Qabeenyi Aliikoo Muhaammad Daangootee doolaara Biiliyoona 30 caale

Qabeenyi Aliikoo Muhaammad Daangootee doolaara Biiliyoona 30 caale


‎Biiliyeenarri lammii Naayijeeriyaa Alhaji Aliko Mohammad Dangote (Aliikoo Daangootee) taaksii malee qabeenya Dolaaraa biiliyeena 30 walitti qabachuun Afrikaarraa nama jalqabaa ta’eera.

‎Torban lamaan dura biiliyoonarata Biluumbarg tarreesse keessaa qabeenyi Aliikoo Daangootee biiliyoona 29.6 kan ture amma biiliyoona 30 guuteera.

‎Daangooteen warshaa simmintoo biyya Kootiidiivar keessatti ijaaraa turee eebbiseera.

Warshaan kunis waggaatti dandeettii simmintoo meetirik toonii miiliyoona 3 oomishuu kan danda’u yoo ta’u, biyyattiif warshaa guddaa isa jalqabaatis akka ibsameera.

‎Walumaa galatti Daangooteen warshaa simintoo toonii miliyoona 55 waggaatti oomishu Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 11 keessatti ijaareera.

‎Dabalataanis damee calaltuu boba’aatiin gahumsi dachaan kan dabale guyyaatti boba’aa barmeela miliyoona 1.4 gabaaf akka dhiyeessu ibsameera.

‎Bara 2024 dolaaraa biiliyoona 9 qofa qabu yeroo sanitti abbaa qabeenya Afrikaa Yuuhan Ruupart dolaara biiliyoona 10.3 qabuun ni caalama ture.

‎Haa ta’u malee Daangooteen bu’aa calaltuu boba’aa guddisuun qabeenya isaa gara dolaara biiliyoona 20.1 ol-guddisuun sadarkaa isaa 1ffaatti deebiseera.

Daangooteen dhiyeenya Pirojektii Warshaa Xaa’oo fi Warshaa Boba’aa qulqulleessu Itoophiyaatti eegaluun ni yaadatama. AMN

Download 👇

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top