๐๐ถ๐ฑ๐ต๐ฎ๐๐ฎ ๐๐ถ๐๐๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐๐บ๐ฒ๐ฟ๐ถ๐ฐ๐ฎ, ๐๐๐ฟ๐ฎ๐ฒ๐น, ๐๐ฎ๐๐ฎ, ๐๐๐ต๐ถ๐ผ๐ฝ๐ถ๐ฎ ๐ณ๐ถ ๐๐ด๐๐ฝ๐
****************************************
Ameerikaan humna ijoo addunyaati. Humna woraanaatiin kan isii gitu hin jiru. Diinagdeenis tokkoffaadha. Faayinaansiin addunyaa dollar ($) isiitiin geeggeffama. Teeknolojiinis addunyaa kan dursitu isiidha. Dipiloomaasiinis kan biyyoota funyoo itti dirtee naannessitu isiidha.
Pentagon yoo ilaalleโ humna woraanaatiin addunyaan hundi cinaa tokko otoo goree isaan mohachuun itti ulfaata (woraana niiwukulaara hin makanneen jechuu kooti). Diinagdeen yoo ilaalleโ gatiin oomisha miโaa fi tajaajilaa (GDPโn) Kaalifoorniyaa qofaa bahu dachaa GDP biyyoota Afrikaa shantamii shananii wolitti dabalamee taโuuf muraasatu hafaafi. Waaโee dollar fi jiddugala faayinaansii New York (Wall Street) jiru fi dhaabbilee Washington jiran kan Ameerikaan naanneessitu kan akka IMF fi World Bank ilaaluun qoftis humni isaanii hangam akka gahu hubachuun ni dandaโama.
Handhuura argannoo fi teeknolojii addunyaa kan taโe Silicone Valley achuma isaan bira jira. Maal kana qofaโindustirii filmiitiin (Hollywood) jetta moo, kan muuziqaa jetta moo, dhaabbilee qorannoo fi barnootaa ijoo taโaniin, qorannoo hawaa (NASA), tikaan (CIA fi kan birootiin) kan adduunyaa dursu Ameerikaadha. Maal kana qofareeโdeeggarsa idla-addunyaa kennuu irratti kan isii (USAID) gitu hin jiru. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) iyyuu waan ittin jiraatu %25-tti kan hiiqu Ameerikaatu kennaafi.
Ameerikaan akka humna kana hunda qabduuf naamusa gaarii qabdi jechuu nu dandeesisullee; naamusa maleeettin akka isiillee hin jiru. Feetu mootummaa biyya walabaa tooftaan fonqolchiti. Kan faallaa isii deemuu fedhu qoqobbi diinagdee irratti bustee laamshessiti. Yoo sunillee itti muldhachuu dide biyya ollaa ykn mormituu biyya keessaa itti kaaftee ulee udaan tuqe gooti. Sunillee yoo aanjuufii dhabe ofumaa barartee dhaqxee tumti. CIAโn bara 1947 erga hundeeffamee as qofa fonqolcha mootummaa 50tti hiiqan (ifaan (10) fi harka lafa jalaatiin) akka milkeesse shakkama. Boombii niwukulaaraa kan magaalaa duuchaa daaratti deebisu, kan hooโi isaa ilma namaa akka dhadhaatti bassee dhabama godhuโkan Heeroshimaa fi Nagasakii Jappanii irratti darbatte isima.
Ammas Israaโel ummata Gaazaa duguugdee lafa san akka fudhattuuf itti caldhisuu irra tartee, deeggarsa bifa garagaraa godhaafii jirti. Gaazaa boonbiin diigaanii fixuuf woma muraasatu hafe. Ummatni Gaazaa sodaatee fi beelaโee akka lafa isaa dhiisee baqatuuf yaaliin godhan hin milkoofne. Yaaliin ummata jiilchuuf iddoo raabsaa deeggarsa nyaataatti xiyyitiin tumuun ajjeesuus buโa addaa fidaafii hin jiru. Ummanni asumatti dhumna malee Gaazaa isiniif dhiisnee hin deemnu ejjannoo jedhu qaba. Ameerikaa fi Israaโel ammoo iddoo ummata kana feโanii itti darban barbaadaa jiru.
Silaa iddoon ummata kana itti godaansiisanโhaala teessuma lafaatiin illee mijataanโbiyyuma ollaa jirtu Masri (Egypt)dha. Egypt ni didde. Kan ammoo waa malee hin didne. Seenatu isiin akka diddu godha. Waan yeroo kana Egypt-iif cinqaa taโe Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa (GERD) isanirraa dhaabna, isin ammoo ummata Gaazaa nurraa simadha jedhanis Masriin (Egypt) inuma didde. Maaf didde laata?
Akka seenaa irraa hubachuun dandaโamutti, waldhabdee Paalistiinii fi Israaโeel irratti Mootummoonni Arabaa hanga Paalistiiniin fayyadan irra hamma isaan miidhantu caala.
Israaโel otoo hin hundaayin dura (bara 1948 dura) lafa amma Paalistiinii fi Israaโeel irratti woldhaban keessaa % 93 kan taโu harka Paalistiinotaa ture. Lafa muraasa wohii qofatu Yahuudota Awuroopaa irraa dhumaatii duguuggaa sanyii Adolf Hitler godhaa tureโHolocaustโdheessanii dhufaniin qabamee ture.
Bara 1947, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN), lafti sun kan Paalistiinotaa taโus, gara nyaattoo dhumaatii Yahuudota Holocaust irratti mudate irraa kaโuun, lafa % 55 taโu Yahuudotaaf murteessuun, lafa %44 qofa taโu ammoo Paalistiinotaa murteesse. Kun falmii cimaa kaase. Yahudonni murtee kana gammachuun akka simatan ibsan. Palistiinonnii fi Araboonni biroo murteen kun sirrii miti jechuun morman.
Yahuudonni bara 1948 haala daangaa UN murteesseen mootummaa fi biyya Israaโeel jedhamtu hundeessuu isaanii labsan. Kana hordofee borumtaa san woraanni ni kaโe. Biyyoonni Arabaa Shan (Masri, Jordan, Iraq, Sooriya, fi Lebanon) qophii malee, miiraan, borumtama san woraanatti seenan. Woraana seenan kanaanis mohatamanii, hundeeffamuu mootummaa Israaโel dhugoomsan.
Yahuudonni woraanicha moโachuu qofa otoo hin taโin lafa %55 UN murteesseef irra caalanii lafa %78 taโu toโatan. Paalistiinotni %70 (750,000) taโan qeeโee fi qabeenya isaanii irraa buqqifaman. Lafa %93 qabatanii turanis woraanuma kanan %22 qofatti hafan. Kanas, Paalistiinonni โAl-Naqba ykn Naqbaโ jechuun yaadatu. โNaqbaโ jechuun โbalaa hamaaโ hiikkaa jedhu qaba. Lafti jidduu biyyaa hedduun Paalistiinota irraa Israaโeeliin ni fudhatame. Gaazaan woraana Masrii harkatti yoo haftu, West Bank fi Bahni Jerusalem ammoo Joordaaniin harkatti hafe. Ummata hagas gahu buqqisiisanii, lafa baldhaa (%78 taโu) fudhachiisaniiโbiyyoonni Arabaa kun woraanicha goolaban.
Woggaa 19 booda, Bara 1967, woraanatti deebiโan. Woraana guyyaa jaha qofa fudhateen, Masriin Gaazaa ariโamtee, lafa gammoojjii baldhaa isii Sinai (Saynayi)-s dabalatee, Israaโeeliin irraa fudhatame. Woranuma guyyaa jaha qofa fudhate kanaan, Joordan kan Baha Jerusalem (Masjiidin Al-aqsaa keessatti argamuu) fi West Bank dhuunfattee turte, mohatamtee laficha Israaโeeliif dhiistee badde. Lafti guutuun Paalistiinotaa, kana woraanaa bara 1948 irraa hafeefโGaazaa, Baha Jerusalem, fi West Bank dabalateeโguututti harka Israaโeel gale.
Maal san qofaree, Masriin biyya isii irraa Gammoijiin Saynayis irraa fudhatame; Soriyaan ammoo lafa garreen olkaโa qabu Golan Heights jedhamu Israaโeeliin jalaa fudhatame. Waraana bara 1967 kanaan, Palistiiniin qofa otoo hin taane ofiifis faayida dhabeeyyii taโuu isaanii agarsiisanii mohataman.
Woggaa 10 booda, bara 1977, Masriin lafa ofii โGammoojji Saynay (Sinai)โ deebifachuuf, jiddu-galtummaa Ameerikaatiin Israaโeel wojji woliigaltee goote. Masriin Israaโeeliif beekamtii biyyummaa kennuuf, Israaโel ammoo lafa Gammojji Saynayi Masriif deebisuuf irratti woliigalan. Woliigalteen kun Masrii biyya Arabaa tan yeroo jalqabaaf Israaโeeliif akka biyyaatti beekamtii kennite isii taasise. Kun ummata Masrii fi Addunyaa Arabaa keessatti mufii guddaa uume.
Pirezedantiin Masrii woligalticha mallatteesse Anwar Saddat sababa kanaaf mallatteessee woggaa afur booda bara 1981 magaalaa Kayiroo (Cairo) giddutti ajjefame. Lafti tulluuwwan olkaโaa qabu kan yeroo san Sooriya irraa fudhatame, Golan Heights, erga ammaa harkuma Israaโel jira. Bara 1994 ammoo Jordan luuxxee lixxee Israaโeeliif beekamtii kennuun hariiroo tolfatte.
Bara 2017 gaafa Donald J Trump, Jerusalem guututti (baha Jerusalem dabaletee) magaalaa guddoo Israaโeeliiti jedhee beekamtii kenneef. Biyyonni Arabaa hedduun ibsa ejjannoo torban tokko caale hin goone. Ibsa gaggabaabduu baasanii usan. Kun akka waan jara hanqatee, saalfii tokko malee Donald J. Trump bara 2020 wolitti qabee Woliigaltee Ibrahim (Abraham Accords) jedhee, biyyoota Arabaa akka UAE, Bahrain, Morocco fi Sudan fuudhee Israaโeeliin shariika godhe. Isaanis beekamtii Israaโeeliif kennan. Hariiroo Israaโeel wojji qabaniis midheeffatan.
Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti (UN)ttiโ Gaazaa, West Bank fi Jerusalem cinaan bahaaโlafa humnaan qabame (Occupied Palestinian Territories) jedhama. Yoo xiqqaate, lafa kana irratti Paalistiinonni biyyaa fi mootummaa isaanii kan Baha Jerusalem akka magaalaa guddootti fayyadamu ijaaruu barbaadu. Israaโeloonni ammoo mala qubannaa Yahuudota babaldhisuunii fi woraanaan lafa humnaan qabatan kana irraa Paalistiinota buqqisaa lafa qofa dhuunfachuun Israaโel jala galchuu barbaadu.
Barootaaf Ameerikaan (the US) akka imaammata alaa isiitti, furmaanni woldhabdee Paalistiinii fi IsraaโeeliiโPaalistiinonnis mootummaa of-dandaโe ijaaratanii biyya akka taโan gochuudha jedhu. Inni kun โthe two-state solutionโ jedhama. Afaniin haa jedhan malee gochaan waan kanatti hiiqu hin godhan. Donald J Trump ammoo akka pirezedaantota isaan duraa san jechaafu fakkeessuuf akkas hin jedhu. Bara 2017 Jerusalem cinaa bahaa, kan lafa humnaan Paalistiinota irraa fudhatame jedhamee UN-in beekamu kanas dabalatee akka Israaโeel dhuunfattuufโ Jerusalem magaalaa guddoo Israaโeel taโuu beekkamtii kennuun Imbaasii Ameerikaa Tel-Aviv irra fuudhanii Jerusalem galchanii turan.
Amma immoo Gaazaa irraa ummata buqqisanii Israaโeeliif kennuuf akka sagantaa qabu. Donald J. Trump Gaazaa irraa Paalistiinotaa miiliyoona lama taโan gara iddoo biraatti feโee, fedhu Gaazaatti real estate fi iddoo bashannanaa bareedaa fi hawataa taโe ijaarra jedha ture. Israaโel ammoo jaruma woliin taanee haa buqqifnu malee kun waan hin argamneemi jetti.
Paalistiinota Gaazaa jiran kana ammoo Masriidhaan nurraa fudhu erga jechuu jalqabanii bubbulan. Masriin ammoo seenaa isii yeroo sadaffaaf irra deebitee xureessuu hin feene. Kanaaf, isin Gaazaa rukutuu dhiisaa malee, nuti biyyoonni Arabaa maallaqa barbaachisu wolitti yaafnee deebisnee ni ijaarrra ejjannoo jedhu qabdi. Karoora Gaazaa deebisanii ijaaruu milkeessuu dandaโus qorattee biyyoota Arabaatiif mariif dhiheessitee turte.
Jidduma tana wonti Itoophiyaa fi Masrii wolitti fidu Hidhi Haaroomsaa Guddichi Itoophiyaa (GERD) akka meeshaa (tooftaa) ummata Gaazaa gara Masrii godaansisuu raawwachisuuf tolutti kaโe. Inni hoo akkam?
Itoophiyaan dhugumatti biyya hiyyeettiidha. Hiyyummaa tana jalaa bahuuf bara Mallas Zeenawii waan heddu jalqabaa turte. San keessaa tokko Laga Abbay (Naayil) irratti hidha ijaaruun humna elektrikii guddaa taโe maddisiisuudha. Humni guddaan akkasii ammoo hiyyumaa jalaa bahuuf barbaachisaadha. Kuun ammoo Parkiiwwan Industirii ijaarachuu ture. Biyyi takka hiyyumaa jalaa bahuuf qonna irraa gara industiritti ceโumsa gochuu qabdi jedhu beektonni diinagde. Industirii ceโanii babaldhisuuf ammoo humni elektrikii (energy) barbaachisaadha. Industiriin humna elektrikii guddan sochoโa waan taโeef. Kaayyoon ijoon Hidha Haaromsa Guddichas kana ture.
Itoophiyaan hiyyumaa qabdu irraa kan kaโe deeggarsa Ameerikaa fudhachuun biyyoota dursan keessaa takkadha. Donald Trump faati ammoo Ameerikaan yoo hin deeggarree, biyyi wabii nyaataa mirkaneessuu hin dandeenne takka, kan Ameerikaan lamiilee isii miliyoona 10 taโan sagantaa safety netโn horattuuf, humna isii kamiin hidha hagas gahu ijaaratti jedhanii yoo yaadanis woma eeggamu. Kanuma irraa kaโee irra deddeebiin Hidhni Abbaayaa kun maallaqa Ameerikaatiin ijaarame jedhaโTrump. Garuu fedhiin isaa qooda hidhichaa irratti godhan himuu barbaadee otoo hintaane, Masriidhaan hidhicha sirraa dhaabisuu ni dandaโa ati ummata Gaazaa ofitti fudhadhu kan jedhudha ergaa dabarsuufi.
Amma irratti Itoophiyaan qormaata ciccimoo lamatu harkaa isii qaba: nageeyaa fi diinagdeedha. Diinagdee sirreeffachuuf liqaa IMF fudhachuunuu qormaata sadaffaadha. IMF fi Baankiin Addunyaa maallaqa biyya tokkoof liqeessuuf haal-dureewwan biyyi sun guutuu qabdutu jira. Haal-dureewwaan guuttamuu qaban (Structural Adjustment Program) sun ammoo kan hiyyummaa lammiilee biyya sanii hammeessan, garaagarummaa hiyyeessaa fi dureessa jidduu jiru garmalee baldhisan, kan birmadummaa diinagdee biyya sanii laaffisanii fi kan akka biyyi sun liqaa wojjiin dhamaatu godhaniidha.
Donald J Trump faati ammoo biyyi hiyyeetiin qormaatilee akkasii keessa jirtu waan nu jennu hin diddu jedhanii amanu. Duraa luka tokko karaa IMF-tiin seensifatanii jiru. Kanaaf, Masriin yoo Hidhi Abbaayaa sun akka dhaabatu kan feetu taโe, ummata Gaazaa kana haa ofitti fudhattu, hidhicha ammo nutu Itoophiyaan dhaabi (dhiisi jedhaaniidha) dubbichi. Yawu, Ameerikaan humna ijoodha, waan isiin sadarkaa kanaan barbaaddu (bara Trump kana faโa) afoo dhaabbachuun gatii mootummaa biyya bulchaa jiru kaffalchiisu qaba. Dhiisi jennan yookii ni dhiista yooki shiraafi humna jaraatiin nyaatamtaโakka mootummaatti jechuu. Waan torbee kana deddemaa jiru irraa, mootummaan keenna kun taโuu irra maa ummata Gaazaa nu isinirraa hin fudhanne waan jedheen fakkaata.
Qormaata GERD irratti dhufe kana Masriin diduun isii Itoophiyaaf waan gaariidha. Masriin garuu kabaja ofitiifi naatoo haga tokko ummata Gaazaatiif qabduuf didde malee Itoophiyaaf yaaddee miti. Bultee ammoo yaada ni jijjirti jedhee hin yaadu. Duguuggaa sanyii Gaazaa irratti taโu tumsuu irra, kan waaโe hidhichaa Itoophiyaa wojji mariโatte (negotiate goote) woyyaaf waan taโeef. Itoophiyaan ammoo jarjartee ummata Gaazaa irraa buqqaโuufuu fedha hin qabne ofitti fudhadha jechuu irraa of qosuchuutu isii baasa. Duguugaa akkasii irratti hirmaachuun kabaja akka biyyatti qaban nama dhabsiisuu dandaโaโkeessattu addunyaa Islaamaa biratti. Dhimmi Paalistiinota Gaazaa dhimma hamilee (greatest moral issue) addunyaa keenyaa yeroo ammaa taโee jira.
Dubbistanii xumuruu keessan comment jalatti na beeksisa. Halkan gaarii!





