Seenaa Risaa

Seenaa Risaa

1. Seenaa Risaa (Jijjiirama Jireenyaa)

Jireenya keessatti guddachuu, fooyya’uu fi jireenya haaraa jiraachuuf of jijjiiruun murteessaadha. Jijjiiramni kun kallattii hedduu qabaachuu danda’a—akka sammuu, barnoota, ilaalcha, hojii, qabeenya, hariiroo, akkasumas jireenya guutuu keessatti. Namni jijjiirama sodaatu bakka jiru sanatti hafee dullooma; namni jijjiirama fudhatu garuu guddinaaf karaa bana. Oromoon mammaaksa akkana jedhu qaba:

“Salgan Culullee mannaa tokkicha Risaa wayya.”

Mammaaksi kun jabina, ulfina fi addummaa risaa ibsa.

A. Risaan Eenyu?

Risaan allaattota keessaa isa jabaa, beekamaa fi ulfina qabu keessaa tokko. Iji isaa baay’ee qara; fageenya guddaa irraa wanta xiqqoo illee arguu danda’a. Kaayyoo isaa yeroo qabatu, salphaatti irraa hin maqsu.

Giddugaleessaan umurii isaa waggaa 40 ta’a jechuun dubbatama (akka seenaa barsiisatti). Yeroo jireenya isaa keessatti ilmaan horu, mandhee isaa bakka ol ka’aa fi nageenya qabu—muka gurguddaa ykn gaara qilee irratti ijaara.

B. Akkaataa Mandheesaa Itti Ijaaru

Risaan yeroo mana isaa ijaaru bu’uura isaa cimaa taasisa. Jalqaba qoraattii, muka gogaa fi meeshaalee jajjaboo walitti qaba. Sana booda biyyoo, baala fi citaa itti dabalee bakka laafaa fi mijataa uuma. Kun barnoota guddaa qaba:

“Bu’uura cimaa malee jireenyi cimaan hin ijaaramu.”

Namni milkaa’u jalqaba bu’uura isaa ijaarrata:

  • Beekumsa
  • Naamusa
  • Amanamummaa
  • Obsa

C. Leenjii Ilmaan Isaa

Risaan ilmaan isaa yeroo xixiqqoo ta’an baay’ee kunuunsa. Nyaata barbaadee fida; balaa irraa eega. Garuu yeroo ilmaan isaa guddatan, kunuunsa qofa itti fufuu hin filatu. Sababni isaa, kunuunsi yeroo dheeraa dadhabina dhalchuu danda’a. Kanaaf:

  • Baala laafaa jalaa fuudha
  • Qoraattii jalaa mul’isa
  • Ijoolleen isaa jiruu mijaa’aa dhabanii socho’u jalqabu

Yoo ammas of hin dandeenye, nyaata dhowwata. Kun maal barsiisa?

Jaalalli dhugaan yeroo hunda laaffisuu miti; yeroo tokko tokko jabeessuudha.

Warri tokko tokko rakkoo irraa ijoollee isaanii eeguu barbaadu. Garuu rakkoon tokko tokko jireenya haaraa nama barsiisa.

D. Balali’uu Barsiisuu

Risaan yeroo ijoolleen isaa balali’uu sodaatan, dugda isaa irra kaa’ee ol fudhata. Sana booda ol ka’ee gadi dhiisa. Wayita gadhiisu, nikufu, na batattisu. Jalqaba kufaatii fakkaata. Garuu yeroo kufan:

  • Koollee isaanii banatu
  • Balali’uu baratu
  • Jabeessanii moo’icha of dandeessisu

Yoo kufuu sodaatan, balali’uu hin baratan.

Kufaatiin yeroo baay’ee xumura jireenyaa miti; jalqaba balali’uuti.

Namnis akkasuma:

  • Dogoggora irraa barata
  • Rakkoo keessatti jabaata
  • Kufaatii keessatti guddina argata

2. Jijjiirama Risaa

Yeroo umurii isaa gara 40tti dhiyaatu:

  • Koochoon isaa ni dadhaba
  • Qeensis ni laafa
  • Baalleen isaa ni ulfaata

Kana jechuun akka duraanii adamsuu, qabachuu fi balali’uu hin danda’u. Asitti filannoo lama qaba:

1. Akka jirutti hafuu → Du’a eeguu

ykn

2. Jijjiirama hadhaa’aa fudhachuu → Jireenya haaromsuu

Risaan filannoo lammaffaa filata.

A. Aarsaa Jijjiiramaa

Risaan bakka kophaa, gaara ol ka’aa tokko filata. Achitti:

  • Koochoo isaa caccabsa
  • Qeensa isaa bubuqqisa
  • Baallee dulloome irraa of qulqulleessa

Kun baay’ee nama dhukkubsuu danda’a. Dhiigni ni rooba. Dhukkubni ni jira. Garuu risaan beeka:

Jireenya guutuu dadhabinaan jiraachuu irra; dhukkuba yeroo gabaabaa obsuu wayya.

Guyyaa 150 (ji’a shan) obsaan eega. Suuta suutaan:

  • Koochoon haaraan ni biqila
  • Qeensis ni biqila
  • Baalleen haaraan ni ba’a

Sana booda deebi’ee akka durii ol balali’a.

3. Seenaa Risaa Irraa Maal Baranna?

1. Qoraattii keessa taa’anii jireenya gaarii hin argatan

Qoraattiin mijataa miti. Garuu guddinaaf barbaachisa. Namni yeroo hunda haala mijaa’aa qofa barbaadu:

  • Hin jabaatu
  • Hin guddatu
  • Hin milkaa’u

Rakkoon si miidhuu qofa miti; si ijaara.

2. Of jijjiiruun haala mijataa keessatti hin dhalatu

Jijjiiramni guddaan yeroo baay’ee:

  • Rakkoo keessa
  • Dhukkuba keessa
  • Dhiphina keessa dhalata.

Diamond dhiibbaa malee hin uumamu.

3. Bakka dulloomaa keessatti turuun guddina dhaaba

Amala dulloome:

  • Aarii
  • Sodaa
  • Dadhabina
  • Abdii kutannaa
  • Hir’ina yaadaa

Kana qabattee guddina hin argattu.

Wantoota si harkisan gad dhiisi.

4. Of jijjiiruun aarsaa gaafata

Namni guddataa jiru waan tokko dirqamee dhiisa:

  • Hiriyoota hamoo
  • Amala badaa
  • Yaada dhiphaa
  • Jireenya bu’aa hin qabne

Aarsaa malee jijjiiramni guddaan hin dhufu.

5. Milkaa’inni nama of haaromsu bira jira

Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa jirti. Namni of haaromsuu dide duubatti hafa. Kanaaf gaaffii guddaan:

  • Ati maal dhiisuu qabda?
  • Maal jijjiiruu qabda?
  • Maal haaromsuu qabda?

Guduunfaa Seenaasaa

Seenaa risaa irraa barnoonni guddaan tokko jira:

Yoo jijjiiramuu didde, ni dadhabda. Yoo jijjiiramte, deebitee ol balali’ita.

Kanaaf of gaafadhu:

  • Jireenya mul’ata hin qabne keessa turuu filattaa?
    Moo…
  • Aarsaa kaffaltee jireenya haaraa filattaa?

“Akka risaatti yaadi, akka risaatti murteessi, akka risaatti ol balali’i.”

4. Amala Addaa Risaa

Risaan bineensota qilleensaa keessaa humna, jabina, bilchina fi mootummaa samii bakka bu’u keessaa isa tokko. Uumamni kun amala addaa hedduu qaba; namoonni baay’eenis amala isaa irraa barnoota jireenyaa guddaa fudhatu.

1. Uumamaan muuxachuun of haaromsa

Risaan yeroo dulloomu baalleen isaa, afaan isaa fi qeensonni isaa dadhabuu danda’u. Haala kana keessatti yeroo fudhatee of haaromsuuf of qopheessa; baallee dulloome irraa of qulqulleessa, haaraanis bakka isaa ni bu’a.

“Jireenya ofii haaromsuun furtuu qaroomina guddinaati.”

2. Rakkoo akka carraatti fudhachuun itti fayyadama

Yeroo bubbee cimaan ka’u, simbiroonni hedduun bakka itti dhokatan barbaadu. Risaan garuu bubbee sana sodaachuun hin ilaalu; akka carraa ol ka’uuf itti fayyadama. Humna qilleensichaa irratti hirkachuun ol balali’a.

“Rakkoon si cabsuu qofa miti; si ijaaruus ni danda’a.”

3. Fageenyatti arguu fi xiyyeeffannoon ilaaluu danda’a

Risaan ija baay’ee qara qaba. Fageenya guddaa irraa illee wantoota xixiqqoo arguu danda’a. Yeroo kaayyoo tokko irratti xiyyeeffatu, salphaatti hin jeeqamu.

“Namni kaayyoo ifa ta’e qabu karaa sirrii ni argata.”

4. Waan du’e hin sooratu; kan lubbuun jiru adamsa

Risaan bineensa du’e nyaachuu hin jaalatu. Kan lubbuun jiru, kan socho’u qofa adamsa. Kun barnoota guddaa qaba: namni milkaa’u yaada dulloome, abdii kutannaa fi jireenya dhaabbate keessatti hin hafu.

“Yaada lubbu-qabeessa filadhu; yaada du’e irraa fagaadhu.”

5. Kophaa isaa balali’uu jaalata

Risaan yeroo hedduu kophaa isaa balali’a. Garee guddaa waliin deemuu irra ofiin ol ka’uu filata. Kun jechuun namni guddaan yeroo tokko tokko kophaa dhaabbachuun murteessaadha. Guddinni hundi tuuta keessatti hin dhalatu.

“Namni guddaan yeroo baay’ee kophaatti karaa uummata bal’aa tajaajilu qopheessa.”

6. Dhalaan isaa amanamummaa isa kormaa qortee ilaalti

Yeroo mana isaanii ijaarratan, dhalaan risaa amanamummaa kormaa isaa qoruuf muka ykn qoree gadi buusti. Kormaanis osoo hin kufin dursee qabee deebisa. Kana irraan dhalaan isaa amanamummaa isaa mirkaneeffatti. Kunis hariiroo keessatti amanamummaan hojii irraa mul’achuu akka qabu nu barsiisa.

“Amanamummaan jecha qofa miti; hojii keessatti mul’ata.”

Cuunfaa Amalasaa

Amalli risaa barnoota jireenyaa guddaa nuuf kenna:

  • Of haaromsuu
  • Rakkoo irraa guddachuu
  • Kaayyoo irratti xiyyeeffachuu
  • Waan bu’a-qabeessa filachuu
  • Ofiin dhaabbachuu
  • Amanamummaa qabaachuu

Kanaaf:

“Akka risaatti yaadi, akka risaatti ilaali, akka risaatti ol balali’i.”

5. Kitaaba Risaa Bokkaa Mooye 

Risaa Bokkaa Mooye jechuun kitaaba 2ffaa kuusaa walaloo ciccimoo barreessaa beekamaa Kadiir Abdullaxiif Hajjiiti. Kitaabni kun walaloo qofa osoo hin taane, qorannoo sammuu (Saaykolojii), hubannoo saayinsii, aadaa Oromoo, seenaa sabaa, fi bareedina afaanii walitti makuun kan dhiyaatedha. Kanaafis, akka kitaaba yaadaa, dammaqinsa sammuu fi of-hubannoo ta’ee dubbifama.

🧠 Saaykolojii

Walaloowwan kitaaba kana keessa jiran: 

  • Sammuu namaa
  • Yaada keessa namaa
  • Abdii fi sodaa
  • Murtii jireenyaa bal’inaan ibsu.

Barreessaan fakkeenya cimaa fi jechoota miira nama tuqan fayyadamuun dubbisaa:

  • Of gaafachuuf
  • Of qorachuuf
  • Humna ofii hubachuuf kakaasa.

Walaloon kun dubbisaa keessaa nama biraa osoo hin taane, “ani eenyu?” jedhee of gaafachiisa.

🔬 Saayinsii

Kitaabni kun yaada saayinsii walaloo keessatti bifa nama hawwatuun dhiyeessa. Keessattuu:

  • Seera uumamaa
  • Jijjiirama jireenyaa
  • Sababa fi bu’aa (Cause & Effect) haala salphaa ta’een garuu hiika guddaa qabuun ibsa.

Kunis wanti hundi sababaa fi bu’aa akka qabu nu barsiisa.

Jireenyi tasuma waa malee lafatti hin uumamu; murtiin har’aa bu’aa borii uuma.

🏛️ Aadaa Oromoo

Aadaan Oromoo bu’uura kitaaba kana keessaa isa tokko. Walaloowwan keessatti:

  • Kabajni
  • Safuun
  • Duudhaan
  • Wal hubannoon hawaasaa ifa guddaan mul’atu.

Kun dhaloota haaraa:

  • Eenyummaa isaa akka beekuu
  • Aadaa isaa akka kabaju
  • Seenaa isaa akka hin daganne yaadachiisa.

Sabni aadaa isaa dagate bu’uura isaa dhaba.

📜 Seenaa

Kitaabni kun seenaa qofa hin himu; seenaa keessaa barumsa baasa. Kitaabicha keessatti:

  • Rakkoo sabaa
  • Qabsoo uummataa
  • Obsa dhaloota darbe
  • Injifannoo fi kufaatii walaloodhaan kuuseera.

Barreessaan seenaa dhokate ifa baasee:

  • Qola irraa mulqa
  • Gara yaada keessaatti geessa
  • Egeree irratti yaadachiisa

Seenaa beekuun kaleessa yaadachuu qofa miti; boru qopheeffachuudha.

🗣️ Afaan

Afaan Oromoo bareedaa, miidhagaa fi hiika gadi-fageenya qabuun kitaabni kun guutameera. Itti fayyadama:

  • Mammaaksa
  • Fakkeenya
  • Jechoota ulfaatoo
  • Hiika gadi fagoo

Humna afaanii fi dandeettii barreessaa ifatti agarsiisa.

Jecha salphaa keessatti hiika guddaa kaa’uu jechuun ogummaa barreessummaati.

🦅 Maqaa Kitaabaa — Risaa Bokkaa Mooye

Maqaan kitaabaa kun hiika guddaa qaba.

“Risaa” jechuun:

  • Humna
  • Bilisummaa
  • Murannoo
  • Ol-ka’insa
  • Mootummaa sammuu agarsiisa.

“Bokkaa Mooye” jechuun:

  • Obsa
  • Gadi dhaabbannaa
  • Cimina keessa darbee jabina argachuu agarsiisuu danda’a.

Isaan lamaan walitti makamuun ergaa guddaa dabarsu:

“Namni rakkoo keessa jirus kufee hafuu hin qabu; ka’ee of ijaaruu danda’uu qaba.”

📅 Maxxansa

I. Maxxansa 1ffaa:2019 G.C.
     — yeroo yaadoonni bu’uuraa itti ibsaman

  • Walaloowwan 48, Fuula 120 fi Gatiin Qarshii 70

II. Maxxansa 2ffaa:2026 G.C.
     — fooyya’insa, bal’ina yaadaa fi yeroo ammayyaa waliin walsimsiisuu irratti xiyyeeffate

  • Walaloowwan 38, Fuula 112 fi Gatiin Qarshii 999.99 ykn 1,000.00

Xumura Ibsa Kitaabichaa

Gabaabumatti, Risaa Bokkaa Mooye walaloo qofa miti. Inni:

  • Kitaaba yaadaa
  • Kitaaba dammaqinsa sammuu
  • Kitaaba of-hubannoo
  • Kitaaba barnootaa
  • Kitaaba eenyummaa ta’ee dhaloota hedduuf qabeenya guddaa ta’a.

“Risaa Bokkaa Mooye” — Kitaaba dubbifamu qofa osoo hin taane, kitaaba yaadamu, hubatamuu fi keessa jiraatamuudha.

Nu Qunnamaa

Download apps: Kadiir Tech
Visit Website: Kadiir
Join Telegram: Kedir Abdulatif Haji
Join TikTok: Kedir Abdulatif
Follow Page: Kedir Abdulatif Haji
Watch YouTube:Kedir Abdulatif
See Twitter (X):Kedir Abdulatif Haji

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top