Akka ilmoof haadhaa, saba wal-jaalatu;
Walirratti ijaaree, akka wal-waakkatu;
Afaan walitti qabatee, achitti sunsuma;
Namiiyyuu sodaatee, akkatti gunguma!
Gandarraa gad-diriirsee, ‘gooxiifi garee’ jedhee;
Qotee bulaa mushuruqaa, qawwee itti hidhee;
Gammachuu cuunfee, diinummaan micciiree;
Simboo abbaa biyyaa falfalee, gaddatti jijjiiree.
*****
Kitaaba Goonni Gosa Dhaala keessaa fudhatame! Kitaaba kiyya jalqabaa Muddee 22, 2009 ALI biyya Saudi Arabia, Riyadh maxxansee eebbisiiseedha.
Maxxansa 2ffaa isaa qpheessee jira. Bifa soft copy isaa pdf argachuuf, download 👇





