Mallattoolee dhukkuba kalee, ofeeggannoo godhamuu qabuu fi Furmaata mana keessaa!

Mallattoolee dhukkuba kalee, ofeeggannoo godhamuu qabuu fi Furmaata mana keessaa!

Kaleen balafa qaama keenya keessaa balleessuun, dhiigni keenya akka qulqullaayu taasisa. Xuraawaa fi dhangala’aa dabalataa qaama keessaa balleessuun, seelii dhiiga diimaa haaraa oomisha. Keemikaalonni qaamaaf hin barbaachifne bifa fincaaniitiin qaama keessaa akka dhabaman kan taasisu kaleedha.

Dabalataan lafeen akka jabaatu gargaaru fi albuuda dhiiga keessa jiru madaala sirrii ta’e eeguun hujii kaleeti. Kaleen hamma wantoota(substances) dhiiga keessa jiranii to’ata. Madaala dhangalaa qaama keessaa akkasumas dhiibbaa dhiigaa to’ata. 

Mallattoolee dhukkuba kalee dafanii adda baasuun yaalamuun lubbuu baraaruu danda’a.

Mallattoolee Gurguddoo Dhukkuba Kalee

1. Fincaan halluu jijjiiruu: Dhukkubni kalee jalqaba halluu fincaanii keello ykn diimaa fakkeessuun eegala. Fincaaan keessa dhiigni jiraachuu ykn halluun fincaanii diimachuun, fincaan hoomachaa’uu, fincaan baayyisuu ykn xiqqeessuu jalqaba. Foolii fincaanis ni jijjiira. Fincaan ni ariifachiisa.

2. Dadhabsiisuu: Dhukkubni kalee humna nama dadhabsiisa,  maashaan qaamaa nama dadhabuu ykn hadooduu/haruu, fedhii nyaataa dhabuu, yoo nyaatan yeroo dheeraaf oldeebisuu (haqqisuu). Hafuura nama kutuu.

3. Dhiita’uu/iitayuu: Dhukkubni kalee qaama namaa irratti iita fida. Keessumaa ganama ganama naannawa ijaa fi fuulaa,  Miilla lamaan naannoo koomeetti iita’aan lallaafaan ni mudhata.

4. Hirriba rafuu dadhabuu: Yeroo kaleen xuraawaa sirnaan hin calalle summiiwwan karaa fincaaniin qaama keessaa bahuu waan hin dandeenyeef dhiiga keessa turu. Haalli kun ammoo qaama boqannaa dhoogguudhaan hirriba dhabsiisa.

5. Googaan qaamaa yeroo mara goggogaa (dry) ta’uu fi hooksisuu:

6. Gorora dhangaggaayaa afaanitti baayyisu: Keessumattuu kaleen keenya ashabooo qaama keessaa qulqulleessuu yoo dadhabu, afaaniif funyaan keenyaan waan akka gororaa haphiin yaa’a. Kokkee keessa nyaata. Ija keessa guba. Deemuu dadhabsiisa. Humna dadhabsiisa. Hiddoonni dhiigaa qaama gubbatti yaa’anii mudhatu.

7. Fedhiin qunnamtii saalaa gadi bu’uu: Keessumattuu dhiira irratti qaamni saalas ka’uu diduu ykn dafee laafuu fi qunnamtii booda qaamni saalaa gubuu.
➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳➳

Yaalamuun madditti maal gochuudhaan kalee keenya eeggachuu dandeenyaa?

  1. Fincaan qabatanii turuu dhiisuu: Yoo fincaan nama qabe dafanii fincaa’uu.
    2. Bishaan ga’aa ta’e dhuguu.
    3. Boqanna qaamaaf sammu qochuu: Hirriba ga’aa ta’e rafu, hujii humnaa hojjachuu dhiisuu, meeshaalee ulfaatoo baasuuf buusuu dhiisuu.
    4. Sooqidda nyaata keessaa xiqqeessuu
    5. Nyaata coomaafi qibaata qabu baayyisuu dhiisuu.
    6. Alkoolii dhuguu fi tamboo xuuxuu gonkumaa dhiisuu.
    7. Bakka tokko taa’anii turuu dhiisuu.
    8. Bakka bultii mijataa gochuu. Firaasha lallaafaa irra buluu dhiisuu. Spoonjii caalaa firaasha jajjabaa (voolderii)irra ciisu.
    9. Qorichoota dhukkuba nama dagachiisan(መስታገሻ) jedhaman fudhachuu dhiisuu.
    ➨➨➨➨➨➨➨
    Kana gochuu wajjiin mallattoolee olitti isiniif eerre yoo qabaattan dafaa yaalamaa! Gama yaala Aadaatiin qorichi dhukkuba kalee gosa kamiituu ni jira. Nubiraas dawaa ajaa’ibaa argattu!

Manumatti Dhukkuba Kalee irraa Fooyya’uuf Maloota Kanneen fayyadamaa!

1. Zayita zeytuun orijinaala barbaadaa  bitadhaa….
2 Damma qulluu barbaadadhaa….
3 Abasuuda gurraacha qopheeffadhaa…
4 Talbaa qopheeffadhaa

Akkaataa itti fayyadamaa….
1 Damma 1kg niqopheessitu…
Abasuuda gurraacha sinii 2: dhagaa, biyyee fi huura waan keessa jiru erga qulqulleessitanii booda daaktanii damma 1kg sanatti maktu….

Jalqaba Zayit Zayituunaa Maankiyaa guddaa tokko Garaa duwwaatti dhugdu. Daqiiqaa 10 turtanii makaa dammaafi absuuda gurraachaa san maankaa 2 liqimsitu

Baatii tokkoofi sanaa oliif yoo fayyadamtan hedduu gaaridha.

2. Talbaa….
Talbaa nuusa ykn ⅛  dhagaa,biyyee fi waan hin barbaachifne keessaa funaantanii erga  qulqulleessitanuu booda bishaan 1L itti naqxanii affeeltu.  Talbaan affeelame erga qabbanaawe bishaan Talbaa ni dhugdu. Bishaan Talbaa sanaaf Talbaa sanas wolitti  maktanii dhugdu.

Ganama ganama garaa duwwaatti burcuqqoo lama lama baatii tokkoof dhugdu.

Tartiibni fayyadamaa gabaabinaan
Jalqaba:
➡️Zayita zeetuunaa maankaa 1
                ⬇️
➡️Daqiiqaa 10 booda dammaaf absuuda wolitti makame sana maankaa 2
                 ⬇️
➡️Daqiiqaa 30 booda talbaa danfifame sana burcuqqoo 2 dhugaa
                  ⬇️
➡️Daqiiqaa 30 boofa ciree keessan nyaadhaa!

Maloota kana usuu addaan hin kutin ji’a tokkoofi sanaa ol yoo fayyadamtan fedha RABBIItiin Kaleen keessa ni dandamata. Malli kun miidhaa dalgaa womaatuu hin qabu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top