Iyyaafannoo Weellisaa Falmataa Roorroo
Falmataa Roorroo: Weellisaa qaroofi barnoota hinqabne, eessa jira laata?
++++++++++
Gaazexaa Pilaas| “Firri gama Firaa jennaan kal’oon gama saawwaa gortee, qomoo gaggafataa har’a foon foonirraa citeefi yaa shamarraan biyyakoo ka’aa barnootatti” wallee jedhuun beekama. Ofii carraa mana barumsaa idilee galee barachuu argachuu dhabus dhaloonni duubasaa jiru barnoota idileen ijaaramuu akka malu qabsaa’aa tureera.
Ajab kan nama jechisiisummoo, wallee “Jabaadhu Barsiisaa abdii hinkutatiinii” jedhus walaloosaa kan barreessee artistii qaalii kanadha. Namni seena qabeessi kun eenyu? Amma eessa jira? Isa jedhuuf faanni imaltuu iyyaafannoo keenya torbee kanaa gara Itoophiyaa Baha dachee Afran Qalloo nugeessiti.
Gaazexaan Bariisaas artisitii kana faana dhahuun iyyaafateera; innis Artisti Falmataa Roorrooti. Isa waliinis gaafdeebii taasifneerra, dubbisaan affeerraa keenya.
Bariisaa: Artisti Falmataan eessatti dhalatee guddate?
Artisti Falmataa: Bara 1963 dachee Oromiyaa, godina Harargee Lixaa, Aanaa Gumbii Bordoddee, bakka addaa Aannannoo jedhamuttin dhaladhe.
Bariisaa: Haalli barnotakee maal fakkaata? Eessatti baratte?
Artisti Falmataa: Ani barnoota qalamaa hinqabu ykn ammoo hinbaranne; Quraana qofan qara’e.
Bariisaa: Maaf hinbaratiin hafte?
Artisti Falmataa: Akkuma na argitu kana qarodhabeessadha. Umrii kiyya ganna 10-11 gidduuttin akka tasaa qarookoo dhabe. Manni barumsaa qarodhabeeyyiis naannawaa keenya hinjiru ture kanaaf carraa barachuu hinarganne.
Bariisaa: Barreessuu dubbisuu hindandeessu taanaan aartii waliin akkamiin walitti dhufteree?
Artisti Falmataa: Aartiin muuziqaa ogummaadha. Fedhii gaafata, barnoota qalamaan hindaanga’u, miirri muuziqaa nakeessa jiru olaanaa waan ta’eef ijoollummaakoorraa sirbaa waanan guddadheef fuullikoo gara muuziqaatti gorte.
Bariisaa: Artisti Falmataan guddisa Jaarraa Abbaagadaati jedhama dhugaadhaa laata?
Artisti Falmataa: Dhugaadha. Daa’ima ta’een Jaarraa Abbaagadaa bakka dhalootakoo sana dhufee walitti nuqabee waa’ee qabsoo Oromoo nubarsiisaa ture.
Baay’een isa jaaladha. Qabsoon, Oromummaan maal akka ta’e isatu qaanqee qabsoo nakeessa kaa’e. Yeroo sana ijjikoo ni arga. Barnootasaa keessaa kan ani hindaganne “Oromoon ofiin of bulchaa ture sirna keenya ganamaatti deebihuu qabna, qabsoofnee cunqursaa jalaa bahuun bilisoomuu qabna” kan jedhudha, Bu’uura kanaan ogummaan muuziqaa qabsoo na keessatti cimaa dhufe duubarra ittan dhoose.
Ijjikoo arguu baatus sammuunkoo ija qaba. Mana barumsaa idilee galee hinbaranne; kun ta’us barachuu dhabuunkoo muuziqaarraa nadaangessuu hindandeenye. Ofirra darbeenuu artistoota biraaf walaloofi yeedaloo kennaan ture.
Bariisaa: Albamnikee jalaqabaa maal kan jedhu ture?
Artsiti Falmataa: Baga dhufte yaa ibsituu kan jedhu ture. Albama kana bara 1980 qabsoof gara Jibuutiitti imaleen caasaa Jaarraa Abbaagadaatti akkuman makameen jalqaba kanan baasedha. Albamni kun wallee kudhan ofkeessaa qaba ture. Duubarra dargiin akkuma kufeen qaroodhabeessas waanan tureef Dirree Dhawaatti akkan deebi’u natasisan.
Waasihun Takileetiin
Maxxansa Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 5 bara 2018





