa 
Dubbii fixa,
Mi’aa, sooqidda,
Nadha, ibidda,
Ittiin akeeka,
Ittiin mammaaka,
Haasawa tolcha adeemsa,
Hiikni dubbii mammaaksa,
Daba ittiin qajeelchu, shira ittiin miliqani;
“Baddu baddi malee saree ija hin dhiqani.”
Nuuf afaani, mi’a, mi’aadha, qooda, afoola;
Nuuf qabatama, nagaadha, imaanaa, tola! 
*****
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Aa” irraa eegalaman.

  •  Aadaan yoo dhiisan adawwii namatti taati.
  • Aadaa fi aduun ni dhokatan malee hin badan.
  • Aanaa lafti hin hanqattu.
  • Aanaan ofii qaanyaa ofiiti.
  • Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette Adurreen.
  • Aare jedhanii yoo keessaa fuudhaan ni dhaama.
  • “Aartu qotadhu,” jedhe namichi saree buddeena dhoorgatee.
  • Abbaa dhooksetuu akaakayyuu himata.
  • Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaa’u.
  • Abbaan cabsaa ufitti hin xiqqeessu.
  • Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu.
  • Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu.
  • Abbaan mana jiraa gurri ala jira.
  • Abbaan nyaataa buleef, gabataan jala hin bulu.
  • Abbaa rakkate farda bukkoon dhahata.
  • Abbaan uf hin argu, dhagaan uf hin darbu.
  • Abbatu uf mara jedhe bofni.
  • Abjuun baraa beelaa buddeen buddeen jetti.
  • Abjuu sodaataniif hirriba hin dhiisan.
  • Ablee qara lamaa beekaatuu itti fayyadama.
  • Abshaalli ufii nyaatee gowwaa afaan diba.
  • Adaamiin ollaa Hagamsaa imimmaan hin qoorfattu.
  • Addaateef ilkaan alanfachuu hin dhiisu.
  • Adda baane jedhe namtichi furri fudhatee.
  • Addageen hamma lafa ejjetti.
  • Adala gowwoomsuun suuta suutani.
  • Adda nyaatan dhotee tahanii adda deeman loxee tahan.
  • Adda nyaataniif hin gabbatan.
  • “Adeemsa abbatu uf tolchaa, fuula rabbitu nama tolcha” jedhe Jaldeessi.
  • Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko.
  • Adurreen garaa muratte, Leencaan faana nama sodaachifti.
  • Adurreen keessi bineensa.
  • Adurreen kan bakka loon oolan hin beeyne, galgala aannan dhuugdi.
  • Adurreen riphxee hantuuta argachuu hin ooltu.
  • Afaan ajaa waliin yaa’uu dadhabnee jedhe jedhan waraabessi.
  • Afaan gaariin afaa gaarii caala.
  • Afaan lafa taa’u lafee alansha.
  • Afaan hamii baree utubatti hasaasa.
  • Afaan qabachuun hunda too’achuu.
  • Afaaniin Sheek Huseen lukaan gara mukaa.
  • Afuuffiin madaa hin fayyisu.
  • Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa.
  • Ajaaye jedhanii quba ofii ofirraa muranii hin gatan.
  • “Ajjeechaa irra sukkuummaa sodaadha,” jette takfiin.
  • Akka beekan bulan.
  • Akka cabanitti okkolan.
  • Akka kufanitti hin caban.
  • Akka dheebotaniif laga hin maddisan.
  • Akka durii fi harka xuriitti hin bafan.
  • Akka duriin jira jette jaartiin qullaa dhaabattee.
  • Akka ebaluun sirbaan morma nama jallisa.
  • “Akka ganamaa seetee narra hin ejjetin” jette sokorruun.
  • Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen.
  • Akka jedhan dhageettee shaniin gufufaan deette.
  • Akka haroon hin guunne, akka raachi hin duune jedha.
  • Akka ormaatti sirbaan morma nama jallisa.
  • Akkuma durii seetee jaartiin qullaa lafaa kaatee.
  • Akka qotiyyootti gooba jettee, raachi dhootee duute.
  • Alaa manatti galan.
  • Alagaa ilkaan adii, halangaan isaa sadii.
  • Alagaan gaafa kolfaa, firri gaafa golfaa.
  • Alagaa ilkaan malee garaa hin argan.
  • Alli taa’aa hin qabu.
  • Ameessi okolee dide, okkotee hin didu.
  •  
  • Ana kan jedhe rabbiin qofa.
  • Anatu caalaan ciincinaa haaduu afaan buute.
  • Anbi ankoo buukoo nuun jedha nu alii boonaa ufiin jenna jedhe jaldeessi.
  • Ani badeen waan bade hin galchitu.
  • “Ani hin hambifanne, ati hin qalbifanne” jedhe namtichi.
  • Ani hoo duruu gubattuu jette buddeenni mana keessa gubattee.
  • Ani jiraan se’a gogaan koo gabaa jira jette kurupheen.
  • Anis garaa qaba jette qamaleen.
  • Anuma xuuxxa malee, xuuxxee waa na hin xuruursitu.
  • Ariifataan horii gata.
  • Arraba koo yaa laxxisaa situ faallee na hanqisa
  • Arbi lamaa yoo wal-lole, kan miidhamu sanbaleexa.
  • Argaa toleef goromsi hin ottoomu.
  • Arge jettee hin foysin, dhagahe jettee hin odeessin.
  • Ari’ii biyyaa baasi, qabii itti hasaasi.
  • Arjaa kennu dony’a garaan dadhaba.
  • Arjoomaniif fira hin argatan.
  • Arrabni hamii baree bulluqa alanfata.
  • Arrumaan samii bahaan waa hin taatu.
  •  
  • Awwaaltuun awwaala hin argattu.
  • Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Bb” irraa eegalaman.                    
  • Baajii gurri olii gaafni gadi.
  • Baajii jalaan qululluun bishaan dhuuydi.
  • Bada hoolaa, azala si foolaa
  • Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan.
  • Badiin saree gaafa duute
  • Baga si arge jennaan baga si hin dhokatin jedhe.
  • Bagan kufe, Bagan ka’ee, kan na qabuu fi kan na dhaabu addaan baafadhe jedhe namtichi.
  • Bakka Afraasa dhaabbatan, Birraa dhaabbatu.
  • Bakka itti citanitti citaa haammatan.
  • Bakka itti dhiigan irraa hin fiigan.
  • Bakka oolan irra, bakka bulantu caala.
  • Bakka rabbi itti nama hidhe, funyoo malee ijaajju.
  • Bakka hin rafnetti hin mugan.
  • Bakka loon hin oolle dhoqqee hin soqan.
  • Bakka sareen jirutti, namatu dhufee hin gaafatan.
  • Bakakkaan akkanaanuu nutti gamuu muka jala nu geessite.
  • Bakkisuuf baytii dhiisuuf dhaltii.
  • Bakkuma dhaqqaban hooqatu.
  • Bara bofni nama nyaate, lootuun nama kajeelti.
  • Bara bofni moo’e, qarcacci mataa raasa.
  • Bara humna qaban sagaliin lolu, bara humna dhaban sagalee tolu.
  • Bara gaddaa mataa lafa godhu.
  • Bara quufaa lukkuutu dhuufaa.
  • Baraa fi furguggee gadi jedhanii dabarsan.
  • Baraan burree horan.
  • Barcuma ulfinaa abbatu uf jala baata.
  • Bareedde jedhanii obboleettii hin fudhan.
  • Bareedina gurraachaa fi dubbii gamnaa nama bira gahetuu hubata.
  • Barri faallaan takka namaa fodogaa, takka nama fondoga.
  • Barri ni dabra taajjabbii malee.
  • Barsee hin badaduu reeffa dhuuffisa.
  • Beekte beekte jennaan niitiin qeessii kitaaba miiccite.
  • Beekatuma huba waliin nyaanna jette sareen.
  • Billaachi ufiyyuu hin qabduu dhagaatti uffifti.
  • Bishaan dabre hin waraaban.
  • Bishaan lagaa dhumee jennaan boosettiin ilil jette.
  • Bishaan yoo nama nyaatu, nama kolfisiisati.
  • Bitaan koraniis mirgaan koris walgeettiin koorama.
  • Bittaa wallaalanii gabaa komatu.
  • Biyyaa bahan malee, biyya hin yaadan.
  • Biyyi ufii kafana.
  • Biyyi ormaa kama ormaati.
  • Boochiftuun booya hin qabdu.
  • Boolli guyyaa argan halkan nama hin nyaatu.
  • Boora’u malee hin taliila’u.
  • Bobbaa yoo tolan gala tolan.
  • Boruuf boorri Jira.
  • Boru hin beekneen qodaan bukoo isii lama.
  • Boru ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan.
  • Buddeenni nama quubsu eelee irratti beekama.
  • Burree gatiin kee hin taane jedhe qotiyyoo cimaa bitatee.
 
 Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Cc” irraa eegalaman.

  • Caama ganamaa nama beekutu hoo’ifata.
  • Cabaan baqaqaatti irkata.
  • Cal’isaan ollaa waliin bula.
  • Ciminaan nyaannee dhibnaan nyaanne malee jedhe jaldeessi.
  • Ciree fi cileen maqamaafi.
  • Cidha dubartiin feete aannan okolee hin hanqatu.
  • Cidha gannaa abbaatu dida; du’a gannaa rabbiitu namaan dida.
  • Citaa malee mana hin kabatan.
  • Coolla’aan coollee hin badadu.
  • Cuunfaa baay’isuun dubbii gogsuudha.
  • Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa.
  • Cubbuu sodaachuun boruufi.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Dd” irraa eegalaman.

  • Daakaniif hin marqan dharra’aniif hin argan.
  • Daakee kaayee hin jiruu dahee ciisee hin jiruu jette niitiin.
  • Daangaan jaalalaa afaanii baasanii walii laachuudha.
  • Dallaan abbaa kudhanii yeroon hin cufamtu.
  •  
  • Deeganiif hin du’an.
  • Deega irra ulfaatti jedhe namtichi sooqidda baatee.
  • Deemaa ooltus, barattu malee barumsa hin argattu.
  •  
  • Dololloon nama hin fudhatuu laga guddaa nama geessa malee.
  • Dony’a harkatu sirba.
  •  
  • Duubaan dulluma jette jaartiin takka ragaddee.
  • Duulli ammaa oduu hin gahu.
  • Duuni biyya waliini hirriba.
  • Duutii fi dullumni hin hafan.
  • Dubartiin fira hin qabne mana masaanutti baqatti.
  • Dubbii barbaada sareen gabaa baati.
  • Dubbii gamni kaa’e gowwaan quba kaa’e.
  • Dubbii fi daabboo abbaa irratti muran.
  • Dugdaaf ollaan lafaa ka’an.
  • Dubbiin baay’atteef harreetti hin fe’an.
  • Dubbiin Mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sooqidda hin qabne wayya.
  • Dullachi waan garaa qabu alba’a.
  • Dura na dhuungatteef dhiirsa naaf hin taatu jette intalli.
  • Dureessa kenneef deegaa hudduun dhukkubdi.
  • Du’aa fi keessummaan guyyaa himattee hin dhuftu.
  • Du’a irraa baqadhatti mana du’aa seente.
 
 Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Dh” irraa eegalaman.

  • Dhabaaf malee cirriin cooma kajeelti.
  • Dhabaaf malee sombi kan sareeti.
  • “Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.
  • “Dhabaan hin galan” jette haati hattuu.
  • Dhagaheef heerumtee, argadheef deesse.
  • Dhalee lakkaa’uu dadhabe jette Kurupheen tokko dhaltee.
  • Dhamaatuun dhama raaftee weessotu na dide jette.
  • Dharaa fi misingaan bona guddatti.
  • Dheebotan malee mi’aa bishaanii hin argan.
  • Dheeraan utaallaan gabaabaan hulluuqa malate.
  • Dhiira jirtu dhiirummaa hin dhuunfatan.
  • Dhiira waraanni hin boochifne dhugaan boochifti.
  • Dhiirsan mufattee mixii irra teesse.
  • Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.
  • Dhukkubni na ajjeesuuf hin hamaaf tolaa addaan naaf baase.
  • Dhugaan hin qal’atti malee hin cittu.
 
  Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Ee” irraa eegalaman.

  • Eegaa kooraan dammaqe Fardummaa maaltu jira, eega dubbii dadhabee gamnummaa maaltu jira.
  • Eegee fi gaabbiin duuba oolti.
  • Eelaan eelee dhaabbatan.
  • Eboo darbatanii jinfuu hin qabatan.
  • Ejersa halaalaa irra qobboo qe’ee wayya.
  • Ergaa diddaaf ijoolleen nyaata diddi.
 
  Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Ff” irraa eegalaman.

  • Faltuun haa faltu jedhe namichi amaatii kabalee.
  • “Fardaa fi Harree okaa itti haamu, ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu” jedhe qotiyyoon.
  • Farda dhibbaf shantamaan bite kooraa shantamaan bituu dadhabe.
  • Farda hidhatan machiin tolti.
  • Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu.
  • Fardi badaan Farda balleessa.
  • Fardi Farda hamaa waliin oolu dhuufuu hin jallisu.
  • Fayyaa kan caale hin jiru.
  • Fiigee fiigee kormi sangaa ta’a.
  • Firaa fi duugdan lafaa ka’u.
  • Fira dura bahan malee, fafa duraa hin baha.
  • Firri dhufe jedhanii dhabaa hin dhalan.
  • Firri wal lola malee, gaafa rakkoo wal irratti hin laalu.
  • Fooliin gaariin Kanniisa harkisa.
  • Foon lafa jiru allaattiin muka irratti wal lolti.
  • Foon naaf kennitee albee na dgoorgatte.
  • Foonii garaan nu dadhabe.
  • Foontu fooniif rifata.
  • Fuulaa fi maxinoo hanga qaban gadi fuudhu.
  • Fuulaa fi nyaanni dhooysaa hin qabu.
  • Fuula ilaalii na elmadhu jette harkuun.
  • Fuula rabbitu midhagsaa deemsa abbatu midhaagfata jedhe jaldeessi.
 
 Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Gg” irraa eegalaman.

  • Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan.
  • Gabaa dabarte hin komatan.
  • Gabaabbatullee abbuma warraatu diinqa taa’a.
  • Gadi deemuun marii hin qabu.
  • Gadi deemtuun namaa harree ribbii hormaata fuudha.
  • Gadheen niitii dhiirsaa hamatti.
  • Guddatteef dubbii harreetti hin fe’an.
  • Galaanni bakka bultii hin qabne, gudeelcha guuree deema.
  • Galle jette lafoon yaabbii jala fiiydee.
  • Galle jette lafoon farda jala galtee.
  • Garaa malee galaanni walitti hin yaa’u.
  • Garaa malee garri hin jiru.
  • Garaa koo garaa isii seetee afaan buleen dhuungatte.
  • Garaa laafinatti alaltuun bishaaniin nyaatamte.
  • Garaa murtii murate bishaan raafuutu gabbisa.
  • Garaa murtii hin qabne, diina abbaati.
  • Garaa nagaa qabu sukkuumuun, dhukkubbii itti fiduudha.
  • Garaa ufiituu wallaalaaf heexoo itti dhugan.
  • Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa.
  • Gaarri guddaan garaadha.
  • Gara jabeessa heexoon hin albaasu.
  • Garbittii gargaarsa argatte majjee dhooksiti.
  • Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan kophee jedha.
  •  
  • “Godaa mannaa godoo wayya” jette haftuun.
  • “Gogaa naaf afaa jedhe waraabessi biyya isa hin beeyne dhaqee.
  • Gonfoon calqaba baddeeti dhoofnaan kutaa hanqatte.
  • Gorsa diddu du’a hin diddu.
  • Gosaan galaa jennaan gogaan loonitti gale.
  • Gowwaa al tokko arrabsi, innuu lammata of arrabsa.
  • Gowwaa kolfisiisanii ilkaan lakkaa’u.
  • Gowwaa sobii qaroo qeensan qabi.
  • Gowwaan bakka rafe hunda mana se’a.
  • Gowwaan isa darbe malee isa dhufu hin yaadu.
  • Gowwaan gingilchatti bishaan waraaba.
  • Gowwaan waan mi’aawu hin quufu.
  • Gubattee hin beeytuu ibiddatti gamti.
  • Guddatee guddatus gurri mataa hin dabru.
  • Gufuu ganama nama rukuteef hin rifatan.
  • Gurri dabarsaan ollaan walitti nama naqa.
  • Guyyaa guuratanii halkan daakkatu.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Hh” irraa eegalaman.

  • Haadhaa fi Adurree hin dhaanan.
  • Haadha hin qabuu akkoo ni qaba jette qamaleen.
  • Haadha hin qabduu akkoof bootti.
  • Hagam ol fagaattus allaatti duuti lafa.
  • Haakkifatan waa tufan mammaakan waa himan.
  • Haatee durbaa jennaan durkaa jedhe.
  • Haatee maraatuu fayyitee jennan itti fiichallite jedhe.
  • Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti.
  • Halagaa fi marqi keessi duwwaadha.
  • Hamma fedhan guddatan gosa ufii darban.
  • Hamma namaa hin geessu, cabsaa namaa hin teessu.
  • Hamma qalbiin hin geenye afaan gaya.
  • Hamii fi eegeen duuba abbaa oolti.
  • Hangafa doofe quxisuun karra dhaala.
  • Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti.
  • Hatticha hayyichaaf dhaban.
  • Hattuun fira hin beeytu.
  • Harka abbaa biraan ibidda qabuun nama hin dhibu.
  • Harka kennaa baree murqutu hooysisa.
  • Harki dabaree wal dhiqa.
  • Harki hanna bare dooluuttuu socho’a.
  • Harki waaqni namaan qabe xurii hin qabu.
  • Harmatu lama malee aannan tokkichuma.
  • Harree ganama bade galgala kurkuriin hin argu.
  • Harree hin qabduu gaangee namaa tuffatti.
  • Harreen ba’aa fi ulee hin dadhabdu.
  • Harreen haada kutte jennaan ufitti gabaabsite jedhe.
  • Heexoo galataaf osoo hin taane qorichaaf dhugan.
  • Hidhiin gadi aantu tan gubbaa hamatti.
  • Hirribni baay’een dumeessa hiyyummaati.
  • Hin bari’u seetee niitiin manatti hayde.
  • Hindaaqoon haatee haatee albee ittiin qalamtu baafti.
  • Hin qabnaa loon qaalluti.
  • Hiriyyaa garaa walii hin beeyne guyyaa hunda kakuudha.
  • Hojii rabbii fi kolfa saree hin beekamu.
  • Hunda dubbatan garaa duwwaa nama hafa.
  • Hundumaa jaalataan tokko dhaba.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Ii” irraa eegalaman.

  • Ibidda rafe huubni achuu kajeela.
  • Ijaa fi intalti tan abbaati.
  • Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu.
  • Ija laaftuun dubaraa obboleessa irraa ulfoofti.
  • Ijji baddus bakki ijaa hin baddu.
  • Ijji keessummaa billaacha foolatu arga.
  • Ijji dhugaaf boohe imimmaan hin dhabu.
  • Ilkaan wal qixxaa’utu ciniinnaa tolcha.
  • Isiin durii akka barte isiin ammaa akka agarte.
  • Ijoollee fafattoo qubaan miidhu.
  • Ijoollee fi sareetu walitti nama naqa.
  • Ilma ammaa guddinni hin dhibu.
  • Ilmii fi biqilli guyyaa malee hin dhalatu.
  • Imimmaan garaa dhufe sossobbiin hin hanbisu.
  • Itti qabataaf cidhi ollaa jira.
  • Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin!.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Jj” irraa eegalaman.
  • Jaamaafi ollaan nama hin agartu.
  • Jaartiin du’aa jirtu si hin abaariin bishaan taraa jiru si hin fudhati.
  • Jennaan jenne malee saree marqi kurkutoo.
  • Jette haa jedhaniif na koobaa hette tayfiin.
  • Jiruu fi jireenya hin tuffatan.
  • Jooraatu ollaa bula.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Kk” irraa eegalaman.

  • Kaa’an malee kaataniif hin argatan.
  • Kajeellaan nama guddaa karra dura baafti.
  • Kallatti dhufa roobaa warra biyyaatu beeka.
  • Kan calanqisu hundi warqii miti.
  • Kan nyaate Hantuutaa fooliyoon huuruu dheerinaa duuti.
  • Kan bara hegeree maaltu barana sitti laata.
  • Kan dhiqantu nama dhiqa jette waacitiin.
  • Kan kanarraa dhufiinii balbala naa cufii jette jaartiin.
  • Kan taa’umsatti jibban kaatee namatti ragaddi.
  • Kan deemee fi deegatu waa arga.
  • Kan maal qabdu sareen darba qabbaneeffatti.
  • Kan firaa fi biraa garagara.
  • Kan qotiyyoon iyyitu qacceen iyyiti.
  • Kennuu hin beeytuu fudhachuuf harka hafarsiti.
  • Keessa namaa hin beeytuu keessa qabattee namaa kenniti.
  • Kuullee biiftuun si haa galaagaltu jedhe qonna dinnaan.
  • Kurri kurriin harree bade hin galchitu.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Ll” irraa eegalaman.

  • Lafuttuu si jibbaa siree natti kortaa.
  • Lafti lafeedha
  • Lubbuun jirtiif hudduun xiixxi.
  • Luqqis manaa fixxee cim’is gumbii guutte.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Mm” irraa eegalaman.

  • Maal maqne jettee sareen jaamaa dhaltee.
  • Manni citaan tokko luqqa’ee hin dhim’isu.
  • Maraattuun waca gammaddi.
  • Maxinoo gara qarqaraa cabsannaan walakkaan qarqara ta’a.
  • Mixiin walqabattee laga ceeti.
  • Mooye jedhanii diina hin tuffatan.
  • Mucaa koo shillim godha jettee achumaan bira rafte.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Nn” irraa eegalaman.

  • Nama gadi jedhee nyaatu ciisanii kajeelu.
  • Nama ergaan barate gabaatu harree qabsiifata.
  • Nama qalbiin ajjeese gabaa walakkaatti ajjeesu.
  • Namni beela’e waan quufu itti hin fakaatu.
  • Namni guyyaa bofa arge halkan teepha dheessa.
  • Namni madaa hudduu qabu lafa irra hin shunququ.
  • Namni muka irraa kufe hanga lafa gahutti waan baay’ee yaada.
  • Niitiin afaan kaa’aa barte yommuu kabaluuf jedhan afaan banti.
  • Nyaataan nyaate nama nyaachisa.
 
 Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Oo” irraa eegalaman.

  • Of hin agarreen gaara gamaa agarti.
  • Ollaan akkam bultee beeka akka itti bule abbatu beeka.
  • Ollaan xiqqoo hin qabuu dhuufuuf fincaan nagaa wal gaafattee baati.
  • Osoo tuffatan tuffeen raada dhalti.
  • Osoo jaalatan tiruun nama huuti.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Qq” irraa eegalaman.

  • Qaaraan abbaa dhaabe gubdi
  • Qaban qabaa hin guuttu gadi dhiisan lafa guutti.
  • Qarri abbaan qare abbaa qale.
  • Qarri qara hin muru.
  • Qeensaa fi rifeensi ufiin guddata.
  • Qe’een abbaa hin qabne ona ta’a.
  • Qe’een ufii nama hin diddu.
  • Quba wal hin qabduu wal duraa duubaan laga dheeddi.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Rr” irraa eegalaman.
  • Raatuun ganama dhalatti.
  • Reefuu natti tola jette jaartiin duugdan ciiftee.
 
 Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Ss” irraa eegalaman.

  • Safuu jette jaartiin of jala laalte.
  • “Sagaliin elmatanis, sagaltamaan elmatanis keenna gal’ii hin taru” jette Adurreen.
  • Sareen warra nyaattuuf dutti.
  • Sareen fi gadheen mana isiitti nama nyaatti.
  • Sissiqii na hooqi hette cittoon.
  • Siif kuuse jedhe ijoolleen ergaa dinnaan.
  • Suuta deeman qoreen suuta bama waraanti.
  • Sooqidda baattaa jennaan deegarra ulfaata jedhe.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Sh” irraa eegalaman.
  • Shakkiin shirkii caalti.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Tt” irraa eegalaman.

  • Taa’aa bulanis hirribni hin hafu.
  • Takkaa hin agarree taskaara harree.
  • Takkaa na butaniiruu lafarra na hin bubbutinaa jette jaartiin.
  • Takka jedhan malee lama hin jedhan.
  • Takka utaalee sagal jedhi raachi.
  • Takka turee durbuma fuudha jedhe Gabisu.
  • Tan lafaa fuudhatti tan okotaa buufte.
  • Targiin hanga humnaa durroobdoli.
  • Tokko bade jedhe naraataan gabaatti eboo darbatee.
  • Tokko hin raguu hin boba’u.
  • Tolteef hin toltu intalti akkoon guddifte.
  • Tortoraan rooba hin sodaatu.
  • Tiruun bubbulte huuba fuuti.
  • Tiruun bubbulte lafee taati.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Uu” irraa eegalaman.
  • Udaaniif yahuudaan ajaa hin dhiisan.
  • Umrii fi dunyaa hin quufan.
 
Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Ww” irraa eegalaman.
 
  • Waa malee manni hin aaru.
  • Waan durtu jiraa jette golfaan.
  • Waan qabaniin cidha dhaqan.
  • Waan hin bittuu waan hin gurgurtuu sareen gabaa baate ulee dabalatti.
  • Waan waaqni namaa tolcheen namni nama hamata.
  • Walii galan alaa galan.
  • Waraabessi guyyaa kan dhokatuuf waan halkan hojjate beeka.
  • Waraqaa fi gowwaan waan qaban gadi hin dhiisaan.
 
  Mammaaksa, Tartiiba Qubee “Yy” irraa eegalaman.
  • Yeroon teettee nama hin eeydu.
  • Yeroon warqiidha.
  • Yoo bulte hin bulloofti jedhe namichi.
  • Yoo harkaa dhaban ollaan nama hin jaalatu.
  • Yoo qabaatan kennatu.
 
Xumura
 
Mammaaksi Afaan Oromoo qabeenya afoolaa guddaa fi falaasama jireenyaa uummata Oromoo keessatti dhalootaa irraa dhalootatti darbuudha. Mammaaksotni kun aadaa, seenaa, safuu, beekumsa, ogummaa fi muuxannoo hawaasaa kuusanii qabatanii jiru. Kanaaf mammaaksi akka dhaala aadaa Oromoo tokkootti kunuunfamee, qoratamee fi dhaloota itti aanutti dabarfamuu qaba.
 
  • “Dubbiin dubbii fida; mammaaksi dubbii fixa.”
Jechi kun mootummaa mammaaksaa hundumaa keessaa hiika isaa guutuu kan ibsuudha; mammaaksi dubbii dheeraa gabaabsee, yaada gadi fagoo ifaan ibsa.

Nu Qunnamaa

Download apps: Kadiir Tech
Visit Website: Kadiir
Join Telegram: Kedir Abdulatif Haji
Join TikTok: Kedir Abdulatif
Follow Page: Kedir Abdulatif Haji
Watch YouTube:Kedir Abdulatif
See Twitter (X):Kedir Abdulatif Haji

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top