Ibroo Ibsaa:- Kaamolee
Weellisaa Ibroo Ibsaa nama kanaan dura walleewwan garagaraa bareechee hojjechaa ture tahuunsaa onnee sabasaa keessatti maxxanee akka turu isa taasisee jira. Weellisaan kuni bara jijjiiramaa duras ammas shoorri gama walleetiin bahachaa tureefi itti jiru guddaadha.
Akkuma baratame weellisaan kuni kaleessa wallee haaraa mata dureen isaa “Kaamole” jedhu video clip bareedaan dabaalee ummata isaatiin jabaa jedhee jira.
Ofii garuu Kaamole maali ? Walleen kuni gosa wallee weellistoonni keenya sirbuun beekaman kan akka wallee aadaa, wallee seenaa, wallee qabsoo fa’a hunda dhuunfate dhiyaate jedheen saaxiluu barbaada.bal’ina yaada kanaa walaloowwan itti aananii dhufaniin kan laallu ta’a.
Hundeen jecha maqaa sirba kanaa walleewwan Oromoo Tuulamaa keessatti “Kaamettii” jedhamaniin tokkummaa agarsiisa. Kaamettii faanti tasgabbaa’aadha. Kaamoles sanuma.
Ammas, Kaamoleen leellifachuu, jejachuu, eebbifachuu, gaarummaan faarsuu fa’as ni ta’a. Maqaa kanarraa kaanee Weellisaan kuni eenyu akkas urgeeffata jennee xiinxala kaahuu dandeenya. Mee kallattumaan walaloo haa diriirsinu. Walaloo kana akkuma chros isatti qoodnee irraa dubbanna.
Walalicha 👇
“Kaamole waaressanii
Buna wal waamu ollaa firrinii
Ciisa boraatiti tolchaa
Wal jala seenna cimee qorrinii
Yuuba dhaddoo dhayattee
Feetu ginnaa dagalee dabsitee
Ejjettu deemsa toltaa
Kaamo Walaabu Arsii madditee”
~ Walaloon asiin olii kuni loqoda qomoo Arsiitiin sigigsee Kaamoleesse. Homa takka sigiga ( mucucuu ) hin qabu. Strongly yeedaloo gadi ciibsee dhawate. Kaamoleen ( Leelloon ) tuni ollaafi fira waliin waareffachuu yoo himu michummaa ma’aa maatii walitti areereti.
Again Strongly kanin walaloo kana keessatti irraa dubbachuuf jiru “Dhaddoo fi Ginna” yoo tahan, jechoota arraba Oromoo irraa mi’aawu as keessatti argachuu kootti guddaan gammade.
Jechoota “Dhaddoo fi Ginna” jedhaman keessatti aadaa dhahannaa rifeensaa argina. Dubarri Sikkoo Mandoo rifeensa akkamitti akka dhahattu namni kamiyyuu ni beeka. Dubarri heerumtee bultii horatte dhaddoo kanaan yoo beekamtu, dubarri qarreen ammoo ginna dalga dhahatti. Gadi fageenyi walaloo kanaa hamma kanatti tahuun isaa jabina walaleessaa nutti agarsiisa. Haata’u garuu, “Yuuba dhaddoo dhahatte, feetu ginna dagalee dabsite” kan jedhu kuni yaadan olitti kaaseen waan xinnoo irratti wal faallessa. Jarri gulantaa garagaraa irratti waan argamaniif, walalichi intala takkaaf akka tokkotti fayyadamuun hin tahu ture.
Ofii garuu “Kaamoleen” tuni kan warra eenyuti, Hiddi dhaloota ishee eeysa jedhee nama gaafatuuf deebiin gabaabaan sarara walaloo asiin olii dhumarratti deebi’eefii jira.
Walaloo kanaan wal fakkaatu sirba mata dureen isaa “Kaamettii” jedhu keessatti, Weellisaa Caalaa Gaaromsaa “Kaamettii harki buulaa” jedhee fayyadamee ture. Ibroon ammoo, Kaamole yoo faarsu “ejjettu deemsa tolta” jedheeni. Lamaan isaanituu sirrii ibsani. Kuni faaruu otuu hin taane dhugaa Kaamettiin /Kaamoleen qabdudha.
Kanaafuu, Kaamettiin harki buulaas, Kaamoleen ejjettu deemsa toltus bareedduu qalbii namaa booji’uu dandeessudha. Walaloon itti aanu akkas jedha;
“Ee…
maali bareenni akkanaa?
Maali bareenni akkanaa
Laalcha si daawwatanii
Warra ulfoof ulfinaa
Sanyii kadhaabbatani ……..! ×2
Arse Arsoomni qorsaa
Arse saanduqa Obsaa
Harka na fuudhi bulloo
Looyeen dhufaa shullisaa ……×2″
Walaloon 2ffaan kuni ammoo, bareedummaa Kaamolee dinqisiifachuu bira darbee sanyiishee Kadhaabbachuun akka barbaachisu yeedaloo olka’iinsa qabuun weellisa. Sanyiin warra Kaamolee tanaa sanyii ulfoofi ulfinaa tahuu yoo dubbatu ammoo, eenyummaa Oromoo hundaatu keessaa mul’ata. Sabni Oromoo saba waa hundi isaa sirnaan malee hin taane, warra ulfaati. Kanaafuu, afaan walalootiin Kaamoleen Oromtittii tahuutu dhaadheffame. Jecha tokko kanin tuquu barbaadu jecha “Kadhaabbachuu / Qadhaabbachuu” jedhudha.
Kadhaabbachuu jechuun hiddaan lafa qabachuu, danaanuu, fiixaan hortee argamuu jechuudha. Yoo hiika jecha kanaa ilaallu, Oromoon guurummaatti sanyii barbaachisaa saba sirna Gadaa kalaqeen badhaadhe waan taheef, guutummaatti malaafi. Jecha hawaasni baadiyaa bal’inaan itti fayyadamudha.
Weellisaan abiddi kuni itti dabaluun akkas jedhee Kaamolee Oromoo Arsiif sirbe. Normally, sirbichi rukuttaa aadaa Arsii waan taheef, Kaamoleen tuni intala Arsii taatee as keessaa hangaatee ifti. Walaloon itti aanu akkas jedha;
“Osoon sirra looyee
[ Silaafuu Calleen morma kee sirra looyaa ]
Dhoysii na sukkuumii
[ Sukaayii hinaarii lubbun Sabiyyiidhaa
Bullaallaa Wucaalee
[Utaaf Kajawaa Soorettii Warra Waayyuu ]
Dhummuuga Abbee
[ Nu dhiiga tokkoo gamanaa gamasiiyyuu ] …×3″
Walaloon 3ffaan kunis Kaamoleedhuma jabeessee faarsa. Haata’u malee, waan aadaa Arsii keessatti hangafummaan ilaalamtu Callee mormarra ciibsee yoo dhahatu, “Dhoysii na sukkuumi” jedhee onnee jaalalaa rukuttaa dabale. Ayyaanni jaalalaa Kaamoleef is arranged bule akka lubbuu daa’ima dhiigati. Homaa ayyaana cubbuu hin barin tahuu hima.
Hb: jechi “Sabiyyii” jedhu jecha Afaan Oromoo waan hintaanefin irraa gore. Dhaamsi asumaan waliif keenyus, Weellistoonni Oromoo jecha afaan Arabaa fi Habashaa sirba Oromoof sirbitan keessa hin makinaa yoon jedhu jaalalaafi kabajaan dabaaleeni.
Walaloon asiin olii kuni jechoonni ergaafi hiikaa bareeda qaban kan akka “Sukaayii fi Hinaarii” bold ta’anii mul’atu. Sukaa’uu jechuun naatoo toluu, miidhaguu, qulqulluu tahuun dhiyaachuu, tasgabbaa’uu fa’atti hiikamuu danda’a. Hinaariin ammoo maqaa muka foolii bayeessa qabuuti.
Jechoota kanneeniin dhangi’anii walaloo kuuluun jabina. Ulaagaa walaloo jabaa omishuu keessaayis malli duraa isuma kana. Filannoon jechoota walaloo kanaa guutuufi ergaa baay’ee barbaachisaa tahe kan dabarsedha.
Walaloon boqonnaa kana keessatti argamu jejannaa Kaamolee qofa otuu hin taane gosa Oromoo Arsii bal’oofi guddoo taate Shanan Sikkoo keessaa Bullaallaa fi Wucaalee, torban Mandoo keessaa ammoo, Utaa, Kajawaa fi Waayyuu fa’a maqaa dhahuun Kaamolee tana yoo faarfatu, torban Bullaallaafi Sadeen Wucaalee keessaa eenyu akka taate yaadni barbaacha qajeela. Kuni walaloon qomoo Arsii hunda waliin gahe. Bravo!
Kaamolee argachuun dirqama waan taheef hanga balbalaafi abidda ishee baruun murteessaadha. Sanyiitu sanyii kadhaabbatani. Bakka kanatti “haadha ilaalii intala fuudhi” mammaaksa jedhuun wal fakkaata. Warra ishee faarsinaan intala dhugumaan jaalachuu agarsiisa. Kana qofa otuu hin taane, seenaa gosoota kanaa akka xiinxalaaniifi gosuma kanayyuu warri hin beekne akka baraniif walleen kuni gargaaruu danda’ee jira.
Walaloon asiin gadii ammoo Kaamoleen baay’ee booji’amuun dhukkubsatee, seeqqannaa isheetiin fayyuu akka danda’u kadhatee ajaje.
“Akkam godhuu …?
Atta na goota dhibee akkisaa
Seeqqadhu mee
Fuulli kankee dhibamaa fayyisaa …×2″
Walaloon asiin gadiitis jaalala Kaamolee Arsii mul’isa. Sirbichi fageenyaafi bal’ina qomoo Arsii fi quubsumashee nutti agarsiisuu danda’eera. Walalicha keessatti “Baahra Ollaa dadalaa” maal akka tahe caqaseen xummura.
Word to word “Baahra” jechuun bishaan ciisu garba guddaa akka tahetti ibsama. Kunis jecha warra habashaa yoo tahu, yeroo baay’ee irra deddeebiin waan itti fayyadamameef haawasa wajjin salphumatti wal dhuge.
“Diida’a roobee Laanganno dheechisani
Gadab Hasaasaa Baalee bobbaafatani
Maaluma laataa maal si gaggaafatani
Beekta maqaa koo siin na moggaafatani
Soof Umar buuna baahra ollaa dadalaa ×2
Obsa na dhoowwee booya garaan jaalalaa ×2″
Bishaanichis ollaa dadalaatti akka argamuufi dadalli quubsuma lafa Arsii keessaa naannoo Soof Umar sanatti akka argamtu odeeffannoon qabu carraa kanaan dabsrsuun barbaada.
Mee natti hoo’i, bulloo natti hoo’i
Ciisa cinaacha wal hoo’isanii
Waanuman oolle, bultiin iman oolle
Maali cubbuun kan wal saalfatani
2nd verse
Akka waliigalaatti walleen kuni, wallee seenaa, aadaa, jaalala, qabsoo fi kan kana fakkaatan mara of keessatti qabatee dhiyaatedha. Namni qalbiin dhaggeeffate kana xiinxaluu danda’a.
Kan walaleesses, kan yeedaleesses ulfaadhaa 🙏
Contact Us
Address: [Sheger City, Furi Sub-city]
Email: [Kedir Abdulatif]
Phone: [+251928753295]
Website: www.kadiir.com
Social Media: Facebook | TikTok | X | LinkedIn | YouTube |


