Tumaalee Tajaajilaa
Ilaalcha Waliigalaa
01 Amajjii 2025 bu’a qabeessa |
Meta’n teknoloojiiwwan fi tajaajiloota namootni wal akka quunnaman, hawaasota akka ijaaran, fi dhaabbilee daldalaa akka guddisan isaan dandeessisu ijaara. Bakka ifatti tumaalee adda biraan (kana miti) akka raawwatan hin ibsinetti, Tumaaleen Tajaajilaa kunniin (“Tumaalee”) Facebook, Messenger, fi oomishoota, marsariitiiwwan, taatoowwan, appilikeeshinoota, tajaajiloota, teknoloojiiwwan, fi mosaajii biroo nuti dhiyeessinu ( ykn Oomishoota) argachuu fi fayyadamuu kee hoogganu. (Fakkeenyaaf, Instagram fayyadamuun keessan Tumaalee Itti Fayyadama Instagram jalatti ilaalama). Oomishootni kunniin Platforms, Inc.’tiin siif dhiyaatu. Kanaafuu Tumaaleen kunniin sii fi Meta Platforms, Inc. gidduutti waliigaltee bu’uuressu. Yoo Tumaalee kana irratti walii hin galle, sana booda Facebook ykn oomishaalee fi tajaajiloota biroo Tumaalee kanaan uwwifaman hin argatin ykn hin fayyadamin.
Tumaaleen kunniin (kanaan dura Ibsa Mirgoota fi Itti gaafatamummaa jedhamu) Oomishoota keenya fayyadamuu keetiin walqabatee waliigaltee siifi Meta Platforms, Inc. gidduutti bu’uuressu. Waliigalteewwan kanaan duraa kamuu bakka bu’u.
Hamma karaa biraatiin hin ibsinetti, Facebook ykn oomishoota fi tajaajiloota Tumaalee kanaatiin haguugaman fayyadamuuf kaffaltii homaa sin gaafannu. Iddoosaa, dhaabbileen daldalaa fi dhaabbilee biroon, akkasumas namootni oomishoota fi tajaajiloota isaaniif beeksisoota sitti akka mul’isnu nuuf kaffalu. Oomishoota keenya fayyadamuutiin, beeksisoota siifi fedhiilee keetti firoomina qabu jennee yaadnu sitti agarsiisuu akka dandeenyu waliigalta. Beeksisoota abbummaa’an kam sitti akka agarsiisnu murteessuu gargaaruuf daataa dhuunfaa kee fayyadamna.
Daataa dhuunfaa keessan warra dhaadheessutti hin gurgurru, akkasumas odeeffannoo kallattiin adda isin baasu (kan akka maqaa keessan, teessoo imeelii yookaan odeeffannoo qunnamtii biraa keessan) warra dhaadheessuf hin qoodnu amma isin eeyyama murtaa’aa nuu hin laannetti. Iddoo isaa, warri dhaadheessan wantoota kan akka akaakuu dhaggeeffataa akka dhaadheessa isaanii ilaalan barbaadan nutty himuu danda’u, fi dhaadheessawwan kana irratti namoota fedhii qabaachuu danda’anitti agarsiifna. Beeksistootaaf gabaasota waa’ee raawwii beeksisoota isaanii kan akkatti namootni qabiyyee isaanii irratti sochii godhan akka hubataniif isaan gargaaru kenninaaf. Waa’ee beeksisni gulummaa’e waliigaltee kana jalatti oomishoota Meta irratti hojjetuu caalmaatti barachuuf kutaa 2 armaan gadii ilaalaa.
keenya dhaadhessa muraasa isin agartuu barbaaddan fi tajaajiloota biro hunda kan armaan gaditti addeessaman dhiyeessuuf daataa dhuunfaa keessan akkamitti akka funaannuu fi itti fayyadamnu ibsa. Filannoolee mateenyaa kan ati waa’ee akkatti daataa keetti fayyadamnuuf qabdu keeddeebi’uuf, yeroo kamittuu gara fuulota kee kan Oomisha Meta ilaallatuu akkasuma deemuu dandeessa.
1. Tajaajiloota nuti dhiyeessinu
Ergamni keenya namootaaf aangoo ittiin haawasa ijaaran fi addunyaa walitti fidan kennuudha. Ergama kana guddisuu gargaaruuf, Oomishoota fi tajaajiloota gaditti ibsaman siif dhiyeessina:
1.1 Siif muuxannoo abbummaa’e dhiyeessuuf:
Muuxannoon Facebook irratti qabdu kan nama biraa irraa addadha: dirbaasota, waayessaawwan, taateewwan, beeksisoota, fi qabiyyee biroo ati Maddisa Facebook ykn hujeeffannoo suursagalee keenya keessatti ilaaltuu kaasee hamma Fuulota Facebook hordoftu fi taatoowwan fayyadamuu dandeessu biroo, kan akka Lafa gabaa Facebook, fi barbaachaa. Fakkeenyaaf, Muuxannoo kee abbummeessuuf, daataa waa’ee quunnamtii ati gootuu, filannoolee fi qindeessituuwwan ati filattu, fi Oomishoota keenya irratti fi alatti waanta qoodduu fi hojjettuu fayyadamna.
1.2 Namoota fi dhaabbilee jaallattu waliin si quunnamsiisuuf:
Oomishoota Meta fayyadamtu irratti namoota, gareewwan, dhaabbilee daldalaa, dhaabbilee, fi kanneen biroo kan ati jaallattu argattee waliin quunnamtii akka uumtuuf si gargaarra. Siifi kanneen biroo yaada dhiyeessuu daataa fayyadamna – fakkeenyaaf, gareewwan itti makamtu, taateewwan hordofaman, Fuulota Facebook hordoftu ykn ergaa ergituuf, agarsiisa daawwattu, fi namoota waliin hiriyyaa ta’uu barbaaddu. Hidhannaa jabaan hawaasa fooyya’aa uuma, akkasumas yeroo namootni namoota, gareewwan, fi dhaabbilee jaallatan waliin quunnamtii uuman, tajaajilootni keenyi baay’eetti bu’aa qabeessadha jennee amanna.
1.3 Ofiikee akka ibsituu fi waa’ee waanta yaadduu akka dubbattu humna siif ta’uuf:
Hiriyyoota, maatii, fi kanneen biroo waliin waa’ee waanta yaadduu haasa’uuf Facebook irratti karaan ittiin of ibsitu baay’eetu jiru – fakkeenyaaf, Oomishoota Meta irratti (bu’uura qindeessituu keetiin) haaromsa haalojii, suuraalee, suursagaleewwan, fi waayessaawwan qooduu, ergaa erguu ykn hiriyyaaf ykn namoota garagaraaf bilbila sagalee ykn suursagalee gochuu, taateewwan ykn gareewwan uumuu, ykn ibsituu kee irratti qabiyyee dabaluu akkasumas akkatti kanneen biroon qabiyyee kee irratti sochii godhan irratti hubannoowwan sitti agarsiisuun. Oomishoota Meta irratti qabiyyee caalaatti ibsaa fi hirmaachisaa ta’e uumuufi qooduuf karaalee haaraa namootni ittiin teknoloojii kan akka dhugooma dabalamaa fi suursagalee 360 fayyadaman akkasuma uumneerra, alooluus itti fufna.
1.4 Qabiyyee, oomishoota, fi tajaajiloota si hawwatan akka argattu si gargaaruuf:
Qabiyyee, oomishaalee, fi tajaajiloota daldalootni fi dhaabbileen Facebook fi Oomishaalee Meta biroo fayyadaman dhiyeessan akka argattan isin gargaaruuf dhaadheessa, dhiyeessiiwwan, fi qabiyyee deeggaraman biro isinitti agarsiifna. Kutaan 2 armaan gadii kana caalaatti bal’inaan ibsa.
1.5 Nageenya, ittisa, fi amanamummaa tajaajiloota keenyaa dagaagsuuf, amala miidhaa qabeessa qolachuufi nageenya hawaasa fayyadamaa keenya eeguuf:
Namootni Oomishoota Meta irratti hawaasa kan ijaaran yoo nageenyi fi eegumsi isaanitti dhaga’ame qofadha. Nageenya (argamummaa, dhugoomina, amanamummaa, fi icciita’ummaa) Oomishoota fi tajaajiloota keenyaa eeguuf jabaannee hojjenna. Akka addunyaatti gareewwan kutatoo qacarra, dhiyeessitoota tajaajilaa alaa, miiltoowwan fi qaamota ilaallatu biroo waliin hojjenna akkasumas Oomishoota keenya seeraan ala fayyadamuu, miidhaa balaa qabu kan kanneen biroo irratti raawwatu, fi gabaasota fayyadamaa kan qabiyyee seera cabsuuf deebii kennuu dabalatee, haalota bakka itti hawaasa keenya deeggaruu ykn eeguu gargaaruu dandeenyu adda baasuuf sirnoota teeknikaa olaanoo guddisna. Qabiyyee ykn gochaa akka kanaa yoo barre, madaalota keenya bu’uureffachuun tarkaanfii madaalawaa fudhachuu dandeenya – kunis si beeksisuu, gargaarsa kennuu, qabiyyee haquu, gahinsa gara taatoowwan murtaa’oo haquu ykn daangessuu, akkaawontii dhaamsuu, ykn raawwachiisaa seeraa quunnamuu hammachuu danda’a. Yeroo fayyadama seeraan alaa ykn gochaa miidhaa qabeessa kan nama Oomishoota keenya keessaa tokkoosaa fayyadamuun raawwate yoo bira geenye ykn nageenya Oomishoota, fayyadamtoota fi hawaasa Meta eeguuf daataa irratti ni qoodna. Fakkeenyaaf, nageenya, ittisa fi amanamummaa akka dagaagsan fi seera raawwatinsa qabu akka kabajan isaan gargaaruuf odeeffannoo Kaampaanota Meta warra oomishoota fi tajaajiloota faayinaansii kennaniif ni qoodna. Yeroo amantaa jabaa qabutti ykn akkas gochuun seeraan hayyamamutti Meta’n odeeffannoo walitti qabeeru kan waa’ee kee bira gahuu, kaa’uu, fayyadamuu fi qooduu danda’a. Odeeffannoo dabalataaf, maaloo keenya keeddeebi’i.
Haalota tokko tokko keessatti, Boordiin Hordoffii bu’uura tumaalee isaa fi seeraatiin murtiilee keenya keeddeebi’uu danda’a. bal’inaan bari.
1.6 Tajaajiloota nagaa qabeessa fi hojjetu nama hundumaaf dhiyeessuuf teknoloojiiwwan olaanoo fayyadamuufi dagaagsuuf:
Namootni Oomishoota keenya dhiibbaa dandeettii qaamaa ykn bakka argamaan alatti haala amansiisaa ta’een fayyadamuu akka danda’aniif teknoloojiiwwan olaanoo kan akka qarooma namtolchee, sirnoota barumsa maashinii, fi dhugooma dabalamaa fayyadamna akkasumas guddisna. Fakkeenyaaf, teknoloojiin akka kanaa namootni rakkoo qaroo qaban suuraalee ykn suursagaleewwan Facebook ykn Instagram irratti qoodaman keessa maaltu ykn eenytu akka jiru akka hubatan isaan gargaara. Naannoo gahinsa daanga’aa qabu keessatti namootni dabalataa interneetii akka argatan gargaaruuf teknoloojii cimdaa fi quunnamtii ammayyaa’aa ta’e akkasuma ni ijaarra. Dandeettii gochaa miidhaa qabeessa fi hamaa kan hawaasa keenya fi amanamummaa Oomishoota keenyaa miidhuu danda’u saaxiluu fi haquuf qabnu fooyyessuuf sirnoota ofummaa’oo guddisna.
1.7 Karaalee ittiin tajaajiloota keenya fooyya’aa goonu qorachuuf:
Oomishoota keenya guddisuuf, yaaluufi fooyyessuuf qorannoo keessatti hirmaanna. Kun daataa waa’ee fayyadamtoota keenyaa kan nuti qabnu xiinxaluu fi akkatti namootni Oomishoota keenyatti fayyadaman hubachuu, fakkeenyaaf iyyaatii gaggeessuutiin fi taatoowwan haaraa yaaluu fi rakkimiinsa gochuutiin hammata. keenya kaayyoowwan tajaajiloota keenya guddisuu fi fooyyessuuf qorannoo kana deeggaruuf akkatti daataa fayyadamnu ibsa.
1.8 Oomishoota Kaampaanii Meta irratti muuxannoolee dhaabbataa fi mudaa maleessa dhiyeessuuf
Oomishootni keenyi gareewwan, dhaabbilee daldalaa, dhaabbilee, fi kanneen biroo kan siif barbaachisoo ta’an argattee waliin quunnamtii akka uumtuuf si gargaaru. Muuxannoon kee garagaraa kan ati fayyadamtu irratti dhaabbataa fi danqaa maleessa akka ta’u gochuuf sirnoota keenya tolchina. Fakkeenyaaf, isaan waliin Instagram or Messenger irratti walquunnamuun siif salphaa akka ta’uuf, daataa waa’ee namoota ati Facebook irratti waliin sochii gootuu fayyadamna, akkasumas biizinesii Facebook irratti karaa Messenger hordoftu waliin akka quunnamtii uumtu si dandeessisna.
1.9 Gahinsa gara tajaajiloota keenyaa mirkaneessuuf:
Tajaajila addunyawaa keenya gaggeessuu fi namoota addunyaa maraa wajjin akka wal quunnamtan isin dandeessisuuf, qabiyyee fi daataa gara wiirtuuwwan daataa, michoota, tajaajila kennitoota, daldaltootaa fi sirnoota addunyaa guutuutti, biyya jiraattaniin alatti dabalatee, dabarsuu, kuusuu fi raabsuu qabna . Fayyadamni bu’uuraalee misooma addunyawaa kun tajaajiloota keenye dhiyeessuuf barbaachisaa fi murteessaadha. Bu’uuraaleen misooma kun Meta Platforms, Inc.,’tiin, Meta Platforms Ireland Limited’tiin, or tumsitoota isaatiin abbummaa’a, socho’a, ykn to’atama.
2. Akkatti tajaajilootni keenyi maallaqa argatan
Iddoo Facebook fi oomishootafi tajaajiloota nuti dhiyeessinu fayyadamuuf kaffaluu, Oomishoota Meta Tumaalee kanaatiin haguugaman fayyadamuutiin, beeksisoota abbummaa’an fi qabiyyee daldalaafi ispoonsara godhaman biroo kan biizinesootni fi dhaabbileen irratti fi alatti isaaniif akka beeksisnu nuuf kaffalan sitti agarsiisu akka dandeenyu waliigalta. Beeksisoota abbummaa’an fi qabiyyee ispoonsara godhaman kan caalaatti siif dhiyaatan sitti mul’isuuf, daataa dhuunfaa kee kan akka odeeffannoo waa’ee gochaa fi fedhiilee kee fayyadamna.
Mateenya namootaa eeguun wiirtuu akkatti sirna beeksisoota abbummaa’oo keenya tolchineeti. Kana jechuun eenyu akka taate osoo beeksistootatti hin himiin beeksisoota barbaachisoo fi bu’aa qabeessa ta’an sitti agarsiisuu dandeenya jechuudha. Daataa dhuunfaa kee hin gurgurru. Warri beeksisan waantota kan akka kaayyoo biizinesii isaanii, fi gosa hirmaattotaa beeksisoota isaanii akka ilaalan barbaadan (fakkeenyaaf, namoota umuriin isaanii 18-35 gidduu ta’e fi warra biskileetii oofuu jaallatan) akka nutti himan hayyamnaaf. Sana booda nuti beeksisa isaanii namoota ni fedhuu jennee yaadnutti agarsiisna.
Akkasumas beeksistootaaf gabaasota waa’ee raawwii beeksisoota isaanii kan akkatti namootni qabiyyee isaanii waliin Oomishoota Meta irratti fi alatti sochii godhan akka hubataniif isaan gargaaru kenninaaf. Fakkeenyaaf, beeksistootni hirmaattota isaanii caalaatti akka hubatan isaan gargaaruuf odeeffannoo dimogiraafikii waliigalaa fi fedhii dhiyeessinaaf, fakkeenyaaf dubartootni umuriin 25 fi 34 gidduu ta’an kan Maadiriid keessa jiraatan fi sooftiweer injiineriingii jaallatan beeksisa ilaalaniiru haqa jedhu. Odeeffannoo kallattiin adda si baasu hin qoodnu (odeeffannoo kan akka maqaa kee yookiin teessoo imeelii kee kan ofii isaa si quunnamuuf yookiin eenyu akka taate adda baasuuf gargaaruu danda’u) amma ati hayyama addaa nuuf hin laannetti. Waa’ee akkatti beeksisootni Meta hojjetan bal’inaan bari.
Tajaajiloota armaan olitti ibsaman siif dhiyeessuuf jecha daataa dhuunfaa kee walitti qabnee fayyadamna. Waa’ee akkatti daataa kee walitti qabnuu fi fayyadamnuu keenya keessaa baruu dandeessa. Gosoota beeksisoota fi warra beeksisanii kan ati argitu, akkasumas gosoota odeeffannoo beeksisoota sitti agarsiisnu murteessuuf fayyadamnu irratti situ to’annaa qaba. .
3. Kutannoo Facebook fi hawaasa keenya irratti taasiftu
Ergama keenya guddisuu gargaaruuf tajaajiloota kana siifi kanneen birootiif dhiyeessina. Bakka isaa, kutannoo ittaanan akka raawwattu barbaadna:
3.1 Eenyutu Facebook fayyadamuu danda’a
Yeroo namootni yaadota fi gochaalee isaanii deeggaran, hawaasni keenya caalaatti nagaa fi itti gaafatamaa ta’a. Sababa kanaaf, waanti gochuu qabdu:Maqaa jireenya guyyuu keessatti fayyadamtu akkaawontii keef kennuu.Odeeffannoo sirrii waa’ee kee dhiyeessuu.Akkaawontii tokko qofa uumtee (kan mataa kee) kaayyoo dhuunfaaf fayyadamuu.Jech darbii qooduu dhiisuu, kanneen birootiif gahinsa gara akkaawontii Facebook kee kennuu dhiisuu, ykn akkaawontii kee nama biraatiif dabarsuu (hayyama keenyaatii ala).
Facebook nama hundumaaf akka argamu gochuuf ni yaalla, garuu ati Facebook fayyadamuu hin dandeessu yoo:Umuriin kee waggaa 13 gadi ta’e.Himatamaa yakka saalquunnamtii yoo taate.Tumaalee keenya ykn , ykn tumaaleefi imaammatoota Facebook fayyadamuu kee irratti raawwatinsa qaban waan cabsiteef kanaan dura akkaawontii kee dhaamsineerra yoo ta’e. Tumaalee keenya ykn , ykn tumaaleefi imaammatoota biroo waan cabsiteef yoo akkaawontii kee dhaamsine, hayyama keenyaatiin ala akkaawontii biraa akka hin uumne waliigalta. Akkaawontii haaraa uumuuf hayyama fudhachuun murtii mataa keenyaatiin dhiyaata, akkasumas tarkaanfiin naamusaa dogoggoradha ykn sababa maleedha jechuu miti.Seerota raawwatinsa qaban jalatti oomishoota, tajaajiloota, ykn moosaajii keenya fudhachuu irraa dhorkamteetta yoo ta’e.
3.2 Oomishoota Meta irratti waanta qooduu fi gochuu dandeessu
Namootni Oomishoota Meta mataa isaanii ibsuufi qabiyyee isaaniif barbaachisaa ta’e qooduuf akka fayyadaman barbaadna, garuu karaa nageenya fi fayyummaa kanneen biroo ykn karaa amanamummaa hawaasa keenyaa miidhuutiin miti. Ati kanaafuu amala gaditti ibsame keessatti hirmaachuu (ykn kanneen biroo akkas akka godhan mijeessuuf ykn deeggaruuf) dhiisuuf waliigalta:Waantota ittaananiif hojjechuuf ykn qooduuf Oomishoota keenya fayyadamuu hin dandeessu: Kan Tumaalee kana, , ykn kan Oomishoota keenya fayyadamuu kee irratti raawwatinsa qaban cabsan.Kan seeraan ala, dogoggorsaa, loogaa ykn burjaajessaa ta’e (ykn namni ta’e karaa kanaatiin Oomishoota keenya akka fayyadaman kan gargaaru).Kan ofiikee kan hintaane ykn qooduuf mirga barbaachisu hin qabne.Kan mirgoota nama biraa cabsan, mirgoota qabeenya kalaqa sammuu isaanii dabalatee (kan akka mirga abbummaa ykn mallattoo daldalaa nama biraa cabsuutiin, ykn mi’oota sobaa ykn fakkeessaman raabsuutiin ykn gurguruutiin), hamma haalli addaa ykn daangessi seera raawwatinsa qabu jalatti hojiirra hin oolletti.Vaayirasii ykn koodii balaafamaa olfe’uu hin dandeessu, ispaamii erguuf tajaajilichatti hin fayyadamtu, waanta sirnaan hojjechuu, amanamummaa, hojmaata, ykn mul’annoo tajaajiloota, sirnoota, ykn Oomishoota keenyaa miidhu, gidduu galu, ykn laaffisu kamuu hin gootu.Karaalee ofummaa’oon Oomishoota keenya irraa daataa walitti qabuu ykn bira gahuu hin dandeessu (hayyama duraa keenyaatiin ala) ykn daataa argachuuf hayyamasaa hin qabne argachuuf yaaluu hin dandeessu, osoo akkaawuntii Facebook seenamee jiruu ofumaan argachuu ykn walitti qabuun akkasii raawwatamuu fi dhiisuu isaa osoo hin ilaalin.Maqaa fayyadamaa ykn jecha darbii, ykn bakka buutuu gahinsaa sirrii hintaane walsimsiisuu, gaafachuu, ykn walitti qabuu hin dandeessu. keessatti kan ibsame irraa kan hafe, daataa nu irraa ykn tajaajila keenya irraa argatte kamiyyuu gurguruu, hayyama kennuu, ykn bitachuu hin dandeessu, daataa akkasii yeroo akkaawuntii Facebook seentu argachuu fi dhiisuu isaa osoo hin ilaalin.Sarara gabaasaa, saaxilaa, falmii ykn iyyaannoo seeraan ala fayyadamuu hin dandeessu, kan akka gabaasota ykn iyyannoo burjaajessaa, baay’ataa, ykn qabatamaa hintaane gochuutiin.Tarkaanfiiwwan teknooloojii Meta Oomishaalee ykn daataa keenya to’achuuf ykn daangessuuf fayyadamu kamiyyuu bira darbuuf, bira darbuuf ykn irra darbuuf waan tokkollee gochuu, ykn gochuuf yaaluu hin dandeessu.
Gahinsa gara qabiyyee tumaalee kana cabsuu haquu ykn daangessuu dandeenya. Akkasumas akkaataa Kutaa 4.2. keessatti dhiyaateen, amala tumaalee kana cabsuuf akkaawontii kee dhorkuu ykn dhaamsuu dandeenya.
Qabiyyee cabsuutiin qoodde yoo haqne, ni si beeksifna akkasuma filannoolee keeddeebii biraa gaafachuuf qabdu kamuu siif ibsina, hamma ati Tumaalee kana baay’ee ykn irra deddeebiin hin cabsinetti ykn yoo akkas gochuun hamma nuyiin ykn kanneen biroo itti gaafatamummaa seeraaf hin saaxilletti; hawaasa fayyadamtoota keenyaa hin miinetti; amanamummaa ykn hojii tajaajiloota, sirnoota ykn Oomishoota keenya kamuu hamma hin laaffisnetti ykn amanamummaa gidduu hin seennetti; bakka sababa hanqinoota teeknikaaf harki nu gabaabbanetti; ykn bakka sababoota seeraaf akkas akka hin goone nuti hin dhorkamnetti. Odeeffannoo akkaawontii dhorkuu ykn addaan kutuu irratti jiruuf, Kutaa 4.2. gadii ilaali.
Odeeffannoo dogoggoraa ittisuuf naannolee murtii hedduu keessatti namoota dhugaa qoratan walaba ta’an waliin hojjenna. Qabiyyeen namoota dhugaa qorataniin yeroo madaalame, haala dabalataa kennuudhaaf beeksisa dabaluu dandeenya. Odeeffannoo dabalataa waa’ee dhugaa qorachuu argachuu dandeessa.
Hawaasa keenya deeggaruu gargaaruuf, qabiyyee ykn amala mirgoota kee ( dabalatee) ykn tumaalee fi imaammatoota keenya cabsa jettee amantu akka si jajjabeessina, taatoon kun aangoo kee keessa yoo jiraate. Akkasumas akkas gochuun tajaajiloota keenya seeran ala fayyadamuu irraa baraaara ykn dhiibbaa seeraa ykn to’annaa Meta irra qaqqabu hambisa jennee yoo murteessine, gahinsa gara taatoowwan tajaajiloota ykn odeeffannoo qabiyyee haquu ykn daangessuu dandeenya.
3.3 Hayyamoota ati nuuf kennitu
Tajaajiloota keenya dhiyeessuuf sirraa hayyamoota murtaa’oo barbaanna:
1. Qabiyyee kee: Qabiyyeen ati qooddu ykn olfeetu tokko tokko kan akka suuraalee ykn suursagaleewwanii, seerota qabeenya kalaqa sammuutiin eegamuu danda’u.
Qabiyyee Facebook fi biroo fayyadamtu irratti uumtu fi qooddu irratti abbummaa mirgoota qabeenya kalaqa sammuu (waantota kan akka mirga abbummaa ykn mallattoo daldalaa) ni qabaatta. Waanti Tumaalee kana keessaa mirga qabiyyee mataa kee irratti qabdu sirraa molqu tokkollee hin jiru. Qabiyyee kee nama kamiifuu, bakka barbaaddetti qooduuf ati bilisadha.
Ta’ullee, tajaajiloota dhiyeessuuf, qabiyyee kana fayyadamauuf hayyamoota seeraa tokko tokko (“hayyama” jedhama) akka nuuf kennitu barbaanna. Kun addatti akkaataa Kutaa 1 armaan olii keessatti ibsametti kaayyoo Oomishoota fi tajaajiloota keenya dhiyeessuu fi fooyyessuufidha.
2. Hayyama qabiyyee ati uumtuu fi qooddu fayyadamuu: Addatti, qabiyyee mirgoota qabeenya kalaqa sammuutiin haguugaman Oomishoota keenya irratti ykn isaaniin walqabsiiftee yeroo qooddu, dirbaastu, ykn olfeetu, qabiyyee kee keessummeessuuf, fayyadamuuf, raabsuuf, fooyyessuuf, adeemsisuuf, garagalchuuf, banamaatti hojjechiisuuf ykn mul’isuuf, hiikuuf, fi hojii jalqabbii isaa uumuuf hayyama hammataa hintaane, daddarbu, birkiin hayyamamu, kaffaltii royaaltii irraa bilisa ta’e fi addunyaalessaa nuuf kennita (bu’uura qindeessituuwwan fi keetiin). Kana jechuun, fakkeenyaaf, Facebook irratti yoo suuraa qoodde, hayyama isa kuusuu, garagalchuu fi kanneen biroo kan akka Oomishoota Meta’f ykn dhiyeessitoota tajaajilaa warra oomishoota fi tajaajiloota sana deeggaraniif qooduu nuuf kennita (ammas, bu’uura qindeessituuwwan keetiin). Hayyamni kun yeroo qabiyyeen kee sirnoota keenya irraa balleessamu dhumata.
3. Qabiyyee Kee Balleessuu: Qabiyyee dhuunfaa qooddu, dirbaastu, fi olfeetu yeroo kamittuu balleessuu dandeessa. Dabalataan, qabiyyeen akkaawontii dhuunfaa kee irratti dirbaasaman hundi yoo akkaawontii kee balleessite ni balleessamu. Waa’ee akkatti akkaawontii kee balleessituu . Akkaawontii balleessuun qabiyyee ati hoogganaa fuulaatti dirbaastu ykn qabiyyee ati fayyadamtoota biroo waliin bakka tokkotti uumtu, kan akka suuraalee Suurkuusaa Qoodamaa keessaa kan miseensa suurkuusaa birootti mul’achuu danda’u battalumatti hin balleessu.
Erga adeemsa akkaawontii balleessuu eegallee ykn gaaffii balleessuu qabiyyee fudhanneen booda qabiyyee balleessuuf hamma guyyaa 90’tti fudhachuu danda’a. Qabiyyee gara gataatti yoo ergite, adeemsi balleessuu hamma ati qabiyyicha daftee balleessuu hin barbaannetti guyyaa 30 keessatti battalumatti eegala. Adeemsi balleessuu qabiyyee akka kanaa yeroo deemaa jirutti, qabiyyicha fayyadamtoota birootti hin mul’atu. Erga qabiyyicha balleessameen booda, isaatiin dilbeessa fi sirnoota deebifannaa balaa irraa haquuf hamma guyyaa 90 biraa nutti fudhachuu danda’a.
Adeemsa akkaawontii balleessuu ykn qabiyyee balleessuu haalota ittaanan keessatti eeglauuf qabiyyeen guyyaa 90 keessatti hin balleessamu:bakka qabiyyeen kee akkaataa hayyama kanaatiin kanneen birootiin fayyadamametti fi isaanimmoo hin balleessinetti (haala kana keessatti hayyamni qabiyyeen sun balleessamutti hojiirra oola);bakka sababa hanqinoota teeknikaa sirnoota keenyaatiif guyyaa 90 keessatti balleessuun hin danda’amnetti, haala kana keessatti, battaluma rakkoon teeknikaa furameen balleessinee xumurra; yknbakka battalumatti balleessuun dandeetti keenya kan ittaanan daangessutti: gochaa seeraan alaa ykn cabsaa tumaalee fi imaammatoota keenyaa qorachuuf ykn adda baasuuf (fakkeenyaaf, itti fayyadama akka malee kan Oomishoota ykn sirnoota keenyaa adda baasuuf ykn qorachuuf);nageenya, amanamummaa, fi ittisa Oomishoota, sirnoota, tajaajiloota, hojjettoota keenya, fi fayyadamtoota keenyaa eeguuf, akkasumas ofii keenya tiksuuf;ragaa kaa’uuf dirqamoota seeraa kabajuuf, daataa Kaampaanotni Meta oomishoota fi tajaajiloota faayinaansii dhiyeessan dirqamoota galmee kaa’uu kamuu kan seeraan gaafatamu kabajuuf godhamu dabalatee; ykngaaffii mana murtii ykn bulchiinsaa, raawwachiisaa seeraa, ykn ejensii mootummaa kabajuuf;
haala kana keessatti, qabiyyichi yeroo kaayyoo kaa’ameef barbaachisuun olitti hin kaa’amu (turtiin inni sirriin dhimmaatiin garaagar ta’a).
Haalota armaan olii hunda keessatti, hayyamni kun hamma qabiyyichi guutummaatti balleessamutti itti fufa.
4. Hayyama maqaa kee, suuraa ibsituu, fi odeeffannoo waa’ee gochaalee kee beeksisoota fi qabiyyee ispoonsara godhamaa ykn daldalaa irratti fayyadamuu: Hayyama maqaa fi suuraa ibsituu kee akkasumas odeeffannoo waa’ee tarkaanfilee Facebook irratti taasiftee beeksisoota, hir’isa gatii, fi qabiyyee ispoonsara godhamaa ykn daldalaa kan nuti beenya tokkollee osoo siif hin kenniin Oomishoota keenya irratti mul’isuun walqabatee fayyadamuu nuuf kennita. Fakkeenyaaf, taatee beeksisame fedhuu kee ykn Fuula Facebook biraandii beeksisoota isaa Facebook irratti akka mul’isnuuf nuuf kaffaleetiin uumame jaallachuu kee hiriyyoota keetti agarsiisuu dandeenya. Beeksisootni fi qabiyyeen akka kanaa namoota gochaalee Oomishoota Meta irratti gootu ilaaluuf hayyama qabaniin qofa ilaalamuu danda’a. Waa’ee qindeessituuwwan beeksisaa fi filannoolee kee dandeessa.
5. Hayyama moosaajii ati fayyadamtu ykn buufattu haaromsuu: Moosaajii keenya yoo buufatte ykn fayyadamte, bakka argametti hayyama haaromsa buusnee moosaajicha irratti ijaaruu nuuf kennita.
3.4 Daangaa qabeenya kalaqa sammuu keenya fayyadamuu irra jiru
Qabiyyee mirgoota qabeenya kalaqa sammuutiin haguugamu kan nuti qabnuufi Oomishoota keenya keessatti akka argaman goonu (fakkeenyaaf, fakkiilee, saxaxoota, suursagaleewwan, ykn sagalee nuti dhiyeessinu kan ati qabiyyee uumtu ykn Facebook irratti qooddutti dabaltu) yoo fayyadamte, qabiyyee sana irratti (garuu kan kee miti) mirgoota hunda ni qabaanna. Mirga abbummaa keenya ykn akkaataa ifaan keenyaatiin hayyamametti ykn hayyama barreeffamaa duraa keenyaatiin qofa fayyadamuu dandeessa. Oomishoota keenya ykn qaama isaanii fooyyessuuf, hiikuuf, hojii ka’umsaa isaanii uumuuf, irra maddisiiuuf, ykn injiinerii duubdeebisuuf, ykn karaa biraatiin nurraa koodii maddaa baasuu yaaluuf hayyama barreeffamaa keenya (ykn hayyama kan hayyama madda banaa jalaa) argachuu qabda, hamma haalli addaa ykn daangessi seera ilaallatu jalatti hojiirra hin oolletti ykn raawwiin kee ’tti hin firoomnetti. Mirgoota ifatti siif hin kennamne hunda ni qabaanna.
4. Tumaalee Dabalataa
4.1 Tumaalee keenya Haaromsuu
Oomishootni keenya siifi hawaasa keenyaatiif fooyya’oo akka ta’an gochuuf jecha tajaajiloota keenya fooyyessuufi taatoowwan haaraa guddisuuf dhaabbiin hojjenna. Waan kana ta’eef, Oomishoota keenya irratti muuxannoo nagaa fi hayyisaa dagaagsuuf, fi/ykn seera raawwatinsa qabu kabajuuf jecha tajaajiloota fi hojiilee keenya sirriitti calaqqisiisuuf Tumaalee kana yeroodhaa gara yerootti haaromsuu nu barbaachisa ta’a. Dhiyeessi sirrii miti ykn guutuu miti yoo ta’e, fi dantaa kee ilaalcha keessa galchuun jijjiirraan qabatamaa yoo ta’e ykn jijjiirraan kaayyoo nageenyaa fi hayyisaaf yoo barbaadame ykn seera raawwatinsa qabu kabajuuf qofa jijjiirama goona.
Hamma jijjiiramni seeraan hin barbaadamnetti, Tumaalee kana irratti jijjiirraa gochuu keenyaatiin dura osoo hojiitti hin seeniin dura carraa isaan keeddeebi’uu siif kennuuf yoo xiqqaate guyyaa 30 dursinee si beeksifna (fakkeenyaaf, imeeliitiin ykn karaa Oomishoota keenyaa). Takka Tumaaleen haaromsaman kamuu hojiitti galan jennaan, Oomishoota keenya argachuu ykn fayyadamuu yoo itti fufte isaaniin dirqisiifamta.
Oomishaalee keenya fayyadamuu akka itti fuftan abdii qabna, garuu yoo Tumaalee keenya haaromfaman irratti walii hin galle, ykn kontiraata waliigaltee kanaa addaan kutuu barbaaddan, yeroo barbaaddanitti akkaawuntii keessan dandeessu akkasumas Facebook fi Oomishaalee Meta biroo argachuu, ykn fayyadamuu dhaabuu qabdu.
4.2 Akkaawontii dhorkuu ykn addaan kutuu
Facebook namootni mataa isaanii ibsuufi yaada fi ilaalcha isaanii qooduuf iddoo miirri simataa fi nagaa qabeessa ta’e isaanitti dhaga’amu akka ta’u barbaadna.
Murtoo keenyaan waliigaltee Tumaalee yookiin imaammatoota keenya keessumattuu keenya dabalatee ifaan, sirriitti yookiin irra deddeebiin akka cabsitan yoo adda baafne, gahiinsa gara oomishaalee dhaabbata Meta keessanii dhorkuu yookiin dhaabbiin cufuu ni dandeenya, akkasumas akkaawontii keessan dhaabbiin cufuu yookiin haquu dandeenya. Mirgoota kalaqa sammuu namoota biroo irra deddeebiin yoo cabsitan yookiin sababoota seeraaf akka kana goonu bakka gaafatamnetti akkasuma eenyummeessa keessan dhorkuu yookiin balleessuu ni dandeenya.
Akkaawontiin kee galmeen booda yoo hin mirkanoofne, yeroo dheeraaf faayidaan ala yoo ta’e, ykn namni ta’e hayyama keetiin ala fayyadamuu yoo adda baasne fi akkaawontichi kan kee ta’uusaa mirkaneessuu yoo nuti hin dandeenye, akkaawontii kee yoom dhaamsuu ykn balleessuu dandeenya. Akkatti akkaawontiiwwan dhaamsinuu fi balleessinu .
Tarkaanfii akka kanaa bakka fudhannetti ni si beeksifna akkasuma filannoolee keeddeebii gaafachuuf qabdu kamuu siif ibsina, akkas gochuun hamma nuyiin ykn kanneen biroo itti gaafatamummaa seeraaf hin saaxilletti; hawaasa fayyadamtoota keenyaa hin miinetti; amanamummaa ykn hojii tajaajiloota, sirnoota ykn Oomishoota keenya kamuu hamma hin laaffisnetti ykn amanamummaa gidduu hin seennetti; bakka sababa hanqinoota teeknikaaf harki nu gabaabbanetti; ykn bakka sababoota seeraaf akkas akka hin goone nuti hin dhorkamnetti.
Waa’ee akkaawontiin kee yoo dhaamsame maal gochuu akka dandeessu fi akkaawontii kee dogoggoraan dhaamsine jettee yoo yaadde akkatti nu quunnamtu dandeessa.
Yoo akkaawuntii kee haqxe ykn dhaamsine ykn haqne, fi Facebook fi Oomishaalee Meta biroo argachuu, fayyadamuu, ykn daawwachuu yoo dhiifte, ykn yoo waliigaltee kun haala biraatiin addaan cite, achii Tumaalee kun akka waliigaltee siifi nu gidduutti ta’etti ni xumuramu, tumaalee armaan gadii irraa kan hafe, kanneen hojiirra oolan: (3, 4.2-4.5).
4.3 Daangaa itti gaafatamummaa irra jiru
Oomishoota bayessaa dhiyeessuufi nama isaan fayyadamu hundaaf qajeelfamoota ifa ta’an adda baasuuf jabaannee hojjenna. Oomishootni keenya garuu “akkuma jiranitti” dhiyaatu akkasumas hamma seerri hayyamutti, yeroo hunda nagaa, hayyisaa, ykn dogoggora irraa bilisa ta’uusaanii, ykn addaan citinsa, turinsa, ykn hanqina malee hojjetu jennee wabii hin darbinu. Hamma seerri hayyamutti, WABIIWWAN HUNDA, KAN KALLATTIIS TA’E ALKALLATTII, WABIIWWAN ALKALLATTII KAN GURGURTAA, GAHUMSA KAAYYOO ADDAATIIF, FI SEERA CABSUU DHIISUU DABALATEE FUDHATAMA NI DHABSIISNA. Waanta namootni hojjetan ykn jedhan hin to’annu ykn hin qajeelchinu, akkasumas gochaalee ykn amala (toorarrattis ta’e karaala) isaaniif ykn qabiyyee isaan qoodan kamiifuu (qabiyyee arrabsoo, sirrii hintaane, jibbisiisaa, seeraan ala, fi kan mormaman biroo dabalatee) nuti itti gaafatamaa miti.
Yeroo rakkoon Oomishoota keenya irratti ka’uu danda’u tilmaamuu hin dandeenyu. Haaluma kanaan, itti gaafatamummaan keenya hamma seera raawwatinsa qabuun hayyamamu irratti daanga’a. Hamma seera raawwatinsa qabuun hayyamamutti, haala kamiinuu bu’aa, galii, odeeffannoo, ykn daataa dhabame, ykn miidhaawwan sababaa, addaa, alkallattii, fakkeenyaa, adabbii, ykn akkatasaa Tumaalee kanaan ykn Oomishoota Meta’n (ta’ullee mudatanis dagannoo dabalatee tiyoorii itti gaafatamummaa irrattis) walqabatee ka’uuf itti gaafatamaa hin taanu, osooma miidhaan akka kanaa mudachuu akka malu quba qabna ta’eellee.
4.4 Falmiiwwan
Falmiiwwan siifi nu gidduu hambisuu akka dandeenyuuf seerota ifa ta’an dhiyeessuuf yaalla. Yoo falmiin ka’e, garuu, eessatti akka furamuu fi seerota kamtu akka hojiirra oolan dursanii beekuun bu’aa qabeessadha.
Ati fayyadamaa yoo taate, ykn bakka seera raawwatinsa qabuun barbaadametti, seerotni kan biyya ati keessa jiraattuu gaaffii seeraa, sababa himannaa, ykn falmii kamuu kan ati nurratti qabdu kan Tumaalee kanaatiin ykn Oomishoota Meta’tiin walqabatee ka’uu irratti raawwatinsa qaba, akkasumas gaaffii kee mana murtii gahumsa qabu kan gaaffii mirgaasana irratti aangoo seerawaa qabuufi biyya sana keessaatti furachuu dandeessa. Haalota biroo hunda keessatti, gaaffii mirgaa sababa himannaa, ykn falmii Meta’n sirratti kaasu kamiifuu, gaaffiin mirgaa sababni himannaa, ykn falmiin akka kanaa Yunaaytid Isteetis keessatti akka furamu ati fi Meta’n waliigaltu. Mana Murtii Aanaa kan Aanaa Kaabaa Kalifoorniyaa ykn mana murtii kutaa bulchiinsaa Kawuntii Saan Maatiyoo keessatti argamutti furama. Akkasumas gaaffii mirgaa akka kanaaf murtii kennisiisuuf manneen murtii lamaanuuf aangoo dhuunfaa dhiyeessuuf waliigalta, akkasumas seerotni Kutaa Bulchiinsa Kalifoorniyaa Tumaalee kanaa fi gaaffii seeraa, sababa himannaa, ykn falmii walitti bu’insa tumaalee seeraa osoo hin hammatiin ni hoogganu. Kan armaan olitti ibsaman akkuma jirutti ta’ee, kan ati waliigaltu, murtii mataa isaatiin Meta’n gaaffii mirgaa sababa himannaa, ykn falmii sirratti qabnu mana murtii gahumsa qabu kan biyya ati jiraattu keessatti argamutti fi gaaffii seeraa sana irratti aangoo seeraa qabutti dhiyeessuu danda’a.
4.5 Waan adda addaa
Tumaalee Dabalataa: Oomishootni nuti dhiyeessinu tokko tokko tumaaleen dabalataanis ni bulu. Oomishoota sana keessaa kamuu yoo fayyadamte, tumaaleen dabalatee ni argamu akkasumas qaama waliigaltee si waliin qabnuu ta’u. Fakkeenyaaf, Oomishoota keenya kaayyoo daldalaa ykn biizinesii, kan akka beeksisoota bituuf, oomishoota gurguruuf, appilikeeshinoota guddisuuf, biizinesii keetiif garee ykn Fuula to’achuuf, ykn tajaajiloota madaallii keenya fayyadamuuf yoo bira geesse ykn fayyadamte, keenya irratti waliigaluu qabda. Qabiyyee muuziqaa qabu yoo dirbaaste ykn qoodde, keenya kabajuu qabda. Yoo Avatars fayyadamte, achii akkasuma ni raawwatu. Yoo oomishaalee fi taatoowwan AI keenya fayyadamte, akkasuma ni raawwatu. Yoo tumaaleen dabalataa Tumaalee kana waliin walitti bu’an, tumaaleen dabalataa hamma walitti bu’insaa sanaatti ni bulchu.Adda babahuu danda’uu: Kutaan Tumaalee kanaa kamuu kan hojiirra ooluu hin dandeenye ta’ee yoo argame, kutaan hojiirra hin oole raawwatinsa akka qabaatu gochuuf hammi gadaanaan barbaadamu akka fooyya’u godhama, akkasumas yoo akka hojiirra oolu gochuun hin danda’amne, irraa adda bahee, kutaan hafu guutummaatti hojiirra oola. Tumaalee kana kamuu hojiirra oolchuu yoo dadhabne, akka waan dhiisameetti hin lakkaa’amu. Tumaaleen kunniin yeroo fooyya’an ykn dhiisaman barreeffamaa fi mallattoo keenyaatiin ta’uu qabu.Dabarsa Homaa: Mirgoota ykn dirqamoota Tumaalee kana jalatti qabdu kamuu hayyama keenyaatiin alatti hin dabarsitu.Quunnamtii Kennataa: Yoo yaadannoof godhame akkaawontii kee to’achuuf nama (quunnamtii kennataa jedhama) ramaduu dandeessa. Isa qindeessituuwwan kee keessatti yoo bante, quunnamtii kennataa kee ykn nama fedhii sirnaan ykn sanada seeraa walfakkaataa qabiyyee kee ennaa du’a ykn miidhamaa nama sanatti mulisuuf hayyama ifaa ifoomsuun adda baaste qofatu erga yaadannoo godhameen booda daanga’aa odeeffannoo akkaawontii kee irraa barbaaduu danda’a.Tumaalee Fayyadamtoota Qaama Sadaffaa Homaa: Tumaaleen kunniin mirgoota fayyadamummaa qaama-sadaffaa kamuu hin kennan. Mirgootni fi dirqamootni Tumaalee kana jalatti qabnu hundi walitti maka, argannaa, ykn qabeenya gurguruu, ykn hojii seeraa ykn kan biraatiin walqabatee bilisaan ramadamu.Jijjiirraa Maqaa Fayyadamaa: Maqaa fayyadamaa akkaawontii kee haalota murtaa’oo keessatti jijjiiruu dandeenya (fakkeenyaaf, namni ta’e maqaa fayyadamaa sana yoo himate fi maqaa jireenya guyyuu keessatti fayyadamtuun hin firoomu yoo ta’e).Dubdeebii: Dubdeebii yk yaadota biroo waa’ee oomishoota fi tajaajiloota keenyaaf kennitu yeroo hunda ni dinqisiifanna. Garuu daangaa malee ykn siif dirqama beenyaa kaffaluu tokko malee dubdeebii fi yaadota biroo fayyadamuu dandeenya akkasumas icciitii isaanii eeguuf dirqama homaa jala hin jirru.
5. Tumaalee fi imaammatoota biroo kan sirratti raawwatinsa qabaachuu danda’an
: Qajeelfamootni kunniin qabiyyee Facebook irratti dirbaastu fi gochaa kee kan Facebook fi Oomishoota Meta biroo irrattiin walqabatee sadarkaalee keenya adda baasu.: Oomishoota keenya kayyoo daldalaa ykn biizinesii, kan akka beeksisuu, Hujeeffannoo keenya irratti app sochoosuuf, tajaajiloota safaraa keenya fayyadamuuf, biizinesiitiif garee ykn Fuula to’achuuf, ykn mi’a ykn tajaajiloota gurguruuf yoo bira geesse ykn fayyadamte, tumaaleen kunniin raawwatinsa qabaatu.: Tumaaleen kunniin kaffaltiiwwan Oomishoota Meta irratti ykn karaa isaanii raawwatan irratti raawwatinsa qabaatu.: Qajeelfamootni kunniin imaammatoota yeroo Facebook, Instagram, fi WhatsApp irratti oomishoota ykn tajaajiloota gurguruuf dhiyeessitu raawwatinsa qaban adda baasu.: Qajeelfamootni kunniin imaammatoota yoo qabiyyee muuziqaa qabu Oomishoota Meta kamuu irratti dirbaastu ykn qooddu raawwatinsa qaban adda baasu.: Imaammatootni kunniin miiltoowwan Oomishoota Meta irratti beeksisan irratti raawwatinsa qabu akkasumas gosa qabiyyee beeksisaa kamtu miiltoowwan Oomishoota Meta irratti beeksisaniin akka hayyamamu adda baasu.: Tumaaleen kunniin beeksisa ykn gochaa ykn qabiyyee daldalaa ykn ispoonsara godhamaa biraa uumuuf, galchuuf, ykn qaqqabsiisuuf yeroo walquunnama beeksisa of-tajaajiluu fayyadamtu raawwatinsa qabaatu.: Qajeelfamootni kunniin Fuula, garee, ykn taatee Facebook yoo uumte ykn bulchite, ykn beeksisa himuuf ykn bulchuuf yoo Facebook fayyadamte raawwatinsa qabaatu.: Tumaaleen kunniin fayyadama tuuta APIs, SDKs, meeshaalee, pilaagiinsii, koodii, teknoloojii, qabiyyee, fi tajaajilootaa kan kanneen biroon, dalagummaa akka guddisan, Oomishoota Meta irraa daataa akka keebaafatan, ykn nuuf daataa akka dhiyeessan isaan dandeessisan irratti raawwatinsa qabaatu.: Tumaaleen kunniin ijaartota appilikeeshinoota warra Kaffaltiiwwan Facebook fayyadaman irratti raawwatinsa qabaatu.: Qajeelfamootni kunniin imaammatoota fayyadama mallattoolee daldalaa, asxaawwan, fi iskiriinshuutiiwwan irratti raawwatinsa qaban adda baasu.Qajeelfamoota Gorsawwanii: fi sadarkaalee qabiyyee gorsuu fi gorsuu dhiisuuf qabnu adda baasu.: Imaammatootni kunniin qabiyyee Tamsaasa Kallattii Facebook irratti tamsa’an hunda irratti raawwatinsa qabaatu.: Tumaaleen kunniin Avatar keenya fi amaloota Avatar keenya fayyadamuu, bittaa fi argachuu uffata Avatar suuqii Avatar keessatti dabalatee ilaallata.: Tumaaleen kunniin oomishaalee fi taatoowwan Generative AI keenya fayyadamuu bulchu.




