Seenaa Jireenyaa Artist Qaasim Aadam Suphaa (Barroo) fi Eebbaa Albamaa fi Hundeeffama BARROO Jiddu-gala Leenjii Aadaa fi ARTII
Artist Qaasim Aadam Suphaa Ji’a Muddee 22, 1960 ALH (January 01, 1968 G.C) Godina Arsii Aanaa Digaluu fi Xiijoo Ganda Burqituu jedhamutti dhalatee Maatii isaa waliin gara Aanaa biraatti imaluudhaan Aanaa Xiyoo Ganda Booshaa jedhamutti kan guddate yemmuu ta’u, Baruumsa Sadarkaa Duraa Kutaa 1ffaa-6ffaa Mana Baruumsa Araxaa Cufaa jedhamutti kan barate, fi kutaa 7ffaa irraa eegalee ammo Mana Baruumsa Cilaaloo Sadarkaa 2ffaa jedhamutti baratee xumureera.
Baruumsa isaa kan Sadarkaa duraa Osoo barachaa jiru, Dorgommii Muuziqaa Bara 1976 ALH sadarkaa Aanaa Xiyootti gaggeeffameen Gandoota Aanicha jalatti argaman irraa dorgommii Sagalee fi Sochiitiin Sadarkaa tokkoffaa bahuudhaan filatamee Hawwisoo Aanaa Xiyoo ta’uudhaan tajaajilee jira. Yeroo Miseensa Hawwisoo Aanaa Xiyoo ta’ee hojjachaa turetti Sirboota Aadaa Oromoo Arsii heddu hojjachuudhaan Raadiyoo Itiyoophiyaa Damee Afaan Oromootiin Waraabamee ummataaf darbaa tureera.
Sirboota yeroo sana (Bara 1976 ALH) keessa Waraabamee Raadiyoo Itiyoophiyaa, Qophii Afaan Oromootiin darbaa turan keessaa; Sirbi “…Yaa Shaggee Bareeduma Kee! Ija Kiyyaan Ilaaleen arge! Shurrubbbaa kan kee kan marge…” jedhuu fi Sirba “As Koottu Shaggee tiyyaa…” kan jedhaman fa’a ta’uu;
Haaluma walfakkaatuun, dorgommii akka Godina Arsiitti Bara 1977 ALH gaggeeffameen Artistiin kun dorgomtoota Aanaalee Bulchiinsa Godinichaa jalatti argaman irraa dorgoman injifachuudhaan filatamee Bara 1977 ALH irraa kaasee hanga Bara 1981 ALH Miseensa Hawwisoo Aadaa Kutaa Arsii ta’uudhaan Sagalee fi sochiidhaan tajaajilaa tureera.
Yeroo miseensa Hawwisoo Aadaa Kutaa Arsii ta’uudhaan tajaajilaa turetti Sirboota akka “… Maaloo Siyaade Magaalatoo…” jedhu dhuunfaa isaatiin; akkasumas, Sirboota Aadaa Oromoo Arsii kan ta’e “tirrii” keessaa sirboota “…Shaggee Yaada Jaalalaa! Dhufeen sirra naannaya…Jaalalaa…. Dhufeen sirra naannaya” jedhuu fi Sirba “… Ee qabsoo gitaa deemsisee! Ee Aadaa Sabaa beeysisee…fi “Ohoo…Ohoo….Ohoo….Ohoo! Oohoo.. ee hayyaa…. Tole maarree! …. Laafaan Dorrobe….; ” jedhu fa’a fi sirboota heddu gamtaadhaan Artistoota bebeekamoo akka “Hasan Bosanii”. “Bashiir Dhaabii”, Gabii Eda’oo, Mahaammad Agaroo, “Bagaashaaw Kaasaayee”, “Dannabee Eda’oo” fi “Yeshii Raggaasaa” kkf fa’a wajjiin ta’uudhaan Tirrii haala bareedaadhaan sirbanii gurra ummataatiin gahaa turaniiru.
Warra Yeroo sana Meeshaa Muuziqaa Aadaatiin Hawwisoo kana leenjisuudhaan, Meeshaan dabaaluudhaan akkasumas Hawwisoon tun akka cimtee hundeen gadi dhaabbattuuf ogummaadhaan utubuudhaan gumaacha ol’aanaa kan itti kaffalan keessaa Namoonni akka “Ob. Tashaalaa Worquu” fi “Ob. Siinqinaa Xilaahun” jedhaman fi kan isaan fakkaatan ogeessota Aadaa seenaan Umrii guutuu isaan yaadatu ta’uun hawaasa Oromoo Arsii biratti galata guddaa kan qaban ta’uu; fi keessaahuu namni Ob. Tashaalaa Worquu jedhamu kun Aanaa Xiyoo irraa jalqabee hanga Hawwisoo Kutaa Arsiitti leeenjisaa Artii dhugaa ta’uu fi nama Artist Qaasim Aadam kanaaf fakkeenya gaarii fi moodeela isaaf ta’ee fi iddoo kana gahuudhaaf ogummaadhaan kan isa utube waan ta’eef kabaja ol’aanaa kan isaaf qabu ta’uu fi dhaloonni itti aanus kabajaa fi galata kennuufii akka qabu dhaamsa dabarsuun barbaachisaadha. .
Hawwisoon Aadaa Kutaa Arsii kun yeroo Sirna dargii sana keessatti dorgommii akka biyyaatti gaggeffamaa tureen Sadarkaa Itiyoophiyaatti marsaa lamaa-sadii walitti aansuudhaan tokkoffaa bahuudhaan badhaasa fudhachaa kan turte ta’uun; fi Hawwisoon Walloo Laalibalaa jedhamtu ammo sadarkaa lammaffaa bahaa kan turte ta’uun beekamaadha. Beekamtii Badhaasaa Hawwisoon Aadaa Kutaa Arsii yeroo sana argachaa turte keessatti gahee fi qoodni Artist Qaasim Aadam gumaachaa ture Ol’aanaa ta’uun isaa hiriyyoonni isaa hedduun ammaan tana lubbuun jiran ragaa ni bahu.
Hijiiwwan hojjate keessaa yeroo Miseensa Hawwisoo Aadaa Kutaa Arsii turetti Albama muuziqaa tokko hojjachuun gurra ummataatiin gaheera.
Haaluma kanaan, Artist Qaasim Aadam Bara 1981 ALH Hawwisoo Aadaa Kutaa Arsii keessaa akka Biyyaatti filatamuudhaan qophii Dargaggootaa fi Barattoota Addunyaa kan Biyya Kooriyaa Kaabaa (North Korea) Magaalaa “PiyoongYaang” tti gaggeeffamee ture irratti fi Hariiroo “Ummataa-Ummataaf” (Hizb-le-Hizb” jedhamuun beekamu irratti Biyya Raashiyaa “Moscow” fi Biyyoota Adda-addaa irra naanna’uudhaan Sirboota Aadaa Oromoo Arsii kan ta’e “Tirrii” keessaa Sirba “…Gugurraa Sandaabilee, Buburraayxe Waatileen, fi Shimalee ee 2x …” jedhu fa’a sirbuun waltajjii addunyaa irratti Aadaan teenna akka Addunyaatti Iftee mul’attu godheera.
Artist Qaasim Aadam Bara 1982 ALH akkuma biyya alaa irraa deebi’een, dorgommii akka Itiyoophiyaatti gaggeeffameen Artistoota kutaa 14n yeroo sanaa irraa dorgoman keessaa sochii fi sagaleedhaan 1ffaa bahuudhaan Mana Tiyaatira Biyyoolessaatti qacaramee hojjachaa tureera. Artistiin kun Sirbi Aadaa Oromoo Arsii “Tirriin” Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaa keessatti akka beekamu taasisee jira. Sirbi Aadaa Oromoo-Arsii “Tirriin” akka biyyaatti beekamee hanga ammaatti Mana Tiyaatiraa sana keessatti sirbamaa akka ture fi sirbamaa jiraachuun qooda Artistiin kun gumaache keessaa seenaan kan yaadatu ta’ee galmaayeera.
Qophii muuziqaa bara 1982 ALH waltajjii Mana Tiyaatiraa Biyyoolessaatti bakka Artistoonni bebeekamoon argamanitti qophaaween Sirbi Tirrii “…Gugurraa sandaabilee…” jedhuun Artistii kanaan sirbame irratti, Artist Qaasim Aadam Artistoota buleeyyii fi bebeekamoo ta’an kan akka “Xilaahun Gassasaa”, Looreet Tsaggaayee G/Madhin” fi “Tasfaayee Simaa” jedhamaniin heddu dinqisiifannaa argatee abdii guddaan kan irra kaahame ta’uun Hiriyyoonni isaa ragaa ni bahu.
Artistiin kun Weellistoota kutaa 14 irraa dhufan keessaa sochii fi sagaleedhaan gahuumsa ol’aanaa qabaachuun isaa mirkanaayee sadarkaa 1ffaa filatamuudhaan Bara 1982 ALH Ministeera Aadaa fi Turizimii yeroo sana tureen waraqaan Ragaa bifa dinqisiifannaa qabuun kennameefii jira.
Bara 1982 ALH keessa gargaarsa Misoomaa fi Pilaanii Magaalaa Baatuutiif jedhamee Bulchiinsa yeroo Sanaa “koonyaa Haayiqoochinnaa Buttaa Jaraa” jedhamuun qophaa’een Artistiin kun “Baandii Adey-Abeba” jedhamu waliin ta’uudhaan, Magaalaawwan Koonyaa sana jala jiran hunduma irra naanna’uudhaan agarsiisa muuziqaa taasifameen Magaalaan Baatuu galii guddaa akka argattuuf qooda isaa gumaachee jira.
Erga Sirni Dargii jige booda Bara 1983 ALH (1991 G.C) gara dirree Bahaa Oromiyaatti imaluudhaan qooda isaa gumaacheera. Sana Booda gara Waajjira A.B.O Mooraa Gullallee jedhamutti dhufuudhaan hanga dhaabni Chaartara keessaa dhiibamee bahuutti Leenjisaa Sochii fi Sagalee ta’uudhaan akkasumas Weellisummaadhaan tajaajila kennaa tureera.
Mootummaa Cee’umsaa booda, Waaheloota isaa waliin ta’uudhaan “Baandii Gadaa” jedhamu hundeessuudhaan hojiiwwan Aadaa fi Aartii leenjisuudhaan, Waltajjiiwwan adda-addaa irratti weellisuudhaan akkasumas Tiyaatira gurguddaa “Gadaa Music & Theatre Club” jedhamuun hojjatamaa ture keessatti qooda Ol’aanaa gumaachaa tureera.
Baandii Gadaa keessatti Bara 1987 ALH. (1994 G.C) Artistoota 4 (afur) “Ar. Qaasim Aadam, Ar. Sittiinaa Abbaa Duulaa, Ar.Hirphaa Gaanfuree, Ar. Jamaal Mahaammad” fa’a waliin ta’uudhaan Albama Muuziqaa tokko waliin hojjachuudhaan kaaseettaan maxxanfamee gurra ummataatiin gahameera. Akkasumas, Baandii Gadaa keessatti Bara 1988 ALH (1996 G.C.) Albama guutuu sirboota 10 (kudhan) qabu, Sirboota akka “…Daalee Loon gadabii…”, “…Gubbarraan naan seeqaa… gar-jalaan na quuqaa …. Gochi kee naa gamee… nagayaatti gar-gar gallaa….” Jedhu fa’a hojjachuudhaan kaaseettaan maxxansiisee gurra Ummataatiin gaheera.
Artistiin kun dandeettii sagalee fi sochiitiin alattis dandeettii Walaloo fi Yeedaloo barreessuu kan qabu yemmuu ta’u, Sirboota akka “…daakkiyyee Booraa… Yaa oromoo Boonaa… “ jedhu barreessuudhaan Ar. Daagim Makonniniif kennuudhaan kaasseettaan maxxanfamee baheera.
Sirba “As koottu Shaggee tiyyaa…” jedhu Ar. Tuujii Muddeetiif Walaloo fi Yadaloo barreessee kenneera. Artistoota Muktaar usmaan Sheekaa waliin ammo Sirba tirrii Oromoo Arsii “Sanbaleexahoo Sanbaleexa gaara raayyaa, babbareeda hoo … ee dhuftee Lookoon Aayyaa…” jedhu sagaleedhaan dabaalee waliin sirbeera.
Aartistiin kun Bara Mootummaa Cee’umsaa 1991/92 yeroo Mooraa Gullallee turetti Sirboota isaa keessaa Sirba “…Barroo hoo… Barrichaa… Oromoo Dhiiga Tokkichaa…. Warri Sodaa hin beekne dhufee…. Hin duullaa Ee… Barroon haarawaa…. Hin Duullaa ee,,,, beenu naan jettee …” jedhu sirbuudhaan Ummata biratti waan ittiin beekameef Hawaasa Oromoo biratti maqaa Masoo “Barroo” jedhamuun beekama.
Bara Sirna Mootummaa EPRDF Haalli siyaasaa tasgabbii waan dhabeef, biyya keessa nagayaan jiraachuuf wabummaa waan dhabaniif dhuma Bara 1992 ALH gara biyya baqaatti imaleera. yeroo gara biyya baqaa imalutti Haadha manaa isaa fi Ilmaan Sadihi biyyatti dhiisee kan baqate yemmuu ta’u, Ilmi isaa kan hangafaa akkuma inni gara biyya baqaatti imaleen gara fuula Rabbii deemeera. Haati manaa isaa Obsa qabduun gadda ufitti cabsitee Ilmaan isaa hafan lamaan Lakkuu ta’an maqaan isaanii “Gorsaa fi Gosaa” jedhaman Waggaa 7 (torba) guutuu Kophaa isii erga Obsaan guddiste booda ilmaan isii fudhattee gara Naayiroobiitti baqachuudhaan erga wal arganii biyya baqaa keessa waliin jiraatan booda, waggaa 11 booda koolu-galtummaa argachuudhaan gara biyya Kanaadaatti imaluudhaan yeroo ammaa Magaalaa “Calgary” jiraachaa kan jiran yemmuu ta’u, Erga Biyya Kanaadaa seenan booda Intala durbaa takka maqaan “Obsinaan” jedhamtu argataniiru.
Yeroo biyya baqaa Magaalaa Naayiroobii keessa jiraachaa turanitti Waaheloota isaa kan akka “Ar. Aadam Haaruun, Kumalaa Addunyaa, Hangaatuu Baalchaa, Diriirsaa Elemoo, Callaa Carcar, Haashim Aliyyii…” kkf fa’a waliin ta’uudhaan “Baandii Eenyummaa” jedhamu hundeessuudhaan waliin hojjachaa turaniiru. Yeroo Biyya baqaa Magaalaa Naayiroobii turan kanatti waahela isaa maqaan Haashim Aliyyii jedhamu waliin Albama Muuziqaa tokko waliin hojjataniiru.
Artistiin kun osoo dandeettii Aartii Ol’aanaa ta’e qabu biyya baqaa sanatti Ilmaan qabatee biyyaa bahe kana guddisee barsiisee bakka guddaan gahuudhaaf jecha hojii Aartii irraa yeroo dheeraa boqonnaa kan fudhate yemmuu ta’u, yeroo ammaatti Ilmaan isaa Lakkuuwwan kun baruumsa baratanii Ogummaa adda addaatiin eebbifamanii mataa isaanii kan uf danda’an fi joollee Biyya baqaa jiraniif fakkeenyummaa gaarii kan ta’an waan ta’eef, Aartistiin kun yeroo ammaa kanatti hara-galfii (boqonnaa) qalbii waan argateef gara Biyyaatti deebi’uun hojii Aartii addaan kute waan eegaleef, yeroo ammaa kanatti Hojiiwwan Muuziqaa armaan dura hojjataman bifa haarawaan bareechee waan hojjateef, akkasumas Hojiiwwan haarawa ta’an hojjachuudhaan waliigalatti Albama Muuziqaa tokko qopheessuudhaan eebbisiisuu waan barbaadeef, dabalataan ammoo, eebba Albama Muuziqaatiin cinatti, Aadaa fi aartiin Oromoo Arsii armaan dura Seenaadhaan akka guutuu biyyaatti sadarkaa tokkoffaa irra ture sun yeroo ammaa heddu laafatee kan jiru waan ta’eef, Aadaa fi Aartiin keenya bakka ganamaatti deebi’ee akka dagaaguuf jecha hayyama “Barroo Jiddu-Galeessa Leenjii Aadaa fi Aartii Waldaa Itti gaafatamummaan isaa murtaa’e (Barro Cultural & Art training Center P.L.C. Jedhu hundeessuudhaan hojii eegaluudhaaf qophii irra kan jirru waan ta’eef, kaayyoo Sirna Eebba Albama kanaa fi hundeeffama jiddu-gala leenjii Artii fi Aadaa kana Argaa dhageetti Ummataaf Oolchuun barbaachisaa waan ta’eef piroppoozaalii armaan gadii kana hubannoo keessa galchuudhaan deeggarsa barbaachisu gochuun murteessaa ta’ee argameera. .
A. Kaayyoo fi Galma Sagantichaa.
Aadaa fi Aartiin ummataa akka wal-simu gochuun, Aadaa qulqulluu dhalootaaf ol kaa’uu.
Aadaan sirrii kaleessa ture akka hin banneef haaroomsa Aadaa gochuun Aadaa Ganamaa bakkatti deebisuu;.
“Institute Aadaa fi Aartii” hundeessun, Leenjii fi baruumsa Aadaa qulqulluu ganamaa san, kan makaa hin qabne fi saayinsii Aartii waliin wal-simsiisuun itti kennamu Jiddu-gala Leenjii Aadaa fi Aartii banuu;





