๐—ฃ๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐˜‡๐—ถ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ถ ๐—ง๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—บ๐—ฝ ๐——๐—ต๐—ถ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ ๐—จ๐—ท๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ต๐—ถ๐—ถ๐—ด๐—ฎ๐—ฎ ๐˜†๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ต๐—ฒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ฟ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ป ๐—ต๐—ถ๐—บ๐—ฎ๐—บ๐—ฒ.

Pirezidaanti Tiraamp Dhibee Cronic Venous Insufficiency/ dhibee Ujummoo dhiigaa yeroo dheeraatiin rakkachaa akka jiran himame.


Waayit Haawus prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp sababa dhiitaโ€™uu Harka isaanii qorannoo fayyaa erga godhamee booda dhukkuba ujummoo dhiigaa (chronic venous insufficiency) (CVI) jedhamuun qabamuu isaanii beeksiseera.

Haalli kun dhiigni harka irraa gara onneetti sirnaan akka hin deebine kan dhorku yoo taโ€™u, keessumaa namoota dullooman irratti baayโ€™inaan mulโ€™ata.

Barreessituun pireesii Waayit Haawus Kaarooliin Liiviit akka jedhanitti, pirezidaantichi torbeewwan darban keessa dhiitaโ€™uu salphaa Garka isaanii irratti muldhateera.

Qorannoon kun hanqina ujummoo dhiigaa yeroo dheeraa kan mirkaneesse yoo taโ€™u, hakiimni pirezidaantichaa haalawwan ciccimoo kanneen akka dhibee ujummoo dhiigaa gadi fagoo (DVT) ykn dhukkuba arteriin akka hin qabne mirkaneessera.

Liiviit akka ibsetti, haalli kun lubbuu namaa balaadhaaf saaxilu akka hin taanee fi yeroo baayyee namoota umuriin isaanii waggaa 70 fi isaa ol ta’e irratti kan mul’atudha.

Hanqinni ujummoo dhiigaa kan uumamu yoo valve xixiqqoo harka keessa jiran kanneen dhiiga gara onneetti deebisan sirnaan hojjechuu dhabuun dhiigni harka keessatti akka walitti qabamu taasisa.

Haalli kun fayyaa waliigalaa pirezidaantichaaf yaaddoo ta’uu baatus, ogeeyyiin fayyaa tarkaanfiiwwan akka Harka ol kaasuu, miila sochii qaamaa gochuu fi ulfaatina qaamaa to’achuu dhiita’uu hir’isuuf akka gorsan himameera jedhe Waliif TVn. Fayyaan pirezidaantichaas hordoffiin cimaan taasifamaa jira jedhameera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top