Kitaaba “Risaa Bokkaa Mooye”
Injifataan Obsaadhumaa!
Icciitii kee, jaboo dhooysitee;
Rakkoo kee, danuu obsitee;
Dandeettee, ofqabaa turta;
Tooftaan, jirma jabaa urta.
Diina bobbaa kee, tiiysu;
Iyyaala, gabaa sitti fiiysu;
Qormaata darbii, alagaa;
Barbaachisummaa ulaagaa.
Malattee, luuccisoo daakkaa;
Ofitti fudhattee, murtii yakkaa;
Ba’aa hin dandeenne, baatta;
Isa fedha hin qabne, nyaatta.
Gaafa onnattee, moo’uuf kaatuu;
Gabrummaa sammuutii baatuu;
Erga, sammuun bilisoomee;
Abjuun, keellee dhugoomee.
Malaan, bishaan waddaa;
Ciniinnattee, kophaa gaddaa.
Moota, rakkoo baraafi baraa;
Dooya ripha, nyaapha dharaa.
Hanga gaaraa geetta;
Mataa gubbaarra teetta;
Eegaa, injifataan obsaadhumaa;
Waa, danda'uun abshaalummaa.
Risaa Bokkaa Mooye
Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Fuula 92
Maxxansa Duraa, 2018
Riyaad, Sa’uudii Arabiyaa
Visit these Links too
- Aadaa
- Aartii
- Afoola
- Africa
- Akkaadaamii
- Ammatti
- Application
- Asoosama
- Barnoota
- Boohartii
- Dhibee
- Dhiyana
- Dorgommii
- Durdurii
- Elektirooniksii
- Ethiopia
- Fayyaa
- Gadaa
- Galii
- Gorsa
- Hawaasummaa
- Jechoota
- Kitaaba
- Mammaaksa
- Media
- Muuziqaa
- News
- Nyaata
- Odeeffannoo
- Ogbarruu
- Qalama
- Qonna
- Qoricha
- Qunnamtii
- Qur’aana
- Saayinsii
- Seenaa
- Siyaasa
- Suuqii
- Teeknooloojii
- Tiyaatira
- Uffata
- Walaloo
- Website
- World





